AFAAN OROMOO

Dr.Abiy Ministeera Muummee Itiyoophiyaati!

By Admin

June 11, 2018

Dr.Abiy Ministeera Muummee Itiyoophiyaati!

Yoonaas Tolasaa Biyyi keenya Itiyoophiyaan Waggoottan lamaan darbaniif rakkoo nageenyaaf saaxilamuun ishee ni yaadatama. Rakkoon nageenyaa nu mudate kunis akka Itiyoophiyaatti kan tureedha malee rakkoo naannoo tokko qofatti murtaa’ee hafu hin turre. Kanumarraa ka’uudhaan, mootummaan akka mootummaatti rakkoo jiruuf furmaata kennuudhaaf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuun Dr.Abiy gara aangootti dhufuu isaaniis waliitti himuun nu hin barbaachisu. Egaa rakkoon biyya kana keessatti mul’achaa turan hundinuu kan Itiyoophiyaati erga jennee, rakkoo kana akka nuuf furaniifis MM Dr.Abiy argannee jirra. As keessatti wanti nuti hubachuun nurra jiraatu, Dr.Abiy lammii Oromoo ta’ee Oromoo irraa dhalatus yeroo ammaa kanatti akka biyya Itiyoophiyaa guutuutti adaraan biyya geggeessuu kan itti kennamee jiru. Sababa Oromoo ta’eef Oromoof loogii gochuu qaba kan jedhu jira jedhee hin yaadu. Sababnisaa, akka biyyaatti yoo fayyadamneerra ta’es miidhamneerra ta’es walumaan waan ta’eef ammas wal-caalmaan jiraachuun irra hin jiraatu. Madda rakkoo Kanaan dura biyya kana keessatti ka’aa turanii yoo deebi’inee ilaalle, sababa ilaalchi badan tokko tokko jiraniif wal-caalmaan waan tureef nageenya biyya kanaaf balaa ta’ee ture. Rakkoo kana hmabisuuf ammoo yeroo ammaa kanatti Dr.Abiy akka MM biyya kanaatti muudamanii jiru. Rakkoowwan sabaafi sab-lammoota biyya kanaas guyyaa guyyaan hiikuudhaaf hojii guddaan hojjetamaa jira. Maaliif waan kana kaafte yoo naan jettan, torban kan dhimmi waa’ee hiikamuu obbo Andaargaachew Tsiggee fi gaaffiif deebii obbo Baqqalaa Garbaa miidiyaa waliin taasisan ajandaa guddaa waan ta’ee dhaaf. Akkuma beekamu Obbo Andaargaachew Tsiggee nama shororkeessummaan himatamee murtoo du’aa eeggachaa turee dha. Turtii mana hidhaa waggaa afurii boodas erga MM haaraan Muudamanii araarri godhameefii mana hidhaatii hiikamee Masaraa Mootummaatti Afeeramee nagaan gara biyyasaa akka deemu ta’ee jira. Kanumaan wal-qabatee Miidiyaawwan tokko tokko ba’uu Obbo Andaargaachew Tsiggee ilaalchisee obbo Baqqalaa Garbaa maal akka itti dhaga’ame yeroo gaaafatamanitti, ibsi isaan kennan ajandaa Miidiyaa Hawaasaa ta’ee kan turee fi tokkummaa yeroo ammaa Uummatni Oromoo sabaa fi sab-lammilee biyya kanaa wajjin uumaa jiru kan cilee dibuudha jechuun gabaafamaa tureera. Akkuma jedhamu dhugaa dha yoo ta’e, asiratti wanti nuti osoo wal-hin hubachiisin darbuun nurra hin jiraanne jira jedheen yaada, innis maali yoo naan jettan Obbo Baqqalaa Garbaas ta’e obbo Andaargaachew kan hiikamuu danda’an ifaajee Dr.Abiy ala akka hin taane beekuutu nurra jira. Tarii yeroo obbo Baqqalaan hiikamanitti Dr.Abiy

Muummee Ministeeraa kan hin taane yoo ta’es, bakka duraan hojjetaa turan I/G waajjiira DhDUO ta’anii yeroo jiranitti dhiiibbaa isaan taasisanii Obbo Baqqalaan hidhaa waggaa dheeraa booda gadi-lakkifamuu isaaniis ilaalcha keessa galchuun barbaachisaa dha, Akkuma hundi keenya argaa jirru torban kana ajandaa Miidiyaa hawaasaa kan ta’ee ture tokko keessaa tokko, dhimma hidhamtoota siyaasaan shakkamanii mana hidhaatii ba’aa jiran ilaalchisee kabajamoo obbo Baqqalaa Garbaa komii akka qaban ka’aa ture, innis komee lammileen hedduun mana hidhaatii osoo hin ba’in hafuuf, kanneen biroon ammoo ba’anii masaraa mootummaa keessatti afeeramaa jiranii kan jedhu ture. Komiin kun hagam dhugaa akka ta’e beekuu baadhus, Obbo Baqqalaanis mana hidhaatii akka ba’aniif , ba’aniis Masaraa Mootummaatti afeeramanii waa’ee biyya kanaa irratti akka mari’atanii turan nan beeka. Kanaafuu Andaargaachoon ba’ee masaraa Mootummaatti simatamuun isaa obbo Baqqalaafaa ni komachiisa jedhees hin yaadu. Tarii komeen isaanii ammallee hidhamtootni siyaasaa Oromoo ta’an hiikamanii hin dhumne kan jedhu ta’uu mala. Dhugaa dubbachuuf hidhamtootni siyaasaan himatamanii mana hidhaa jiran baay’een akkuma araaraan gadi lakkifaman akkuma jiran kanneen biroon ammoo bakka isaan jiran qoratamee ammallee mana hidhaatii gadi-lakkifamaa jiru waan ta’eef obsaa eeggachuun barbaachisaa dha. Kanaaf adeemsa kana keessatti Dr.Abiy komachuun barbaachisaa ta’ee natti hin mul’atu. Dubbii Kanaan wal-qabsiisee haasaa Dr.Abiy gara Baahirdaaritti imaluun taasisan tokkon yaadadhe, gaafa sana akkas jedhanii turan, “ Ani MM Oromoo, Amaaraa, Kibbaa, Somaalee, Affaarii fi naannolee kanneen birooti. Ani MM Itiyoophiyaati. Anaan akka Oromoo qofaatti nan hin ilaalinaa, an hundumaa wal-qixattin ilala” jedhan. Dubbii isaanii kana akka salphaatti ilaaluun nurra hin jiraatu. Sababnisaa Dr.Abiy sababa Oromoo ta’eef Oromoo qofaaf jijjiirama fida jennee kan yaadnu yoo ta’e, rakkoon Kanaan dura ture ammas deebi’ee akka hin dhufneef wabiin keenya maali? Walumaa galatti, eenyullee yoo ta’e akka heeraa fi seeraatti biyya kanaa irraa kan fayyadamaa ta’u beeknee ilaalcha loogii of-keessaa buqqisuun hojii dhuunfaa keenyaaf xiyyeeffannoo kenninee jijjiirama barbaadamu fiduutu nurra jira.