Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Dubbiin akka durii miti!

0 790

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Dubbiin akka durii miti!

Yoonaas Toleeraa tiin
Diinonni Oromoo waggoota dheeraadhaaf Saba Oromoo akka waan inni jibba saba biraafqabuutti olola gara garaa odeessuun Oromoof saba biraa walitti buusuun qumaara siyaasaa
hamaa taphachaa turan.

Yoo Oromoon baratees ta’e daldalee iddoo tokko ga’e, inni oromoo miti jedhu, yoo inni Siyaasa
Oromoo keessatti iddoo guddaa ga’e ammoo innoo sobee Oromoo of fakkeessee maqaa

Oromoon daldala jechuun saba Oromoo saboota kan birooyyuu ofitti qabee jiraachuu danda’u
burjaajessuu barbaadu. Tooftaa qabsoo summii of-keessaa qabu kanaanis waggoota
dheeraadhaaf milkaa’anii boquun Oromootaa bara baraan akka lafa ilaalaa hafu taasisaaniiru.
Gara waanan torban kana taajjabeetti yoon deebi’u, gidduu kana viidiyoon holola sobaa maqaa
Dr.Warqinaa Gabayyoo balleessuuf ba’ee jiru akkasumas nagaa biyya kana keessatti argame
booressuuf gadi dhiifame tokkutu jira. Innis “shukshuktaa” ofiin jedhee of-waama. Afaan
Amaaraatiin “shukshuktaa” jechuun dubbii dhugummaan isaa hin mirkanoofne, gola keessa
dhokachuun dubbatamu garuummoo akka waan dhugaatti qindaa’ee qophaa’u jechuu dha.
“shukshuktaan” kun egaa akka waan kabajamoo Dr.Warqinaa Gabayyoo Oromoo hin taaneetti
kan gabaasuuf gareen obbo Lammaafaa isa jibbanii jiraniitti kan odeessu, itti dabalees
Ministeera Haajaa Alaa ta’ee filamuun isaa Uummata Oromoo ittiin gowwoomsuuf jedheeti
waan hin fakkaanne lallaba.

Inni kan biraan ammoo maqaan isaa Dr.Warqinaa Gabayyoo Nagawoo osoo hin taane,
Gabayyoo Waldakidaan jedheete soba olola.
Kanarraa ka’uunis Gareen Obbo Lammaafaa nama kana buusuun Geetaachoo Raddaa bakka
isaa buusuuf jedhu jedha, Asiratti hubadhaa Geetaachoon kun nama ifatti UUmmata Oromoo
Miidiyaa irratti ba’ee arrabsee dhaam, waan hin fakkaanne!


Sanas ta’e qabsoon burjaajessaa akkasii kun kan yeroon isaa itti darbeedha. Uummatni
Oromoo ammoo Oromoos ta’e saba biraa waan gaarii hanga inni hojjetetti sabummaan isaa isa
hin yaaddessu, ta’uu baannaan garuu Oromoonis waan badaa hojjennaan dhiifatama hin
godhuuf kanammoo ija keenyaan argaa jirra.
Yeroon Oromoon amma keessa jiru, yeroo inni ittii ebelu saba biraadha, ebelu ammoo
Oromoodha ittiin jechaa jiru osoo hin taane, Yeroo inni sirna bulchiinsa biyya kanaa keessatti
iddoo murteessaa qabatee biyya kana geggeessaa jiru waan ta’eef waan bushaa’aa akkasiif
bakka itti kennuufis yeroon isaa waan darbe natti fakkaata.
Kana dhugoomsuufis hojii obbo Lammaafaan gidduu kana dhimma buqqaatota saba biraa
Naannoo keenyaa buqqa’an irratti hundaa’uun qaamolee waan kana irratti hundaa’an irratti
tarkaanfii fudhachuun isaa haga sabni Oromoo saba biraa wajjin illee jiraachuuf kutannoo inni
qabu kan ibsuu dha.
Waa’ee Dr.Warqinaa kaasuu yoo barbaachise, nama amala gaarii qabuuf quuqama
Oromummaa qabuu dha. An qaamaan Waajjira isaa deemuun haasofsiiseera. Hojjetootni
waajjira isaa erga inni muudamee as baay’inaan bakka murteessaa ta’etti Lammilee Oromoo
akka ta’aniif hojii guddaa nama hojjetee dha. Ammas carraawwan gurguddaa akka ijoolleen
Oromoo argatanii fayyadamaa ta’aniif kan hojjechaa jiruu dha.
Injifannoowwan Dippilomaasii biyyi kun argachaa jirtu keessatti ga’een Dr.Warqinaa iddoo
guddaa qaba. Halkaniif guyyaa boqonnaa tokko malee akkuma Dr. Abiy nama hojjechaa jiru
yommuu ta’u Ministeerota yeroo ammaa kana muudama irra jiran kamiyyuu caalaa hojii guddaa
hojjechuun maqaan biyya keenyaallee akka waamamu nama gochaa jiruu dha.
Akka Oromiyaattis yoo ilaalle, dhufaatii Dr.Abiy keessatti bakka Itti Aantummaa isaa DhDUO
keessatti qabu Obbo Lammaaf gadi dhiisuun akka Dr.Abiy Dura taa’aa DhDUO ta’uufis waan
gaarii dalagee jira.
Qabsoo kallattii ykn al-kallattiidhaan Geggeessitootni Oromoo ykn Uummatni Oromoo akka
Oromootti taasisaa jiran keessatti goota adda durummaan ga’ee isaa ba’achaa jiru waan ta’eef

olola maqa balleessii siyaasa Oromoo laamshessuuf ba’uuf osoo iddoo hin kennin
injifannoowwan amma galmaa’aa jiran akka itti fufaniif eenyuu wajjin iyyuu hojjechuun
barbaachisaa dha.
Walumaa galatti tooftaa soba warri diina Oromoo ta’an sabaa fi saba walitti naquun akka waan
Oromoof quuqamaniitti odeessaniif gurra akka hin qabneef, tooftaan qabsoo bushaa’aan akkasii
nu biratti fudhatama akka hin qabne ibsuun barbaada.
Kanaaf dubbiin “shukshuktaa” dubbii nuuf loogamee qindaa’e osoo hin taane, dubbii baajatni
hedduun Oromoon akka kanaanimmoo burjaaja’uuf ramadameef Viidiyoon qindaa’ee dhufe
waan ta’eef, nama nuti jaalannu Dr.Warqinaa mitii , eenyuun iyyuu waliin walitti nu buusuun
Kanaan booda abjuu dha waan ta’eef hanga olola biraa argattanii walitti deebinutti nagaan
turaa.
Kabajamoo Dr.Warqinaan ammoo xiiqii keessa galuun hojii boonsaa Kanaan dura
hojjettan caalaa daran akka hojjettan abdii guutuudhaan ibsachaa, fayyadamummaa
Uummata Oromoofis akkuma Kanaan duraa jabaattanii hojjechuun diina garaa akka
gubdan abdii kooti.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy