AFAAN OROMOO

Du’aa ol; Jiruu gadi

By Admin

June 18, 2018

Du’aa ol; Jiruu gadi

Ibsa Namarraa

Waggoota digdama duura, Ebla 28 bara 1990 oduun wanta Itiyoophiyaantoonni gonkuma niraawwatamaa jeedhanii  hinyaadne tokko dhagaahame. Oduun kun huumni looltoota Eritraan dangaa ceeyee lafa Itiyoophiyaa qabachu isaa kan addeessuu ture. Yeroo san Eritiraan erga Itiyoophiyaa irra biliisa baate akka biyyatti ijaaramte waggootii shan qoofa lakkoofsiste turte. Gaafuuma san manni maree bakka bu’oota ummataa Itiyoophiyaa, weerarri Eritiraan raawwatame ittifame, haalli dangaa biyyoota lamaanii bakka duur argamutti akka deebi’u waraan ittiisa labsee.

Labsiin waraana ittiisa weerara ifaa t’u isaa anee, ummanni Itiyoophiyaa haala seenaa dhiyoo isaa keessa hinmul’anneen sochoo’e. Saboonni, sablammoonni fi ummattoonni biyyatti waraana ittiisa dangaa biyyatti irratti hiriiruuf kutannoo qaban ibsuu jalqaban. Itiyoophiyaantoonni marti enymmaa sabaan osoo addaan hinbayini baasii waraana ittiisa maallaqqaan, qabeenyaan . . . gargaruuf akkuuma dandeetti isaanii hirphuu jalqaban. Midiyooleen biyyatti kan mootummaa fi dhunfaa jeedhamanii osoo addan hinbayini afaan tookko dubbachuu jalqaban.

Itiyoophiyaantoonni kallatti dhaan waraana irratti hiriiruun aal, bakka argaman irraa sangaa fi tumaaleessa fee’anii gara adda waraanatti imaludhaan qalanii nyaachiisaa raayyaa ittiisa biyya jajjabeessu qaban. Weelliistoonni beebbakamoo biyyatti gara adda waraanatti imalanii raayyaa ittiisa onneefachuu qaban.

Haalli waraan haala kanaan ittifufee, Guraandhala bara 1991 irratti geenye. Yeroo kana waraanni booqanna haaraa galmesee. Humni raayyaa ittiisaa dubaan deegarasa ummta jabaa qabuu, duula liixa aduu jeedhamuun iddoowwan weeraraan qabaman keessa Baadima gadhiisise, dangaa biyyatti iddoo san argamu gara duur jiruutti deebisuun isaa ifaa ta’e. Kun gutu biyyattii keessa akka injiifannoo guddaa fudhatamee miira o’aan kabajame. Dargagoonni, shamaran, daa’imni fi jaarsooliin osoo addaan hinbayiinni miira gamachuu isaanii ibsuuf addababayii yaa’anii dhichiisan.

Waraanni itti fufee, Caamsa bara 1992 rayyaan ittiisa Itiyoophiyaa duula haaleellaa gurguddoo adeemsisuu jalqabe. Duuloota haaleellaa kanaan yeroo muraasaa keessa huumna Eritiraa lafa qabatee tureerraa buqqiisee ari’e. Haala kanaan dangaan Itiyoophiyaa bakka weerara duur jiruutti deebi’e. Warranni kun arsaa lubbuu lammiilee guddaa kan gaafatee dhaa. Itiyoophiyaantoonni waraana kana irratti arsaa lubbuu kafalan gootoota birmadummaa biyyatti kabajsisuuf wareegaman ta’uun isaani yomiyyuu hindagatamu. Seenaan, bara baraan isaan yaadataa. Eegaa seenaan waraana dangaa itiyoophiyaa fi Eritiraan gabaabaan kana fakkaataa.

Waraanni biyyootii lamaan giddu uumame haala kanaan erga xummuurame booda, waayee dangaa ilaalchisee boqoonnaan haaraa jalqabame. Inniis dhimma dangaa biyyoota lamaan karaa diiploomaasii fi seeraan hikuu dhaa. Waxabajjii bara 1992 irratti jaarsuummaa Dhaabta Tokkuummaa Afrikaatiin Itiyoophiyaa fi Eritiraan dhukaasa dhaabuuf waliigalte mallatteessan. Wliigalteen kun, dhukaasa dhaabuu irra taree, biyyoonni lamaan raayyaa isaanii gara bakka duur argamutti akka deebisan niajajaa. Akkasuumas dhimma qubanna huumna nagaa kabajsiisa biyyoota gamtoomanis nikaasaa.

Wliigaltee kana irratti hundaahudhaan Muddee bara 1993 hoogantoonni Itiyoophiyaa fi Ertiraa Aljeeriyaa Aljarsitti waliigaltee dangaa sararuu fi daangeessu (boundary delimitation and demarcation agreement) mallatteessan. Akkaataa waligaltee kanaan Komishiiniin sarara dngaa fi daangeessa lafaa (boundary delimitation and demarcation commission) miseensoota shan qabu ijaarame. Biyyoonni lamaanuu namoota lama lama lammii biyya isaanii hintaanee miseensa koomishiinii ta’e hojjatu dhiyeessuuf mirgi keennameef ture. Biyyoonni lamaanuu murteen komiishinii kanaa ol iyyannoo kan hinqabne akka ta’uu waligalnii jiru.

Komiishiniin dangaa kun hojii isa raawwatee murtii isaa Ebla bara 1994 ifaa godhe. Murtiin komiishiniichaa dangaa biyyootii lamaan kaartaa irrtti kan mul’isu dhaa. Itiyoophiyaaniis Eritiraaniis murtii ol iyyannoo hinqabne komiishinicha kan fudhatanii jiru. Muriin kun garuu lafa Baadima bakka ijoo waraan dangaa biyyoota lamaan taate Eritiraaf kan keennu dhaa. Laftii gara itiyoophiyaatti dhufees nijiraa.

Itiyoophiyaan murtii komiishiniicha gutumaan guttutti kan fudhatu ta’u ishee ibsitulle, adeemsa daangeessu irratti gaaffii kaaste turte. Gaaffiin Itiyoophiyaa kaastee, sararrii dngaa kaartaa irrtti kaayame; matii tokko, bakka amantii, awwaala fi kkf bakka lamatti kan qoduu waan ta’eef, yammuu lafa irrtti daangeefamu walmari’achu qabnaa kan jeedhu ture. Mootummaan Eritiraa garuu gaaffii adeemsa lafa daangeessuu Itiyoophiyaa kana fudhachu didee. Mootummaan Eritiraa kana tarees raayyaa huumna kabajisisa nageenya biyyoota gamtoomani lafa isaa keessa kiloomeetira 25 irratti qubate ture ari’e. Akkaataa kanaan dangaa biyyootii lamaan irratti haalli waraanaas nageenyaas hintaane (no war no peace) uumame.

Haalli waraanas, nageenyas  hintaanni kun hanga ammatti fufee jiraa. Biyyoota lamaan giddu waraanni idlee jiraachu dhabulle, darbee darbee walitti-bu’insi mudachuun isaa hinhafne. Sagaleen dhukaasaas dhagaahamuun isaa hinhafne. Iddoowwan dangaa irra jiran dammaqinaan egamu baannaan, yeroo kamiyyuu huumnaan qabamuuf waan saaxilameef huumni ittisa biyyaa haalkanii fI guyyaa hirriiba malee dangaa egaa jiraa. Raawwii kanaaf addaan citinsa malee waggootii kudhasaddeettiif raayyaan ittiisaa nikaadhimamaa, nileenji’aa, hojii irratti boobba’aa, nihidhataa, galaan nidhiyaataa kkf. Kun baajata biyyatti guddaa liqimsaa turuun isaas ifaa dhaa.  

Kana qoofa miti. Iddoowwani fi magaaloota dngaa qarree argaman irrtti hojiin misooma raawwatamaa hinturre. Iddoowwan biyyatti kanbiroo irraa haala adda ta’een misoomni bu’uura fi haawaasummaa takkallee hinraawwatamu. Idoowwan qarree dangaa irra argaman irratti yeroo kamiiyyu tasa loolli ka’u waan dandahuuf abbootiin qabeenyaa, qabeenya isaanii hojii irra olchuu nisoodatu. Sababa kanaan magaaloonni dangaa irra argaman yeroo waraanaa akuuma digamanitti jijjirama malee taa’anii jiruu. Iddoowwan dangaa irratti, jiruun ummtaa akka cabbiitti qorraa dhaa. Abdiin jireenya fooya’aa hinjiru. Jiruun iddoowwan dangaa, du’aa ol jiruu gadii dhaa.

Jiraattoonni kun irra deddeebi’aan haalli jiruu duukkanaa kun akk jijjiiramu gaaffii dhiyeessaa turan. As dhiyoo kan, ministeerri muummeee Dr Abiy gara naannoo Tigraay imalanii  magaala Maqaleetti ummata naanoo waliin yammuu mari’ataniis gaafiin kun ka’e ture.

Eegaa; koreen hojii raawwachiiftuu ADWUI ijjannoo murtii komiishinii dangaa Itiyoophiyaa fi Eritiraa gutumaan guttuttu nan fudhadhaa  jeedhu kan qabate haala jiruu du’aa ol, jiruu dgadi ta’e kana jijjiirufi.