Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Dr.Abiy Ministeera Muummee Itiyoophiyaati!

0 589

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Dr.Abiy Ministeera Muummee Itiyoophiyaati!

Yoonaas Tolasaa
Biyyi keenya Itiyoophiyaan Waggoottan lamaan darbaniif rakkoo nageenyaaf
saaxilamuun ishee ni yaadatama. Rakkoon nageenyaa nu mudate kunis akka
Itiyoophiyaatti kan tureedha malee rakkoo naannoo tokko qofatti murtaa’ee hafu hin
turre.
Kanumarraa ka’uudhaan, mootummaan akka mootummaatti rakkoo jiruuf furmaata
kennuudhaaf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuun Dr.Abiy gara aangootti dhufuu
isaaniis waliitti himuun nu hin barbaachisu.
Egaa rakkoon biyya kana keessatti mul’achaa turan hundinuu kan Itiyoophiyaati erga
jennee, rakkoo kana akka nuuf furaniifis MM Dr.Abiy argannee jirra.
As keessatti wanti nuti hubachuun nurra jiraatu, Dr.Abiy lammii Oromoo ta’ee Oromoo
irraa dhalatus yeroo ammaa kanatti akka biyya Itiyoophiyaa guutuutti adaraan biyya
geggeessuu kan itti kennamee jiru. Sababa Oromoo ta’eef Oromoof loogii gochuu qaba
kan jedhu jira jedhee hin yaadu.
Sababnisaa, akka biyyaatti yoo fayyadamneerra ta’es miidhamneerra ta’es walumaan
waan ta’eef ammas wal-caalmaan jiraachuun irra hin jiraatu.
Madda rakkoo Kanaan dura biyya kana keessatti ka’aa turanii yoo deebi’inee ilaalle,
sababa ilaalchi badan tokko tokko jiraniif wal-caalmaan waan tureef nageenya biyya
kanaaf balaa ta’ee ture.
Rakkoo kana hmabisuuf ammoo yeroo ammaa kanatti Dr.Abiy akka MM biyya kanaatti
muudamanii jiru. Rakkoowwan sabaafi sab-lammoota biyya kanaas guyyaa guyyaan
hiikuudhaaf hojii guddaan hojjetamaa jira.
Maaliif waan kana kaafte yoo naan jettan, torban kan dhimmi waa’ee hiikamuu obbo
Andaargaachew Tsiggee fi gaaffiif deebii obbo Baqqalaa Garbaa miidiyaa waliin
taasisan ajandaa guddaa waan ta’ee dhaaf.
Akkuma beekamu Obbo Andaargaachew Tsiggee nama shororkeessummaan
himatamee murtoo du’aa eeggachaa turee dha. Turtii mana hidhaa waggaa afurii
boodas erga MM haaraan Muudamanii araarri godhameefii mana hidhaatii hiikamee
Masaraa Mootummaatti Afeeramee nagaan gara biyyasaa akka deemu ta’ee jira.
Kanumaan wal-qabatee Miidiyaawwan tokko tokko ba’uu Obbo Andaargaachew Tsiggee
ilaalchisee obbo Baqqalaa Garbaa maal akka itti dhaga’ame yeroo gaaafatamanitti, ibsi
isaan kennan ajandaa Miidiyaa Hawaasaa ta’ee kan turee fi tokkummaa yeroo ammaa
Uummatni Oromoo sabaa fi sab-lammilee biyya kanaa wajjin uumaa jiru kan cilee
dibuudha jechuun gabaafamaa tureera.
Akkuma jedhamu dhugaa dha yoo ta’e, asiratti wanti nuti osoo wal-hin hubachiisin
darbuun nurra hin jiraanne jira jedheen yaada, innis maali yoo naan jettan Obbo
Baqqalaa Garbaas ta’e obbo Andaargaachew kan hiikamuu danda’an ifaajee Dr.Abiy ala
akka hin taane beekuutu nurra jira. Tarii yeroo obbo Baqqalaan hiikamanitti Dr.Abiy

Muummee Ministeeraa kan hin taane yoo ta’es, bakka duraan hojjetaa turan I/G waajjiira
DhDUO ta’anii yeroo jiranitti dhiiibbaa isaan taasisanii Obbo Baqqalaan hidhaa waggaa
dheeraa booda gadi-lakkifamuu isaaniis ilaalcha keessa galchuun barbaachisaa dha,
Akkuma hundi keenya argaa jirru torban kana ajandaa Miidiyaa hawaasaa kan ta’ee ture
tokko keessaa tokko, dhimma hidhamtoota siyaasaan shakkamanii mana hidhaatii ba’aa
jiran ilaalchisee kabajamoo obbo Baqqalaa Garbaa komii akka qaban ka’aa ture, innis
komee lammileen hedduun mana hidhaatii osoo hin ba’in hafuuf, kanneen biroon
ammoo ba’anii masaraa mootummaa keessatti afeeramaa jiranii kan jedhu ture. Komiin
kun hagam dhugaa akka ta’e beekuu baadhus, Obbo Baqqalaanis mana hidhaatii akka
ba’aniif , ba’aniis Masaraa Mootummaatti afeeramanii waa’ee biyya kanaa irratti akka
mari’atanii turan nan beeka. Kanaafuu Andaargaachoon ba’ee masaraa Mootummaatti
simatamuun isaa obbo Baqqalaafaa ni komachiisa jedhees hin yaadu. Tarii komeen
isaanii ammallee hidhamtootni siyaasaa Oromoo ta’an hiikamanii hin dhumne kan jedhu
ta’uu mala. Dhugaa dubbachuuf hidhamtootni siyaasaan himatamanii mana hidhaa jiran
baay’een akkuma araaraan gadi lakkifaman akkuma jiran kanneen biroon ammoo bakka
isaan jiran qoratamee ammallee mana hidhaatii gadi-lakkifamaa jiru waan ta’eef obsaa
eeggachuun barbaachisaa dha. Kanaaf adeemsa kana keessatti Dr.Abiy komachuun
barbaachisaa ta’ee natti hin mul’atu.
Dubbii Kanaan wal-qabsiisee haasaa Dr.Abiy gara Baahirdaaritti imaluun taasisan
tokkon yaadadhe, gaafa sana akkas jedhanii turan, “ Ani MM Oromoo, Amaaraa, Kibbaa,
Somaalee, Affaarii fi naannolee kanneen birooti. Ani MM Itiyoophiyaati. Anaan akka
Oromoo qofaatti nan hin ilaalinaa, an hundumaa wal-qixattin ilala” jedhan.
Dubbii isaanii kana akka salphaatti ilaaluun nurra hin jiraatu. Sababnisaa Dr.Abiy sababa
Oromoo ta’eef Oromoo qofaaf jijjiirama fida jennee kan yaadnu yoo ta’e, rakkoon
Kanaan dura ture ammas deebi’ee akka hin dhufneef wabiin keenya maali?
Walumaa galatti, eenyullee yoo ta’e akka heeraa fi seeraatti biyya kanaa irraa kan
fayyadamaa ta’u beeknee ilaalcha loogii of-keessaa buqqisuun hojii dhuunfaa keenyaaf
xiyyeeffannoo kenninee jijjiirama barbaadamu fiduutu nurra jira.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy