Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Eebba Federaalizimii Keessa jiru

0 543

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Eebba Federaalizimii Keessa jiru

Tokkummaa Biyyaa

Biyyoota guddatan keessatti Yaadrimeen Federaalizimii ilaalcha tokkummaa, wal-
qixxummaa fi fayyadamummaa uummata giddu galeessa kan godhatee dha.

Yaadi sirna Bulchiinsa Federaalizimii kun dhiibbaa Mootummaan namarratti taasisu osoo
hin eegin fedhiidhuma lammilee biyya tokkootiin waan fiixa ba’uu danda’uu dha.
Sababnisaa biyya Sabaa fi sab-lammoonni hedduun keessa jiraatan keessatti jaalalaa fi
tokkummaa dhaan wal-danda’anii jiraachuun dhimma seeraan namatti himamuu qabu
osoo hin taane, ilaalchi dhalli namaa uumamaan qabaachuu qabuu dha.
Fakkeenyaaf biyyi keenya Itiyoophiyaan kun biyya saboota, Sab-lammootaa fi
Uummatatoota lakkoofsaan 80 ol ta’an of keessaa qabduu dha jenneerra. Caasaan
bulchiinsa keenyaas bulchiinsaaf akka tolutti naannoo Sagal of keessatti hammattee jirti.
Naannoleen kunneen ammoo kan isaan hundeeffaman garaa garummaa saboota biyya
kanaaa gidduutti uumuuf osoo hin taane, Sirna bulchiinsa iddoo tokko qofatti kuufamee
(concentrated power) dhiibbaa uumuu balleessuu dhaan aangoon gara gadiitti akka
diriiru gochuudhaaf waan qophaa’ee dha.
Kana malees leecalloo biyya keessa jiru waliif qooduudhaan jaalalaan waan qaban waliif
hiranii jiraachuu dhaaf sirni Federaaliizimii baay’ee murteessaa dha.
Sirni Federaaliizimii har’a nuti hordofaa jirru kanaaf Injifannoon Caamsaa 20 carraa
biyya kanaaf kennamee dha, Waggoottan 27 dura biyyi kun Sirna Federaalizimiitiin kan
bulaa hin turreef lammileen hundinuu eenyummaan isaanii ukkaamsamee fedhii isaanii
ala dhiitamaa bulaa turan jechuun ni danda’ama.

Yeroo baay’ee waa’ee Federaalizimii gaafa dubbannu, akka biyya kanaatti yaadoleen
ka’an bu’aa isaa caalaa miidhaan isaa kan caalu akka ta’e falimiiwwan tokko tokko ni
ka’a.
Akka sababaatti kanneen ka’an keessaa tokko, Federaaliizimiin Afaanii fi Gosa irratti
hundaa’e Federaaliizimii Sobaa akka ta’eef fakkeessaadhaaf waan yaadamee
hojjemefaa jedhamee dubbatama.
Dhugaa dubbachuuf Federaalizimiin keenya Afaan ykn gosa irratti kan xiyyeeffateedhaa
jedhamee kan gaafatamu yoo ta’e, irra jireessaan bu’uurreffamni isaa dhuguma sabaa fi
sab-lammoota irratti hundaa’eeti. Kunis kan ta’uu danda’eef haala bulchiinsaaf mijataa
ta’uu isaa giddu galeessa godhachuudhaan kan raawwatamee dha malee sodaa
lammilee biyya kanaaf akka ta’u ykn lammileen biyya kanaa wal-shakkaa akka jiraataniif
kan ta’e miti.
Ilaalchi wal-shakkuu jedhamu kunis yeroo ammaa kanatti ilaalcha boodatti hafaa dha.
Sababnisaa yeroo ammaa kanatti lammilee biyya tokkoo mitii, Addunyaaniyyuu yeroo itti
tokko ta’uudhaaf xaaraa jirtuu dha.
Yeroo akkasii kana keessatti ilaalcha sababa ga’aa hin qabneen mataa walii
dhukkubsuurra, akkaataa yerootti wal-dandeenyee deemuun nurra jiraata. Inni kan
biraan nuti dagachuu hin qabne, Sirni Federaalizimii kun guutummaa guutuutti akka
heeraa fi seeraatti hojiirra oolee fayyadamummaa lammilee hundaa mirkaneesseera
jechuunis gowwummaa dha.
Sababnisaa, adeemsawwan hojii keessatti dogoggoroota hojii irra oolmaa seerota

ba’aniif qaamolee faayidaa uummataaf osoo hin taane, faayidaa dhuunfaan dursa
kennaniin wantootni baay’een qixa isaanii yeroo itti gadi-lakkisan argaa oolla waan
ta’eef.

Akkuman armaan dura kaasuuf yaale, sirna Federaalizimii keessatti waliif yaaduun iddoo
guddaa qaba. Garaagarummaa aadaa, afaanii fi duudhaa jiruu akka eebbaatti
fudhachuu dhaan kan waliin jiraatanii dha.
Yoo Federaalizimii dhugaa barbaadna ta’e, Naannoon tokko leecalloodhaan dureessa
ta’ee kan biraan ammoo hongeedhaan kan gidirfamu yoo ta’e, Naannoo biraa irraa
jaalalaan qooddatee kan waliin jiraatan malee ilaalchi ofittummaa iddoo hin qabaatu.
Walumaa galatti kan nurraa eegamu, ilaalcha ykn caasaa mootummaan diriirsu ija
siyaasaa qofaan ilaaluun mudaa qofaa irra barbaaduu qofa osoo hin taane, eebba waan
sana keessa jirus beekuun barbaachisaa dha.
Akkuman duraan ibsuuf yaale, haala adeemsa bulchiinsa sirna Federaalizimii kana
keessattis rakkoowwan jiran sirriitti ifaaf ifatti mootummaa waliin dubbachuun hiikuu
danda’uunis nurra jiraata.
Irra jireessaan ammoo Mootummaa biyya geggeessu caalaa lammilee biyya kanaatu
walitti dhufa waan ta’eef rakkoo sababawwan gara garaatiin mudatan karaa nagaatiin
gadi taa’anii irratti mari’achuudhaan hiikuunis ni danda’ama.

• ከውይይቶቹ ላይ መረዳት እንደተቻለው በፌዴራላዊው ሥርዓታችን አንኳር ጉዳዮች ላይ
በአብዛኞቹ አገራዊ መግባባት የተፈጠረባቸው ቢሆኑም በአንዳንዶቹ ርዕሰ ጉዳዮች

ላይ አሁንም ያልጠሩ እይታዎች መኖራቸውን የሚያመላክቱ ሃሳቦች ታይተዋል፡፡ በመሆኑም በየመድረኩ
ከተነሱት የህዝብ አስተያየቶች በመነሳት ማብራሪያ የሚፈልጉ ርዕሰ ጉዳዮችን መለዬት፣ ማደራጀትና
መተንተን፣ በማስከተልም አስፈላጊውን የኮሙዩኒኬሽንና የሚዲያ ሥራ በመስራት የህብረተሰቡን ግንዛቤ
ማዳበር ይገባል።
• በውይይቶች ወቅት እንደተንጸባርቀው ከስኬቶቹ ይልቅ ድክመቶቹ ብቻ ጎልተው ሲወጡ
የነበሩበትን ሁኔታ ለማስተካከል በተገኙ ድሎች ላይ ሰፋ ያለ ሽፋን መስጠትና የሚስተዋሉ የግንዛቤ
እጥረቶችን በተገቢው መንገድ ማከም ያስፈልጋል፡፡
• አንቀጽ 39 አገራችንን ለመበታተን ተብሎ ሳይሆን በህዝቦች ፈቃድ ጠንካራ አንድነትን
ለማጽናት ተብሎ በኢትዮጵያ ህዝቦች የጋራ ስምምነት የተቀመጠ መሆኑን ማብራራት፤ ግልጽ እና ሳቢ በሆነ
መንገድም ማቅረብ ያስፈልጋል፡፡
• የኢትዮጵያ ፌደራላዊ ስርዓት አወቃቀር በቋንቋ (በብሄር) ላይ የተመሰረተ መሆኑ በህዝቦች
መካከል ጥርጣሬን የሚያሰፍንና አገሪቷን ለግጭት የሚዳርግ እንደሆነ የሚቀርበው አስተያዬት የተሳሳተ
መሆኑን ማብራራት ይገባል፡፡ የሁሉም ኢትዮጵያዊያን ፍላጎት መበታተን እና መጠፋፋት ሳይሆን የተዛባ
ታሪካቸውን አድሰው ፤ አስተማማኝ ሰላምና ዴሞክራሲ ለማስፈን ፤ ፈጣንና ተከታታይ ማህበራዊ
ኢኮኖሚያዊ ብልጽግናን በማምጣት ከድህነት መላቀቅ እንጅ እንደ አፓርታይድ ዘመን ሁሉም የየራሱን
ግዛት ከልሎ አትድረስብኝ፣ አልደርስብህም ለማለት ወይም እርስ በእርስ ለመጠፋፋት አለመሆኑን ማስረዳት
ይገባል፡፡

• ሌላው ከፌዴራላዊ ስርዓታችን ጋር ተያይዞ የሚነሳው ብዥታ የሚመነጨው ላለፉት 27
ዓመታት በተካሄደው ስራ ሁለንተናዊ ለውጥ መጥቷል ቢባልም የህዝቡን ህይወት በተጨባጭ አልለወጠም
ከሚል አስተሳሰብ ነው ፡፡ በማሳያነት ለማቅረብ የሚሞከረውም የኑሮ ውድነት ፣ ስራ አጥነት ወዘተ
የመሳሰሉ ችግሮችን በመጥቀስ ነው፡። በመሆኑም እኛ ልናስተላልፈው የሚገባው መልዕክት የህዝባችን
ሰፊ መሰረት በተገነባበት የግብርናው ዘርፍ ላይ የመጣውን አገራዊ ለውጥ በአመት ከ44 ሚሊዮን ወደ
345 ሚሊዮን ኩንታል መምጣቱን ፣ ይህም ከህዝባችን 80 በመቶ በላይ የሚሆነውን አርሶ አደርና አርብቶ
አደር ተጠቃሚ ማድረግ መቻሉን፣ በግብርናው ዘርፍ ብቻ የተመዘገበው ለውጥ አገራችን ከስንዴ እርዳታ
ተመጽዋችነት አላቋት ዛሬ ሙሉ በሙሉ ሊባል በሚችል ደረጃ ድርቅን በራስ አቅም መቋቋም የምትችል
አገር ለመሆን መብቃቷን ፤ ትናንት በተረጅነትና በእርስ በርስ ጦርነት አውድማነት ትታወቅ የነበረችው
አገራችን ዛሬ የአፍሪካ የሰላም ፣ የፈጣን እድገት ምሳሌ መሆኗን፣ የኢንቨስትመንት፣ የማኑፋክቸሪንግ
ኢንዱስትሪና የኮንፈረንስ ቱሪዝም ማዕከል መሆኗን ፣ይህም ሆኖ ግን አሁንም ድህነትን ከ54 በመቶ ወደ 22
በመቶ አወረድነው እንጅ እንዳላጠፋነው፤ የኑሮ ውድነትም ከህዝብ የመግዛት አቅም ዕድገት ጋር ተያይዞ
እየተባባሰ የመጣ መሆኑን፣ እነዚህንና መሰል ችግሮችን ምርትና ምርታማነትን በማሳደግ ለመቃቋም ብዙ
መስራት እንደሚጠብቀን ማብራራት ይገባል፡፡ እነዚህን ጉዳዮች ለማብራራት የምንሄድበት መንገድ ግን
ከህዝቡ የ በተጨባጭ አልተለወጥንም ሀሳብ ጋር ፍጹም በሚጻረር መልኩ ሳይሆን ችግሮችን ከማመን በመነሳት
ወደተመዘገቡ ድሎችም በመማተር ሊሆን ይገባል፡፡ ለምናነሳቸው ሀሳቦችም ተጨባጭ የሆኑና ለሰው የቀረቡ
ማሳያዎችን ማጣቀስ ተገቢ ይሆናል፡፡

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy