Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Imala Baatiiwwan Lamaa fi injifannoowwan Dr. Abiy…

0 1,782

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Imala Baatiiwwan Lamaa fi injifannoowwan Dr. Abiy…

Hiikaa Margaa
Waggoottan dheeraadhaaf biyya Itiyopphiyaa kana keessatti dhimmi siyaasaa hagas
mara miira namaa kan hawwatu hin turre, Sababnisaa waa’een siyaasa biyya kanaa
yeroo ka’u siyaasa sobaa fi jijjiirama hin fidnetti ilaalamaa ture.
Silaa wanti hin jijjiiramne hin jiruutii, baatiiwwan lamaan darban kana keessatti siyaasni
biyya kanaa guutummaan guutuutti pirooppogaandaa irra darbee hojii qabatamaan
hedduun hojjetmuu eegaluu isaarraa kan ka’e lammileen biyya kanaa fuula isaanii gara
siyaasa biyya kanaa keessatti hirmaachuutti deebisanii jiru.
Muudamuun kabajamoo Dr.Abiy Ahmad biyya kanaaf jijjiirama guddaa kan fidaa jiruuf
ilaalcha lammileen biyya kanaa siyaasaaf qaban kan jijjiiraa jiruu dha.
Isa kanaafis anumti kunuu raga dha. Ani erga bara 2000 irraa eegalee hanga bara
2003tti hirmaannaan siyaasa biyya kanaa keessatti qabu baay’ee ol’aanaa ture. Haa
ta’uyyuu malee hojiiwwan badan gubbaa hanga gajjallaatti jiru waan babal’ateef
hirmaannaa siyaasaa dhiisuun gara hojii dhuunfaa kootti deebi’een ture. Sababnisaa
gochaan ture kan abdii nama kutachiisuuf. Hirmaannaa siyaasa nama dhugaan
hojjechuu barbaaduuf gaarii hin turree dha. Kanumarraa ka’uun waggaa 7f hirmaannaa
tokko malee tureera.
Asirraa hubachuun kan danda’amu, namni miseensa paartii tokkoo ta’ee waggaa sadiif
hirmaachaa ture, hojiiwwan badaa jiran jibbee yoo kan ba’u ta’e, inni waa’ee waan
kanaa hin beekne ammoo akkamiin fedhii siyaasa keessatti hirmaachuu qabaataree?
Akka nama dhuunfaatti yoo fudhanne, adeemsi biyyi keenya amma deemaa jirtu miira
addunyaa guutuu kan hawwachuu danda’ee dha.
Jijjiiramni amma biyya kana keessatti mul’achaa jiru, akka Kanaan duraa
duuchaadhumatti sirna bulchiinsa ADWUI keessa jijjiiramni hin jiru yoo jennellee
ofiidhumasaatiin Afaan bane waan iyyu fakkaata. Jijjiirama salphaatu jiraaree, waan
baay’eetu jijjiiramaa jira malee.
Dr.Abiy’n ilaalchi isaan beekumsaaf qaban kan baay’ee nama ajaa’ibuudha. Beekumsa
qofatti amanus, nama beekumsa yeroo hundaa barbaadu fakkaatu. Wal-qixxummaa
sabaa fi sab-lammootaatti nama amanu waan ta’aniif jaalalli hagas guddatu kennamaafii
jira. Nama kana jibbuunis mormuunis waan namaaf hin danda’amnee dha.
Nama kana argachuu keenyaan biyyi keenya hamma xinnoof balaa hamaa keessa
buutee oolte baraaramteetti. Sabaa fi Sab-lammoonni biyya kanaa kanneen umriin
deemes, kan amma reefuu ol-guddachaa jiranis Dr.Abiyyiin akka qaroo isaaniitti ilaalu.
Sababnisaa kanneen umriin deeman siyaasa akkamii keessa darbanii akka dhufan

waan beekaniif jijjiirama amma argame kana deebi’anii dhabuu hin fedhan. Kanneen ol-
adeermaa jiran ammoo abdiin egeree biyya kanaa isaan waan ta’eef nama dandeettii

siyaasaa cimaa akkasii qabu irraa barachuu waan fedhaniif dhiyeenya kana Dr.Abiyn
foddaa Tv tiinis ta’e qaamaan arguun araada itti ta’aa jira. Kun hunduu maaliif ta’uu
danda’e jennee yoo yaadne, Dr.Abiy ka’umsa isaanii bareechatanii ka’anii jiru. Namni
jalqaba isaa sirreeffate ammoo baruma baraan fiixa ba’aa deema jechuu ni dandeenya.
Gara injifannoowwan akka biyyaatti karaa Dr,Abiy galmaa’aniitti yoo deebine, waadaa
isaan gaafa guyyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa duratti galanii sun tokkoon
tokkoon isaa hojiidhaan agarsiifamaa jiraachuun isaa abdii guddaa namatti hora jira.
Ilaalchi fi gochi isaan tokkummaa sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa cimsuuf qaban
kan onnee irraa madde waan ta’eef tokko tokkoon bakka bakka isaanii qabachaa jiru.
Tokkummaan sabaa fi sab-lammilee biyya kanaa akka Kanaan duraa kan laafaa deemu

osoo hin taane, jabaachaa, bakka itti harca’ee kan itti wal-funaanaa dhufaa jiruu dha.
Kutannoon isaan jijiiramaaf qaban ol’aanaa waan ta’eef, wanti isaan dura dhaabbatu hin
jiru. Akkaataa biyya kana ni jijjiira jedhaniin kaabineewwan sekteroota gara garaa ijaaruu
irraa ka’ee hanga hojii dippilomaasii biyyoota ollaa fi biyyoota michuuwwanii waliin
cimsuutti hojiin baatiiwwan lamaan kana keessa hojjetaman waan salphaa hin turre.
Magaalaota gurguddoo fi xixiqqoo biyya kanaa keessa deemuun hawaasa biyya kanaa
wajjin marii taasisuun madda rakkoowwan gara garaa adda baasuun kallattiiwwan gara
fuula duraa kaa’anii darbaniiru.
Akka Kanaan duraa dirree siyaasaa bal’isuu jechuun dibbee qofaa tumuu osoo hin
taane, hojii qabatamaa ijaan argamuu danda’u hojjechaa kan jiranii dha. Asirratti wanti
an osoo hin kaasin bira hin dabarre yoo jiraate, hidhamtootni dhimma siyaasaa wajjin
wal-qabatee mana hidhaa keessatti dararamaa turan kumaatamaan lakkaa’aman mana
hidhaatii gadi lakkifamanii jiru. Namootni dhimma shororkeessummaatiin hidhamanii
murtoo du’aa eeggachaa turan illee araarri godhameefii nagaan mana hidhaatii ba’uun
masaraa mootummaatti simatamanii dhimma biyyaa irratti kana booda karaa nagaan
hirmaachuu akka danda’an afeeramanii jiru.
Yeroon amma keessa jirru, yeroo murteessaa akka biyyaatti baay’ee nu fayyaduudha.

Waan ta’es waan hin taanes fuunee yeroo itti wal-komannu osoo hin taane, wal-
dandeenyee yeroo itti waliin deemnu waan ta’eef.

Injifannoowwan amma akka biyyaatti galmaa’aa jiran abdii biyyi keenya gara fuula
duraatti qabdu ifatti kan nutti agarsiisuu dha jechuu ni dandeenya.
Hojiiwwan Kabajamoo Dr.Abiy hanga yoonaatti hojjetan hojiiwwan waggoottan darbanii
wajjin madaaluuf namatti ulfaatu ta’uun isaa, waan lama nu keessatti uumuun isaa hin
oolu, inni tokkoffaan gaabbii dha. Gaabbiin kun osoo akkasitti hojjechuun danda’amuu
biyyi kun diigamuuf afaan irra ga’uun ishee gaabbii guddaa nu keessatti uumeera. Inni
kan biraan ammoo abdiis nu keessatti uumee jira jechuu ni dandeenya. Abdiin kun
ammoo akkasitti hojjennaan isa darbe irraanfannee gara fuula duraatti deemnaan osoo
hin jaalatin guddachuun keenya hin oolu.
Walumaa galatti hojiiwwan baatii lamaan kana qofa keessatti hojjetaman kunneen osoo
hin cabin osoo hin dabin akka itti fufan gochuun dirqama,

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy