AFAAN OROMOO

Jiruu Qonnaa

By Admin

May 15, 2018

 

Jiruu Qonnaa

Hiikaa Margaa tiin

Waa’een guddina dinagdee biyya kanaa kan kaafnu yoo ta’e, waa’een jiruu qonna biyya kanaa waan hafu natti hin fakkatu. Sababnisaa ka’umsi dinagdee biyya kanaa misooma qonnaa irratti kan hundaa’e waan ta’eef dha. Utubaan misoomaa fi guddina Itiyoophiyaas irra jireessaan qonna irratti utubamee kan jiru waan ta’eef qonni jiruu keenya keessatti iddoo guddaa qaba jechuun ni danda’ama.

Akkuma yeroo baay’ee irra deddeebi’amee dubbatamu, dinagdeen Itiyoophiyaan qabdu keessaa parsantaan 85 ol qonaa fi bu’aawwan qonnaa irratti kan hundaa’ee dha. Haa ta’uyyuu malee, biyyi kun misooma qonnaashee irraa hanga fayyadamuu qabdu hin fayyadamne jechuun ni danda’ama.

Biyyoota guddatan yoo ilaalle, misooma qonnaa ammayyaawaa ta’etti waan fayyadamaniif guddina biyyaaf bu’aa buusuu irra darbee biyyoota ollaaf ergamuun madda sharafa biyya alaa ta’ee gargaara.

Jiruun qonnaan bulaa biyya kanaa garuu ammallee wal’aansoo midhaan nyaataan of-danda’uu keessatti kan argamuudha jechuun ni danda’ama.

Haala qilleensa biyya kanaaf lafa biyya keenya yoo ilaalle garuu hojii misooma qonnaaf mijataa ta’us, sababawwan gara garaan guddina irraa eegamu galmeessisuu hin dandeenye.

Sababawwan boodatti hafiinsa qonna biyya kanaaf ga’ee guddaa kan taphatu teeknooloojii qonnaatti fayyadamuu dhabuudhaan mala qonnaa aadaatti fayyadamuun isa tokkoo dha.

Yeroo kana jennu rakkoon hundinuu qonnaan bulaa irratti kan gatamu osoo hin taane, deggersi mootummaa irraa lammileef godhamus laafaa ta’uu isaa agarsiisa. Yeroon kana jedhu ammuma kaanee qotee bulaa tokkoon maaliif tiraakteraan qonna hin qotattu kan jennu yoo taane, dandeettii qotee bulaa Sanaa giddu galeessa godhachuu dhiisuu keenya ibsa waan ta’eef mootummaanis dhimma Kanaan wal-qabatee xiyyeeffannoo itti kennee gara fuula duraatti qonnaa biyya kanaa guddisuuf hojjechuutu irra jiraata.

Teeknooloojii qonnaa yeroo jennu xaa’oowwan gara garaatti fayyadamuu qofti bu’aa yaadame argamsiisuu hin danda’u.Xaa’oowwanii fi calla guddiftuuwwan gara garaa fayyadamuun tooftaa ittiin guddina misooma qonna keenyaa mirkaneessinu ta’us, hojiin qonnaa jaarraa 21ffaa kana keessa humna namaa qofaan hojjetamu bu’aa yaadame argamsiisuu hin danda’u.

Biyyootni har’a nuti guddatan jennee yaadnu hundinuu kan as ga’an teknooloojiiwwan ammayyaa gara garaatti fayyadamuu dhaan jiruu qonnaa isaaniis ta’e hojiiwwan industirii isaanii guddisuu danda’aniiru.

Qonni mala aadaa fi boodatti hafaan qotamu, qonna meeshaalee ammaayyaa’aatti fayyadamuun taasifamuu wajjin wal-dorgomsiisuun hedduu ulfaata. Sababnisaa hojiiwwan maashiniiwwan gurguddaa qonnaan qotaman yeroos ta’e humna namaa waan qusataniif baayinas ta’e qulqullina baay’ee qabaatu jechuu dha.

Rakkoo inni guddaan Misooma qonna keenyaa dudda-duubatti hambise inni tokko, rakkoo ilaalchaa nuti jiruu dhaaf qabnuu dha. Yeroo baay’ee biyya kana keessatti hojiin qonnaa akka waan hojii gadii ta’eetti kan ilaalamuuf namoonni baay’een irratti hirmaachuu hin barbaadan. Kun ammoo kan inni fide hanqina dhiyeessii bu’aalee qonnaa waan fideef irra caalmaatti qonna keenyaa miidhaa deeme.

Yeroo ammaa kanatti biyya keenya Itiyoophiyaa yoo ilaalle, haala qilleensa qonnaaf baay’ee mijataa, dinagdee hongee dandamachuu danda’e qabaattus, ammallee irratti hojjechuutu barbaachisaa dha.

Jiruun qonna biyya kanaa akka fooyya’uuf jecha tarsimoo mootummaan baasee socho’u baay’ee gaarii ta’us, qaamoleen poolisii mootummaa kana hojiitti hiikuuf ramadaman kanneen akka Hojjetoota misooma qonnaa, Ekisteenshinii qonnaa, fi kkf ga’ee isaanirraa barbaachisu ba’achuu irratti hanqina guddaa qabu.

Mootummaan yeroo ammaa kana jiruu qonna kanaaf xiyyeeffannaa kennuun hojiitti seenuuf qophee irra jirama. Karoora ba’aa jiru kanas qabatamaan bu’aa isaa wajjin arguudhaaf qaamoleen dhimmi ilaalu jechuun qotee bulaa fi ogeessitni qonnaas gamanumaan of-qopheessuun barbaachisaa dha.

Biyya Itiyoophiyaa kana keessatti qonnaa mala ammayyaawaa jechuun tiraakteraan qotuu, oomisha calla-guddiftuu qofatti fayyadamuu qofaan akka waan bu’aa hedduun dhufuutti yaaduun ni mul’ata.

Garuummoo misooma qonna keenyaa fooyyessuu dhaaf ilaalcha keenya jijjiiruunis baay’ee barbaachisaa dha. Leecalloo qabnutti osoo hin hmbsisin haalaan yoo fayyadamneefi ilaalchi nuti hojiif qabnu yoo fooyya’e hojii kamiin caalaa kan biyya kana fayyadu hojii qonnaa caalaa waan biraan hin jiru. Sababnisaa fooyya’insi qonnaa biyya kanaa fooyya’insa jireenya lammilee biyya kanaa fiduun isaa hin oolu. Jireenyi lammilee biyya kanaa fooyyofnaan ammoo sanaan booda waan hedduun fooyya’uun isaanii dirqama.

Mootummaanis dhiyeenya kana akka jedhaa jirutti yoo ta’e, dinagdee biyya kanaa fooyyessuuf misooma qonnaa biyya kanaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuufiin qaba jechaa jira. Dura lammileen biyya kanaa midhaan nyaataan of ha danda’an sana booda kan biro irratti xiyyeeffachuu qabna waan jedhu fakkaata.

Kaka’umsi akkasii baay’ee gaarii dha. Sababnisaa akkuman sila jedhee, sirni qonna biyya kanaa fooyyofnaan waan hedduu lammilee biyya kanaatu fooyya’a waan ta’eef.

Kanaafuu akka nama tokkoootii dhaamsi ani qabu, jijjiirama eegamu hunda fiduudhaaf qaamoleen dhimmi misooma qonnaa irratti leenjii qaban hundinuu akkaataa barnoota baratan sanaatti lammilee qonnarratti bobbo’an kana deggeruun bu’aan gaariin akka qonnarraa argamu gochuun ni danda’ama.

 

Dubbii koo gabaabsuu dhaaf   haala mijataa biyya kanaatti fayyadamuudhaan akkaataa waqtiin isaa barbaaduun hanga danda’ametti waan qabnu hundumatti fayyadamnee jiruu qonna keenyaa fooyyessuu tu nurra jiraata.

Qophiin qonna bara kanaaf haalli facaatii roobaa amma jiru gaarii waan ta’eef qonnaan bultootni carraa kanatti fayyadamuutu irra jiraata.

Yeroo waa’ee qonnaa kaafnus rakkoowwan roobaan wal-qabatanii dhufan kanneen akka rakkoo lolaa roobaan dhufu irraa of-qusachuuf hojii sulula gara garaa hojjechuun barbaachisaa dha.

Balaawwan uumamaa kanneen akka Raammoo Amerikaa, ykn namtolchee kanneen akka dhiyeessii calla guddiftuus qaama dhimmi isaa ilaallatu waliin hojjechuun bu’aa hojii misooma qonnaa fooyya’aa fiduutu nurra jiraata.