AFAAN OROMOO

Waliigalaan Alaa Galaa

By Admin

May 03, 2018

Waliigalaan Alaa Galaa

Lammii Waaqee

Qabsoon ummataa waggootii lamaan darban keessa adeemsifame firii busaa jiraa. Qabsoo ummataa kan kaasee midhaa mootummaa ture. Qaamooleen mootummaa, fedaraalawaarra hamma ganada argaman, kaayyoon isaanii ummata tajaajiluu ta’uun isaan hafee, feedhee hoggantootaa fi ogeessoota guttachuu ta’eet ture. Gubboo keennuun wanta hicciitiin raawwatamu ta’uun isaa hafee, namoota dhimma ficciisiiftu jedhamaniin ifaatti kafalamaa ture. Manneen murtee, namoota maallaqa qabaniif murteen kan ittiin gurguraman ta’anii turan.

Laftii ummataa, namoonni xiqqoo battalumatti gara sadarkaa duroomatti kan ittiin ceehan; gar biraatiin qonnaan bultoonni heedduu kanuuma haarka irra qabanillee dhaban allayyaa hiyyuummaa keessa kan ittiin darbataman ta’e ture. Qonnaan bultoonni lafa isaani misoomaaf dabarsani akka keennan yammuu godhaman, jiruun ful’aa isaanii hinilaalamu. Qonnan bultoonni lafa umrii isaanii gutu mattii isaan waliin ittiin jiraatan yamuu jalaa fudhatamu, beenyaan isaaniif kafalamuu waggootii lamaan ool kan isaan jiraachisu dandahuu miti. Keessttu haalli Finfinnee fi magaaloota Oromiyaa naannoo Finfiinnee keessa raawwatame baay’ee sukkanneessaa ture.

Qonnaan bultoonni lafa isaanii abbootii qabeenyaaf keennanii, abbootiin qabeenya irra caalaan yammuu durooman, qonnaan bulaan abbaa lafa ture, maatii isaa waliin warra lafa isa irratti duroomaniif waardiyyaa fi hojjataa guyyaa ta’aa ture. Warrii haala kanaan lafa isaani dhaban ogummaa isaanii  battalumatti qonnaan bulaa irraa gara waardiyaatti jijjiiruuf dirqamanii turan.

Carraan hojii dinagdeen biyyatti argamssisu, lakkoofsa dargaggoota sababa haanqina lafaatiin gara magaalaati godaanani fi dargagoota magaala keessa barnoota isaanii sadarkaa gara garatiin xumuran hojii dhabeeyyii ta’an waliin kan walsimu waan hintaaneef, rakkoon dhabiinsa hojii magaaloota haammaate ture.

Waluuma galatti rakooleen dhabiinsa bulchinsa qajeelaa, dhabiinsa haqaa, saamiicha qabeenya ummataa, dhabiinsa qoqqooddi qabeenya madaalawaa fi kkf ummannii mootummaa irratti akka komii qabaatu taassiisee ture.

Komiin ummataa kun kufamee dandeetti ba’aa ummataa ol ta’ee moormii addababayiitiin ifaa bahee.  Waggootan lama dura qabsoon ummataa, irra caalaan dargaggoonni ittiin hirmaatan tasa kan dhoyee haala kanaan ture. Garuu, gareewwan tokko tokko qabsoo ummata kana fayidaa ofii isaaniif olchuuf midiyaa haawasaatiin dargaggoota gar malee kakkasaa gara jeequumasatti akka jijjiiramu godhuun isaanii dhugaa dhaa.

Qabsoon ummataa kun, mootummaan fi dhaabbanni biyyatti bulchaa jiru of isaanii gadii fageenyaan akka ilaalan dirqise jiraa. Yammuu of isaanii gadii fageenyaan ilaalan dhukkuubni isaani haamaa ta’u isaa hubatan. Gadii fageenyaan haarawuun akka isaaniif barabaachisuus hubatan. Haaroomsii gadii fageenyaa, tarkaanfileen siyaasaan akka fudhataman taassiise, sadarkaa abdachiisaa amma itti jiru nugahee jiraa. Firiin qabsoo ummataa haala abdachiisaa amma itti argamnu dhaa.

Abdiin kun ofii isaatiin bu’aa qabatamaa argamsisuu hindandahuu. Bu’aa qabatamaa argamsisuu akka dandahu, mootummaan kutannoo qabu kan barbaachiisuu ta’uun isaa akkuuma jiruu ta’e, gargaarsa ummataa fi haala mijaahaa nibarbaadaa.

Amma yeroo kamiyyuu caalaa mootummaa fi ummta gidduu riqiichi wal’aamntaan dirire jiraa. Wal’aamntaa kana kan umee abdii dhaa; abdii rakkoon dhabiinsa bulchinsa qajeelaa fi haqaa nisirraahaa, dirreen siyassaa haala hirmaachisaa ta’een nibal’ataa, mirgoonni namuummaa fi biliisummoonni akkaataa heerri mootummaa ajajutti nikabajamu, rakkoon dhabiinsa hojii nisalaphaahaa . . . jeedhuu.

Ummanni abdiiwwan kun haamma dandaahamuun akka milkaahan feedhaa. Kanaafuu, mootummaan haamma dandahuun feedhii ummata kana milkeessuuf tattaafachuun irraa eggamaa. Mootuummaan abdiiwwan kana milkeessuuf ummata irraa garagaarsa barabadaa. Nageenya amma jiruu fulla’aa ta’u isaa mirkaneessuu irratti ummanni akka isa gargaaru feedhaa.

Rakkooleen ummata komachiisan tokko tokko yeroo gabaabaa keessa haala qabatamaa ta’een foyyii agarsiisuu dandahuu. Fakkeenyaaf ummaanni tajaajila mootummaa qufsaa fi haqaa akka argatuu taassiisuun yeroo gabaabaa keessa milkaahuu dandahaa. Gara bitraatiin dimookraasii dagaagsuun wanta ji’oota muraasaa keessa milkaahuu dandahuu miti. Dimookraasii dagaagsuun qooda mootummaa qoofa miti. Partiileen siyaasaa moorkattoota, dhaabbiileen hawaasa, ummanni fi kkf dimookraasii dagaagsu keessa shoora ol’aanaa qabu. Kanaafuu, dimookrasii dagaagsuun qaamoota kanneen mara keessa jijjiirama ilaalcha fiduu barabaadaa.

Dimookraasiin akka dagaagu paartiileen siyaasaa galmi isaanii feedhii namoota isaan gurmeessani fi hoogganan gutachuu osoo hinta’ini, feedhii fi faayidaa; mirga fi biliisummaa ummata itiyoophiyaa mirkaneessu ta’u isaa hubachuu qabu. Adeemsi isaanii jibba qaama tokko irra qabaniin kan ofamu osoo hinta’ini, feedhii fi faayidaa; mirga fi bilisuuma ummata irratti kan hundaaye ta’u qabaa.  Rakkoo qaamoota kan biroo afraasuun xiyyeefannoo ummata argachuu irraa qusatanii, imaamaata ummataaf faayidaa busu dandahaa jeedhanii itti amanan beeksiisuu irratti fulleefachu qabu. Dhimoota ful’aa hintaanee fi miira kakkaasan holooluun bu’aa siyaasaa yeroo argachhuuf yaaluu irraa qusatanii, dhimmoota fula’aa fi bu’uura qaban irratti fulleefachu qabu. Wantoota kana raawwachuun qooda mootummaa miti; qooda paartiilee siyaasaa malee. Ummaniis partilee siyaasaa morkattoota haala kanaan madaalee deegaruu, sagalee isaatiin bakka busu qabaa. Egaa; wantoonni dimookraasii dagaagsuuf murteessaa ta’an kun yeroo gabaabaa keessa kan milkaahan miti. Yeroo fi tattafii qamoolee qooda fudhattoota mara barabaadaa.

Qoqqooddii qabeenya madaalawaa uumuun, rakkoo dhabiinsa hojii gutumaan guttuutti salphisisuun labsii basuun yeroo gabaabaa keessa kan milkaahuu miti. Rakkooleen kun imaamaata fi raawwii mootummaa irra qoofa kan maddan akka hintaanee hubatamu qabaa. Rakkooleen kun hiyyuummaa haamaa waggoota heedduuf biyyatti keesa ture irraa kan maddan ta’u isaanii hubachuun abshaalummaa dhaa. Hundee dheeraa rakkoolee kana buqqiisuun yeroo barabaadaa. Kanaffuu, obsuun barabaachisaa dhaa.

Abdiin wal’aamntaa mootummaa fi ummata gidduu bu’een hoore yeroo isaa eggatee akka milkaahu, dhimmoota armaan ol ibsaman irratti ummattoota gidduu, umataa fi paartiilee siyaasaa gidduu, paartiilee siyaasa gidduu, mootummaa fi paartilee siyaasaa gidduu waligalteen uumamu qabaa. Waligalteen kun, qaamoota feedhii isaanii guttachuuf jeeqa, walitti-bu’insa fi ugguurruu uumuuf tattaafatan fashaleessuu dandesisaa. Nageenyi amma argamee ful’aa ta’uu isaas mirkaneessaa.

Mootummaan abdii ummata keesa hoore milkeessuu kan dandahuu nageenya amma argamee fulleessuu irratti waligalteen yoo uumame qoofa. Waligalteen dhabame qaamoonni gara garaa kaayyoo ofii isaanii guttachhuf kan deeman yoota’e, jeequumsi fi walitti-bu’insii mudachuun isaa waan hinolle. Kun ammoo nageenya fulleesuun akka hindndaahamne taassiisaa. Nageenyi amma jiru fullaa’uu dhabnaan abdiin ummanni hoore akka duumeesa boonaa nibittinahaa. Kanaafuu; abdii amma hoore mlkeessuuf nageenya fulleessuu irratti walhagallu. Walii galaan alaa gala jeedhaa miti Oromoon.