Yoonaas Toleeraa
Dhimmi nageenyaa wajjin wal-qabatee jijjiiramootni ji’oottan sadan darban asitti mul’achaa jiran baay’ee abdachiisaa fi waan ajaa’ibsiisaa ture. Kanumarraa ka’uun haalli nageenya biyya kanaa bakka hundumaattuu fooyya’uu isaarraan kan ka’e, lammileen hundinuu tasgabbaa’uun gara hojii isaaniitti sirnaan deebi’anii turan jechuun ni danda’ama.
Egaa akkuma beekamu, biyyi keenya rakkoowwan bulchiinsa gaarii Kanaan dura biyya kana keessatti iddoowwan gara garaatti mul’achaa ture irraa ka’uun hawaasni biyya kanaa hedduun komachaa turuun isaa ni yaadatama.
Mootummaan Itiyoophiyaas yeroo dhiyoo asitti komee Uummataa giddu gala godhachuun deebiiwwan hatattamaa akkasumas haaromsa gadi-fagoo jalqabee jira.
Haaromsa yemmuu jennu ammoo afaaniin qofa kan dubbachaa turre sana osoo hin taane qabatamaatti hojii ijaan mul’ataa jiru hojjechuun jalqabamee jira.
Sirriidhumatti walitti himuuf yoo ta’e haaromsi kan barbaachisee mana ykn meeshaa osoo hin taane, namoota akkaataa fedhii mootummaaf uummataatti tajaajila barbaachisaa ta’e hin kennine haaromsuun dirqama waan ta’eef, jarreen kana buqqisanii kan biraan bakka buusuu dhimma filannoo hin qabnee dha.
Haaromsa akkasii geggeessuun ammoo faayidaa dhuunfaa hiriyummaan, ykn gosaan Kanaan dura hojjetamaa ture irraa bilisa waan ta’eef , nama hunda gammachiisa keessumaa geggeessitoota Kanaan dura aangoorra turan jechuun hin danda’amu.
Sababnisaa Kanaan dura haala mijataa jeequmsaa wajjin wal-qabatee biyya kana keessa tureen akka barbaadetti aangootti fayyadamuun qabeenya uummataa saamaa waan tureef haaromsi akkasii kun yeroo itti dhufu, faayidaa Kanaan dura argachaa ture dhabuun isaa waan hin oolleef waan danda’u hundaa gochuun isaa hin hafu kanas ijaan argaa jirra.
Yeroo ammaa kanatti nagaaf tasgabbiin biyya keenya keessatti mul’achaa jiru akkasumas waliigalteen lammilee biyya kanaa gidduutti uumamaa jiru biyyi keenya akka Afriikaatti darbees akka Idil-Addunyaatti dhageettiin isheen argachaa jirtu bu’aa hedduu argamasiisaa jira. Itti dabalees biyya keenya qofaa osoo hin taane, haala yeroo Gaanfaa Afrikaa kanallee jijjiiruuf sochiiwwan gurguddaan taasifamaa jira.
Kanumarraa ka’uun, hojiiwwan Dippiloomaasii Addunyaa Ajaa’ibsaa jiruuf injifannoowwan gurguuddoo galmaa’aa jiran kunneen faayidaawwan biyya keenyaa eegsisuu irra darbee, rakkoowwan hedduu akka naannoo keenyaa mul’atan furuuf hojii guddaan hojjetamaa jira.
Akkuman armaan duratti kaasuuf yaale, haalli nageenyaa biyyi keenya haaromsaa as irra jirtu baay’ee gaarii ta’us, rakkoon nageenyaa ammas iddoowwan tokko tokkootti darbee darbee mul’achaa jira.
Ajandaawwan shira of keessaa qaban kanneen akka daangaa fi kanneen biro kaasuun sabaa fi sab-lammoota biyya kana keessa jaalalaan jiraachaa turan ija shakkiitiin akka wal-ilaalaniif akkasumas darbee darbee walitti bu’iinsi uumamaa jira.
Walitti bu’iinsi sababa an armaan olitti kaaseen uumamaa jiran hundisaaniiyyuu shira xaxamaa jiru irraan kan ka’an malee, hawaasichas kan bakka bu’an miti. Hawaasni biyya kanaa yoomillee taanaan daangaaf jecha akkasitti walitti bu’ee hin beeku.
Kanaaf gareewwan haaromsi akka waliigalaatti eegalame kun hin liqimfamneef shira akkasii xaxaa bulu waan ta’eef nagaan biyya kana keessatti yoo uumame faayidaa dabaa isaan Kanaan dura argachaa turantu kana booda hin jiru waan ta’eef.
Keessumaa rakkoon yeroo dhiyoo asitti naannoo Oromiyaa fi Kibbaatti mul’achaa jiru kan sabaa fi sab=lammilee naannolee kana lamaanii bakka hin buune beekuun barbaachisaa dha.
Ji’a darbe keessa saba Geedi’oo fi Uummata Oromoo Naannoo Gujii daangaa irratti walitti buusuun qumaara siyaasaa kanneen taphachaa turan, dubbichi achiin isaan baasuuf yeroo didutti ammoo gara Magaalaa Hawaasaatti as deebi’uun guyyaa Ayyaana jijiirama baraa Sabni Sidaamaa kabajatu eeguun jeequmsi akka uumamuuf yaaliin taasisaa jiran yeroof milkaa’ina argachiisaa jira.
Garuummoo dhugaa jiru yoo ilaalle, Uummatootni isaan amma walitti buusuuf diraamaa qopheessan Sidaamaanis ta’e Walaayittaan baroota dheeraadhaaf uummata wal-jaalalaa walii wajiin jiraataa turaniif rakkoowwan qaban karaa nagaa hiikkachaa turanii dha.
Ha ta’uyyuu malee yeroo ammaa kana warreen Kanaan dura hojiin isaanii lammilee walitti buusuun dhiiga lammilee dhangalaasaa ofii isaaniitii akka barbaadan biyya kana keessatti jiraachaa turan haaromsa kana keessatti bakka gadi-dhiisaa waan jedhamaniif caasaa Kanaan dura qabanitti fayyadamanii biyya kana jeeqaa jiraachuu isaanii kana namni hunduu beeka.
Caasaan nageenya booressan kunneen ammoo diigamuutu irra jiraata, kanaaf hawaasni naannoo kana jiraatan hundi soda tokko malee nageenya argame kana kununfachuun dhimma filannoof dhiyaatu miti.
Dhugaa dubbachuuf rakkoowwan gara garaa jiraachuu ni malu, garuummoo haalli amma itti adeemamaa jiru kun rakkoo sana furuu mitii, tasumaayyuu kan itti hammeessu waan ta’eef ajandaawwan jeequmsaa irraa walaba ta’anii gaaffiiwwan qaban sirnaan gaafachuun barbaachisaa dha.
Keessumaa Naannoon Oromiyaa, carraa amma argametti fayyadamnee rakkoowwan bulchiinsa gaarii Kanaan duran dhabamsiisuuf hojjechuutu nurra jiraata. Haalli yeroo ammaa Oromiyaan keessa jirtu tokkollee jeequmsaaf kan nama afeeru waan hin jirreef qaamolee faayidaa dhuunfaatiin gowwoomfamanii naannoo keenya Oromiyaatti jeequmsa kaasaa jiran irraa of eeggachuun barbaachisaa dha.
Qeerroon Oromiyaa Kanaan dura haala sodaachisaa keessattillee gaaffii qabu seeraan gaafachaa ture, yeroo ammaa kana ammoo carraa karaa nagaa gaaffii isaa gaafachuu waan danda’uuf dhimma jeequmsaaf isa saaxilu irraa of-eeggachuun Caasaa Kanaan dura rakkoo akkasii biyya kana keessatti uumaa turanillee Saaxiluun isaan akkasii kun Oromiyaa bakka bu’uu akka hin dandeenye ifatti itti himuu qaba.
Walumaa galatti haalli siyaasaa biyya kanaa yeroo ammaa kanatti isa karaa nagaa biyya keessa taa’ee qabsaa’aa jiru mitii isa qabsoo qawwee geegggeessaa jiru iyyuu amansiisuun gara biyyaatti deebi’anii karaa nagaa akka qabsaa’aniif afeeruu isaa irraan kan ka’e Paartilee hedduun biyya keessatti deebi’aa jiru waan ta’eef Kanaan booda waan alaa eegnu tokkoyyuu hin qabnu, yoo dhibe ammoo paartii barbaadnee wajjin biyya keessatti karaa nagaa qabsaa’uun osoo jiruu, karaa badii filannee gonfoo geggeessummaa biyya kanaa isa nutti kenname of dabarsinee gaabbii bara baraa keessa akka hin galleef abshaalummaadhaan carraa amma argame kanatti fayyadamnee ofiifis ta’e biyya keenya fayyaduutu nurra jiraata.