Dubbiin akka durii miti!
Yoonaas Toleeraa tiin Diinonni Oromoo waggoota dheeraadhaaf Saba Oromoo akka waan inni jibba saba biraafqabuutti olola gara garaa odeessuun Oromoof saba biraa walitti buusuun qumaara siyaasaa hamaa taphachaa turan.
Yoo Oromoon baratees ta’e daldalee iddoo tokko ga’e, inni oromoo miti jedhu, yoo inni Siyaasa Oromoo keessatti iddoo guddaa ga’e ammoo innoo sobee Oromoo of fakkeessee maqaa
Oromoon daldala jechuun saba Oromoo saboota kan birooyyuu ofitti qabee jiraachuu danda’u burjaajessuu barbaadu. Tooftaa qabsoo summii of-keessaa qabu kanaanis waggoota dheeraadhaaf milkaa’anii boquun Oromootaa bara baraan akka lafa ilaalaa hafu taasisaaniiru. Gara waanan torban kana taajjabeetti yoon deebi’u, gidduu kana viidiyoon holola sobaa maqaa Dr.Warqinaa Gabayyoo balleessuuf ba’ee jiru akkasumas nagaa biyya kana keessatti argame booressuuf gadi dhiifame tokkutu jira. Innis “shukshuktaa” ofiin jedhee of-waama. Afaan Amaaraatiin “shukshuktaa” jechuun dubbii dhugummaan isaa hin mirkanoofne, gola keessa dhokachuun dubbatamu garuummoo akka waan dhugaatti qindaa’ee qophaa’u jechuu dha. “shukshuktaan” kun egaa akka waan kabajamoo Dr.Warqinaa Gabayyoo Oromoo hin taaneetti kan gabaasuuf gareen obbo Lammaafaa isa jibbanii jiraniitti kan odeessu, itti dabalees Ministeera Haajaa Alaa ta’ee filamuun isaa Uummata Oromoo ittiin gowwoomsuuf jedheeti waan hin fakkaanne lallaba.
Inni kan biraan ammoo maqaan isaa Dr.Warqinaa Gabayyoo Nagawoo osoo hin taane, Gabayyoo Waldakidaan jedheete soba olola. Kanarraa ka’uunis Gareen Obbo Lammaafaa nama kana buusuun Geetaachoo Raddaa bakka isaa buusuuf jedhu jedha, Asiratti hubadhaa Geetaachoon kun nama ifatti UUmmata Oromoo Miidiyaa irratti ba’ee arrabsee dhaam, waan hin fakkaanne!
Sanas ta’e qabsoon burjaajessaa akkasii kun kan yeroon isaa itti darbeedha. Uummatni Oromoo ammoo Oromoos ta’e saba biraa waan gaarii hanga inni hojjetetti sabummaan isaa isa hin yaaddessu, ta’uu baannaan garuu Oromoonis waan badaa hojjennaan dhiifatama hin godhuuf kanammoo ija keenyaan argaa jirra. Yeroon Oromoon amma keessa jiru, yeroo inni ittii ebelu saba biraadha, ebelu ammoo Oromoodha ittiin jechaa jiru osoo hin taane, Yeroo inni sirna bulchiinsa biyya kanaa keessatti iddoo murteessaa qabatee biyya kana geggeessaa jiru waan ta’eef waan bushaa’aa akkasiif bakka itti kennuufis yeroon isaa waan darbe natti fakkaata. Kana dhugoomsuufis hojii obbo Lammaafaan gidduu kana dhimma buqqaatota saba biraa Naannoo keenyaa buqqa’an irratti hundaa’uun qaamolee waan kana irratti hundaa’an irratti tarkaanfii fudhachuun isaa haga sabni Oromoo saba biraa wajjin illee jiraachuuf kutannoo inni qabu kan ibsuu dha. Waa’ee Dr.Warqinaa kaasuu yoo barbaachise, nama amala gaarii qabuuf quuqama Oromummaa qabuu dha. An qaamaan Waajjira isaa deemuun haasofsiiseera. Hojjetootni waajjira isaa erga inni muudamee as baay’inaan bakka murteessaa ta’etti Lammilee Oromoo akka ta’aniif hojii guddaa nama hojjetee dha. Ammas carraawwan gurguddaa akka ijoolleen Oromoo argatanii fayyadamaa ta’aniif kan hojjechaa jiruu dha. Injifannoowwan Dippilomaasii biyyi kun argachaa jirtu keessatti ga’een Dr.Warqinaa iddoo guddaa qaba. Halkaniif guyyaa boqonnaa tokko malee akkuma Dr. Abiy nama hojjechaa jiru yommuu ta’u Ministeerota yeroo ammaa kana muudama irra jiran kamiyyuu caalaa hojii guddaa hojjechuun maqaan biyya keenyaallee akka waamamu nama gochaa jiruu dha. Akka Oromiyaattis yoo ilaalle, dhufaatii Dr.Abiy keessatti bakka Itti Aantummaa isaa DhDUO keessatti qabu Obbo Lammaaf gadi dhiisuun akka Dr.Abiy Dura taa’aa DhDUO ta’uufis waan gaarii dalagee jira. Qabsoo kallattii ykn al-kallattiidhaan Geggeessitootni Oromoo ykn Uummatni Oromoo akka Oromootti taasisaa jiran keessatti goota adda durummaan ga’ee isaa ba’achaa jiru waan ta’eef
olola maqa balleessii siyaasa Oromoo laamshessuuf ba’uuf osoo iddoo hin kennin injifannoowwan amma galmaa’aa jiran akka itti fufaniif eenyuu wajjin iyyuu hojjechuun barbaachisaa dha. Walumaa galatti tooftaa soba warri diina Oromoo ta’an sabaa fi saba walitti naquun akka waan Oromoof quuqamaniitti odeessaniif gurra akka hin qabneef, tooftaan qabsoo bushaa’aan akkasii nu biratti fudhatama akka hin qabne ibsuun barbaada. Kanaaf dubbiin “shukshuktaa” dubbii nuuf loogamee qindaa’e osoo hin taane, dubbii baajatni hedduun Oromoon akka kanaanimmoo burjaaja’uuf ramadameef Viidiyoon qindaa’ee dhufe waan ta’eef, nama nuti jaalannu Dr.Warqinaa mitii , eenyuun iyyuu waliin walitti nu buusuun Kanaan booda abjuu dha waan ta’eef hanga olola biraa argattanii walitti deebinutti nagaan turaa. Kabajamoo Dr.Warqinaan ammoo xiiqii keessa galuun hojii boonsaa Kanaan dura hojjettan caalaa daran akka hojjettan abdii guutuudhaan ibsachaa, fayyadamummaa Uummata Oromoofis akkuma Kanaan duraa jabaattanii hojjechuun diina garaa akka gubdan abdii kooti.