Qabsoofnaan Karaa Nagaa wayya!
Hiikaa Margaatiin
Baatiiwwan muraasaa asitti haalli adeemsa siyaasa biyya kanaa akkaataa Kanaan dura baratameen ala deemaa jira yoon jedhe, eenyullee akka nah in mormine nan beeka. Dur dur akkan dhaga’ettiif hanga ji’oottan lamaan darban kanaatti anumtiyyuu wantin argaa jiru abjuu natti fakkaachaa jira.
Kanaan dura siyaasa biyya kanaa abbaa qawweetiin mo’atee akka carraa aangoo argate ykn abbaa fi haadha irraa dhaaletu teessuma guutee taa’a. Ta’us ta’uu baatus akkuma akkasaatti biyyan bulchaa jira ofiin jedha, namni karaa qaxxaamuraan aangoo qabate kun jechuu koo dha.
Sirni bulchiinsa akkasiimmoo hammam nu adeemsisuu akka dadhabe waggoottan hedduudhaaf ilaalleerra waan ta’eef, hagas mara aangoon karaa qaxxaamuraan qabatan kun biyya waan fayyaddu akka hin taanes biyyi nu caalaa beektu waan jirtu natti hin fakkaatu. Sababnisaa, biyyi keenya Itiyoophiyaan erga bara abbaa lafaatii kaastee hanga bulchiinsa Sirna Dimokiraasiitti muuxannoo hedduu qabdi waan ta’eef.
Kabajamtoota dubbistootaa, Mee osoon ka’umsa koorraa isin hin kaachisin, wanti amma biyya kana keessatti ta’aa jiru maal isinitti fakkaata?, adeemsi biyya keessa jiru kun akka Kanaan itti fufnaan jijjiiramni dhugaan hin dhufu jettanii yaadduu?
Dhugaa dubbachuuf, tarkaanfileen Mootummaan dirree siyaasaa akkuma jedhe bal’isuuf fudhachaa jiru abdii guddaa kan namatti horuu dha.
Dirree siyaasaa bal’isuu qabna yeroo mootummaan jedhee dhaadhachaa ture tokko an isheen akkasii kunillee dhaadannoo yeroo dheeraa, garuummoo kan hojiitti hin hiikamneedha jedheen shakkii dhadhabaa isa na keessa jiru lafa kaa’een ture. Haa ta’uyyuu malee tilmaamnikoo soba ta’ee inni mootummaan waadaa gale dhugaa ta’aa jira.
Tilmaamnikoo baga soba ta’e, kankoo maaltu bade anoo nama dhuunfaatii, irra caalaa kan nama gammachiisu yeroo mootummaan waan jedhe fiixaan baasuu dha. Yoos uummatni biyya kanaallee amantaa guddaa mootummaa irraa qabaata.
Biyya kana keessatti dirree siyaasaa bal’isuuf hojjechuun salphaa akka hin taanes beekuun barbaachisaa dha. Sababnisaa aadaan Kanaan dura ture, garaa garummaa yaadaa osoo hin taane, garaa garummaa sabaa ykn qomoo irratti hundaa’uun godoo siyaasaa gadi dhaabuun waan heddummatuuf garaa garummaa akkasii kanaa gara garaagarummaa yaadaatti fiduun baay’ee ulfaataa waan ta’eef.
Siyaasni biyya Itiyoophiyaa waggoottan hedduuf akka dhageenyutti garaa garummaa yaadaatti amanuu osoo hin taane, dhiibbaa (push) dhaan qofa kan turee dha. Teessootti marsanii mari’achuurra maqaa wal-balleessuu, wal waraanuu, dhiiga walii dhangalaasuu akkasumas lubbuu walii balleessuun aadaa hanga yeroo dhiyootti turee dha. Kanaaf dha siyaasni biyya kanaa kan ammayyaa’uu dhabeef.
Yaadoleen an armaan olitti akka yaadannootti kaasuuf yaale kunneen akka seenaa ta’aa jiran hundumti keenyayyuu waan nutti dhaga’amaa jiru natti fakkaata.
Odeeffannoowwan nuti torban darban kana dhaga’aa jirrus kanuma kan nuuf dhugoomsanii dha.
Mootummaan ADWUI, Paartilee Morkattootaa( jechi Morkataa jedhu kun kan Dr.Abiy ti, an dur mormitootattan beekaafan jedhe) wajjin ijaarsa biyya kanaaf ni hojjenna jechuu dhaga’een ture, kunis yeroo ammaa gara hojiitti hiikamaa jiraachuu ija keenyaan argaa jirra. Waan kana dhugoomsuufis paartileen Morkattootaa biyya keessa jiraniif biyya alaa jiranillee hanga waa’ee biyyaatiif paartii siyaasaa dhaabbatanii jiranitti waliin mari’annee biyya kana jijjiirra jechuun karaan Mootummaa biyya geggeessu Kanaan saaqamaa jira jechuun ni danda’ama.( Saaqi Saanqaa!)
Waadaawwan akka mootummaatti galaman kanneenis dhugoomsuuf ji’oottan lamaan darban duran Mootummaan ADWUI kabajamoo MM keenya Dr.Abiy Ahmadn durfamu, paartilee Morkattootaa gara Masaraa Guddicha araat kiilootti waamuun afeerraa irbaataa erga taasiseefii booda waa’een dhimma biyya kanaa ADWUI qofa kan ilaallatu osoo hin taane, qaamni yaada misooma biyya kanaaf ykn ammoo tokkummaa biyya kanaaf hojjetu kamillee dirree siyaasaa amma biyyi kun ittiin geggeeffamtu irra akka barbaade taphatee yoo kan mo’achuu danda’u ta’e mo’atee waancaa akka kaasu, yoo mo’achuu kan hin dandeenye ta’e ammoo mo’atamuu isaa amanee tapha siyaasa biroof akka of-qopheessuuf banaa ta’uu isaatu lallabame.
Miirri sun egaa nuun lammilee biyya kanaa hagam akka kakaaseef jijjiiramni guddaan biyya kanaaf akka dhufaa jirus abdii guddaa nutti hore jechuun ni danda’ama. Sababnisaa nutis akka lammilee biyya kanaatti filannoo siyaasaa qabaachuutu nurra jiraata. Maal abbaasaati yeroo ammaa kanammoo siyaasa Mitii amantiin iyyuu akka salphaatti jijjiiramaa jirawoo! Yeroon kana jedhu, jaarmiyaan siyaasaa tokko yaadaa fi yaada irratti kan hundaa’e waan ta’eef yeroo gara garaatti jijjiiramuu waan maluuf, yaada mo’ataa qofatu injifachuu danda’a. Kanaaf filannoo siyaasa gara garaa qabaachuunis barbaachisaa dha jechuufan jedhe-na oofkalchaa!
Mootummaan ADWUI ammas Marii karaa nagaa Paartilee Morkattoota waliin godhaa jiru ammas akkuma itti fufetti jira. Torban darbe kana ammoo Paartii Morkataa biyya alaa jiru kan akka Paartii “Adda Dimokiraatawaa Oromoo” (Oromo Democratic Front) waliin mari’achuuf gaaffii Mootummaan dhiyeesse milkaa’ee jira jechuun ni dandeenya. Sababnisaa akkuma beekamu ka’umsi Paartii kanaaf geggeessitoota Paartii kanaa maala akka ta’e ni beekna.
Hundeessitootni Paartii ADO kanaa kanneen akka kabajamoo obbo Leencoo Lataa, Dr.Diimaa Naga’oo faan warreen duraan Paartii ABO hundeessanii fi waggoota hedduudhaaf marii karaa nagaa kana didanii biyya alaa turanii dha. Maaliif marii karaa nagaa kana didanii ala ba’an? Jettanii kan na gaafattan yoo ta’e, jarri yeroo ammaa kana as waan jiraniif garumasaaniittan isin dabarsa rakkoo hin qabaatinaa. Sanas ta’e, kanas yeroo ammaa kanammoo haalli biyya Itiyoophiyaa keessa jiru marii karaa nagaatiif mijataa dha waan ta’eef biyya keenyatti deebinee karaa nagaatiin qabsoofna jedhanii waamicha Mootummaan isaaniif dhiyeesses kabajaan fudhatanii karaa Baalee osoo hin taane, karaa Boolee nuuf deebi’anii jiru. Ishoo!
Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e akka biyyaatti filannoo tokko qofa qabna, innis qabsoo karaa nagaa taasifamu qofaa dha. Qabsoon karaa nagaa taasifamu kasaaraa tokko hin qabu, Yoo baay’ate yaada nama dhuunfaa ykn gareetu mo’ata ta’a ykn mo’atama. Mo’atamuun yaadaa ammoo sababa (reasoning) irratti hundaa’ee waan ta’eef rakkoo biraaf nama hin saaxilu.
Qabsoon karaa Nagaa taasifamu kamiyyuu Mallattoo Qaroominaa ti. Kanaaf biyyi keenya Qaroomaa jirti jechuudhakaa? Eeyyee jettan mitii? Dhugaa dha akkasiin itti fufna taanaan hoo maal qaarominni nuuf haaraa dha moo? Qaroomina yoo ta’e hoo addunyaaf iyyuu nutu gumaache jedheeniim, Sirna gadaa osoo qabnuu waa’een qaroomina amma odeeffamuu nuuf haaraa hin ta’u, badaas nutti hin ho’u.
Akka biyyaatti yoo ilaalle, biyyi Itiyoophiyaa kun yaada kamiinuu keessummeessuuf muuxannoo waab qabdu natti fakkaata. Sababnisaa biyyi Sabaa fi Sab-Lammoota fedhii gara garaa qaban waggoota 3000 f of keessatti qabattee nagaa turte, Paartii Morkattootaa muraasa keessummeessuuf itti ulfaata jedhee hin yaadu. Kanaaf adeemsi gara qaroominatti taasisaa jirru kun ariitii dhaan yoo itti fufe gaarii natti fakkaata.
Kanaaf dirreen siyaasa biyya kanaa, kan sagaleen lammilee hundumaa itti dhaga’amuu fi hirmaannaan lammilee hundumaa itti mirkanaa’u ta’uuf ammallee ciminaan hojjetamuu qaba. Aadaan siyaasa “Kennanii-fudhachuu” kunis baramaa ta’uutu irra jiraata. Kennanii fudhachuun siyaasa keessatti yaadumti tokko qofti dhiibbaadhaan kan mo’atu akka hin taaneef gargaara. Aadaa siyaasa fooyya’aa akka biyyaatti akka qabaannuufis ga’een isaa ol’aanaa dha.
Kanaan booda ijaarsi sirna Dimokiraasii keenyaa wareegama Lubbuu tiif miidhama qaamaatiin dabaalamuun irra hin jiraatu. Sababnisaa Sirni Dimokiraasii haala Kanaan ijaaramaa deemu xumurri isaa Dimokiraasii osoo hin taane, diigumsaaf waan nu saaxiluuf.
Walumaa galatti boqonnaawwan kaleessa keessa turre cufnee, Walii galtee biyyaalessaa Uumuun gara boqonnaa haaraatti ce’uudhaaf, ilaalcha jibbaa, miira haaloo ba’uu fi sanyummaa irraa qulqulloofnee biyya keenya biyya hanqni, bilisummaa fi nagaa taasisuuf akkasumas Lammileen biyyatti karaa namoomaa sirrii ta’een kan itti walii yaadan taasisuutu nurra jiraata.
Xumura irratti kanan jechuu barbaadu yoo jiraate, Paartileen Morkattoota kanneen biyya keessa jira, biyya alaa jiran akkasumas Afaan Qawweetiin jijjiiramni dhufa jedhanii amanan fi kkfn haala mijataa Mootummaan yeroo ammaa kana uumaa jiru kanatti fayyadamuun gara biyyaatti deebi’uun qabsoo nagaa yoo godhan, biyya kanaaf gaarii natti fakkaata.
“ Waaqayyo Itiyoophiyaa fi Lammilee ishee Haa Eebbisu” (Dr.Abiy Ahmed)