AFAAN OROMOO

Araara; Nageenya Fuula’aaf

By Admin

June 11, 2018

Araara; Nageenya Fuula’aaf

Ibsa Namarraa

Itiyoophiyaa keessa namoota yakkaan himatamnii adabbiin itti murtaahe dhiifamaan biliisa gadhiisuun wanta idlee dhaa. Kan dhiifama godhu mootummaa dhaa. dhiifamni mootummaan godhamu, heera mootummaa irratti kan huundaaye dhaa. Seerri akkaataa dhiifamni ittiin keennamuus nijiraa. Akaataa kanaan mootummooleen feedraalwaa fi naannoolee waggaa keessa al lama sadii namoota yakkaan adabamaniif dhiifama godhaa turan. Namoota yakka siyaasaa wajjiin walqabateen himatamanii adabbiin ittiin murtaahees dhiifamaan gadhiifamaa turan. Hooggantootaa fi miseensoota paartii Qindoominaa Demookraasii fi Haqaaf (Qinjit) isa durii, jeequumsa filannoo bara 1997 booda ka’een yakkaan himatamnii eerga adabbiin itti murtaahee booda dhiifamaan gadhiifamuun isaanii niyaadatamaa. Dhiyoo kanas namoonni kumaan lakkaawaman  yakka siyaasaa wajjiin wal qabatuun himatamnii adabbiin itti murtaahe ture gadhiifamanii jiru.

Dhiifama dalabate, abbaan alangee hiimannaa adeemsa irra jiruu addaan citee shakkamtoota yakka hiimanna aala godhee gaggeessuu dandahaa. Dhimmi himannaa waayee biyyaa wajjiin kan walqabatu yoo ta’e, abbaan alangee himanna addaan citu dura miniisteera muummee wajiin mari’achu qabaa. Akkaataa kanaan shakkamtoonni yakka siyaasaa fi malaamalttuummaa wajiin walqabatuun hiimatamanii turan tibbanna himannii isaanii addaancitee gadilakkiifamuun isaanii nibeekamaa.

Kana malees mootummaan FDRI yeroo gara garaa gareewwan sochii huumnaa taassiissaa turan keessa baraarsaan ykn araaraan gara jiruu nageenyatti akka deebi’an godhaa turuun isaas niyaadatamaa. Araarriis kan raawwatamuu ykn baraarsii kan goodhamu heera mootummaa irratti hundaahu dhaani. Kanaan duura miseensoota muraasaa Adda Biliisummaa Sabuummaa Ogaadeen (ABSO), akkasuumas Soochii Deemookraatawaa Ummata Tigraay (SDUT) Ertiraa keessa sochooo’aa tureef gutumaan guttuutti baraarsii godhameef araaraan gara biyyatti deebi’anii akka jiraatan godhamuun isaa niyaadatamaa. Biyyatti keessa kanaan duura baraarsi ykn araarri raawwatamaa turuulle, seerri akkaataa baraarsi/araarsi ittiin rawwatamu hinjiru. Garuu seerri yakka biyyatti keewwat akkaataa baraarsi ittiin gaggeefamu niqabaa. Tibbana wixineen labsii baraarsa  qophaayee mana maree bakka bu’oota umataan mariin itti raawwatamee xinxaal balaballoof gara kooree dhaabbii dhimma seeratti qajeelfamee jiraa.

Eegaa; biyya keenya keessa, keessattuu midiyooleen biyyatti dhiifama fi baraarsa ykn araara akka huubannoo walfakkaatanittii fudhatanii yammuu waljijjiiraan ittiin fayyadaman mul’ataa. Kanaafuu, ummanni heeddu garaagarummaa dhiifama fi baraarsa/araara gidduu jiru irratti huubannoo gahaa hinqabani. Dhiifamni fi baraarsi/araarri gara garaa. Dhiifamni namoota yakka raawatameen balleessitoota jeedhamnii murteen adabbii ittiin darbeef, adabbii irraa bilisa godhuuf dhuunfaan kan keennammu dhaa. Dhiifamni, adabbii mana murteen darbee irraa biliisa godhulle, abbiichi dhiifama argate yakkamaa ta’uun isaa iitti fuufaa. Galmeen yakkammaa ta’uu isaa ibsuu akkuuma jirutti fuufaa jeechu dhaa. dhiifamni kan sadarakaa mootummaa feedaraalawaatti kan keennammu dhiyeessaa boordii dhiifamaatiin preezidaantii biyyatiitinii.  Preeziidaantoonni naannoolees dhiifama nigdhu.

Gara biraatiin, baraarsaan/ araarri nama dhuunfaa adabbiin itti murtaayeef kan keennamu miti. Baraarsi kan godhamu ykn raarri kan raawwatamu namoota goocha yakka keessa hirmaataniif, eebaluu, ebaluu jeedhamanii osoo addaan hinbayini garee dhaani. Baraarsaan hiimanni osoo hindhiyaatin duura ykn himanni osoo adeemsa irra jiru, mureen adabbii osoo hindarabiin duura kan raawwatamu dhaa. Braarsi araaraan waan dhumuuf goochi akka yakkatti akka hinfuudatamini taassiisaa. Baraarsa/araara booda miseensoonni braaraman/araaraman yakka irraa gutumaan gututti biliisa ta’u. Baraarsaan/araarri kan raawwatamuu goocha yakka siyaasaa waliin walaqabatuf qoofa. Baraarsaan gareewwan sochii mootummaa huumnaan fonqoolchuu keessa hirmaataniif, walitti-bu’insa fi kkf keesa qooda fudhataniif godhamaa. Baraarrsi akka keennamu ykn araarri akka raawwatamu, warri baraaraman ykn araaraman gara jiruu nageenyatti deebi’uuf feedhii qabaachu qabu. Miseensoota garee gara nageenyatti deebi’uuf feedhii hinqabneef baraarsi hingodamu; araarriis hinraawwatamu. Baraarsi/araarri akka dhiifamatti preeziidantiin kan keennammu osoo hinta’ini labsiin keennamaa ykn raawwatamaa.

Labsiin wixinee baraarsa/araaraa amma raggaahuuf adeemaa jiruu, boordiin araaraa hooggantoota waajjiiroota dhimmi ilaalu keessaa boobba’an kan ofkeessa qabu akka ijaaramu niibsaa. Akaataa labsii wixinee kanatti, boordiin kun gaaffii baraarsa/araara nikeessuummeessaa, niqorataa, yaada murtee ministeera muummeef nidhiyeessaa, yaada murtee kana sagalee caalmaan dabarsaa. Miniisteerri muumees yaada murteebaraarsa/araaraa sagalee caalmaan darbe, labsii ta’e akka raggaahuu gara mana maree bakkabu’oota ummatatti qajeelchaa. Braraarsaan/araarri kan raawwatamu akkaata labsii kanaatini.

Dhiifamniis ta’e baraarsi dangaa qabaa. Dngaan kun heera mootummaa irratti kaayamee jiraa. Heerri mootummaa keewwata 28 mata duree Yakkoota Nmooma Irratti Raawwataman jeedhu jala lakkoofa 1 irratti:

Walta’insoota adduunyaa Itiyoophiyaan raggaasifteefi seeroota Itiyoophiyaa kan birootiin yakkoota sanyii dhala namarratti raawwataman jeedhamanii murteeffaman; keessattu, sanyii dhala namaa balleessuu, murtii malee tarkaanfii adaba du’aa fudhachuu, dirqiisiisanii nama dhoksuu, ykn gochoota farra namoomaa namoota raawwataman irratti himanni dhiyaatu darba yerootiin hinittifamu. Yakki kuni murteewwan qaama seera baasuuniis ta’e qaama mootumaa kamiiniyyuu baraaraan ykn dhiifamaan hin dabramu.

Jeedhaa.

Eegaa; Itiyoophiyaa keessa rakkooleen laafiinsa tokkuummaa biyyatti fi dhabiinsa kbjaa mirgoota siyaasaa heera mootummaan mirkanaahan jiraachuun isaanii ifaa dhaa. Kana malees sirni keenniinsa haqaa rakkoo qabachuun isaas nibeekamaa. Haalli kun waggootan darban keessa sababa balaaleeffannaa fi jeequumsa ta’eet ture. Rakoon jeequumsa fi balaaleeffannaan kun faalama dingde, hawaasummaa fi siyaasaaf sababa ta’eet ture.

Rakko kana irraa ka’u dhaan kooreen hojii raawwachiiftu ADWUI namoota yakka siyaasaa waliin walqabateen hidhaman akka gadilakkiifaman murtii siyaasaa dabarsuun isaa niyaadatamaa. Mootummaan feedaraalawaa fi mootummooleen naannoolee akkaataa murtii siyaasaa kanaan namoota adabni ittiin murtaaye kumaan lakkawamniif dhiifama godhanii jiru. Namoota kumaan lakkaawaman kan biroos himanni isaanii addaancitee akka gadilakiifaman godhame jiraa. Namoonni yakka malaamaltummaan himatamn muraasaas himanni isaanii addancite gadlakkiifamniru.

Namoonni sochii siyaasaan walqabtee  yakka raawwatan, goocha kana kan raawwatan bekaniis ta’e wallaalluummaan deegartoota qbu; deegartoota fi hoordooftoota miliyoonaan ykn kumaan lakkawaman niqabu. Himanni fi adabni hidhaa namoota sochii siyaasaa keesan jiran kana irratti raawwatame, deegartoota isaanii mufachise jiraa; dallansiisees jiraa. Haalli kun ummatta biyyatti qoqqooduun tokkummaan biyyatti akka laafu sababa ta’e jiraa.

Kana malees dirreen siyaasaa biyyatti, akkaataa ta’u qabuun ilaalchoota biyyatti keessa argaman mara keessuummeessu kan dandahu akka hintaane ifaa dhaa. Keessattuu; angoon mootummaa feedaraalwaas ta’e naannoolee dhaabata siyaasaa tokko qofaan qabamuun isaa, ilaalchooni kan biroo waltajjii itti dhagaahaman dhabamsiise jiraa. Adaan demookrasii biyyatti kan hindagaagne ta’uun isaaas, dhabiinsa bulchiinsa gariin dabaalame tarkkaanfachiftoonni ilaalcha gara garaa mirga heera mootummaan mirkanaahe isaaniin fayyadamuuf carraa akka hinarganne godhe jira. Gara biraatiin, namoonni yakka dhimma siyaasaa aala ta’een, fakkeenyaaf yakka malaammaltummaan himataman sirni haqaa biyyatti rakko waan qabuuf dhbiinsa haqaatiin dararamaa turan.

Mootumman feedraalawaa namoota yakkaan adabamniif yammuu dhiifama godhuu, himannaan isaannii akka addaan citu taassiisu haala siyaasaa biyyatti fi rakko sirna haqa keessa jiru huubannoo keessa galcheeti. Kaayyoon dhiifamaa fi addancitiinsa himannaa, tokkuummaa biyyatti laafaa dhufee cimsuu, dirree siyaasaa bal’isuu, akkasumas rakkoo dhabiinsa haqaan uumame foyyeessuu dhaa.

Haala qabatamaa biyyatti yammuu ilaalnuu, dhimmi tokkuummaa biyyatti cimsuun fi dirree siyaasaa bal’isuun tarkaanfii adabamtoot yakkaaf dhiifama godhuu fi himannaa addaancitu ool kan barabaadu ta’u isaa hubachuun dandeenyaa. Biyyatti keessa waggootii afuuratama darban keessa gareewwan heedduu qabsoo hidhannoo dabalatee, tooftaa kan biroo mijahaa dhaa jeedhanii ittii amananiin qabsaahaa bahuun isaanii nibeekamaa. Gareewwan qabsoo seeraan aala ta’e adeemsisan kun, baay’atuus xiqqaatuus deegartootaa fi hoordooftoota qabu. Greewwan qabsaahaa kanneen keessaa, muraasaan tooftaan qabsoo isaanii sirrii akka hintaanee fi kanqajeelchu akka hintaanees hubachuun isaaniis nibeekamaa. Yaata’u malee goocha yakka keessa hirmaachaa waan turaniif gara biyyttitti deebi’anii qabsoo siyaasaa nageeyna adeemsisu hindandaahani. Yoo gara biyyatti deebi’ani seeraan nigaafatamu.

Greewwan biiya keessa deegartootaa fi hoordooftoota osoo qabanii gara biyyatti deebi’u hindandeenye kun, laafiinsa tokkummaa biyyattiif ykn qoqqoodina umataaf sababa taa’’ani jiru. Tokkuummaa biyyatti sabababa kanaan laafaa adeemee cimsuuf, akksuumsa biyyatti keessa nageenya fuula’aa busuuf akkaataa heerri mootummaa heeyyamutti gareewwan tokko tokkoo baraaruun araara busuun barbaachiisaa dhaa.

Walumagalatti; tokkuummaa biyyatti cimsuuf, dirree siyaasaa bal’isuuf, rakkoo sirna haqaa sirreessuuf dhiifamni godhamaa ture. Carraaqqiin tokkuummaa biyyatti cimsuuf, dirree siyaasaa bal’isuuf fi nageenya fi misooma biyyatti fuulleessuuf goodhamaa jiruu gutuumaan gututti akka milkaahu tarkanfii braarsaan araara busuun barbaachisaa ta’uun isaa huubatamu qabaa.