AFAAN OROMOO

Jaalalaan biyya haa ijaarru!

By Admin

June 03, 2018

Jaalalaan biyya haa ijaarru!

Hiikaa Margaatiin

Biyyi keenya Itiyoophiyaan biyya yaadawwan hundumaa keessummeessuuf

dandeessuu dha. Kanaaf biyyattiin keenya kun biyya sagaleen lammilee hundumaa wal- qixa itti dhaga’amuuf sirni dimokiraasii dhugaa ta’e keessatti akka dagaagu gochuuf

caalmaatti hojjetamaa akka jiru agarsiiftuuwwan yeroo dhiyoo kan nutti agarsiisanii dha. Biyyi kun akkuma sabaa fi sab-lammoota hedduu of keessaa qabdu, garaagarummaa yaadaa fi fedhiiwwan gara garaa akka of keessatti hammattee qabaachuun ishees beekamaa dha. Biyya kana keessatti garaagarummaa yaadaa qabaachuun akka waan cubbuu wayiitti ykn yakka wayiitti ilaalamaa tureera. Sanarraa kan ka’es ilaalcha namoomaa isa uumamaa keessaa ba’uun walitti mufachuu fi wal-abaaruun hojii idilee biyya kanaa ta’ee ture. Walitti mufachuuf , wal-abaaruun kunneen ammoo tokkummaa, jaalalaa fi wal-kabaja nuti silaa waliif qabaannu irratti dhiibbaa waan fideef akka biyyaatti wal-qabannee bakka ga’uu qabnu hin geenye.

Kanumarraa ka’uudhaanis inni tokko isa tokkoratti ka’uudhaan, wal-waraanaa, wal- saamaa fi kabaja wal-dhowwachaa waan turreef xiyyeeffannoon keenya misooma osoo

hin taane, haaloo walirratti ba’uu ta’e. Yeroon barreeffama kana barreessaa jirutti wanti natti dhaga’amu tokko yoo jiraate, biyyi keenya kun akka jalqabbii isheef silaa Addunyaa kanaafuu eebba ta’uutu irra ture jedheen taa’ee yaada. Sababnisaa biyyi keenya Itiyoophiyaan kun waan qabeenya uumamaa dhabdeef dudda duubatti kan hafte osoo hin taane, daandii sila wal-faana irra kaane irraa ce’ee keenya dha. Tokkummaa isa duraan weerartoota biyya alaa ofirraa qolachaa turre sanatu diigame, humna tokkummaa Siidaa Aksum ijaare sanatu laafe, Ogummaa isa Gamoo Jagool boce sanatu hamilee dhabe, kanaaf dha kan bakka silaa ga’uuf turre hanqannee har’a gargaarsaafillee harka ormaa eeggannu.

Ilaalcha namoomaa ykn garraamummaa isa dur qabna turre sana cinatti dhiifnee, wal- qoqqooduun waan dhufeef tokkummaan keenya lamshaa’e. Ilaalcha biyya kana

keessatti wal-qixa ta’anii wal-qixa fayyadamuutu faayidaa gareewwanii fi nama dhuunfaan bakka bu’e, Ilaalchi obbolummaa hafeetu ilaalcha sanyummaatiin bakka bu’e kanaaf duubatti harkifamne. Qomoo isa tokkotu ofittummaadhaan ka’ee qomoo isa biraa irraan miidhaa ga’aa ture, kunimmoo haaloo dhaaf karaa bane waan ta’eef xiiqii haaloo baafachuu keessa seenne. Yeroo sana xiyyeeffannoon keenya misooma osoo hin taane, waan jal’aa isa ta’e jibbaan walirratti ka’uuf wal-balleessuu ta’e jechuu dha. Garuummoo biyya tokko ijaaruuf jaalalli, tokkummaa fi wal-kabajuun jiraachuun isaa dirqama. Biyya of-dandeessee dhaabatte keessa waan hundumaatu jira. Tokkummaa fi jaalalli jiraannaan wanti dhibe hin jiru. Bakka jaalalli jiru nagaatu jiraata, wal kabajuutu jiraata, misoomafaatu jira. Yeroo ammaa kanas sochiin taasifamaa jiru, akka durii keenya sanatti deebina kan jedhuudhan se’a. Akka duriitti kanan jedhu isa bara yeroo diinota keenya tokkummaan

ofirraa qolannuu, isa yoodhuma fedhii gara garaa qabaannellee waan tokko nu taasisu qofa irratti xiyyeeffanuu sanatti akka deebinuu dha, Waa’ee waan darbee fi miidhaawwan Kanaan dura nurra ga’ee lakkoofnee haaloodhaan wal-balleessuuf deemnuu sana irraanfannee gara fuula duraa qofaatti xiyyeeffachuutu nurra jiraata. Waa’ee waan darbee yaadaa gara fuula duraatti deemuun ni ulfaata, madaa keenya yeroo darbee hooqqachuun keenya dhibee keenyarraa akka nu hin fayifne beeknee garaa dhiifamaa waliif qabaachuun gara fuula duraatti tarkaanfachuuf of-qopheessuun barbaachisaa dha. Kana hin taane taanaan, yeroon jijjiiramuun isaa waan oolleef wayituma yeroon jijiiramu eegnee haaloo wal-irratti ba’aa kan deemnu yoo ta’e biyyi kun biyya ta’uu hin dandeessu, sanumaayyuu dachee abaarsaa taati malee. Akkuman armaan olitti kaasuuf yaale, wantootni muraasni gargar nu baasuu danda’u, garaagarummaan siyaasaa, amanii ykn aadaa jiraachuu ni mala. Garuummoo akka biyyaatti wanti tokko nu godhu yoo jiraate, lammii biyya tokkoo waan taaneef garaa garummaa jiru akkuma jirutti qabannee, isa kaan ammoo abbaadhuma dhimmaatiif yoo dhiifne walitti bu’iinsi hin jiraatu jechuu dha. Yeroo dhiyoo asittis rakkoowwan akka biyyaatti jiran adda baasanii hiikuudhaaf xiyyeeffannoo mootummaan itti kennee jiru fiixa ba’umsa kan argateed gara fuula duraattillee jijjiiramni kana caalu akka jiraatu ni hubanna. Sababnisaa ilaalchi soda lammilee biyya kanaa keessa ture buqqa’ee, tasgabbiidhaan jiraachuun eegalameera. Ilaalchi sanyummaa biyya kanaatti qorumsa guddaa ta’ee deemsa nu dhowwaa tures yeroo amma kanatti irra jireessaan fooyya’aa dhufeera jechuu sadarkaa nama dandeessisu irratti argaman. Biyyi keenya Itiyoophiyaan kun bulchiinsaaf akka tolutti Naannoodhaan gargar haa qoodamtu malee, ilaalchi Itiyoophiyummaa miira hunda keenyaa keessa jiraachuutu irra jiraata. Namni tokko akka dhuunfaasaatiitti waan barbaade ta’uu danda’a, garuummoo naanna’ee naanna’ee kan inni itti waamamu abbaa isaati waan ta’eef yoomillee tartiiba akkasii keessaa ba’uun waan hin danda’amneed dha. Kanaaf lammii biyya kanaa taanee hanga jirrutti, dhimma waliinii waliin qabnu irratti waliin hojjechuuf birmadummaa biyya kanaa mirkaneessuudhaafis hojjechuutu nurra jiraata.