Adoolessi 16 bara 2010 anaaf guyyaa addaati jechuu nan danda’a. An ergan dhaladhee of baree guyyaa akkasii kana hawwiidhaan eegee hin beeku. Dhugaa dubbachuuf akka Aadaa Naannoo keenyaatti Ayyaanota waggaa baay’een waan kabajamaniif ijoolleenis ta’e namootni gurguddaan guyyaa ayyaanaa kana hawii guddaadhaan eegu, anillee akkasuma hawwii guddaadhaan ayyaana waggaa kan akka bara haaraa, faasikaa, fi irreecha faa kana baay’een jaaladhan ture. Haa ta’uyyu malee, Adoolessi 16 anaaf guyyaa seena qabeessa. Takkaa akka guyyaa kanaatti guyyootii ayyanota an armaan olitti eerellee eegee hin beeku. Sababnisaa guyyoottan kana irra deddeebiidhaan waanan argaa tureef jedheen yaada. Guyyaa kana wanti adda isa taasisu, guyyaa dhangaan nyaataa fi dhugaatii itti qophaa’ee namootni bashannanaaf irratti walitti qabaman osoo hin taane, guyyaa dhangaan tokkummaa, jaalalaa fi ida’amuu itti lallabamuuf lammiin gamaa gamasii itti wal-waammatee fedhii isaan wal-ga’e waan ta’eef guyyaa kana adda isa taasisa. Biyyi Itiyoophiyaa yoo waaqa gammachiiftee beekti ta’eef, guyyaa gaafa lammileen biyya kanaa tokkummaadhaan sabaa fi naannoodhaan osoo wal-hin qoodin hojii gaarii isaan erga gaafa muudama isaaniitii hanga yoonaatti hojjetaniif kabajamoo Dr.Abiy Ahmed’n galateeffachuuf gamanaa gamasii wal-waamanii walitti qabaman sana waan waaqayyo nutti gammadaa oole natti fakkaata. Maaliif akkas baay’ee ho’iftee (Exaggerate) goote yoo naan jettan, egaa namni waanuma qabu ho’ifatas mitiiree? Ta’us guyyaan kun nuuf akka guyyaa qulqulluutti lakkaa’amuu qaba jedheen yaada. Sababnisaa umriikoo kana keessatti hanga yoonaatti wanti an argaa ture yeroo lammiin itti geggeessaa isaa galateeffataa ture osoo hin taane, yeroo itti lammileen biyya kanaa Mootummaa balaaleffatan, yeroo mootummaa wajjin walitti bu’an, yeroo lammileen biyya alaatti baqatan malee waan akkasii waan argee hin beekneef anaan hanga yoonaattillee baay’ee na dhibaa jira. Kanaaf erga gaafa guyyaa sanaatii gammachuun keessakootii burraaqu waan addaati. Nagaan keessakoo jirullee kan duraa irraan adda. Ilaalchi an dur biyya Itiyoophiyaa jedhamtu kanaaf qabu ji’a sadii keessatti akkas jijjiirama jedhees yaadee hin beeku, Waan nama dhibu keessaa gammachuun an gaafa sana gammade, takka boo’i boo’i na gochaa ture. Sababnisaa yeroon fuula nama hundumaa kan hiriira deggersa Dr.Abiy Ahmed kanaaf dhufanii ilaalu hundumtuu baay’ee gammadaa dha, sirbuu taphachuu, walii wajjin suuraa ka’uu, wal-hammatanii jaalala walitti agarsiisuu, wal-galateeffachuu, alaabaa mirmirsuu, fi akkaataadhuma isaan gammachiiseen waan barbaadan gochuutu ture. Keessumaa wanti na ajaa’ibsiise, alaabaan Kanaan dura yoo qabatan mitii, suuraan isaayyuu faayila bilbila namaa keessatti argaman kanneen akka Alaabaa Oromoo, Alaabaa warri Amaaraa jaalatan kana, faa tu dirree masqalaa macheesse. Silaa kan Alaabaa Abbaa Gadaa maal godhu innimmoo sirumaa sagantaa sana miidhigse jechuu nan danda’a, simboo fi seenaa guddaas waan qabuuf. Kun hunduu dhorkaa tokko malee heyyamamuun isaanii, dhuguma yaadni gara garaa biyya kana keessatti keessummaa’uu eegaluu isaanii dhugaadhaan kan ibsaniif garaa garummaan yaadaallee miidhagina akka kennu qabatamaatti agarree dabarre. Uummatni hundinuu jaalalaa Dr.Abiyyiitiin maraate, an hojii biraa dhiiseen waanuma namni godhu ilaalaa oole, nan raata’e, bakkan jirun wallaale, dhuguma Itiyoophiyaa keessan jiramoo jedheen of gaafachuutti ka’e. Sagantaan kan eegalamuuf karoorfame sa’a sadii ture, garuummoo kan namni achitti wal-ga’e sa’a 12 dura naan jedhan warri achitti na dursanii argaman. Naannoon Dirree Masqalaa sun suuraawwan geggeessitoota Haaromsaa kanneen akka obbo Lammaa Magarsaa, Gadduu Andaargaachoo, Dammaqee Mokonnin tiin faayamuusaa yeroon arge galata kee yaa waaq! Bara boo’ichaa irraa bara galateeffachuutti waan nu ceesifteef jechaan oole. Sabaa fi sab-lammoonni bakka gara garaa irraa dhufan tiishertii suuraa Dr.Abiy fi jechoota isaan dudubbachaa turan qabu laphee isaaniirraa qaban miliyoonotaan lakkaa’aman heddummachaa dhufan. Seenaa yeroon qoradhutti, akkuma seenaa biyya kanaatti lammileen biyya kanaa fedhii isaaniitiin jaalala geggeessaa isaaniif qaban akkasitti ibsachuu dhaaf takkaallee akkasitti ba’anii hin beekan kan jedhun dhaga’e. Yeroon kana dhaga’uttis, nan gammade. Sababnisaa an dhaloota carraa akkasii argate keessaa tokko waanan ta’eef, akka seenaan akkasii kun ana qofaan dalagameettan gammadee, gammachuukoo fixuu dadhabe. Egaa erga nuti dhaqnee wal-geenyee booda gara sa’a sadiitti MM Dr.Abiy Ahmad yeroo isaan dhufanitti, dacheen waan galagalte natti fakkaate, namootni achi jiran jaalala Dr.Abiyyiif qaban iyyuudhaan, fooricuudhaan, harka walitti rukutuudhaan ibsachuu jalqaban. Sagalee ol fudhatanii Abiy, Abiy, Abiy jechuu eegalan. Inni sila waltajjii irraa siqee waan ta’u ilaalaa ture erga isaan dhufanii namuma waaqayyoon arguuf deemu ta’e, hundumtuu gara fuula duraatti dhufee isa ilaaluu barbaada, harka itti raasu, harka isaanii dhungatu, ni utaalu, ni sirbu ni gammadu. Guyyaa sana Samiin waaqarraa bokkaa Jaalalaa, tokkummaa, fi kabajaa roobaa oolte jechuu nan danda’a. Egaa dhangaa kanarraa wanti nuti barannu, geggeessitootni biyyaa waan gaarii yoo hojjetanii fi biyyaaf yoo dhimman hawaasni isaanii wajjin akka ta’u salphaadhumatti kan ifatti kan nutti mul’iseedha.
Dr.Abiyyis kabaja lammileen biyya kanaa ji’oottan muraasa kanatti isaaf kennanii fi bakka wal-ga’ii akkasiitti argamuun akka isarra jiraatu murteessee achitti argamuunsaa qophichi daran akka miidhagu taasise.
Waan hedduu na ajaa’ibsiise keessaa tokko, akkaataa Dr.Abiy galateeffannicha fudhadhanii dha. Isaanis akkas jedhan “ yaa lammiiko hojii anii fi wahiloonnikoo hanga yoonaatti hojjenneef nu galateeffachuu ba’uu keessaniif gammachuu guddaatu natti dhaga’ame, hojiin nuti hanga yoonaatti hojjenne hedduu nu boonsuu baatus gara fuula duraatti cimnee akka hojjennuuf adaraa waan nutti laattaniif nutis immoo waan dandeenyu waliin hojjenna, garuummoo galateeffannaan isin har’a nu galateeffachuuf baatan kun gaafa isin hojii jallinaa ciigaatan, gaafa malaammaltummaa irratti qabsooftan, gaafa qomoodhaan wal-qooduu dhiiftan, gaafa obbolummaa jabeessitan, gaafa yeroo hojii mootummaa daqiiqaa tokkollee haa taatuuf qabsooftan nu qaqqaba”jedhan
Kanarraa wanti nuti hubannu, Dr.Abiy nama waan xiqqoo hojjetee of jajuuf oduusaatiin mataa namaa naannessu osoo hin taane, gara fuula duraattillee waan guddaa hojjechuuf nama ifaaju ta’uu isaallee haasaa isaa keessaa baruu dandeenyee jirra.
Egaa bakka jaalallii fi tokkummaan itti mo’es shirri diinaa iddoo akka hin qabaannes asumaan baranneerra. Akka Fakkeenyaatti yoo fudhanne, namoota hanga kana baay’atan gidduutti boombii dhoosuun akka yaadameef MM ajjeesanii lammileen biyya kanaa akka wal-fixaniif shira qopheessanis kaayyoon nuti manaa baaneef qulqullummaadhaaf waan ta’eef shiri diinaa nurratti hin hojjenne. Garuummoo gochaan badii akkasii akka nuuf akeekamaa jirus asumarraa barannee galle. Walumaa galatti, biyyi Itiyoophiyaa kun ji’a sadiitti akkas kan jijjiiramte, waggoottaniin gaafa lakkaa’aman ammoo jijjiiramni hagamii akka dhufu tilmaamuun nama hin rakkisu. Nutis carraa arganne kanatti fayyadamnee, Dr.Abiy cina dhaabbannee biyya kana kana caalaa akka guddifnu dhaamsakoo dhaamachaa, waaqayyo gammachuu nuti yeroo ammaa arganne kana akka nurratti qusatuun hawwii kooti.
Horaa bulaa!