Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Tarkaanfilee Mootummaa fi Kallattiiwwan fuula duraa…

0 528

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Tarkaanfilee Mootummaa fi Kallattiiwwan fuula duraa…

Tokkummaa Biyyaa tiin
Mootummaan Itiyoophiyaa erga kabajamoo Muummeen Ministeeraa Dr.Abiy filatamanii
asitti tarkaanfiiwwan baay’ee ciccimoo fi akka biyyaatti abdii namatti horan fudhachaa
jira.
Biyya kana keessatti erguma sirna bulchiinsa Dimokiraasii Ammayyaawaa ta’e hordofuu
eegalleeyyuu rakkoowwan sirrachuu qaban hedduutu jira. Isaan keessaa rakkoon
bulchiinsa gaarii fi aangoo akka qabeenyaatti ilaaluu rakkoo hundee gadi fageeffatanii
wagga dheeraaf uummata biyya kanaa dararaa turanii dha.
Rakkoowwan bulchiinsa gaarii yoo ilaalle, lammilee biyya kanaa akkaataa ulaagaa
barbaachisuun fayyaduun osoo nurra jiraatuu, maal na dhibdee dhaan waan nurraa
eegamu osoo dirqama isaa hin ba’atin hafuu dha. Barteewwan akkanaa kunneen
ammoo haala Addunyaan amma keessa jirtuu wajjin waan hin deemneef lammilee biyya
kanaas hedduu mufachiisee jira.
Kanumarraa ka’uun hojiin idilee lammilee biyya kanaa keessumaa dargaggoot biyya
kanaa hojimaata badaa akkasii kana mormuuf daandiitti achi ba’an, mormii isaaniis
dhageessifachuu eegalan. Kanumaan wal-qabatee miidhaa hedduun biyya kanarra
ga’eera, qabeenyi barbadaa’ee akkasumas lubbuu qaaliin namaa darbee jira.
Gochaawwan akkasii kun kan dhalachuu danda’aniif sababa sabaa fi sab-lammootni
biyya kanaa Mootummaa amma biyya geggeessaa jiru kana jibbaniif osoo hin taane,
hojimaatni badan gubbaa hanga goodaatti waan lafa qabateef dha.
Mootummaan ADWUI akka qaama biyya kana bulchuutti, poolisiin inni ittiin biyya kana
geggeessaa jiru, poolisii fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf qophaa’e malee,
kan nama dhuunfaa ykn abbaa aangoo fayyaduuf qophaa’e ta’ullee namootni dhuunfaan
aangoo isaanitti fayyadamuun faayidaa dhuunfaa isaanii tarkaanfachiisan ammoo hin
jiran jechuu nu hin dandeessisu. Sababnisaa yeroo baay’ee komii hawaasaaf sababa
kan ta’aa jiru rakkoo nama dhuunfaa waan ta’eef.
Rakkoo bal’aan hawaasni yeroo gara garaatti kaasaa jiru keessaa inni saalfachiisaan,
rakkoo malaammaltummaati. Malaammaltummaan kun yeroo baay’ee kan raawwatu
qaamuma caasaa mootummaa keessaa taa’ee imaanaa uummatni isatti kennate
faayidaa dhaan jijjiiruu dha.
Waa’ee malaammaltummaa yeroo kaafnu, gocha badaa guddina biyya kanaa gadi
quucarsaa jiruufi madda rakkoowwan baay’ee kanneen biroo uummatni kaasuu ti.
Fakkeenyaaf uummatni waa’ee bishaan qulqulluu kan komatu yoo ta’e, akka
Mootummaatti karoorri bishaan qulqulluu waliin ga’uuf karoorfame yoo jiraatellee,
baajatni dhimma kanaaf ba’u garuu karaa malaammaltummaatiin nyaatamee waan
dhumuuf rakkoo bulchiinsaa irra darbee miidhaa lubbuu namaa irraan hanga
geessisuuttillee kan deemuu dha. Kanuma osoo beekuuti egaa abbaan garaa garaa isaa
bira darbee hawaasa irraan miidhaa kan geessisu.
Akkuman armaan olitti kaasuuf yaale, rakkoo hoji maata badaatiif sababa kan ta’u tokko
araada malaammaltummaa jalatti kufuu irraan kan ka’eedha. Namni malaammaltummaa
bare tokko qajeeltoodhaan tajaajila hawaasaaf kennuu qabu tokko, hanga waa argatutti
kennuu hin jaalatu, haalli akkasii kun ammoo amantaa hawaasni mootummaa irraa qabu
hir’isaa deema.
Amantaan hawaasni mootummaa irraa qabu yoo hir’ate ammoo, abdii kutannaatu dhufa,
abdii kutannoon dhufnaan ammoo waa’ee nageenyaa yaaduun hin jiru, Nageenyi hin jiru
taanaan waa’ee misoomaa yaaduun hin jiru.

Mee ilaalaa egaa sababa nama tokkittiitiin rakkoon hagana hin jedhamne biyyatti dhufa
jechuu dha. Keessumaa nuti akka biyyaatti rakkoo nageenyaa keessa turre waan ta’eef
maalummaan nageenyaa waan nuuf gale natti fakkaata.
Sababa nageenya dhabuutiin rakkoo hedduun nu mudateera. Sochiin misoomaa biyya
kana keessa ture baay’ee laafee ture. Hojiiwwan bu’uura misoomaa biyya kana keessatti
haalaan deemaa turan sababa nageenya dhabuutiin duddaduubatti waan hafaniif
faayidaan lammileen keenya bu’uuraalee misoomaa irraa argatanis lafarra harkifatee
jira.
Kanumarraa ka’uun akkaataadhuma waadaa uummata biyya kanaatiif galameetiin
tarkaanfileen sirreeffamaa yeroo ammaa kabajamoo MM keenya Dr.Abiy Ahmed
fudhatamaa jiran, rakkoowwan an armaan olitti tarreesse hundeen furuudhaaf jedhamee
wantootni eegalaman jiru.
Tarkaanfilee sirreeffamaa fudhatamaa jiran keessaa inni tokko, namoota Kanaan dura
yeroo dheeraadhaaf aangoon biyya kanaa harka isaanii ture bifa sooramaatiin aangoo
akka gadi dhiisan gochuun hojii abdii namaaf kennuu dha. Akkuman sila jedhe rakkoon
biyya keenya baruma ammayyoofte kana keessayyuu aangoo akka dhaalaatti
ilaaluudhaan ykn ammoo akka faayidaa dhuunfaatti ilaaluun ammallee waan bade miti.

Hojimaatni akkasii kun ammoo hagas mara bulchiinsa abbaa irrummaa wajjin waan wal-
nu jalaa fakkeessuuf sirrachuutu irra jira jedhamee hojiitti seenamee jira. Kanumarraa

ka’uun dhiyeenya kana namootni bara qabsootii eegalanii hanga yoonaatti teessuma
guutanii taa’an namoota biraan akka bakka bu’an taasifamee jira.
Kunis kan ta’eef dhimmichi dhimma aangoo irraa wal ariyuu osoo hin taane, dhimma
hojimaata ammayyaawaa diriirsuu fi tajaajila fooyya’aa ta’e kennuuti. Barteewwan
Kanaan dura turan hagas mara waan hin fayyadneef, hoji maata haaraa fi
ammayyaawaa ta’e hordofuun dhimma gaaffii keessa nu galchu ta’uu hin qabu.
Ramaddiin hojii Waajjira Mootummaa keessaa Kanaan booda, dhimma kootaa( quota)
irratti hundaa’u osoo hin taane, dandeettii fi muuxannoo irratti kan hundaa’u qofaa ta’uu
qaba. Dhimmi kootaadhaan qoqqoodatanii biyya bulchuu kaanaan guddinni eegalle
karaatti nu jalaa hafuun isaa waan hin oolleef, namni dorgomaa ta’e qofti biyya kana
akka geggeessu gochuun filannoo keessa seenuu hin qabu.
Kun Kanaan ta’ee osoo jiruu, tarkaanfii gaariin mootummaan fudhachaa jiru keessaa
tokko waa’ee namoota dhuunfaa qabeenya mootummaa saamanii Baankii biyyoota alaa
keessa tuullatanii jiranii ti. Innis qaamota qabeenya hawaasaa fi mootummaa saamanii
baankii biyyoota alaa tuullatan irratti qorannoo jabaan eegalamuu isaa dhaga’aa jirra.
Kana booda egaa qabeenya hawaasaa saamuurratti warreen bobba’anii jiranitti aduun
akka dhiite beekuun barbaachisaa dha.
Rakkoon kiraa sassaabdummaa hundee isaa gadi fageeffatee hawaasa biyya kanaa
dararaa ture kun kana booda bakka waan hin qabaatneef xiyyeeffannoon lammilee biyya
kanaas isaan hojii badaa akkasii hojjetan irratti ta’uu qaba.
Walumaa galatti yeroon nu fuuldura jira abdii guddaa kan qabuuf lammilee biyya kana
keessatti dhugaadhaan hojjetanii jiraachuu barbaadaniifis ifaa ta’uu isaa hubanna.
Xumura irrattis tarkaanfii mootummaan amma fudhachaa jiru kana dhugoomsuuf
hirmaannaan hunda keenyaa barbaachisaa waan ta’eef, bakka hojimaata badaa arginu
kamittiyyuu deggeraa hojimaata badaa Sanaa osoo hin ta’in, qaama dhimmi isaa
ilaallatutti eeruu kennuu dhaan waliin biyya kana haa jijjiirruun dhaamsa kooti.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy