AFAAN OROMOO

Caffee Araaraa fi Gadaa Araaraa…

By Admin

June 03, 2018

Caffee Araaraa fi Gadaa Araaraa…

Hiikaa Margaa Barreeffama koo har’aa waa’ee Aadaa Oromoo durii fi waa’ee Caffee Araaraa barreessuutu natti dhaga’ame, Caffeen Araaraa maqaa dur Uummatni Oromoo bakka yeroo ammaa Araat Kiiloo jedhamu kana ittiin waamaa turee dha. Bakka amma Araat Kiiloo dur caffee Araaraa kanatti araara raawwachaa turan. Araara kan jedhamu kun dhiifama waliif gochuu ykn badii raawwatameef dhiifama bakka itti gaafatanii dha. Caffeen Araaraa kun egaa Oromoo biratti seenaa guddoo qabdi. Bakki kun bakka kabajaati, bakka jaalalli itti labsamuu dha. Nama walitti mufatetu dhiifama waliif godha. Kan itti balleeffameef gumaatu kaffalama. Kan balleesse ammoo gumaa baasa. Seera araara kanaarra qaamni darbu hin jiru. Sirni araaraa kun kabajamaa dha. Egaa yeroo dheeraa booda Caffeen Araaraa kun hojii isheetti waan deebi’aa jirtu fakkaata. Fuulli waaqaas bakka maqaa gaarii qabdu kanatti waan deebi’aa jiruu dha. Gochaawwan qulqulluu biyya lafaa kanaatti ta’an keessa gochi qulqullaa’aan akka araara waliif buusuu hin jiru. Bakka araarri jiru nagaatu jira. Bakka nagaan jiru ammoo waan hundumaatu jira. Seenaan kun egaa waggoottan dhibbaaf shantamaa oliif dagatamee , irraanfatamee , bakki seena qabeessi akkasii kun bakka teessoo warra humnaan nama bitanii, waan barbaadan godhanii fi wal-qixxummaan lammilee biyya kanaa achitti kan gatii dhabe ta’ee ture. Dhugaan garuu qallattus hin cittu akkuma jedhamu. Waggoottan haga kanaa booda Caffeen Araaraa gara hojii ishee isa dhugaa fi kan ganamaa sanaatti akka deebituuf Dr.Abiy Ahmed waan raajii nu agarsiisaa jiru. Caffeen araaraa kun ji’oota lamaa asitti namoota gara garaa biyya kanaa irbaata afeerte, waa’ee nagaa irratti uummata mariisifte, tokkummaa biyyaa cimsuuf waamicha taasisaa jirti. Dhiyeenya kanammoo hidhamtoota sababa gara garaan hidhamaniif dhiifamni akka ta’u gochuudhaan ofitti simattee irbaata nyaachiftee an akkas egaa, haaloon barbaachisaa miti jechuudhaan maalummaa jaalalaa hojiidhaan agarsiifte.

Murtoon Caffee Araaraatii ba’aa jiru akka Kanaan duraa kan isa aangoo qabu mataa ol- qabachiisee isa aangoo hin qabnemmoo boquu gadi qabachiisu osoo hin taane, murtoo

haqa qabeessa ta’e, hacuuccaa waanjoo bara dheeraa caccabsaa jiruu dha. Siyaasa biyya kanaa keessatti ilaalchota gara garaa keessummeessuu dhadhabuu keenyaan lammileen keenya hedduun isaanii mana hidhaatti akka dararamaniif karaa bane waan silaa ta’uun nuuf hin malle taanee, bakka silaa ga’uun nurra ture hanqannee boodatti harkifachaa baroota dheeraaf jiraachaa turreerra. Amma garuu seenaan jijjiiramaa waan jiru fakkaata, akkaataa amma deemaa jirru kanatti ilaalchaan garaa gara ta’uun keenya akka abaarsaa osoo hin taane, akka carraatti lakkaa’amuu egalee jira. Ji’oota lamaan darban kanatti murtoon caffee Araaraatii ba’aa jirtu lammilee keenya

mana hidhaatti dararamaa turan isin haa ga’u jechuudhaan gara maatii isaaniitti akka galaniif biyya isheef jedhanii hidhaman kanammoo akka deebi’anii tajaajilaniif dhaamsa obbulummaa dhaammachaa jirti. Andaargaachoo Tsiggee mana hidhaatii ba’ee masaraa Mootummaa keessatti kabajaan simatama jedhee maaltu yaadee beeka? Dhugaa dubbachuuf ani waa’een hidhaa hiikamuu namicha kanaa dhugaa natti hin fakkaanne ture, sababnisaa namichi kun nama maqaan shororkeessaa itti maxxanfamee, nama murtoon du’aa isa eeggachaa turee dha. Har’a ykn borin du’a nama jedhee eegaa turetu, manaa hidhaatii ba’ee gara maatii isaatti dabalame. Akkasumas kanneen qabatamaatti sababawwan akka Malaammaltummaan miidhaa biyya irraan ga’aa turan iyyuu dhiifamatu taasifameef. Isaanis Kanaan booda maalummaan jaalalaa akka isaaniif galu abdii guddaan qaba. Biyyi keenya Itiyoophiyaan biyya lammilee biyya kanaa hundaaf harka diriiraa fi balbala banamaa qabduu dha, Sirna Dimokiraasii keenyaa gabbisuuf aarsaa lubbuu dabalaataa nu hin barbaachisu, kanaaf akka qaama biyya kana geggeessuutti ilaalchi jibbiinsaa fi haaloo ba’achuu kan itti fufu yoo ta’e nageenyi mirkanaa’aa ta’e jiraachuu hin danda’u. Hiikamuu fi dhiifama argachuun namoota ajjeechaa fi shororkeessummaadhaan himatamanii akka waan Seera mootummaa Cabsisiisuutti gaaffiiwwan gara garaa ka’aa jiru. Haa ta’uyyuu malee rakkoo guddaan akka biyyaatti mudatee namoota hedduu hidhaaf saaxile, hojiidhuma badaa mootummaa biratti raawwatamaa ture waan ta’eef , rakkoowwan akka mootummaatti Kanaan dura turan qulqulleessuu dhaan jijjiirama bu’uurarraa ta’e fiduudhaan gara fuula duraatti biyya ilaafi ilaameetti amantu akka taatu gochuudhaaf murtoo fudhatame waan ta’eef kan jajjabeeffamuu qabuu dha. Dr,Abiy Ahmad akkaataan amma itti biyya kana geggeessaa jiran kun sirna bulchiinsa Dimokiraasii dhugaa ta’e keessatti iddoo guddaa kan qabuuf fedhii hawaasa maraa giddu galeessa godhatee kan ka’ee dha. Dhugaa dubbachuuf Dr,Abiy jechuun Mahaandisa Araaraa fi Tokkummaa biyya kanaati yoo jenne kan itti xiqqaatu malee waan itti baay’atu miti. Murtoowwaan isaan fudhachaa jiranis biyya kana bittinnaa’uu irraa kan baraaraa jiruu fi hoji-maata badaa hunda sirreessuu irratti kan xiyyeeffatee dha. Walumaa galatti hidhamtoota dhimma siyaasaatiin wal-qabatee hidhaman hiikuun dirree siyaasaa bal’isuu isa jedhamuuf ga’ee guddaa waan taphatuuf, kana booda namni tokko sababa ilaalcha siyaasa addaa qabaateef miidhaan irra dhaqqabuun akka irra hin jiraanne nu barsiisuufis waan godhamee dha, Xumura irrattis, lammileen biyya kanaa hundi, hojiiwwan hanga yoonaatti hojjetaman qofa ilaaluun dibbee kan tumaa oolu osoo hin taane, tarkaanfiiwwan akka mootummaatti fudhataman deggeruudhaan nageenya amma arganne kana akka itti fufu taasisuun barbaachisaa dha.