Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Nageenyi keenya itti fufuu qaba…

0 602

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Nageenyi keenya itti fufuu qaba…

Hiikaa margaa tiin
Biyyi keenya Itiyoophiyaan waggoottan lamaan darbaniif rakkoo nageenyaa keessa
galuun ishee ni yaadatama. Sababa nageenyi keenya boora’eef ammoo akka biyyaatti
sadarkaa irra ga’uun nurra jiraatu irra osoo hin ga’in duddaduubatti harkifannee jirra.
Sababni boora’uu nageenya keenyaas rakkoowwan bulchiinsa gaarii fi hanqina
raawwachiiftummaa raawwattoota hojii mootummaa, akkasumas fedhii adda addaa
qabaachuu keenya ta’a kan jedhu bal’inaan ka’aa ture.
Fedhiin addaa kun ammoo maali ? qaamni jedhu yoo jiraate, fedhii addaa an keessatti
itti fayyadamuuf yaade yoo ilaalle, qaamoleen gara garaa faayidaa idilee ala ta’e
argachuu barbaadan jeequmsaa fi hookkara naannootti kaasuun sana keessatti waan
barbaadan butachuuf akka isaan gargaaruuf kan haala mijeeffatanii dha.
Haa ta’utii kanneen armaan olii kunneen walitti dabalamanii, nageenyi keenya akka
boora’uuf sababa guddaa turan. Adeemsa waggoottan lamaan darbanii kana keessatti,
sochiiwwan misoomaa eegalamanii turan akka lafarra harkifatan ta’e, qabeenyaa fi
lubbuu qaalii namaa irratti miidhaatu qaqqabe, akkuma biyyaattiyyuu sodaa keessa
gallee turre jechuun ni danda’ama.
Kanumarraa ka’uun Mootummaanis, maddi rakkoo kanaa rakkoo bulchiinsa gaarii akka
ta’e ifatti amanuun furmaata itti kennuuf irra deddeebi’ee tarkaanfii sirreeffamaa
fudhachuuf waadaa gale.
Tarkaanfilee sirreeffamaa fudhataman keessaa inni tokko mirgi lammilee biyya kanaa
karaa gara garaan dhiibbaan irra ga’aa ture akka kabajamuuf Kanaan booda akka
hojjetu ture. Hidhamtoota mana hidhaa keessatti dararaman hiikuun gara misooma
isaaniitti akka deebi’an nan taasisa jedhame, dirree siyaasaa babal’isuun sirni
dimokiraasii guutummaatti biyya kana keessatti akka dagaaaguuf paartilee morkattootaa
wajjin na hojjedha jedhamee gara hojiitti seenamee jira.
Egaa akkuma beekamu, waadaawwan an armaan olitti tarreesse kan galame yeroo
kabajamoo obbo Hayilamaariyaam Dassaaleny biyya kana geggeessaa turan ta’us, erga
kabajamoo MM keenyaa ammaa gara aangootti dhufanii ammoo waadaawwan akka
mootummaatti galaman caalaa hojiiwwan hojjataman hedduu dha jechuu ni dandeenya.
Hojiiwwan akka biyyaatti hojjataman kunneen gaaffilee hawaasni akka sirrataniif
gaafachaa turan waan ta’aniif akka malee xiyyeeffannoo argachuun kan hojjetamanii
dha.
Gaaffiiwwan komii hawaasaa kun yeroo ammaa kanatti haalaan deebi’aa jiraachuun
isaanii ammoo komii hawaasaa xiqqeessuu irra caalaayyuu nageenya nuti amma
arganneef bu’uura ta’ee jira jechuun ni danda’ama.
Yeroo kana jennu, gaaffileen hawaasa biraa ka’an hundumtuu deebii ga’aa argataniiru,
kana booda rakkoon nageenyaa hin uumamu jechuu keenya akka hin taane hundumaaf
gala. Sababnisaa gaaffiiwwan hawaasni kaasaa jiru kan waggoota hedduu waan ta’aniif
gaaffilee ji’a tokko ykn lama keessatti deebi’anii xumuraman akka hin taane waan
beeknuuf.
Haa ta’uyyuu malee, erga gaaffileen ammallee deebii argachuu malan jiraachuu irratti
walii gallee akkaataa gaaffiin tokko itti gaafatamuu qabu irrattis walii galuu qabna.
Adeemsi gaaffii gaafachuu silumayyuu ka’umsi isaa waan qabnu irratti waan tokko
dabalachuuf malee kan qabnu balleessinee kan hin qabneen bakka buufachuuf akka hin
taane beekamaa dha.

Anaan akka naaf galutti Hawaasni tokko mootummaan gaaffiwwan gara garaa akka
deebisuuf akka gaafatuuf kan isa kakaasu , amantaa inni mootummaa irraa qabuu fi
dandeettii mootummaan gaaffii sana deebisuuf qabutti yoo amanee dha jedheen yaada.
Yeroo akkasii kana egaa gaaffiiwwan gaafataman yeroo gabaabaas haa ha ta’u dheeraa
keessatti deebi’uu isaanii erga beeknee obsaan eeggachuun ammoo amala lammii
dimokiraatawaa ta’ee ta’uu qaba. Dimokiraasii yeroo jennu, termii mootummaa qofti ittiin
hiikamu ta’uu hin qabu. Hiikkoon Dimokiraasii irra caalaattiyyuu bulchiinsa Uummataa
jedhamee waan beekamuuf, sirna bulchiinsa Dimokiraasii keessattis ga’ee guddaa kan
taphatu uummata ta’uutu irra jiraata.
Kanaaf hawaasni dimokiraatawaa ta’e, gaafachuu qofa osoo hin taane, madda
furmaataas ta’uutu irra jiraata.
Kanaaf Yeroo gara dubbii ijoo keenyaatti deebinu, nagaa eeguu fi eegsisuun itti
gaafatummaa waliinii Mootummaa fi Hawaasaa maraati. Nagaan dhabamee jennaan
waan hundumaa dhabna waan ta’eef hunda dura xiyyeeffannoo kan argachuu qabu
nageenya ta’uu ta’uu qaba. Sababnisaa irra jireessaan nageenya irraa kan fayyadamu
lammilee biyya kanaa waan taaneef, balaa nageenyi boora’uudhaan dhufu dursinee
irratti qabsaa’uun dirqama hunda keenyaa ta’uutu irra jiraata.
Gaaffileewwan misoomaa, hawaasummaa fi akkasumas kanneen biro deebi’uu kan
danda’anis yoo nageenyi jiraate qofaa dha. Hin taane taanaan tasumaayyuu gaaffiin nuti
qabnu deebi’uun haa hafuutii waa’een lubbuun jiraachuuyyuu gaaffii keessa gala.
Komiiwwanii fi mufannaan gara garaa yoo jiraatan illee, karaa nagaafi tasgabbii qabuun
miira keessa gallee rakkoo daran hammaataa kan biroof akka hiin saaxilamnetti
furmaata rakkoo keenyaa barbaaduutu nu jiraata.
Akkuman armaan olitti kaase, nageenyi biyya keenya kana keessatti yeroo ammaa
argameera jechuun ni danda’ama. Haa ta’uyyuu malee ammallee iddoo tokko tokkotti
darbee darbee rakkoon nageenyaa mul’ata. Rakkoon nageenyaa yeroo ammaa mul’atan
kun sababa walitti bu’iinsa gara garaa irraa kan maddanii dha. Walitti bu’iinsi kunneen
faayidaa tokkollee kan hin qabneefi furmaata fidu jedhamanii warreen hin yaadamnee
dha jechuu ni dandeenya.
Rakkoowwan jiraatanis dhiisanis nageenyi waan hundaaf murteessaa ta’uu isaa erga
beeknee akkaataan nuti komii keenya itti dhiyeeffannu bifa ammayyaa’aa ta’ee ta’uu
qaba. Adeemsa akkasii keessatti bu’aa malee kasaaraan hin jiru.
Inni kan biraan ammoo rakkoowwan ka’an kallattii tokko qofaarra ilaaluu dhiifnee,
sababawoo ta’uutu nurra jiraata. Wanti sababni isaa beekamu, faayidaa fi miidhaan
isaas waan beekamuuf, miira keessa galuu caalaa gocha sababaan dabaalame
gochuutu barbaachisaa dha.
Keessumaa dhalootni dargaggeessi, gochaawwan miiraan hogganame gochuu irraa of –
qusatee gaaffiiwwan qabuu karaa nagaa fi tasgabbii qabuun yoo dhiyeeffate kan akka
dargaggoo fayyadamaa ta’u hin jiru.
Gaaffiiwwan qabnu karaa nagaa qofa haa ta’u malee akka barbaadnetti gaafachuudhaaf
haalli biyyi keenya yeroo ammaa keessa jirtu baay’ee mijataa dha jechuu ni dandeenya.
Sababnisaa geggeessitootni amma gara muudamaatti dhufan hundinuu irra caalaan
isaanii qabsoo yaadaa fi sababawaatti waan amananiif dubbatanii amansiisuu ykn
dhaggeeffatanii amanuunis iddoo guddaa qaba jedheen yaada.
Kanaaf ammaan booda namni an gaaffii naaf deebi’uu qabutu jira jedhu, osoo nageenya
hin booressin gandaa ka’ee hanga waajjira Muummee Ministeeraatti yoo deeme namni
isa daangessu waan hin jirreef dubbiin karaa nagaa yoo furamte wayya jedheen yaada.
Walumaa galatti bu’aan jeequmsaan dhufu tokkollee waan hin jirreef, gaaffiiwwan qabnu
karaa nagaa qofa akka gaafanu baruun nurra jiraata. Sana caalaa ammoo nuti hawaasni

biyya kanaas gaafataa qofaa osoo hin taane deebiin gaaffii tokkoo akka argamuufis
cimnee hojjechuutu nurraa eegama.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy