AFAAN OROMOO

Injifannoo biraa…

By Admin

May 16, 2018

Injifannoo biraa…

Walitti dhufeenyi biyyi keenya biyyoota ollaa wajjin qabdu kan duraa caalaa haalaan fooyya’uu irratti argama.

Yeroo dhiyoo as garuu, dhimma  Hidha Guddicha Haaromsa Biyya keenyaa wajjin wal-qabatee komeen biyyoota yaa’aa bishaan Abbayyaa kana gidduutti akka ka’aa jiruuf walitti dhufeenyi nuti biyyoota kanneen akka Sudaa fi Gibxi wajjin qabnu fakkeessuun piroppogaandaan gara garaa lallabamaa turus bu’aan ijaan argaa jirru sanarraa faallaa dha.

Biyyi keenya Itiyoophiyaan seera waa’ee qabeenya Uumamaa isheetti guutummaan guutuutti fayyadamuu kan dandeessu yoo ta’ellee, karaa fayyadamummaa biyyoota yaa’aa gadii miidhuu hin dandeenyeen qofa akka ta’e ni amanti.

Hidha Haaromsa keenyaa kanas kallattii biyyootni kunneen hundi osoo hin miidhamin itti hidhuu dandeessuu fi pirojektii kana irraa fayyadamoo ta’aniif cimtee hojjechaa jirti.

Adeemsa kana dhugoomsuufis hojii dippiloomaasii cimaa Ministeera Haajaa Alaan hogganamu cimaasaa hojjechaa jirti.

Hojiin dippilomaasii biyyoota sadeenii, Ministeera Haajaa Alaa biyya Keenyaa Dr.Warqinaa Gabayyoon durfamu injifannoowwan gaggaarii galmeessisaa jira.

Kanumarraa ka’uun Mariin Ministeerota ol’aanoo 2 biyyoota sadeen Itiyoophiyaa, sudaan fi Gibxi gidduutti  magaalaa Finfinneeetti geggeeffamaa ture har’a walii galtee baay’ee gaarii dhaan xumura argateera.

Walii galteewwan biyyootni kunneen taasisan keessaa muraasni,

Fandii ijaarsa bu’uuraalee Misoomaa biyyoota sadeen walitti hidhu hundeessuu, Garee Qorannoo Saayinsaawaa biyyoolessaa Dhimma Hidha Guddichaa qoratu hundeessuu, fi akkasumas gareewwan bu’aalee qorannoo kanaa fi gaaffilee sanaan wal-qabatanii ka’an gorsitoota pirojektichaaf gabaasa kennu hundeessuu fi kkf irratti walii galameera.

Hojiin dippilomaasii cimaan akkasii kun hojjetamuun isaa isaa, dhageettii biyyi keenya biyyoota Afrikaa kanneen biro fi sadarkaa Idil-Addunyaatti qabdu dabalaa waan deemuuf haaluma amma irra jiramu kanaa cimee itti fufuu qaba.