Dhiifamaan haa mo’annu !
Yoonaas Toleeraa
Barreeffama koo har’aa keessatti, ibsa torban darbe kana MM FDRI Dr.Abiy Mana
Maree Bakka bu’oota Uummataaf kennanii fi gaaffilee waa’ee dhiifamaayeroo ammaa
kana kanneen Mana sirreessaa jiraniif gochaa jiran ilaalchisee karaa kabajamoo
MMBBU tokko tokootiin isaaniif dhiyaateef deebii isaan kennaniif waliin ilaalla.
Egaan torban darbe kana kabajamoo Muummichi Ministeera keenyaa Mana Maree
Bakka Bu’oota Uummatoota duratti dhiyaachuun gabaasa hojiisaanii ji’a lamaa fi haala
walii galaa yeroo ammaa kana Itiyoophiyaan irra jirtu wajjin wal-qabsiisanii dhiyeessuun
isaanii ni yaadatama.
Waan nama dhibu keessaa tokko, haala gabaasa isaanii keessa muuxannoo gaarii kan
ta’eef gara fuula duraattillee cimee itti fufuu kan qabu, yeroo isaan gabaasa sana
dhiyeessuuf fudhatanii dha. Yoo baay’ate daqiiqaa kudhan kan fayyadaman yoo ta’u,
gabaasi dhiyaate, gabaasa qulqulluu gabaasa sobaa irratti hundaa’e akka hin taane
salphaatti hubachuun ni danda’ama.
Yeroo baay’ee gabaasni hojii kan dhiyaatu, uoo xiqqaate guyyaa walakkaa kan fudhatu
yommuu ta’u gabaasa huubaa fi dhuubaa abbaan barbaade barreessee fidu waan
ta’eef dhaggeeffataas kan nuffisiisuuf waanuma tokko tokko irra deddeebi’aa kan ooluu
dha.
Egaa amma yeroon geessee gabaasa isaanii kanas haala miira namaa haawwatuuf
baay’ee ifa ta’e, ibsa qulqulluu ta’ee wajjin waan dhiyeessaniif eenyuyyuu waa’ee
sektera kamiiyyuu salphaatti hubannoo isaa qabaachuu danda’a jechuu dha.
Fakkeenyaaf yeroo baay’ee gabaasni wal-xaxaa ta’an hedduun isaanii akka namni
waansana irratti hubannoo hin qabaanne kan godhu malee bu’aa tokko kan hin qabnee
dha.
Gara gabaasa sanaatti yoo deebinu, hojiiwwan turtii muudama isaanii as ta’an kanneen
akka walitti dhufeenya sabaa fi sab-lammootaa fooyyessuu, Sirna haqaa mirkaneessuu,
haala dinagdee biyyaa ilaalchisee, hojii dippilomaasii ilaalchisee, akkasumas waa’ee
dhaabbilee misoomaa tokko tokko gara dhuunfatti naannessuu ilaalchisee fi kkf
akkaataa adda ta’een gabaasanii turan.
Gabaasa isaanii irratti hundaa’uunis Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota
UUmmataas akka ibsa bal’aa itti kennaniifis gaaffiiwwan tokko tokko gaafatamanii deebii
isaan deebisaa turan addunyaa kan ajaa’ibsiisee fi deebii quubsaan kan itti kenname
ture.
Gaaffileen ka’an hedduun kan turanis har’aaf xiyyeeffannaan koo inni guddaan gaaffii
Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota kan ta’an kabajamoo Aadde Mulu G/Igziyaabher
MM keenyaaf dhiyeessan irratti waan tokko tokko jedhuun barbaada.
Gaaffiin isaaniis irra jireessaan kan inni wal-qabatu, adeemsa dhiifamaa MM Dr.Abiy
taasisaa jiraniin kan wal-qabatuu dha.
Innis “qaamoleen shororkeessummaan himatamanii akkasumas nama ajjeesanii mana
hidhaa turan beekamtii MMBBU malee akkamiin hiikaman?” kun aangoo MMBBU kan
sarbu mitiiwoo? jechuun gaafatan.
Aadde Muluun gaaffii kana gaafachuu isaaniitiif waan tokko natti hin dhaga’amne, hin
aarres,
Garuummoo wanti na dhibee na dhiisuu dide tokko yeroo uummatni isaan maqaadhaaf
bakka bu’een jira mirga isaan falmaaf, gaaffiin isaa gaaffii kooti jedhanii teessuma
Paarlaamaa guutamii taa’an mana hidhaa keessatti dararamu, gaaffii waa’ee mirga
dhala namaa gaafatanii hin beekan, an akkumasaan MMBBU ta’aniyyuu gaafuma sanan
argaa jira.
An akka dhuunfaa kootiitti utuun kabajamoo Aadde Muluu ta’ee, namni tokko balleessus,
balleessuu baatus osoo an isa bakka bu’ee jiruu mana hidhaatti kan dararamu yoo ta’e
halkaniif guyyaa dhiifamni akka godhamuuf nan gaafadha. Kana waanan godheef wanti
natti badu waan hin jiraanneef jedheeniim.
Haa ta’uyyuu malee wanti nuti amma argaa jirru ammoo faallaa isaa ta’uun Kanaan dura
hagam akka uummanni keenya dararamaa ture ifatti kan nutti ibsuu dha.
Namni tokko akkuma ta’een mana hidhaa kan seenu yoo ta’e, akkaataa qabiinsa isaas
ta’e akka inni mana hidhaa Sanaa ba’uuf tattaaffii kan taasisuu qabu, miseensa
paarlaalaa caalaa aangoo kan qabu hin jiru.
Waan nama dhibu garuu, Miseensi MM kun, faallaa dhiifamaa kabajamoo Dr.Abiy
dhaabbachuun, dhiifama akka biyyaatti ta’aa jiru kana sanumaayyuu gochaa addunyaa
kana ajaa’ibsiisaa jiru, seera shororkeessaa ittiin aangoo hin barbaachifne of harka
tursuuf bocame dawoo godhachuudhaan ilaalcha namoomaan faallee ta’e
calaqqisiisuun isaanii baay’ee na gaddisiise.
Haa ta’uyyuu malee, gaaffii isaan gaafatanittu aarus, deebii MM keenya Kabajamoon
Dr.Abiy deebisaniif yommuun dhageeffadhutti garaakootu dhadhaa na dhuge,
dhugaadha gammachuu keessa ba’ee iyyuutu na qabe.
Dr.Abiyyis akkas jedhaniin, “ Maanni seerri shororkeessaa?”, Heerri biyya kanaa nama
dararaa, nama ajjeesaa, reebaa jedhaa? Jedhaniin.
Dhugumayyuu seerri isa miidhaa geessisu qofaaf seera ta’ee, isa miidhamuuf ammoo
seera adabbii ta’uu qabaa? Ta’uu akka hin qabne beekna.
Yoo dhugaa dubbanne, rakkoo hanga yoonaatti nu rakkise keessaa inni guddaan
heeraa fi seera jallisuun lammilee dararuutu rakkoo nageenyaa akka biyyaatti nu
mudateef sababa guddaa ta’e. Seerotni Kanaan dura ba’aa turanis qaamolee sobaan
biyya kana saamaniif dawoo kan ta’an turan malee hawaasa bal’aa fayyadamaa
taasisaa kan hin turree dha.
Gara aadde Muluutti yemmuun deebi’u jaartii guddoon kun umurii kanatti dhuguma
rakkoo mana hidhaa keessatti lammilee keenya irra ga’aa ture hunda wallaalanii gaaffii
laayyoo akkasii gaafatu jedhees hin yaadu.
Gaaffiidhuma gaafatan kanayyuu ofii isaaniitii waan barreessanii fidan natti hin fakkaatu,
sababnisaa yeroo gaafachaa turan sanatti sirriitti dubbisuun illee waan isaan dhibaa
tureef, waan qaamoleen haaromsa yeroo ammaa Kanaan karaa duraa jedhan
barreessanii itti kennan natti fakkaata.
Waaqayyo naaf haa dhiisu malee, tarii jaartiin namoota duraan waraabessa guyyaa
jennee bira dabarre sana keessa jiruu jedhees nan shake, shakkii dha, shakkuus nan
danda’a, mirga kooti, kanumaammoo yeroo ammaamoo?
Waanuma fedheefuu bu’uurri dhiifama yeroo ammaa akka mootummaatti ta’u maali yoo
jenne, bu’uurri isaa inni guddaan jaalala. Akkuma beekamu yeroo baay’ee maaliif biyyi
keenya guddattee akka biyyoota biraa hin taane jennee boo’aa oolla. Garuummoo waan
salphaa miilla keenya jalatti dhiifnee, waa’ee guddina isa hin beeknee iyyaafanna.
Garuummoo dhamaatii kana hunda dura wanti hundi keenya irraanfannu jaalala waliif
qabaachuu dha, Jaalala qabaachuunis waan hunda qabaachuu ta’uu isaa waan hin
beekneef haa ta’u, waan dhimma isaa hin qabneef ta’uu mala.
Isa kana egaa inni Dr.Abiy nu barsiisaa jiran. Waa’ee jaalaalaa tokko lama jedhanii nu
barsiisaa jiran, bu’aa isaas argaa jirra. Jaalalatu waan barbaadne akka argannu nu
godha. Jaalala waliif qabaachuu jechuun akka fedhii waaqayyootti jiraachuu jechuudha.
Namni jaalala qabu ofittummaan isa bira hin jiru. Ofittummaan hin jiru taanaan walitti
bu’iinsi hin jiru. Walitti bu’iinsi hin jiru taanaan nageenyatu jiraata, bakka nagaan jiru
ammoo waan hundaatu jira.
Jaalalli jiraannaan, dhiifamatu jiraata. Nama badii balleesse tokko jibbaan, haaloodhaan
mo’uun hin danda’amu, garuummoo jaalalaan mo’uun akka danda’amu argaa jirra.
Fakkeenyaaf Mummichi Ministeeraa erga aangoo qabatanii as, hojii dhiifamaa isaan
gochaa jiran kana ilaaluun qaamoleen biyyi kun Afaan qawweetiin malee hin bilisoomtu
jechaa turan illee qawwee isaanii lafa naqanii karaa Baalee osoo hin taane karaa Boolee
biyya keessa seenanii jaalalaaan biyya isaanii keessa jiraachuu eegalaa jiru.
Dhaabbileen kanneen akka ABO,ADO, Arbanyooch Ginbot 7 faan Kanaan booda biyya
Itiyoophiyaa kana keessatti karaa Nagaa malee, lolaan yeroo gubuun hin barbaachisu
jechaa biyyatti didichanii naqamaa jiru.
Wanti nuti beekuun nurra jiraatu, namni tokko yoo waa isa dhibe malee biyya isaa jibbee
bosona hin galu, kanaaf taa’anii mari’achuun dhimma filannoof dhiyaatu ta’uu hin qabu.
Kanaan booda dhimma qabnu hundaaf teessumatti naannofnee yaadaan wal-morminee
wal-amansiisuu dha malee, sababa namni tokko mana hidhaatii ba’eef ykn dhiifamni
taasifameef isumaayyuu sirnicha keessatti miidhamaa ta’ee kan iji nu diimatu yoo ta’e,
kun seera namummaa ala ba’uudha waan ta’eef of ilaaluun barbaachisaa dha.
Dimshaashumatti sanas ta’e kanas dhiifamni yeroo ammaa akka mootummaatti ta’aa
jiru, seerota turan kan diigu osoo hin taane tokkummaa biyya kanaa cimsuudhaaf hojii
gaarii hojjetamaa jiru waan ta’eef waan jajjabeeffamu ta’uu qaba. sanumaayyuu hanga
yoonaatti dhiifamni taasifame seera biyya kanaa kamiin iyyuu kan cabse waan hin
taaneef ammallee akkaataa heeraa fi seeraatti cimee itti fufuu qaba.
Sababnisaa gaafa dhiifama taasifnutu, diinni keenya inni silaa nu balleessuuf tooftaa
biraa baafatuyyuu dhiisee kooluu nutti gala.
Kanaaf dhiifama gochuudhaan diina keenya mo’uun yaada qajeelaa waan ta’eef,
tarkaanii akka mootummaatti fudhatamaa jiru kanallee akka dhuunfaa keenyaatti yoo itti
fayyadamne jireenya keenya irrattillee jijjiirama arguu eegalla,
Waaqayyo nu haa gargaaru!