Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Namamoo Hojii?

0 472

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Namamoo Hojii?
Hiikaa Margaatiin

Barreeffamakoo gabaabduu har’aa keessatti wanti si’a kana na ajaa’ibsiisaa jiru waa’ee muudamaa fi aangoo gadi lakkisuu aangawoota duraanii fi kanneen amma muudamaa jiranii ti. Dhimmi Kanaan wal-fakkaatus baay’ee odeeffamaa jira.
Dhimmi biyyaa nu galcha jedhanii dubbachuun, yaada irratti kennuun barbaachisus, waan wal-hubachiisuu qabnu ammoo gamanumaan walitti himuunis barbaachisaa dha. Waanan kana jechuu barbaadeefan qaba.
Innis Kanaan dura akkuma yaadannu, Yeroo obbo Hayilamaariyaam aangoo MM gadi lakkisan eenyutu bakka isaanii bu’a kan jedhu, ajandaa guddaa ta’ee ture. Ammammoo sanumaan wal-fakkaatee, eenyutu muudama, eenyutu aangoo irraa kaafama kan jedhu toora marsariitii gara garaa irra tamsa’aa jira.
Yaadoleen tokko tokkos bifa dogongora ta’een akkaataa itti hubatamaa jirantu jira. Fakkeenyaaf ebelu aangoo irraa ari’ame, ebelummoo aangootu kennaameef jechuun xiyyeeffannoo keenya waan biraa irra gochuun akka malee hubachaa jirra.
Elaa, Aangoo ADWUIn kana booda kennamu dandeettiif beekumsa qofa irratti kan hundaa’ee fi fayyadamummaa uummataa giddu gala kan godhate waan ta’eef hagas mara mata duree dubbii ta’uu hin qabu.
Dubbiin yeroo ammaa nuti itti jirru, dubbii aangoo kennuu ykn dhiisuu osoo hin taane, eenyutu dandeettii qabuun yoo hawaasa kana tajaajiletu fayyaduu danda’a kan jedhu xiyyeeffannoo argachuu qaba.
Sababnisaa akka ADWUItti namni kan inni madaalamu hojii isaa qofaan waan ta’eef, eenyu haa muudamu, ykn aangoon irraa haa fuudhamu ajandaa ta’ee madda burjaajii ta’uu hin qabu.
Muudamni kamis ta’e aangoo irraa ka’uun maalummaa nama Sanaa kan afaan, aadaa fi sabummaa nama Sanaa giddu galeessa hin godhatu.
Biyya kana keessatti irra caalaatti kan xiyyeeffannoo argachuu qabu, namni hanga dandeettii isaa biyya kanaaf buusuuf fedhii fi kaka’umsa kan qabu yoo ta’e waan inni hin muudamneef hin jiru.
Biyyi keenya yeroo ammaa kanatti KGT 2ffaa akka biyyaatti qabannee jirru galmaan ga’uudhaaf yeroo itti halkaniif guyyaa hojjechuu qabnuufi nama yerochi gaafatus bakka isaaf malutti fiduudhaaf yaalamaa jira.
Namni muudame kamiyyuu ammas taanaan hanga sirni kun itti fufee jirutti, kaayyoodhuma sirna kanaa galmaan ga’uuf kan hojjetu waan ta’eef abbaan dandeettii qabu yoo muudame nu gammachiisa malee nu gaddisiisuu ykn sababawwan hin barbaachifne lafa naquun nurraa hin eegamu.
Amma kan hundumti keenya hubachuu qabnu, biyyi keenya Itiyoophiyaan waggoottan 27 asitti yeroodhuma itti geggeessaaf sagaddu argattee hin beektu. Sababnisaa geggeessaan filatamu kamillee poolisii heera biyya kanaa paarlaamaa dhaan ragga’e raawwachiisa waan ta’eef kan geggeessaa biyya kanaa irra aangoo guddaa qabu heeraa fi seera biyya kanaati. Yeroo ammaa kana ammoo kan aangoo gadi dhiise geggeessaa dhuunfaati malee heera biyya kanaa miti. Heerrii fi seerri biyya keenyaa ammoo yoomillee yoo cimee itti fufe malee osoo ADWUIn guutummaatti aangoo gadi dhiiseeyyuu Heera bara baraan biyya kana fayyaduu dha malee, heeraa fi seera diigamu miti. Erga Heeraa fi seera akkas nu boonsu qabaannee eenyullee aangoo akka barbaade yoo kan gadi dhiisu ta’e waan nu yaaddessu ta’uu hin qabu. Kan nu yaaddessuu qabu heera qabnu sana akkamiin hojiitti hiiknee kaayyoo keenya ganamaa bira geenya kan jedhu jala muramee irratti hojjetamuu qaba.
Mee teenyee xiinxallee yoo yaadne aangoon nama filatameef dhuunfaatti maal isaaf godha? Deebiin isaa homaallee hin godhuuf kan jedhu ta’uu isaa shakkii hin qabu. Yeroon nuti keessa jirru kun faayidaan aangoorraa argamu tokkollee akka hin jirre dhugaatti lafa nuuf ka’a. Kanaafuu namni dhuunfaatti filatame dhuunfaa isaatti aangoo argatu irraa fayyadama jennee kan yaadnu yoo ta’e ykn ammoo filatamaan siyaasaa saba bakka bu’ee dhufeef oolmaa addaa oola jennee kan yaadnu yoo ta’e gowwummaa natti fakkaata. Akkuman duraan jedhe biyya sirna Federaaliizimii Dimokiraatawaa dhaan bultu keessatti ilaalcha wal-caalmaa adeemsisuun gonkumaa waan hin danda’ameef yoo waa’ee Muudamtoota haara kan nu dhiphisu ta’e, eenyutu sabootaa fi sab-lammoota biyya kanaa akkaataa heeraa fi seera biyya kanaatti wal-qixa bulcha kan jedhu yoo kan dhphannu ta’e xiqqooshee dhama qabaachuu mala.
ADWUIn aadaa ittiin geggeessitoota isaa filu aadaa baratamaa mataa isaa qaba. Kaadhimtootni amma filamanii jiran hundinuu tokkoon tokkoon carraa filannoo kana mo’uu qabu. Kaadhimamaa kamiifuu carraa ol’aanaa kennanii xumura filannoo kanaa eeguun ofumaa yeroo ofii fixuu wayii natti fakkaata. Sababnisaa silumayyuu osoo dandeettii hin qaban ta’ee kaadhimummaa guddaa kanaaf namni paartii isaa bakka bu’ee dhufee hin jiru ture. Kanaaf dandeettii kaadhimamtoota kanaa irraa namni shakkii qabu jira jedhee hin yaadu. Akkataa aadaa ADWUI keessatti paartileen Afranuu miseensa 180 of keessaa qaba. Miseensonni kunneen kaadhimamtoota kanarratti qorannoo gadi fagoo geggeessuun nama biyya kana geggeessuuf ni ta’a jedhanii yaadan loogii tokko malee kan filatanii dha. Hubadhaa paartilee afran kana keessaa paartiin tokko sagalee 45 qabaata. Yeroo kana jennu paartiin tokko kaadhimamaa isaa qofaaf sagalee isaa kan kennu miti. Sagaleen kaadhimamtoota kanaaf kennamu sagalee gara garaa paartileen hundinuu irratti hirmaatanii dha malee, kaadhimamaa koo malee nama tokkoofuu sagalee koo hin kennu paartiin jedhu hin jiru.
Walumaa galatti an kan jechuu barbaadu, gaaffiin sammuu keenya keessa naanna’uu qabu ebelu maaliif muudame ykn aangoo irraa ka’e? osoo hin taane, eenyutu rakkoo amma biyyi keenya keessa seentee jirtu irraa nu baraaruu danda’a ? kan jedhu yoo ta’e gaarii natti fakkaata. Sababnisaa rakkoon biyya keenyaa yeroo ammaa nu mudatee jiru irra jireessaan kan Muudamtootaa wajjin wal-qabatu osoo hin taane rakkoo waan biraati waan ta’eef.. Innis dhiibbaa keessaa fi alaan guddina biyyi keenya Itiyoophiyaa kanneen isaaniif liqimsamuu hin dandeenye irraan kan ka’e jeequmsa asittis achittis qabsiisan irraa kan ka’ee dha. Dhiibbaa keessaa fi alaa jechuun koo rakkoo keenya qaama biratti hirkisuu koo osoo hin taane, ADWUI keessas alas rakkoon jiraachuu lafa kaa’uu barbaadeen dha.
Yeroo ammaa kanatti ADWUInis rakkoo keessoo isaa furuuf ciminaan kan itti hojjetaa jiruu dha waan ta’eef kallattii furmaataa ADWUIn kaa’ee irra deemaa jiru qaamni amanu kamuu karaa danda’een mootummaa cina dhaabbatee, jijjiirama fiduuf hojjechuu qaba.
Xumura irratti akka lammilee biyya kanaatti kan nurraa eegamu, eenyullee haa filatamu, haa dhiisus xiyyeeffannoo keenya ta’uu kan qabu nagaa fi tasgabbii biyya kanaaf dursa kennuutu nurra jiraata. Murtoon ADWUI s murtoo keenya jennee of-amansiifnee fudhachuutu nurra jiraata.
Muudamtootni amma aangoo qabachuuf deemanis, aangoon akka Kanaan duraa beekamtii nama dhuunfaaf kan oolu qofa osoo hin taane, bakka uummata ofiitiif amanamanii , hawaasa ittiin tajaajilan qofa ta’uu isaa beekuutu irra jiraata.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy