Safuu nageenyaa… Tokkummaa Biyyaa tiin Haalli nageenya biyya keenya Itiyoophiyaa, kan waggoottan lamaan darbaniif keessumaa ji’oota sadan darbanii wajjin wal-bira qabamee yeroo ilaalamu, yeroo ammaa kanatti fooyya’iinsa gaarii agarsiiseera jechuun ni danda’ama. Tasgabbiin nageenyaa amma arganne kun bu’aa gaarii fiduu isaa caalmaayyuu, waadaawwan mootummaan sirreeffamawwan gara garaa fudhachuuf waadaa gale akka fiixa ba’aniif hedduu gargaara. Nageenyii fi tasgabbiin biyya kana keessa jiraachuun, keessumaa akka biyya daandii guddinaa irra jirtuutti nageenyi baay’ee barbaachisaa dha. Biyya kana keessa rakkoon nageenyaa kan jiraatu yoo ta’e,irra caalaatti kan miidhamu lammilee biyya kanaa waan ta’eef xiyyeeffannoo itti kenninee waa’ee nageenya keenyaaf halkaniif guyyaa hojjechuun eenyurraayyuu kan eegamuu dha. Haalli nageenya biyya keenyaa yeroo ammaa kana irra jireessaan fooyya’aa ta’us. Bakka tokko tokkotti darbee darbee rakkoon nageenyaa ammallee mul’achaa jira. Maddi rakkoo kanaa dhugaas ta’e soba, rakkoo jedhame kanneen hiikuudhaaf mootummaa waliin karaa nagaa fi tasgabbaa’aa ta’een deebii argachuuf tattaaffii gochuun osoo nurra jiraatuu jeequmsaa fi akkasumas nageenya booressuuf karaa banuun nurra hin jiraatu. Fakkeenyaaf haalli ji’oottan darban Godina Gujii Naannoo shaakkisootti sababa Oomisha warqii Midrok kan Laga Dambiitti argamuu wajjin wal-qabatee ka’aa ture, wal-makaa dha jechuu dandeenya. Kunis kan wal-makuu danda’eef qaamni tokko dhugaa qabatee warshaan warqii kun hawaasa naannoo Sanaa fayyadiuu irra miidhaa geessisaa jira jechuun mootummaaf gaafii dhiyeessaa turaniiru. Dhimmi kun dhimma yoodhuma qaamni fedhe gaaffii dhiyeesseef tarkaanfiin fudhatamu akka hin taane osoo beeknuu, deebii akkasii deebisuudhaaf mootummaanis yeroo kan barbaadu ta’uus osoo beeknuuu akkuma rakkoon tokko sanaanis ta’e sanaan ala wal-qabatee uumameetti jeequmsa kaasuun mootummaa irraan dhiibbaa ga’uun rakkoo tokko qofarratti xiyyeeffachuu keenya ilala. Dhimma kana gadi-fageenyaan yoo ilaalle, qabeenyi uumamaa naannoo sanatti argamu dhugaa dubbachuuf taanaan hawaasa naannoos ta’e, abbaa qabeenyaa bakka sanatti invastimentii babal’isuuf hojjetu fayyaduu akka qabu qaamni wallaale jira jedhee hin yaadu. Adeemsa hojii kana keessattis rakkoon gama lamaaniinuu uumamuu danda’a. Rakkoowwan uumaman kamiinuu furuudhaaf ammoo adeemsa seera qabeessa ta’eef balaa kamiifiyyuu nu hin saaxille hordofuunis barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf sababa warqii Laga Dambiitiif jecha lammileen lubbuu isaanii dhabuus dhageenyee jirra. Kun immoo tasa ta’uun irra hin jiraatu. Waanuma salphaatti mootummaa wajjin mari’atanii furuun danda’amu furuun osoo nurra jiruu karaa badiisaa filannee lubbuu namaa qaalii ta’e dhabuun nurra hin jiraatu. Akkuman armaan olitti jiedhe, hawaasni biyya guddachaa keessa jirus ta’e biyyoota guddatan keessa jiran yoomillee taanaan gaaffii ykn komii hin dhaban. Garuummoo gaaffiin ka’uu qabu karaa seera qabeessa ta’ee fi dimokiraasummaa isaa eeggate ta’uu qaba. Kanarraa kan hafe gaaffiiwwan ka’an hundinuu adeemsa humnaan wal-make yookaan dhiibbaa biraa kan geessisu yoo ta’e, nagaa fi tasgabbii biyya kanaa waan booressuuf qaamni komii qabu hundinuu hanga waajjira Muummee Ministeeraatti deemee gaafachuu qaba. Caasaan sirna bulchiinsa biyya kanaas gaaffii barbaadnu gaafachuu dhaafis mijataa waan ta’eef karaa bakka bu’ootaa, karaa abbootii gadaa, karaa jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaa jeequmsaa fi badii tokko malee gaaffii fi komee qabnu dhiyeeffachuu osoo qabnuu sana hordofuu yoo dhiifne akka tasaa gaaffii xiqqoof deebii argachuuf jecha badii gaaffii sana caaluuf akka hin saaxilamne of eeggachuun barbaachisaadha. Qaamoleen tokko tokko rakkoo sasalphaa fuuchuudhaan akka ajandaatti fayyadamuun guutummaan biyya kanaa nageenya dhabuufis kan hojjetan jiraachuun isaanii beekamaa dha. Akkuma beekamu biyyi keenya Itiyoophiyaan rakkoo nageenyaa ishee mudateef to’annoo mootummoolee naannoo ol-waan ta’eef Labsiin Yeroo muddamaa labsamee tureera. Labsiin kunis qaama Komaandi Poostii jedhamuun kan hogganamu ta’uun isaas beekamaa dha. Komaandi Poostiin kunis sababaaf madda rakkoo qoratee furmaata itti kennuuf kan bobba’e waan ta’eef qaama kanaa wajjin hojjechuun hanga nageenyi keenya guutummaatti mirkanaa’utti waan nurraa eegamu ba’achuutu nurra jiraata. Rakkoon Naannoo Moyaaleetti Lammilee Booranaa fi Garriitti uumame rakkoo wal-xaxaa fi dafamee hin furamne kan taasise keessaa tokko madda rakkoo dafanii beeksisuu dhiisuuu fi furmaata isaaf hojjechuu dhiisuu ture. Lammileen biyya kanaa hedduun isaanii irra jireessaan waggoota dheeraaf kan walii wajjin jiraachaa turaniif sababni walitti isaan buusu kamillee kan hin jirre ta’uu isaa beekuunis barbaachisaa dha. Haa ta’uyyuu malee darbee darbees rakkoowwan xixiqqoo irraan kan ka’e walitti bu’iinsi uumamuun isaas dhugaa jiruu dha. Rakkoowwan ka’an kanneenis akkaataa baramaa ta’een mala aadaatiin furuun kan danda’amuu dha. Mootummaanis akka qaama biyya kana geggeessuutti, nageenya biyya kanaa eegsisuuf jecha itti gaafatamummaa fudhatee hojjechuun waan irraa eegamuuf ammas cimsee hojjechaa jira. Fakkeenyaaf rakkoo walitti bu’iinsa Uummata Gujii fi Geedootti Uumamee ture tasgabbeessuuf hojii gaarii hojii hojjetameen naannoon sun tasga’abbaa’ee jira jechuun ni danda’ama. Akkasumas Lammileen Mootummaa Naannoo Beenishaangul-Gumuz irraa buqqa’anis deebi’anii akka qe’ee isaaniitti galaniif mootummaan hojjechaa jira. Walumaa galatti Kanaan booda rakkoo nageenyaa darbanii darbanii mul’ataniif mootummaan guutummaan guutuutti nageenya tasgabbeessuuf akkasumas ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf cimee hojjechaa jira. Adeemsi seeraan alaa kamiyyuu fudhatama kan hin qabneef nageenya biyya kanaa irratti miidhaa hanga geessisutti tarkaanfiin sirreeffamaa mootummaadhaan fudhatamuutu irra jiraata. Mootummaan rakkoolee nageenyaa iddoo tokko tokkotti darbanii darbanii mul’atan tasgabbeessuuf akkaataa qajeelfamoota LYM irratti kaa’ameetti hanga nageenyi mirkanaa’utti hojii irra oolchuuf waan dirqamuuf of-eeggannee biyya kanas eeguutu nurraa barbaachisa. Adeemsa Nagaa eegsisuu keessattis rakkoon qaama nageenya eegsisu keessumaa karaa Komaandi poostii kan lammilee irratti uumamu yoo ta’e, qaamni to’atee seeratti dhiyeessu waan jiruuf, qaamolee maqaa mootummaan badii raawwatan kamiiniyyuu taanaan mootummaaf eeruudhaan seeratti dhiyeessuun ni danda’ama. Xumura irratti, guddina biyya kanaa dhugaa taasisuudhaaf ga’een nageenyaa ol’aanaa waan ta’eef dursinee nageenya keenyaa fi kan biyya keenyaa eegsisuun barbaachisaa dha.