“Ammallee Nageenya!”
Hiikaa Margaatiin Haala nageenyaa biyya keenyaa yeroo ammaa kan waggoottan lamaan darbanii wajjin wal-bira qabnee yoo ilaalle, baay’ee fooyya’aa dha jechuu ni dandeenya. Sochiiwwan hojii mootummaas haala gaariidhaan deemaa jira. Lammileen biyya kanaas tasgabbii dhaan hojii idilee isaaniirratti bobbaba’anii jiru. – Haa ta’uyyuu malee rakkoowwan iddoo tokko tokkotti darbanii darbanii ka’an akka waan isaan Naannoo tokko ykn akka rakkoo biyyaatti kaafaman argaa jirra. Kun tasumaa ta’uu kan hin qabneef rakkoon ka’u akka rakkoo walii galaatti fudhatamuunis irra hin jiraatu. Qaamni hawaasakoofan qabsaa’a jedhu, hawaasa kan biraa miidhee kan biraammoo nan fayyada jechuun faayidaa hin qabu. Fakkeenyaaf rakkoon naannoo Daangaa Oromiyaa fi Mootummaa Naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa gidduutti uumamaa jiru, qaama kamiifuu faayidaa waan hin qabneef badii kana dhaabbachiisuu qabna. Walitti bu’iinsi Sabummaa giddu galeessa godhatu ykn hafuura Itiyoophiyummaa kan faallessu waan ta’eef saba kamiinuu bakka bu’uu hin qabaatu. Haala amma deemaa jirru kana keessatti miirri tokkummaa lammilee biyya kanaa diigamuu kan hin qabneef nagaan amma argannee jirru kun itti fufiinsa qabaachuu qaba. Nageenya jechuun bu’uura waan hundumaa ta’uu isaa yeroo gara garaa barreesseen jira. Maalummaan nageenyaa kan inni nuuf galuu danda’u gaafa nageenya dhabnee dha. Salphaadhumatti yoo ilaalle yoo mataan keenya xiqqoodhuma isheellee nu dhukkube hamma,m akka jeeqamnu ilaaluun barbaachisaa dha. Nageenyi biyya keenyaa kan jeeqamu yoo ta’e ammoo abdiin nuti biyya lafaa kana irra jiraachuuf qabnu baay’ee laafaa dhufa. Nageenya keessa waan hedduu tu jira. Waa’ee nageenyaa yoo ni barreessina jenne yeroonuu nu hin ga’u. Sababnisaa sansakkaanm jireenya keenyaa nageenya irratti kan hundaa’ee dha. Nageenyi hin jiru taanaan bultiin namaa yaaddoon kan guutamtuu dha. Nageenyi mirkanoofnaan kanneen biroon akka faayidaa dabalataatti ilaalamuu qabu. Namni fedhii isaa daangaa hij qabne biyya lafaa kanarratti guuttachuu dhaaf nageenyi isaa mirkanaa’uu qaba. Erga nageenyi isaa mirkanaa’uu beekee booda fedhii addaaf tattaafata. Sana ta’uu baannaan, dhimmi dhimmi jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef waa’een dhimmi wanta biro yaaduu hin yaadamu. Bineensi bosonaa illee osoo waa’een biraa hin yaadin dursa nageenyi isaanii mirkanaa’aa ta’uu erga mirkaneeffatanii booda waa’ee soorata isaanii yaaduu eegalu. Kana ta’uu baannaan haalli balaaf isaan saaxilu yoo jiraate akkaataa dandeettii isaaniitiin n ageenya isaaniif jecha waan danda’an hunda godhu. Dhalli namaa ammoo bineensa irra hedduu yaaduu waan danda’uuf dhimmi nageenya isa biratti akka salphaatti waan ilaalamu mit. Yeroo kana jennu haalonni gara garaa nageenya dhala namaa irraan dhiibbaa ga’uu ni malu. Haalonni kunneen hundi akkaataa guddina fedhii keenyaa irratti kan hundaa’an ta’uu kanaan dura illaallee jirra. Egaa biyya keenya Itiphiyaa keessatti yeroo dhiyoo as waa’een nageenya keenyaa xiqqoo yaaddessaa ta’aa dhufeera. Rakkoon nageenya keenyaa sababawwan gara garaa kanneen akka bulchiinsa gaarii dhabuu, fi fedhii addaa garee biro ta’uun isaa shakkii hin qabu. Kanumarraa ka’uun yeroo ammaa kana rakkoowwan akka gareettis ta’e akka dhuunfaatti mudatan irraa ka’uun hawaasa biyya keenyaa biraa gochaawwan gara garaa akka duubdeebiitti kan raawwatamaa jiran jiru. Kanneen keessaa diddaa mana keessa gadi ba’uu, lagannaa gabaa fi kanneen biroon keessa jiru. Haalli kun akkaataa hawaasni gaaffiin isaa mootummaa biratti xiyyeeffannoo akka argatu gochuuf taasisuu dha. Dimokiraasiin adeemsa kana nama daangessus hijn jiru. Mirga dhala namaaf kennaman keessaa tokko namni waan barbaade deggeruu yookaan mormuu dha waan
ta’eef akka mootummaatti mirgi kun yeroo baay’ee yeroo dhiibamu hin arginu. Qaamni mootummaa sababa namni dhuunfaa mana keessaa gadi ba’uu dideef nama adabu bal’inaan hin mul’atu. Maaliif mana daldala kee banuu didde jedhamees namni seeratti dhiyaatu badaa hin mul’atu. Garuummoo adeemsa kana keessatti miidhamaan eenyu jennee yoo ilaalle, irra jireessaan kan miidhamu uummatuma mataa isaati. Sababnisaa gochaan mootummaa irraan miidhaa geessisuuf yaadamu kamiyyuu kallattii dhaan hawaasa naannoo kan miidhuu dha malee, qaama mootummaa waan miidhu hin qabu. Mee qamara diddaawwan kanaa akkaataa itti yaadamee qindaa’e haa ilaallu, innis jalqaba irratti sochii daldalaa dhaabuun galii (gibira)m mootummaa irratti dhiibbaa uumuun akka mootummaan laafu gochuuf kan yaadamee dha. Kun ammoo herrega kamiinuu mootummaa akkamiin miidhuu danda’a? Mootummaan galii gibiraa argatu deebisee misoomaaf akka oolchu dagachuu hin qabnu. Mootummaa galiin isaa xiqqaa ta’e uumuu jechuun hawaasa jireenyi isaa fooyya’aa hin taane oomishuu wajjin tokko dha. Sababnisaa Mootummaa misoomawwan bu’uuraalee babal’isuuf maddi galii isaa uummata waan ta’eef. Itti dabalees jalqabumti walitti bu;iinsa biyya keenya keessatti uumamaa jiruuyyuu misoomawwan bu’uuraa, rakkoo hoji-dhabdummaa fi kkf ta’uun isaa beekamaa dha. Rakkoowwan kanneeniif hojjennee furmaata argamsiisuu irra rakkoo sana daran bal’isuun maaqii rakkinaa daran hammaataa keessatti yoo nu kuffisee achi furmaata fida jedhanii yaaduun haala Addunyaan yeroo ammaa kana keessa jirtuu wajjin wal-hin madaalu. Yoo cimnee hojjenne rakkoof furmaata taana malee hojii danquu dhaan misooma misooma is jennee halkaniif guyyaa gaafannu bira ga’uu hin dandeenyu. Misoomaa fi Nageenya adda baafnee ilaaluu hin dandeenyu. Mootummaan keessoon isaanii nagaa hin qabne, misooma biyya tokkoo gara fuula duraatti adeemsisuun haa hafuutii, isa jiruyyuu diigumsa irraa baraaruun hin danda’amu. Kanammoo yeroo gara garaa akka Miidiyaa irraa argaa jirru biyyoota nageenyi isaanii yeroo ammaa kana yaaddessaa ta’an irraa ilaaluun, rakkoon kun akka nutti hin dhufneef jabaannee hojjechuu qabna. Biyyootni akka Sooriyaa, Yemen, Filisxeem, Sudaan kibbaa haalli nageenya isaanii baay’ee rakkoo keessa jiru arguu caalaayyuu kanneen Itiyoophiyaatti baqatanii jiran nuuf raga guddaa dha. Biyyoottan kun haalli nageenya isaanii hammaataa ta’uu isaarraan kan ka’e kufaatii hedduun isaan mudateera. Uummatni miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’uun jireenya isaaniif hin malle jiraachaa jiru, haadholii hedduun daa’imman isaaniirraa ajjeefamaniiru, daa’imman egeree biyyaa karaatti du’aan citaniiru. Qabeenyi biyyootni kunneen waggoota hedduu dhaaf itti dadhabanii kuufatan sababa waraanaatiin diigamee dhumaa jira. Biyyi keenya Itiyoophiyaan ammoo nageenyi hin jiru taanaan hanguma biyyoota kanneeniillee dandamachuu hin dandeessu. Sababnisaa irra jireessi lammilee biyya keenyaa lammilee sarara hiyyummaa gadi jiraatan waan ta’eef sababa nagaa dhabuun yoo rakkoon mudate, salphaatti diigamuuf saaxilamuu dandeenya. Kanaaf nuuf dhimmi nageenyaa filannoo osoo hin taane, dhimmi jiraachuu ykn jiraachuu dhabuu ta’uu isaa jala sararree beekuutu nurra jiraata. Walumaa galatti dubbiin nageenyaa akka amma teenyee salphaatti ilaallu osoo hin taane, gaafa rakkoo nageenyaaf saaxilamne kan baramu ta’uu mala. Kanaafis gaaffiiwwan dimokiraasii qabnu karaa seera qabeessa ta’e gaafachuun rakkoowwan mudataniif furmaata barbaaduu caalaa wanti salphaan hin jiru. Kanarraa kan hafe gaafii keenya sirrii ta’e haala qindaa’aa fi karaa nagaa dhiyeeffachuu dhiifnee karaa heeraa fi seera biyya kanaa irraan dhiibbaa geessisu yoo fayyadamne, bu’aa argannu caalaa miidhaa isaatu madaala. Kanaaf, mootummaan akka mootummaatti gaaffii hawaasni kaasu tokkoon isaa osoo bira hin darbin deebisaa jiraachuun isaa akkuma jirutti ta’ee, gaaffileen kanneen deebii
barbaadan hedduun isaanii jiraachuu malu. Gaaffilee kanneen gaafachuuf ammallee yeroon isaa hin darbine, gaafachuuf mirga guutuu qabna, mootummaanis deebisuuf dirqamatu irra jira. Garuu akkaataa gaaffiin keenya itti dhiyaatu haala salphaa ta’eef miidhaa hin geessifne ta’uutu irra jiraata. Gaaffileen jiran kan lammii tokkoo qofa osoo hin taane akka biyyaattis ta’uu waan maluuf, gaaffileen keenya kallattii isaanii jijjiirratanii miidhaa akka hin geessifne mirkaneeffachuutu nurra jiraata. Xumura irratti wanti ani dhaamuu barbaadu, guddina ariifachiisaa amma eegallee jiiru kana itti fufsiisuuf, nageenya keenyaaf lammiin biyya kanaa waardiyyummaa dhaabbachuu qaba. Yoos fiixa baana, rakkoon keenyas furmaata waarawaa argata.