Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

“Ammallee Nageenya!”

0 2,214

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

“Ammallee Nageenya!”

Hiikaa Margaatiin
Haala nageenyaa biyya keenyaa yeroo ammaa kan waggoottan lamaan darbanii wajjin
wal-bira qabnee yoo ilaalle, baay’ee fooyya’aa dha jechuu ni dandeenya. Sochiiwwan
hojii mootummaas haala gaariidhaan deemaa jira. Lammileen biyya kanaas tasgabbii
dhaan hojii idilee isaaniirratti bobbaba’anii jiru. –
Haa ta’uyyuu malee rakkoowwan iddoo tokko tokkotti darbanii darbanii ka’an akka waan
isaan Naannoo tokko ykn akka rakkoo biyyaatti kaafaman argaa jirra. Kun tasumaa ta’uu
kan hin qabneef rakkoon ka’u akka rakkoo walii galaatti fudhatamuunis irra hin jiraatu.
Qaamni hawaasakoofan qabsaa’a jedhu, hawaasa kan biraa miidhee kan biraammoo
nan fayyada jechuun faayidaa hin qabu. Fakkeenyaaf rakkoon naannoo Daangaa
Oromiyaa fi Mootummaa Naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa gidduutti uumamaa jiru,
qaama kamiifuu faayidaa waan hin qabneef badii kana dhaabbachiisuu qabna.
Walitti bu’iinsi Sabummaa giddu galeessa godhatu ykn hafuura Itiyoophiyummaa kan
faallessu waan ta’eef saba kamiinuu bakka bu’uu hin qabaatu. Haala amma deemaa
jirru kana keessatti miirri tokkummaa lammilee biyya kanaa diigamuu kan hin qabneef
nagaan amma argannee jirru kun itti fufiinsa qabaachuu qaba.
Nageenya jechuun bu’uura waan hundumaa ta’uu isaa yeroo gara garaa barreesseen
jira. Maalummaan nageenyaa kan inni nuuf galuu danda’u gaafa nageenya dhabnee
dha. Salphaadhumatti yoo ilaalle yoo mataan keenya xiqqoodhuma isheellee nu
dhukkube hamma,m akka jeeqamnu ilaaluun barbaachisaa dha. Nageenyi biyya
keenyaa kan jeeqamu yoo ta’e ammoo abdiin nuti biyya lafaa kana irra jiraachuuf qabnu
baay’ee laafaa dhufa. Nageenya keessa waan hedduu tu jira. Waa’ee nageenyaa yoo ni
barreessina jenne yeroonuu nu hin ga’u. Sababnisaa sansakkaanm jireenya keenyaa
nageenya irratti kan hundaa’ee dha. Nageenyi hin jiru taanaan bultiin namaa yaaddoon
kan guutamtuu dha.
Nageenyi mirkanoofnaan kanneen biroon akka faayidaa dabalataatti ilaalamuu qabu.
Namni fedhii isaa daangaa hij qabne biyya lafaa kanarratti guuttachuu dhaaf nageenyi
isaa mirkanaa’uu qaba. Erga nageenyi isaa mirkanaa’uu beekee booda fedhii addaaf
tattaafata. Sana ta’uu baannaan, dhimmi dhimmi jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan
ta’eef waa’een dhimmi wanta biro yaaduu hin yaadamu. Bineensi bosonaa illee osoo
waa’een biraa hin yaadin dursa nageenyi isaanii mirkanaa’aa ta’uu erga mirkaneeffatanii
booda waa’ee soorata isaanii yaaduu eegalu. Kana ta’uu baannaan haalli balaaf isaan
saaxilu yoo jiraate akkaataa dandeettii isaaniitiin n ageenya isaaniif jecha waan
danda’an hunda godhu. Dhalli namaa ammoo bineensa irra hedduu yaaduu waan
danda’uuf dhimmi nageenya isa biratti akka salphaatti waan ilaalamu mit.
Yeroo kana jennu haalonni gara garaa nageenya dhala namaa irraan dhiibbaa ga’uu ni
malu. Haalonni kunneen hundi akkaataa guddina fedhii keenyaa irratti kan hundaa’an
ta’uu kanaan dura illaallee jirra.
Egaa biyya keenya Itiphiyaa keessatti yeroo dhiyoo as waa’een nageenya keenyaa
xiqqoo yaaddessaa ta’aa dhufeera. Rakkoon nageenya keenyaa sababawwan gara
garaa kanneen akka bulchiinsa gaarii dhabuu, fi fedhii addaa garee biro ta’uun isaa
shakkii hin qabu.
Kanumarraa ka’uun yeroo ammaa kana rakkoowwan akka gareettis ta’e akka
dhuunfaatti mudatan irraa ka’uun hawaasa biyya keenyaa biraa gochaawwan gara
garaa akka duubdeebiitti kan raawwatamaa jiran jiru. Kanneen keessaa diddaa mana
keessa gadi ba’uu, lagannaa gabaa fi kanneen biroon keessa jiru. Haalli kun akkaataa
hawaasni gaaffiin isaa mootummaa biratti xiyyeeffannoo akka argatu gochuuf taasisuu
dha. Dimokiraasiin adeemsa kana nama daangessus hijn jiru. Mirga dhala namaaf
kennaman keessaa tokko namni waan barbaade deggeruu yookaan mormuu dha waan

ta’eef akka mootummaatti mirgi kun yeroo baay’ee yeroo dhiibamu hin arginu. Qaamni
mootummaa sababa namni dhuunfaa mana keessaa gadi ba’uu dideef nama adabu
bal’inaan hin mul’atu. Maaliif mana daldala kee banuu didde jedhamees namni seeratti
dhiyaatu badaa hin mul’atu.
Garuummoo adeemsa kana keessatti miidhamaan eenyu jennee yoo ilaalle, irra
jireessaan kan miidhamu uummatuma mataa isaati. Sababnisaa gochaan mootummaa
irraan miidhaa geessisuuf yaadamu kamiyyuu kallattii dhaan hawaasa naannoo kan
miidhuu dha malee, qaama mootummaa waan miidhu hin qabu.
Mee qamara diddaawwan kanaa akkaataa itti yaadamee qindaa’e haa ilaallu, innis
jalqaba irratti sochii daldalaa dhaabuun galii (gibira)m mootummaa irratti dhiibbaa
uumuun akka mootummaan laafu gochuuf kan yaadamee dha. Kun ammoo herrega
kamiinuu mootummaa akkamiin miidhuu danda’a? Mootummaan galii gibiraa argatu
deebisee misoomaaf akka oolchu dagachuu hin qabnu. Mootummaa galiin isaa xiqqaa
ta’e uumuu jechuun hawaasa jireenyi isaa fooyya’aa hin taane oomishuu wajjin tokko
dha. Sababnisaa Mootummaa misoomawwan bu’uuraalee babal’isuuf maddi galii isaa
uummata waan ta’eef. Itti dabalees jalqabumti walitti bu;iinsa biyya keenya keessatti
uumamaa jiruuyyuu misoomawwan bu’uuraa, rakkoo hoji-dhabdummaa fi kkf ta’uun isaa
beekamaa dha. Rakkoowwan kanneeniif hojjennee furmaata argamsiisuu irra rakkoo
sana daran bal’isuun maaqii rakkinaa daran hammaataa keessatti yoo nu kuffisee achi
furmaata fida jedhanii yaaduun haala Addunyaan yeroo ammaa kana keessa jirtuu wajjin
wal-hin madaalu. Yoo cimnee hojjenne rakkoof furmaata taana malee hojii danquu
dhaan misooma misooma is jennee halkaniif guyyaa gaafannu bira ga’uu hin
dandeenyu.
Misoomaa fi Nageenya adda baafnee ilaaluu hin dandeenyu. Mootummaan keessoon
isaanii nagaa hin qabne, misooma biyya tokkoo gara fuula duraatti adeemsisuun haa
hafuutii, isa jiruyyuu diigumsa irraa baraaruun hin danda’amu. Kanammoo yeroo gara
garaa akka Miidiyaa irraa argaa jirru biyyoota nageenyi isaanii yeroo ammaa kana
yaaddessaa ta’an irraa ilaaluun, rakkoon kun akka nutti hin dhufneef jabaannee
hojjechuu qabna.
Biyyootni akka Sooriyaa, Yemen, Filisxeem, Sudaan kibbaa haalli nageenya isaanii
baay’ee rakkoo keessa jiru arguu caalaayyuu kanneen Itiyoophiyaatti baqatanii jiran nuuf
raga guddaa dha. Biyyoottan kun haalli nageenya isaanii hammaataa ta’uu isaarraan
kan ka’e kufaatii hedduun isaan mudateera. Uummatni miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee
isaanii irraa buqqa’uun jireenya isaaniif hin malle jiraachaa jiru, haadholii hedduun
daa’imman isaaniirraa ajjeefamaniiru, daa’imman egeree biyyaa karaatti du’aan citaniiru.
Qabeenyi biyyootni kunneen waggoota hedduu dhaaf itti dadhabanii kuufatan sababa
waraanaatiin diigamee dhumaa jira.
Biyyi keenya Itiyoophiyaan ammoo nageenyi hin jiru taanaan hanguma biyyoota
kanneeniillee dandamachuu hin dandeessu. Sababnisaa irra jireessi lammilee biyya
keenyaa lammilee sarara hiyyummaa gadi jiraatan waan ta’eef sababa nagaa dhabuun
yoo rakkoon mudate, salphaatti diigamuuf saaxilamuu dandeenya. Kanaaf nuuf dhimmi
nageenyaa filannoo osoo hin taane, dhimmi jiraachuu ykn jiraachuu dhabuu ta’uu isaa
jala sararree beekuutu nurra jiraata.
Walumaa galatti dubbiin nageenyaa akka amma teenyee salphaatti ilaallu osoo hin
taane, gaafa rakkoo nageenyaaf saaxilamne kan baramu ta’uu mala. Kanaafis
gaaffiiwwan dimokiraasii qabnu karaa seera qabeessa ta’e gaafachuun rakkoowwan
mudataniif furmaata barbaaduu caalaa wanti salphaan hin jiru. Kanarraa kan hafe gaafii
keenya sirrii ta’e haala qindaa’aa fi karaa nagaa dhiyeeffachuu dhiifnee karaa heeraa fi
seera biyya kanaa irraan dhiibbaa geessisu yoo fayyadamne, bu’aa argannu caalaa
miidhaa isaatu madaala.
Kanaaf, mootummaan akka mootummaatti gaaffii hawaasni kaasu tokkoon isaa osoo
bira hin darbin deebisaa jiraachuun isaa akkuma jirutti ta’ee, gaaffileen kanneen deebii

barbaadan hedduun isaanii jiraachuu malu. Gaaffilee kanneen gaafachuuf ammallee
yeroon isaa hin darbine, gaafachuuf mirga guutuu qabna, mootummaanis deebisuuf
dirqamatu irra jira. Garuu akkaataa gaaffiin keenya itti dhiyaatu haala salphaa ta’eef
miidhaa hin geessifne ta’uutu irra jiraata. Gaaffileen jiran kan lammii tokkoo qofa osoo
hin taane akka biyyaattis ta’uu waan maluuf, gaaffileen keenya kallattii isaanii jijjiirratanii
miidhaa akka hin geessifne mirkaneeffachuutu nurra jiraata.
Xumura irratti wanti ani dhaamuu barbaadu, guddina ariifachiisaa amma eegallee jiiru
kana itti fufsiisuuf, nageenya keenyaaf lammiin biyya kanaa waardiyyummaa
dhaabbachuu qaba. Yoos fiixa baana, rakkoon keenyas furmaata waarawaa argata.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy