Itiyoophiyummaan Jaalala!
Yoonaas Toleeraatiin
Barreeffamnikoo har’aa gabaabinaan dhimma hiriira galateeffannaa MMI Dr.Abiy Ahmad
wajjin wal-qabatee waanan taajjabe barreessuum barbaadaan ture.
Dr.Abiy Ahmad erga gara Muudama Muummee Ministeerummaatti dhufanii, reefuu gara
ja’a sadiitti siqaa jiru. Hojii isaan yerottii gabaabduu kana keessatti hojjetan, hojii
salphaatti tilmaamamuu hin danda’amu, keessumaayyuu biyya diigamuuf qarqara irra
geessee turteef waan abjuu ti.
Osoo isaan aangootti hi dhufin,keessumaa waggoottan sadan darban kana, nageenyi
biyya kanaa burjaaja’uu isaarraan kan ka’e, imalli biyyattii gara fuula duraa osoo hin
taane, waggaa sadiif garuma boodaatti ture.
Mee haa ilaallu, biyyi akka Itiyoophiyaa kun Karoora Guddinaa fi Tiraansfoormeeshinii
Waggaa shan shaniin qabachaa jirtu, waggaa sadii dudda duubatti deebi’uun ishee
hagam miidhaan isaa cimaa akka ta’e.
Kana jechuun altokko daandii guddinaa irraa ceenaan itti deebi’uunsaa hagam ulfaataa
akka ta’e tilmaamuunis nama hin rakkisu.
Burjaajii akkasii keessaa raafamaa turte egaa biyyi keenya Itiyoophiyaan waggoottan
sadan darbaniif, keessumaa inni waggoottan lamaan darbanii ammoo baay’ee
yaaddessaa ture jechuun ni danda’ama.
Garuummoo Waaqayyo biyya kana gatee hin gatu waan ta’eef ,yeroo dubbiin
hammaattee, jeequmsis biyya kanatti hojii idilee ta’ee ture tokkotti, Muumichi Ministeera
duraanii obbo Hayilamaariyaam Dassaalenyi fedhii isaaniitiin aangoo akkuma gadi
dhiisaniin, kaadhimamtoota obbo Hayilamaariyaamiin bakka bu’an keessaa tokko
Dr.Abiy dha yeroo jedhamee oduun tokko tokko ba’uutti ka’u, sabaafi sab-lammoonni
biyya kanaa hedduun isaanii ija isaanii Dr.Abiy Ahmad irra kaawwatan.
Furmaatni biyya kanaas harka Dr,Abiy akka jiru irra deddeebi’amee karaa gara garaa
,miidiyaalee hawaasaa kanneen akka Feesbuukii, twitter fi kkfn dhaamsi isaanii guyyaa
guyyaa akka Dr.Abiy Muummee Ministeera biyya kanaa ta’u dhiibbaa taasisuu ture.
Akkuman sila jedhe waaqayyoo iyya saba kanaa hin daganne, fedhiin saba kanaa
galmaa ga’e, Dr.Abiyyis Muummee Ministeera Itiyoophiyaa ta’uun muudaman.
Guyyaa gaafa muudama isaaniitii ka’ee sabaa fi sab-lammoonni biyya kanaa abjuu
keessa jira jechuun ni danda’ama. Sababnisaa hojii isaan yeroo gabaabduu kana
keessatti hojjetan yeroo ilaallu, edaa yoo hojjetan jijjiiramuun jiraay? Jennee akka of-
gaafannu nu taasise.
Dr.Abiy erga gaafa muudameetii kaasee guyyaa tokko boqonnaa malee, seenaa biyya
kanaa jijjiiruuf nama hojjetaa jiru waan ta’eef miirri lammilee biyya kanaa hojii isaatiin
hawwatame.
Dhugaa dubbachuuf guyyaa isaan aangoo irra jiran kana hundumaa waa’ee isaanii
ilaalchisee guyyaa guyyaatti odeeffannoo haaraan hojii isaanii wajjin wal qabatanii ba’an
hedduu nu ajaa’ibsiise.
Biyya keessatti, ilaalchi obbolummaa akka dagaaguu dandeettii fi muuxannoo isaaniitti
fayyadamuu dhaan, haasaa isaan taasisan qalbii nama hundumaa waan hawwateef
yeroo ammaa kana hundumtuu ilaalchi Obbolummaa, afuura Itiyoophiyummaa keessatti
baay’ee jijjiiramaa jira. -Dubbiin ijoo koos asiratti naaf haa qabamu.
Kanaan dura Ilaalchi Itiyoophiyummaa kan sabootaa fi Sab-lammoota biyya kanaa
hunda biratti akka dagaaguuf hojjetamaa ture, humnaa fi fedhii sabootaa fi Sab-
lammoota biyya kanaa ala waan tureef, akka fedhii bulchitoota yeroowwan darbaniitti
dagaaguu hin dandeenye. Yoo dagaageera ta’es, garee fi firoota bulchitoota yeroo
Sanaa biratti malee saboota biro biratti hagas mara dagaageera jechuu hin dandeenyu.
Haa ta’uyyuu malee, ji’oota sadan kana keessatti ilaalchi “Itiyoophoyummaa” jedhu kun
haala nama ajaa’ibsiisuun babal’achaa jira jechuun ni danda’ama.
Fakkeenyaaf anuma isa waan kana barreessa jiru yoo fudhanne, waa’ee
Itiyoophiyummaa takkaa yaadees, dhiphadhees hin beeku. Hamma naaf danda’ametti
yeroo warri kaan “Itiyoophiyaa Tiqdem” jedhan animmoo Oromiyaan haa dursitu jechaan
hanga har’aatti as ga’e, -waa’een Itiyoophiyummaa kun hagas mara nah in dinqus ture.
Garuu, erga kabajamoo Dr.Abiy aangootti dhufanii, namoota waa’ee Itiyoophiyummaa
kanaa jaalataniif falmaniif keessaa isa tokko ta’een jira. Yeroon kana jedhu, sababa
muudama isaaniitiin sanyummaan natti dhaga’amee osoo hin taane, akkaataa isaan
waa’ee jaalala biyyaa barsiisan waan naaf galeef dha.
Dr.Abiy yeroo waa’ee Itiyoophiyummaa fi jaalala biyyaa barsiisan ofii isaaniiyyuu
jaalalaan waan barsiisaniif , namni isaan hin dhageenye tokko hin jiru.
Humnaan nama amansiisuu yaaluun, dhimma tokko booda rakkoon akka jiru waan
agarsiisuuf, daandii dogongoraas namatti fakkaata.
Haa ta’uyyuu malee waan nama miidhu tokkoyyuu yoo ta’e, jaalalaan kan ibsinuuf
hubachiifnu yoo ta’e, qalbiin namaa jijjiiramuun isaa hin hafu.
Egaa hojii Dr.Abiy ilaalcha Itiyoophiyummaa kana dagaagsuuf hojjetan hanga yoonaatti
baay’ee kan nama gammachiisu waan ta’eef, akkaataa sadarkaa barbaadamuuttis
yaada sabaa fi sab-lammilee biyya kanaa waan jijjiireef namni hundinuu ilaalcha kana
jaalachaa fudhachaas jira.
Jecha Dr.Abiy keessaa tokko yoon fudhadhe, “ Yoo lammiin Itiyoophiyaa tokko Naannoo
isaa ala iddoo tokko deemee akka jiraatuuf gaafate, lakki ati naannoo kana miti naaf ba’I
kan jennu ta’e, gocha warra koloneeffattootaa isa jibbaa turre Sanaa wajjin
garaagarummaan keenya maali?, Itiyoophiyaan keenya kan waliinii keenya, wal-
jaalannee wal-kabajnee kan jiraannu yoo ta’e, ofirraa hafneeyyuu orma ni geenya” kan
jedhu dubbii ijoo isaan yeroo mara bakka deemanitti kaasanii dha,
Dadhabbiin isaaniis lafatti hin hafne kunoo ji’a sadii keessatti firii argachuu eegalee jira.
Egaa guyyaa gaafa 16-10-2010 hojii Dr.Abiy hanga ammaatti hojjetan
galateeffachuudhaaf waamichi jiraattota magaalaa Finfinneetii fi Naannoo isheef
godhamee akka ture ni yaadatama.
Dhugaa dubbachuuf qophiin sirna galateeffannaa kanaaf taasifame, yeroo kamiinuu
caalaa waan addaa akka ture Miidiyaawwan gara garaa ni addeessu, Hanga yoonaattis
geggeessitoota Itiyoophiyaatiif uummanni fedhii isaatiin yaa’ee waan gaarii inni hojjeteef
nan galateeffadha jedhee hin beeku- tarii yoo mormiif ba’e malee,
Sagantaan sa’a sadiitti akka eegalamu beekanis baay’een namoota hiriira kana
deemanii saganticha abdii guddaadhaan waan eegaa turaniif halkanillee irriba malee
kan bulan baay’ee akka ta’an odeeffadheen jira.
Anis dhugaa dubbachuuf taanaan, sa’a sagalii kaasee waa’ee hiriirichaan yaadaa bule
jechuu nan danda’a. Sababnisaa waa’eedhuma Itiyoophiyummaa Kanaan dhaqee ilala
jedheen murteesse. Sa’a 12tti yeroon achi ga’u bakki murteessaan qaata qabamee
raawwate.
Haala hiriirichaa yeroon xiinxalutti, Itiyoophiyummaan kun edaa jaalalaa jedheen yaade,
fuula hirmaattotaarra gammachuutu jira, sirbuu, taphachuu, asiif achi fiiguu, fedhii ofii
ibsachuu faa tu ture.
Haala nama dhibuun dhaadhannoo barreeffame tokko yeroon dubbisu, “Ethiopia back
to Grace, Ethiopia will be the most favored country by 2029” kan jedhu tokkon arge.
Innis gara Afaan oromootti yoo deebi’u “ Itiyoophiyaan Surraashee duraaniitti deebi’aa
akka jirtuuf bara 2020tti biyya Addunyaa irraa filatamtuu akka taatu abdii jiru dubbata.
Dhugaadha baay’een gammade, abdii lammileen biyya kanaa jijjiiramaa dhufaa jiruuf
qaban guddaa ta’uu isaa ibsa..
Hiriira deggersa Dr.Abiy sanarraa wanti an hubadhe, lammileen biyya kanaa jaalalaan
yoo qabaman, geggeessitoota isaanii waliin hanga du’aattillee kan imalan ta’uu
hubadheera.
Sababnisaa akkuma hundi keenya beeknu, guyyaa gaafa Sanaa Muummicha
Ministeeraa ajjeesuuf jecha namoota qindaa’anii ba’an , hirmaannaa hirmaattota wal-
ga’ii sanaan fashalaa’uun isaa waan ajaa’ibaati.
Elaa jamaa wanti nuti hubachuu qabnu, humnaan nyaataniif humna hin ta’u akkuma
jedhamu, jaalalaan wanti godhan yeroo hundumaa akka injifatan nama taasisa.
Jaalannus jibbinus, yeroo ammaa kanatti Uummatni Itiyoophiyaa, Ilaalchi
Itiyoophiyummaa, Dr.Abiy injifatoodha jechuu ni dandeenya.
Itiyoophiyummaan aadaa fi afaan isa tokkoo caalchisanii kana qofatu nuuf ta’a osoo hin
taane, ilaalcha gara garaa danda’uun (tolerate) gochuudhaan kan deemu yoo ta’e
bu’aan isaa dafee akka qaqqabu argineerra.
Walumaa galatti, jaalalli humna guddaa waan hundumaa mo’uu danda’u hubachuun,
muuxannoo dhuunfaa keenyaafillee yoo itti fayyadamne jijjiirama barbaachisu fiduu
dandeenya kan jedhu yaada dhuunfaa kootiiti,
Horaa Bulaa
Waaqayyo biyya kana haa eebbisu!