“Kan sodaate haa deebi’u…!”
Hiikaa Margaa
Jechamni armaan olii kun callifamee kan jedhamu miti. Yeroon itti fayyadama jecha
kanaa yeroo waan cimaan jijjiiramuuf eegamu ykn lolli fuulduraan namatti dhufaa jiru kan
jedhamuu dha.
Akka Mootummaa haaromaa jiruutti waan baay’eetti adeemaa jirra. Waan sirrachuu
qabaniif tartiiba idilawaa isaanii gadi dhiisan hedduutu jira.Tartiibawwan hojii,
tartiibawwan haqaatu dabe, malaammaltummaatu dagaage, misoomatu laafe,
lammileetu mirga dhabe jedhamee iyyamaa jira.
Iyya kanatti deemuun ammoo baay’ee barbaachisadha. Iyya kanatti kan deemamuuf
ammoo isa iyyuu wajjin iyyuu ykn ammas kan ofii qofa keessaa butatanii ba’uu osoo hin
taane, rakkoo jiruuf furmaata fiduun dirqama ta’a, abbaan sodaate asumaan deebi’uutu
gaarii ta’a.
Rakkoowwan an armaan olitti tarreessuuf yaale kunneen baduu nageenya biyya
keenyaaf sababa guddaa ta’uu isaanii irraan kan ka’e biyyi kun waggoottan lamaan
darbaniif yaaddoo guddaa keessa galtee turte.
Dhugaadha yoo siluma warra nageenya biyya kanaa hin barbaadnee fi yeroo biyyi
tasgabbii dhabu keessa keessaan biyya saamanii ofii jireenya dhuunfaa isaanii
fooyyeffatan dantaa dhaban malee, yeroo biyyi kun jeeqamtu hundumti keenya waan
qabnuuf waan dhiifnu wallaallee turre. Sababa tasgabbii dhabuu keenyaan waan
baay’eetu nu duraa jeeqame, hattootatu bakka bakka isaanii qabate, misooma
jalqabamee turetu xiyyeeffannoo dhabe, barnootatu sagantaa idleesaa ala deemamaa
ture. Haalota kanatu yeroo ammaa kanatti hatattamaan sirrachuu qaba.
Mootummaan Itiyoophiyaas kanuma giddu galeessa godhachuun of haaressuu qabna,
rakkoon hawaasni kaasaa jiru rakkoo sirrii dha. Maddi rakkoowwan kanaallee qama
biraa osoo hin taane, qaamuma mootummaati waan ta’eef sirrachuu qabna, akka
Kanaan duraa rakkoo keessoo keenyaa fuunee qama biraa komachuun nurra hin jiraatu,
kan ofii balleessine nu’umti sirreessuu qabna jechuun kutannoo qabu yeroo gara garaatti
ibsuuf yaalaa jira.
Waadaawwan kanneen dhugoomsuuf ammoo jijjiiramuun namaa barbaachisaa akka ta’e
beekamaa waan ta’eef, mootummaan caasaawwan hojii keessatti muudama haaraa
hedduu raggaasisee jira. Muudamni haarawaan kunneen ammoo akkuma Kanaan dura
baratame wagga tokko lamaaf bakka itti muudaman taa’anii yoo hojjetan hojjetanii yoo
dhadhaban ammoo iddoo biraatti kan jijjiiraman osoo hin taane, jijjiirama qabatamaa
fiduudhaaf hojjechuu kan qaban ta’uu muudamtootni amma dhufan jala muranii beekuu
qabu. Jijjiiramni hawaasni eegaa jiru hedduu waan ta’eef namni qama jijjiirama kanaa
ta’uuf of shakku ammuma yoo deebi’e isaaf wayya.
Keessumaa hoggansa ol’aanoo akka biyyaatti dhiyeenya kana kabajamoo Muummicha
Ministeera keenya Dr.Abiy muudaman irraa waan baay’eetu eegama. Isaanis bakka
amma itti muudaman kana duraan rakkoolee raawwachiiftummaa turan adda
baafachuun, rakkooleewwan jiru jedhamanii yaadaman ammoo akkaataa kamiin furuuf
kan itti adeeman ta’uu isaanii gamanumaan haawaasaaf ibsa kennuufiin abdii
hawaasatti horuun barbaachisaa dha.
Rakkooleen kenniinsa tajaajila waajjiraalee mootummaa keessatti mul’atan akka waan
salphaatti ilaalamuu hin qabu. Kunis osoo abbaan dhimmaa waajjiratti nu eeguu dantaaa
mataa keenyaaf jecha ykn nuffii dhaan gochaa ciigaasisisaa hojjechuun dhaabbachuu
qaba.
Keessumaa hawaasa biyya kanaa komachiisaa kan ture waa’een sa’atii hojii
mootummaa wal-ga’ii taa’uu sun hudhaa guddaa walitti dhufeenya mootumaa fi
lammilee biyya kanaa waan ta’eef akkuma Dr.Abiy wal-ga’iin kana booda hin jiru jedhanii
waadaa galan hojiidhaan mul’achuu qaba. Kan wal-ga’amuuf faayidaa dhuunfaa ykn
dantaa hojjetoota mootummaaf kan hin taane osoo hin ta’in hawaasa biyya kanaaf
hanga ta’ee jirutti dursa abbaa dhimmaaf kennuun waan filannoo keessa hin galle ta’uu
qaba.
Inni kan biraan ammoo abbotiin aangoo yeroo muudamanii barcumni isaanitti kennamu,
erga isaan muudamanii kaasee waan rakkoodhumti isaan keessa turan illee biyya
lafaarraa badu itti fakkaata. Kanaaf dhimma hawaasaa dhaggeeffachuutu du’a itti ta’a,
osoodhuma waajjira jiranii hawaasa gibira kaffalee miindaa isaaniif kennu dhokatu,
abbaan dhimmaa hiriiraan ala dhaabbata isaan bilbila dhuunfaa isaanii qabachuun sa’a
dheeraaf haasa’u. Abbootiin dhimmaa ammoo barreessituu wajjin mataa wal-
dhukkubsaa oolu- kun gocha saalfachiisaa waan ta’eef namni amala akkasii qabu
gamanumaan of sirreessuu qaba.
Malaammaltummaan Kanaan dura waajjira mootummaa keessa turan kenniinsa
tajaajilaa irratti dhiibbaa fidaa turuu isaa muudamtootni duraan turanis ta’e amma haaraa
muudamaa jiran waan wallaalan natti hin fakkaatu. Haalli kenniinsa tajaajila waajjiraa
yeroo ammaa kana daldala fakkaata malee waan dhugaarratti hundaa’e argachuun
ulfaacchaa dhufeera. Waan barbaade haa ta’uyyuu malee lammiin biyya kanaa sababa
qabeenya qabaateef dhabeen gargar qoodamuun kaan waan isaaf malu dhabuun , kaan
ammoo waan isaaf hin malle argachuu akka hin qabne jala sararanii beekuun
barbaachisaa dha. Kana hin ta’u taanaan dubbiin nuti baqachaa jirru yoomillee waan
nuuf hin hafneef ammumaa of qopheessuun barbaachisaa dha.
Wantootni nama dogogorsan hedduutu jira. Namootni seeraan ala daldalanii baran
sooressoota hedduu baay’eetu jira. Sooressootni kunneen tajaajila isaanii ifaaf ifatti
qarshiidhaan bitachaa namoota as ga’aniidha. Namoota rakkinni lammilee biraa isaanitti
hin dhaga’amne waan ta’aniif seera namoomaa ala warra ba’anii dha. Isaan kunneen
ammas biyyuma kana keessa waan jiraniif ammas hojii mootummaa keessa galanii
jeequu hin qaban.
Dandeettii dhabuun raawwachiiftota hojii mootummaas rakkoo ijoo muudamtootni
haaraan kunneen furmaata itti kennuu qabanii dha. Yeroo ammaa kana waajjira
mootummaa keessa keessa akka waan isaan rakkoo hawaasaa kanaaf deebii kennuu
danda’aniitti kan guutanii jiran, kanneen dandeettiin raawwachiisummaa isaanii gaaffii
keessa galuu dha. Yeroon amma keessa jirru yeroo nuti teknooloojiin dorgomaa jirru
kana keessatti dandeettiin fayyadama teknooloojii, dandeettii raawwachiisummaa gita
irratti ramadamadamanii murteessaa dha. Waajjiraalee tokko tokko yeroo dhimmaaf
deemnu bakka hojichi barbaaduuf dandeettiin nama sana wal-gituu dadhabuudhaan
hojiin kufaa yeroo oolutu argina, kun sirrachuu qaba.
Raawwachiisaan biiroo mootummaa keessa hojjetu sadarkaa federaalaa hanga gadiitti
of ilaaluutu irra jiraata. Kanaan booda akkuma Dr.Abiy jedhan ramaddiin hojii kamiyyuu
dandeettii fi barnoota irratti kan hundaa’e ta’uu baannaan carraan biyya kanaa ammas
yaaddessaa dha. Sababnisaa hojiin nu eeggachaa jiruuf nuti wal-hin madaallu yoo ta’e,
bu’aan isaa komii hawaasaa ta’ee hafa.
Ramaddiin waajjira keessatti taasifamu hundinuu iftoomina kanqabu,karraa firoomaa fi
malaammaltummaa irraa bilisa ta’een kan raawwatamu yoo ta’e, rakkoowwan gama
kamiin dhufan iyyuu dandamachuun ni danda’ama.
Hojjetaan waajjira Mootummaa kamiyyuu imaanaa hawaasni kun itti kennate hundumaa
karaa ifaa fi bilisa ta’een ba’achuu qaba. Waan hojjechuu qabu karaa qulqullina qabuun
kan hojjetu yoo ta’e, ga’ee isarraa eegamu ba’ateera jechuun ni danda’ama.
Walumaa galatti, yeroon fuuldura keenya jiru yeroo akka Kanaan duraa qoosaadhaa fi
dantaa dhuunfaatiif dursi kennamu osoo hin taane, rakkoolee wal-xaxoo biyya kana
keessa turan karaa kamiinuu hiikuuf halkaniif guyyaa itti socho’amu waan ta’eef qaamni
kamiyyuu of-qopheessuu qaba. Hin taane taanaan kan sodaate haa deebi’u warra hin
sodaanne fudhannee kaana waan ta’eef.