Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Jaalalaan biyya haa ijaarru!

0 426

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Jaalalaan biyya haa ijaarru!

Hiikaa Margaatiin

Biyyi keenya Itiyoophiyaan biyya yaadawwan hundumaa keessummeessuuf

dandeessuu dha. Kanaaf biyyattiin keenya kun biyya sagaleen lammilee hundumaa wal-
qixa itti dhaga’amuuf sirni dimokiraasii dhugaa ta’e keessatti akka dagaagu gochuuf

caalmaatti hojjetamaa akka jiru agarsiiftuuwwan yeroo dhiyoo kan nutti agarsiisanii dha.
Biyyi kun akkuma sabaa fi sab-lammoota hedduu of keessaa qabdu, garaagarummaa
yaadaa fi fedhiiwwan gara garaa akka of keessatti hammattee qabaachuun ishees
beekamaa dha.
Biyya kana keessatti garaagarummaa yaadaa qabaachuun akka waan cubbuu wayiitti
ykn yakka wayiitti ilaalamaa tureera. Sanarraa kan ka’es ilaalcha namoomaa isa
uumamaa keessaa ba’uun walitti mufachuu fi wal-abaaruun hojii idilee biyya kanaa ta’ee
ture.
Walitti mufachuuf , wal-abaaruun kunneen ammoo tokkummaa, jaalalaa fi wal-kabaja
nuti silaa waliif qabaannu irratti dhiibbaa waan fideef akka biyyaatti wal-qabannee bakka
ga’uu qabnu hin geenye.

Kanumarraa ka’uudhaanis inni tokko isa tokkoratti ka’uudhaan, wal-waraanaa, wal-
saamaa fi kabaja wal-dhowwachaa waan turreef xiyyeeffannoon keenya misooma osoo

hin taane, haaloo walirratti ba’uu ta’e.
Yeroon barreeffama kana barreessaa jirutti wanti natti dhaga’amu tokko yoo jiraate, biyyi
keenya kun akka jalqabbii isheef silaa Addunyaa kanaafuu eebba ta’uutu irra ture
jedheen taa’ee yaada.
Sababnisaa biyyi keenya Itiyoophiyaan kun waan qabeenya uumamaa dhabdeef dudda
duubatti kan hafte osoo hin taane, daandii sila wal-faana irra kaane irraa ce’ee keenya
dha.
Tokkummaa isa duraan weerartoota biyya alaa ofirraa qolachaa turre sanatu diigame,
humna tokkummaa Siidaa Aksum ijaare sanatu laafe, Ogummaa isa Gamoo Jagool
boce sanatu hamilee dhabe, kanaaf dha kan bakka silaa ga’uuf turre hanqannee har’a
gargaarsaafillee harka ormaa eeggannu.

Ilaalcha namoomaa ykn garraamummaa isa dur qabna turre sana cinatti dhiifnee, wal-
qoqqooduun waan dhufeef tokkummaan keenya lamshaa’e. Ilaalcha biyya kana

keessatti wal-qixa ta’anii wal-qixa fayyadamuutu faayidaa gareewwanii fi nama
dhuunfaan bakka bu’e, Ilaalchi obbolummaa hafeetu ilaalcha sanyummaatiin bakka bu’e
kanaaf duubatti harkifamne.
Qomoo isa tokkotu ofittummaadhaan ka’ee qomoo isa biraa irraan miidhaa ga’aa ture,
kunimmoo haaloo dhaaf karaa bane waan ta’eef xiiqii haaloo baafachuu keessa seenne.
Yeroo sana xiyyeeffannoon keenya misooma osoo hin taane, waan jal’aa isa ta’e
jibbaan walirratti ka’uuf wal-balleessuu ta’e jechuu dha.
Garuummoo biyya tokko ijaaruuf jaalalli, tokkummaa fi wal-kabajuun jiraachuun isaa
dirqama. Biyya of-dandeessee dhaabatte keessa waan hundumaatu jira. Tokkummaa fi
jaalalli jiraannaan wanti dhibe hin jiru. Bakka jaalalli jiru nagaatu jiraata, wal kabajuutu
jiraata, misoomafaatu jira.
Yeroo ammaa kanas sochiin taasifamaa jiru, akka durii keenya sanatti deebina kan
jedhuudhan se’a. Akka duriitti kanan jedhu isa bara yeroo diinota keenya tokkummaan

ofirraa qolannuu, isa yoodhuma fedhii gara garaa qabaannellee waan tokko nu taasisu
qofa irratti xiyyeeffanuu sanatti akka deebinuu dha,
Waa’ee waan darbee fi miidhaawwan Kanaan dura nurra ga’ee lakkoofnee haaloodhaan
wal-balleessuuf deemnuu sana irraanfannee gara fuula duraa qofaatti xiyyeeffachuutu
nurra jiraata.
Waa’ee waan darbee yaadaa gara fuula duraatti deemuun ni ulfaata, madaa keenya
yeroo darbee hooqqachuun keenya dhibee keenyarraa akka nu hin fayifne beeknee
garaa dhiifamaa waliif qabaachuun gara fuula duraatti tarkaanfachuuf of-qopheessuun
barbaachisaa dha.
Kana hin taane taanaan, yeroon jijjiiramuun isaa waan oolleef wayituma yeroon jijiiramu
eegnee haaloo wal-irratti ba’aa kan deemnu yoo ta’e biyyi kun biyya ta’uu hin
dandeessu, sanumaayyuu dachee abaarsaa taati malee.
Akkuman armaan olitti kaasuuf yaale, wantootni muraasni gargar nu baasuu danda’u,
garaagarummaan siyaasaa, amanii ykn aadaa jiraachuu ni mala. Garuummoo akka
biyyaatti wanti tokko nu godhu yoo jiraate, lammii biyya tokkoo waan taaneef garaa
garummaa jiru akkuma jirutti qabannee, isa kaan ammoo abbaadhuma dhimmaatiif yoo
dhiifne walitti bu’iinsi hin jiraatu jechuu dha.
Yeroo dhiyoo asittis rakkoowwan akka biyyaatti jiran adda baasanii hiikuudhaaf
xiyyeeffannoo mootummaan itti kennee jiru fiixa ba’umsa kan argateed gara fuula
duraattillee jijjiiramni kana caalu akka jiraatu ni hubanna. Sababnisaa ilaalchi soda
lammilee biyya kanaa keessa ture buqqa’ee, tasgabbiidhaan jiraachuun eegalameera.
Ilaalchi sanyummaa biyya kanaatti qorumsa guddaa ta’ee deemsa nu dhowwaa tures
yeroo amma kanatti irra jireessaan fooyya’aa dhufeera jechuu sadarkaa nama
dandeessisu irratti argaman.
Biyyi keenya Itiyoophiyaan kun bulchiinsaaf akka tolutti Naannoodhaan gargar haa
qoodamtu malee, ilaalchi Itiyoophiyummaa miira hunda keenyaa keessa jiraachuutu irra
jiraata. Namni tokko akka dhuunfaasaatiitti waan barbaade ta’uu danda’a, garuummoo
naanna’ee naanna’ee kan inni itti waamamu abbaa isaati waan ta’eef yoomillee tartiiba
akkasii keessaa ba’uun waan hin danda’amneed dha. Kanaaf lammii biyya kanaa
taanee hanga jirrutti, dhimma waliinii waliin qabnu irratti waliin hojjechuuf birmadummaa
biyya kanaa mirkaneessuudhaafis hojjechuutu nurra jiraata.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy