AFAAN OROMOO

Tarkaanfilee Mootummaa fi Kallattiiwwan fuula duraa…

By Admin

May 28, 2018

Tarkaanfilee Mootummaa fi Kallattiiwwan fuula duraa…

Tokkummaa Biyyaa tiin Mootummaan Itiyoophiyaa erga kabajamoo Muummeen Ministeeraa Dr.Abiy filatamanii asitti tarkaanfiiwwan baay’ee ciccimoo fi akka biyyaatti abdii namatti horan fudhachaa jira. Biyya kana keessatti erguma sirna bulchiinsa Dimokiraasii Ammayyaawaa ta’e hordofuu eegalleeyyuu rakkoowwan sirrachuu qaban hedduutu jira. Isaan keessaa rakkoon bulchiinsa gaarii fi aangoo akka qabeenyaatti ilaaluu rakkoo hundee gadi fageeffatanii wagga dheeraaf uummata biyya kanaa dararaa turanii dha. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii yoo ilaalle, lammilee biyya kanaa akkaataa ulaagaa barbaachisuun fayyaduun osoo nurra jiraatuu, maal na dhibdee dhaan waan nurraa eegamu osoo dirqama isaa hin ba’atin hafuu dha. Barteewwan akkanaa kunneen ammoo haala Addunyaan amma keessa jirtuu wajjin waan hin deemneef lammilee biyya kanaas hedduu mufachiisee jira. Kanumarraa ka’uun hojiin idilee lammilee biyya kanaa keessumaa dargaggoot biyya kanaa hojimaata badaa akkasii kana mormuuf daandiitti achi ba’an, mormii isaaniis dhageessifachuu eegalan. Kanumaan wal-qabatee miidhaa hedduun biyya kanarra ga’eera, qabeenyi barbadaa’ee akkasumas lubbuu qaaliin namaa darbee jira. Gochaawwan akkasii kun kan dhalachuu danda’aniif sababa sabaa fi sab-lammootni biyya kanaa Mootummaa amma biyya geggeessaa jiru kana jibbaniif osoo hin taane, hojimaatni badan gubbaa hanga goodaatti waan lafa qabateef dha. Mootummaan ADWUI akka qaama biyya kana bulchuutti, poolisiin inni ittiin biyya kana geggeessaa jiru, poolisii fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf qophaa’e malee, kan nama dhuunfaa ykn abbaa aangoo fayyaduuf qophaa’e ta’ullee namootni dhuunfaan aangoo isaanitti fayyadamuun faayidaa dhuunfaa isaanii tarkaanfachiisan ammoo hin jiran jechuu nu hin dandeessisu. Sababnisaa yeroo baay’ee komii hawaasaaf sababa kan ta’aa jiru rakkoo nama dhuunfaa waan ta’eef. Rakkoo bal’aan hawaasni yeroo gara garaatti kaasaa jiru keessaa inni saalfachiisaan, rakkoo malaammaltummaati. Malaammaltummaan kun yeroo baay’ee kan raawwatu qaamuma caasaa mootummaa keessaa taa’ee imaanaa uummatni isatti kennate faayidaa dhaan jijjiiruu dha. Waa’ee malaammaltummaa yeroo kaafnu, gocha badaa guddina biyya kanaa gadi quucarsaa jiruufi madda rakkoowwan baay’ee kanneen biroo uummatni kaasuu ti. Fakkeenyaaf uummatni waa’ee bishaan qulqulluu kan komatu yoo ta’e, akka Mootummaatti karoorri bishaan qulqulluu waliin ga’uuf karoorfame yoo jiraatellee, baajatni dhimma kanaaf ba’u garuu karaa malaammaltummaatiin nyaatamee waan dhumuuf rakkoo bulchiinsaa irra darbee miidhaa lubbuu namaa irraan hanga geessisuuttillee kan deemuu dha. Kanuma osoo beekuuti egaa abbaan garaa garaa isaa bira darbee hawaasa irraan miidhaa kan geessisu. Akkuman armaan olitti kaasuuf yaale, rakkoo hoji maata badaatiif sababa kan ta’u tokko araada malaammaltummaa jalatti kufuu irraan kan ka’eedha. Namni malaammaltummaa bare tokko qajeeltoodhaan tajaajila hawaasaaf kennuu qabu tokko, hanga waa argatutti kennuu hin jaalatu, haalli akkasii kun ammoo amantaa hawaasni mootummaa irraa qabu hir’isaa deema. Amantaan hawaasni mootummaa irraa qabu yoo hir’ate ammoo, abdii kutannaatu dhufa, abdii kutannoon dhufnaan ammoo waa’ee nageenyaa yaaduun hin jiru, Nageenyi hin jiru taanaan waa’ee misoomaa yaaduun hin jiru.

Mee ilaalaa egaa sababa nama tokkittiitiin rakkoon hagana hin jedhamne biyyatti dhufa jechuu dha. Keessumaa nuti akka biyyaatti rakkoo nageenyaa keessa turre waan ta’eef maalummaan nageenyaa waan nuuf gale natti fakkaata. Sababa nageenya dhabuutiin rakkoo hedduun nu mudateera. Sochiin misoomaa biyya kana keessa ture baay’ee laafee ture. Hojiiwwan bu’uura misoomaa biyya kana keessatti haalaan deemaa turan sababa nageenya dhabuutiin duddaduubatti waan hafaniif faayidaan lammileen keenya bu’uuraalee misoomaa irraa argatanis lafarra harkifatee jira. Kanumarraa ka’uun akkaataadhuma waadaa uummata biyya kanaatiif galameetiin tarkaanfileen sirreeffamaa yeroo ammaa kabajamoo MM keenya Dr.Abiy Ahmed fudhatamaa jiran, rakkoowwan an armaan olitti tarreesse hundeen furuudhaaf jedhamee wantootni eegalaman jiru. Tarkaanfilee sirreeffamaa fudhatamaa jiran keessaa inni tokko, namoota Kanaan dura yeroo dheeraadhaaf aangoon biyya kanaa harka isaanii ture bifa sooramaatiin aangoo akka gadi dhiisan gochuun hojii abdii namaaf kennuu dha. Akkuman sila jedhe rakkoon biyya keenya baruma ammayyoofte kana keessayyuu aangoo akka dhaalaatti ilaaluudhaan ykn ammoo akka faayidaa dhuunfaatti ilaaluun ammallee waan bade miti.

Hojimaatni akkasii kun ammoo hagas mara bulchiinsa abbaa irrummaa wajjin waan wal- nu jalaa fakkeessuuf sirrachuutu irra jira jedhamee hojiitti seenamee jira. Kanumarraa

ka’uun dhiyeenya kana namootni bara qabsootii eegalanii hanga yoonaatti teessuma guutanii taa’an namoota biraan akka bakka bu’an taasifamee jira. Kunis kan ta’eef dhimmichi dhimma aangoo irraa wal ariyuu osoo hin taane, dhimma hojimaata ammayyaawaa diriirsuu fi tajaajila fooyya’aa ta’e kennuuti. Barteewwan Kanaan dura turan hagas mara waan hin fayyadneef, hoji maata haaraa fi ammayyaawaa ta’e hordofuun dhimma gaaffii keessa nu galchu ta’uu hin qabu. Ramaddiin hojii Waajjira Mootummaa keessaa Kanaan booda, dhimma kootaa( quota) irratti hundaa’u osoo hin taane, dandeettii fi muuxannoo irratti kan hundaa’u qofaa ta’uu qaba. Dhimmi kootaadhaan qoqqoodatanii biyya bulchuu kaanaan guddinni eegalle karaatti nu jalaa hafuun isaa waan hin oolleef, namni dorgomaa ta’e qofti biyya kana akka geggeessu gochuun filannoo keessa seenuu hin qabu. Kun Kanaan ta’ee osoo jiruu, tarkaanfii gaariin mootummaan fudhachaa jiru keessaa tokko waa’ee namoota dhuunfaa qabeenya mootummaa saamanii Baankii biyyoota alaa keessa tuullatanii jiranii ti. Innis qaamota qabeenya hawaasaa fi mootummaa saamanii baankii biyyoota alaa tuullatan irratti qorannoo jabaan eegalamuu isaa dhaga’aa jirra. Kana booda egaa qabeenya hawaasaa saamuurratti warreen bobba’anii jiranitti aduun akka dhiite beekuun barbaachisaa dha. Rakkoon kiraa sassaabdummaa hundee isaa gadi fageeffatee hawaasa biyya kanaa dararaa ture kun kana booda bakka waan hin qabaatneef xiyyeeffannoon lammilee biyya kanaas isaan hojii badaa akkasii hojjetan irratti ta’uu qaba. Walumaa galatti yeroon nu fuuldura jira abdii guddaa kan qabuuf lammilee biyya kana keessatti dhugaadhaan hojjetanii jiraachuu barbaadaniifis ifaa ta’uu isaa hubanna. Xumura irrattis tarkaanfii mootummaan amma fudhachaa jiru kana dhugoomsuuf hirmaannaan hunda keenyaa barbaachisaa waan ta’eef, bakka hojimaata badaa arginu kamittiyyuu deggeraa hojimaata badaa Sanaa osoo hin ta’in, qaama dhimmi isaa ilaallatutti eeruu kennuu dhaan waliin biyya kana haa jijjiirruun dhaamsa kooti.