AFAAN OROMOO

Nageenyi keenya itti fufuu qaba…

By Admin

May 30, 2018

Nageenyi keenya itti fufuu qaba…

Hiikaa margaa tiin Biyyi keenya Itiyoophiyaan waggoottan lamaan darbaniif rakkoo nageenyaa keessa galuun ishee ni yaadatama. Sababa nageenyi keenya boora’eef ammoo akka biyyaatti sadarkaa irra ga’uun nurra jiraatu irra osoo hin ga’in duddaduubatti harkifannee jirra. Sababni boora’uu nageenya keenyaas rakkoowwan bulchiinsa gaarii fi hanqina raawwachiiftummaa raawwattoota hojii mootummaa, akkasumas fedhii adda addaa qabaachuu keenya ta’a kan jedhu bal’inaan ka’aa ture. Fedhiin addaa kun ammoo maali ? qaamni jedhu yoo jiraate, fedhii addaa an keessatti itti fayyadamuuf yaade yoo ilaalle, qaamoleen gara garaa faayidaa idilee ala ta’e argachuu barbaadan jeequmsaa fi hookkara naannootti kaasuun sana keessatti waan barbaadan butachuuf akka isaan gargaaruuf kan haala mijeeffatanii dha. Haa ta’utii kanneen armaan olii kunneen walitti dabalamanii, nageenyi keenya akka boora’uuf sababa guddaa turan. Adeemsa waggoottan lamaan darbanii kana keessatti, sochiiwwan misoomaa eegalamanii turan akka lafarra harkifatan ta’e, qabeenyaa fi lubbuu qaalii namaa irratti miidhaatu qaqqabe, akkuma biyyaattiyyuu sodaa keessa gallee turre jechuun ni danda’ama. Kanumarraa ka’uun Mootummaanis, maddi rakkoo kanaa rakkoo bulchiinsa gaarii akka ta’e ifatti amanuun furmaata itti kennuuf irra deddeebi’ee tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuuf waadaa gale. Tarkaanfilee sirreeffamaa fudhataman keessaa inni tokko mirgi lammilee biyya kanaa karaa gara garaan dhiibbaan irra ga’aa ture akka kabajamuuf Kanaan booda akka hojjetu ture. Hidhamtoota mana hidhaa keessatti dararaman hiikuun gara misooma isaaniitti akka deebi’an nan taasisa jedhame, dirree siyaasaa babal’isuun sirni dimokiraasii guutummaatti biyya kana keessatti akka dagaaaguuf paartilee morkattootaa wajjin na hojjedha jedhamee gara hojiitti seenamee jira. Egaa akkuma beekamu, waadaawwan an armaan olitti tarreesse kan galame yeroo kabajamoo obbo Hayilamaariyaam Dassaaleny biyya kana geggeessaa turan ta’us, erga kabajamoo MM keenyaa ammaa gara aangootti dhufanii ammoo waadaawwan akka mootummaatti galaman caalaa hojiiwwan hojjataman hedduu dha jechuu ni dandeenya. Hojiiwwan akka biyyaatti hojjataman kunneen gaaffilee hawaasni akka sirrataniif gaafachaa turan waan ta’aniif akka malee xiyyeeffannoo argachuun kan hojjetamanii dha. Gaaffiiwwan komii hawaasaa kun yeroo ammaa kanatti haalaan deebi’aa jiraachuun isaanii ammoo komii hawaasaa xiqqeessuu irra caalaayyuu nageenya nuti amma arganneef bu’uura ta’ee jira jechuun ni danda’ama. Yeroo kana jennu, gaaffileen hawaasa biraa ka’an hundumtuu deebii ga’aa argataniiru, kana booda rakkoon nageenyaa hin uumamu jechuu keenya akka hin taane hundumaaf gala. Sababnisaa gaaffiiwwan hawaasni kaasaa jiru kan waggoota hedduu waan ta’aniif gaaffilee ji’a tokko ykn lama keessatti deebi’anii xumuraman akka hin taane waan beeknuuf. Haa ta’uyyuu malee, erga gaaffileen ammallee deebii argachuu malan jiraachuu irratti walii gallee akkaataa gaaffiin tokko itti gaafatamuu qabu irrattis walii galuu qabna. Adeemsi gaaffii gaafachuu silumayyuu ka’umsi isaa waan qabnu irratti waan tokko dabalachuuf malee kan qabnu balleessinee kan hin qabneen bakka buufachuuf akka hin taane beekamaa dha.

Anaan akka naaf galutti Hawaasni tokko mootummaan gaaffiwwan gara garaa akka deebisuuf akka gaafatuuf kan isa kakaasu , amantaa inni mootummaa irraa qabuu fi dandeettii mootummaan gaaffii sana deebisuuf qabutti yoo amanee dha jedheen yaada. Yeroo akkasii kana egaa gaaffiiwwan gaafataman yeroo gabaabaas haa ha ta’u dheeraa keessatti deebi’uu isaanii erga beeknee obsaan eeggachuun ammoo amala lammii dimokiraatawaa ta’ee ta’uu qaba. Dimokiraasii yeroo jennu, termii mootummaa qofti ittiin hiikamu ta’uu hin qabu. Hiikkoon Dimokiraasii irra caalaattiyyuu bulchiinsa Uummataa jedhamee waan beekamuuf, sirna bulchiinsa Dimokiraasii keessattis ga’ee guddaa kan taphatu uummata ta’uutu irra jiraata. Kanaaf hawaasni dimokiraatawaa ta’e, gaafachuu qofa osoo hin taane, madda furmaataas ta’uutu irra jiraata. Kanaaf Yeroo gara dubbii ijoo keenyaatti deebinu, nagaa eeguu fi eegsisuun itti gaafatummaa waliinii Mootummaa fi Hawaasaa maraati. Nagaan dhabamee jennaan waan hundumaa dhabna waan ta’eef hunda dura xiyyeeffannoo kan argachuu qabu nageenya ta’uu ta’uu qaba. Sababnisaa irra jireessaan nageenya irraa kan fayyadamu lammilee biyya kanaa waan taaneef, balaa nageenyi boora’uudhaan dhufu dursinee irratti qabsaa’uun dirqama hunda keenyaa ta’uutu irra jiraata. Gaaffileewwan misoomaa, hawaasummaa fi akkasumas kanneen biro deebi’uu kan danda’anis yoo nageenyi jiraate qofaa dha. Hin taane taanaan tasumaayyuu gaaffiin nuti qabnu deebi’uun haa hafuutii waa’een lubbuun jiraachuuyyuu gaaffii keessa gala. Komiiwwanii fi mufannaan gara garaa yoo jiraatan illee, karaa nagaafi tasgabbii qabuun miira keessa gallee rakkoo daran hammaataa kan biroof akka hiin saaxilamnetti furmaata rakkoo keenyaa barbaaduutu nu jiraata. Akkuman armaan olitti kaase, nageenyi biyya keenya kana keessatti yeroo ammaa argameera jechuun ni danda’ama. Haa ta’uyyuu malee ammallee iddoo tokko tokkotti darbee darbee rakkoon nageenyaa mul’ata. Rakkoon nageenyaa yeroo ammaa mul’atan kun sababa walitti bu’iinsa gara garaa irraa kan maddanii dha. Walitti bu’iinsi kunneen faayidaa tokkollee kan hin qabneefi furmaata fidu jedhamanii warreen hin yaadamnee dha jechuu ni dandeenya. Rakkoowwan jiraatanis dhiisanis nageenyi waan hundaaf murteessaa ta’uu isaa erga beeknee akkaataan nuti komii keenya itti dhiyeeffannu bifa ammayyaa’aa ta’ee ta’uu qaba. Adeemsa akkasii keessatti bu’aa malee kasaaraan hin jiru. Inni kan biraan ammoo rakkoowwan ka’an kallattii tokko qofaarra ilaaluu dhiifnee, sababawoo ta’uutu nurra jiraata. Wanti sababni isaa beekamu, faayidaa fi miidhaan isaas waan beekamuuf, miira keessa galuu caalaa gocha sababaan dabaalame gochuutu barbaachisaa dha. Keessumaa dhalootni dargaggeessi, gochaawwan miiraan hogganame gochuu irraa of – qusatee gaaffiiwwan qabuu karaa nagaa fi tasgabbii qabuun yoo dhiyeeffate kan akka dargaggoo fayyadamaa ta’u hin jiru. Gaaffiiwwan qabnu karaa nagaa qofa haa ta’u malee akka barbaadnetti gaafachuudhaaf haalli biyyi keenya yeroo ammaa keessa jirtu baay’ee mijataa dha jechuu ni dandeenya. Sababnisaa geggeessitootni amma gara muudamaatti dhufan hundinuu irra caalaan isaanii qabsoo yaadaa fi sababawaatti waan amananiif dubbatanii amansiisuu ykn dhaggeeffatanii amanuunis iddoo guddaa qaba jedheen yaada. Kanaaf ammaan booda namni an gaaffii naaf deebi’uu qabutu jira jedhu, osoo nageenya hin booressin gandaa ka’ee hanga waajjira Muummee Ministeeraatti yoo deeme namni isa daangessu waan hin jirreef dubbiin karaa nagaa yoo furamte wayya jedheen yaada. Walumaa galatti bu’aan jeequmsaan dhufu tokkollee waan hin jirreef, gaaffiiwwan qabnu karaa nagaa qofa akka gaafanu baruun nurra jiraata. Sana caalaa ammoo nuti hawaasni

biyya kanaas gaafataa qofaa osoo hin taane deebiin gaaffii tokkoo akka argamuufis cimnee hojjechuutu nurraa eegama.