Caffee Araaraa fi Gadaa Araaraa…
Hiikaa Margaa
Barreeffama koo har’aa waa’ee Aadaa Oromoo durii fi waa’ee Caffee Araaraa
barreessuutu natti dhaga’ame, Caffeen Araaraa maqaa dur Uummatni Oromoo bakka
yeroo ammaa Araat Kiiloo jedhamu kana ittiin waamaa turee dha. Bakka amma Araat
Kiiloo dur caffee Araaraa kanatti araara raawwachaa turan. Araara kan jedhamu kun
dhiifama waliif gochuu ykn badii raawwatameef dhiifama bakka itti gaafatanii dha.
Caffeen Araaraa kun egaa Oromoo biratti seenaa guddoo qabdi. Bakki kun bakka
kabajaati, bakka jaalalli itti labsamuu dha. Nama walitti mufatetu dhiifama waliif godha.
Kan itti balleeffameef gumaatu kaffalama. Kan balleesse ammoo gumaa baasa. Seera
araara kanaarra qaamni darbu hin jiru. Sirni araaraa kun kabajamaa dha.
Egaa yeroo dheeraa booda Caffeen Araaraa kun hojii isheetti waan deebi’aa jirtu
fakkaata. Fuulli waaqaas bakka maqaa gaarii qabdu kanatti waan deebi’aa jiruu dha.
Gochaawwan qulqulluu biyya lafaa kanaatti ta’an keessa gochi qulqullaa’aan akka
araara waliif buusuu hin jiru. Bakka araarri jiru nagaatu jira. Bakka nagaan jiru ammoo
waan hundumaatu jira.
Seenaan kun egaa waggoottan dhibbaaf shantamaa oliif dagatamee , irraanfatamee ,
bakki seena qabeessi akkasii kun bakka teessoo warra humnaan nama bitanii, waan
barbaadan godhanii fi wal-qixxummaan lammilee biyya kanaa achitti kan gatii dhabe
ta’ee ture.
Dhugaan garuu qallattus hin cittu akkuma jedhamu. Waggoottan haga kanaa booda
Caffeen Araaraa gara hojii ishee isa dhugaa fi kan ganamaa sanaatti akka deebituuf
Dr.Abiy Ahmed waan raajii nu agarsiisaa jiru.
Caffeen araaraa kun ji’oota lamaa asitti namoota gara garaa biyya kanaa irbaata afeerte,
waa’ee nagaa irratti uummata mariisifte, tokkummaa biyyaa cimsuuf waamicha taasisaa
jirti.
Dhiyeenya kanammoo hidhamtoota sababa gara garaan hidhamaniif dhiifamni akka ta’u
gochuudhaan ofitti simattee irbaata nyaachiftee an akkas egaa, haaloon barbaachisaa
miti jechuudhaan maalummaa jaalalaa hojiidhaan agarsiifte.
Murtoon Caffee Araaraatii ba’aa jiru akka Kanaan duraa kan isa aangoo qabu mataa ol-
qabachiisee isa aangoo hin qabnemmoo boquu gadi qabachiisu osoo hin taane, murtoo
haqa qabeessa ta’e, hacuuccaa waanjoo bara dheeraa caccabsaa jiruu dha.
Siyaasa biyya kanaa keessatti ilaalchota gara garaa keessummeessuu dhadhabuu
keenyaan lammileen keenya hedduun isaanii mana hidhaatti akka dararamaniif karaa
bane waan silaa ta’uun nuuf hin malle taanee, bakka silaa ga’uun nurra ture hanqannee
boodatti harkifachaa baroota dheeraaf jiraachaa turreerra.
Amma garuu seenaan jijjiiramaa waan jiru fakkaata, akkaataa amma deemaa jirru
kanatti ilaalchaan garaa gara ta’uun keenya akka abaarsaa osoo hin taane, akka
carraatti lakkaa’amuu egalee jira.
Ji’oota lamaan darban kanatti murtoon caffee Araaraatii ba’aa jirtu lammilee keenya
mana hidhaatti dararamaa turan isin haa ga’u jechuudhaan gara maatii isaaniitti akka
galaniif biyya isheef jedhanii hidhaman kanammoo akka deebi’anii tajaajilaniif dhaamsa
obbulummaa dhaammachaa jirti.
Andaargaachoo Tsiggee mana hidhaatii ba’ee masaraa Mootummaa keessatti kabajaan
simatama jedhee maaltu yaadee beeka? Dhugaa dubbachuuf ani waa’een hidhaa
hiikamuu namicha kanaa dhugaa natti hin fakkaanne ture, sababnisaa namichi kun
nama maqaan shororkeessaa itti maxxanfamee, nama murtoon du’aa isa eeggachaa
turee dha. Har’a ykn borin du’a nama jedhee eegaa turetu, manaa hidhaatii ba’ee gara
maatii isaatti dabalame.
Akkasumas kanneen qabatamaatti sababawwan akka Malaammaltummaan miidhaa
biyya irraan ga’aa turan iyyuu dhiifamatu taasifameef. Isaanis Kanaan booda
maalummaan jaalalaa akka isaaniif galu abdii guddaan qaba.
Biyyi keenya Itiyoophiyaan biyya lammilee biyya kanaa hundaaf harka diriiraa fi balbala
banamaa qabduu dha,
Sirna Dimokiraasii keenyaa gabbisuuf aarsaa lubbuu dabalaataa nu hin barbaachisu,
kanaaf akka qaama biyya kana geggeessuutti ilaalchi jibbiinsaa fi haaloo ba’achuu kan
itti fufu yoo ta’e nageenyi mirkanaa’aa ta’e jiraachuu hin danda’u.
Hiikamuu fi dhiifama argachuun namoota ajjeechaa fi shororkeessummaadhaan
himatamanii akka waan Seera mootummaa Cabsisiisuutti gaaffiiwwan gara garaa ka’aa
jiru. Haa ta’uyyuu malee rakkoo guddaan akka biyyaatti mudatee namoota hedduu
hidhaaf saaxile, hojiidhuma badaa mootummaa biratti raawwatamaa ture waan ta’eef ,
rakkoowwan akka mootummaatti Kanaan dura turan qulqulleessuu dhaan jijjiirama
bu’uurarraa ta’e fiduudhaan gara fuula duraatti biyya ilaafi ilaameetti amantu akka taatu
gochuudhaaf murtoo fudhatame waan ta’eef kan jajjabeeffamuu qabuu dha.
Dr,Abiy Ahmad akkaataan amma itti biyya kana geggeessaa jiran kun sirna bulchiinsa
Dimokiraasii dhugaa ta’e keessatti iddoo guddaa kan qabuuf fedhii hawaasa maraa
giddu galeessa godhatee kan ka’ee dha.
Dhugaa dubbachuuf Dr,Abiy jechuun Mahaandisa Araaraa fi Tokkummaa biyya kanaati
yoo jenne kan itti xiqqaatu malee waan itti baay’atu miti. Murtoowwaan isaan fudhachaa
jiranis biyya kana bittinnaa’uu irraa kan baraaraa jiruu fi hoji-maata badaa hunda
sirreessuu irratti kan xiyyeeffatee dha.
Walumaa galatti hidhamtoota dhimma siyaasaatiin wal-qabatee hidhaman hiikuun dirree
siyaasaa bal’isuu isa jedhamuuf ga’ee guddaa waan taphatuuf, kana booda namni tokko
sababa ilaalcha siyaasa addaa qabaateef miidhaan irra dhaqqabuun akka irra hin
jiraanne nu barsiisuufis waan godhamee dha,
Xumura irrattis, lammileen biyya kanaa hundi, hojiiwwan hanga yoonaatti hojjetaman
qofa ilaaluun dibbee kan tumaa oolu osoo hin taane, tarkaanfiiwwan akka mootummaatti
fudhataman deggeruudhaan nageenya amma arganne kana akka itti fufu taasisuun
barbaachisaa dha.