Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Jalqabbii jajjabeeffamuu qabu…

0 490

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Jalqabbii jajjabeeffamuu qabu…
Hiikaa Margaa
An erga umriinkoo waa’ee siyaasaa dubbachuutti ka’ee, keessumaa bara 1997 kaasee hanga yoonaatti, (isa sanaan duraa badaa waanan hin beekneef) dimokiraasiin biyyaa kanaa xobbeedha, ol-aadeemaa dha, maaloo dha maalishee dha jedhameeti gaaffiin lammilee biyya kanaa ukkaamfamaa ture.
Ammamee dhugaa dubbachuuf, waan tokko nuuf ta’a jedhanii erga itti amananii fudhatanii sababa xixiqqoo akkasii fiduun uummata burjaajessaa turuun maaliif barbaachise egaa? Mee yoo namni waa’ee seera hidhamuu lammilee gaafate, dimokiraasii keenyatu sichi guddataa jiraan deebii ta’aayii?
Egaa sanas ta’e kanas, nuti dimokiraasiin yoomillee taanaan erga al takkaa hojii eegalee tasumallee xobbee ta’ee akka hin beekne, garuummoo nama waan sana raawwachiisutu xobbee ta’uu mala jedheen lafa kaa’e.
Sababnisaa, kunoo biyyuma kana keessattiim kan Dr.Abiy faan waan ajaa’ibaa hojjechaa jiran,Sanumaayyuu ji’a sadii qofa keessatti.
Yaa jarana Kanaan dura, waa’ee dimokiraasiiyyuu namni dubbate, akka diphaa ta’etti farrajamaa tureem, amma garuu biyyi guutuun bilisummaa isaa argatee jira mitii! Yaa waaq- galatakee!
Akkuma beeknu, Kanaan dura mootummaan dirree siyaasa biyya kanaa bal’isuun taphattootni hedduun keessa seenanii akka taphatan haala nan mijeessa jechuun yaalii gochaa turus, murteessaa( refree) mataa isaa qopheeffachuun wantoota akka badiitti hin lakkaa’amnellee badii taasisuu dhaan taphattoota sila wajjin dirree siyaasaa kana keessatti taphanna jedhe kaardii diimaadhaan keessaa yaasuun ofii ballifatee irra taphachaa turuun isaa ni yaadatama.
Sababa kanaanis, taphattootni siyaasaa dirree keessaa ba’uu qofa osoo hin ta’in sababa yaada adda ta’e kan biyya kana caalaatti fayyadu qabadhee dhufeera jedhaniif mana hidhaatti darbatamanii daraaraa guddaa irra ga’aa tureera, kanneen biroon ammoo biyyaa baqatanii biyya ormaatti akka lammii lammaffaatti jiraachaa turanii ru.
Haa ta’uyyuu malee, keessaa baafnee yoo walitti himne erga Dr.Abiy gara Muudama Muummicha Ministeeraatti dhufanii seenaan dimokiraasii biyya kana hanga libsuu ijaatti jijiiramaa jira jechuun ni danda’ama.
Hojiiwwan ijaarsa sirna dimokiraasiitiin wal-qabatee ji’ootttan sadan kana keessatti hojjetaman gabaabaadhumatti yoo ilaalle, hojii mootummaan dirree siyaasaa babal’isuuf hojjechaa jiru jijjiirama nuti waggoottan dheeraa keessatti hin agarre waan fideef waan kana barreessuuf na dirqisiise.
Yeroo ammaa kanatti, ilaalcha siyaasaa dorgomaa ta’e qaamni qabatee jiru hundumtuu mirga isaatti fayyadamee siyaasa barbaade keessatti hirmaachuu akka danda’uuf karaan banamuun isaa baay’ee fooyya’iinsa jiruu dha.
Hojiiwwan hanga yoonaatti hojjataman qabatamaa ta’aniif tokko lama jedhamanii lakkaa’amuu danda’an keessaa inni ol-aanaan lammilee sababa ilaalcha siyaasa isaanii qofaaf mana hidhaatti darbatamanii dararaa hamaan irra ga’aa ture hedduu mana hidhaatii baasuun, ammallee baasisuuf hojii cimaan hojjetamaa jiraachuun kutannoo mootummaan bulchiinsa sirna dimokiraasii dhugaa diriirsuuf qabu kan agarsiisuu dha.
Akkuman jalqaba irratti kaasuuf yaale, sababa hin fakkaannee fi maal na dhibdee geggeessitoota Kanaan dura darbaniin dimokiraasiin keenya osoo hin guddatin hafuunsaa gaabbii nutti uumus, gochaan amma karaa Dr.Abiy faaf wahiloota isaatiin eegalame kun akkasitti itti fufnaan, gaabbii keenya sana waan nu irraanfachiisa jedheen yaada.
Seenaadhuma yeroo gabaabduu kan waggoottan lamaan darbanii yoo fudhanne, Jeneraal Kamaal Galchuu tii fi Obbo Andaargaachoo Tsiggeen faa biyya Itiyoophiyaa kana seenanii qabsoo karaa nagaatiin biyya keessatti qabsaa’u jedhanii yaaduun maraatummaa namatti fakkaata ture, garuummoo dhugaa ta’aa jira.
Addi Dimokiraatawaa Bilisummaa Oromoo Jeneraal Kamaal Galchuun hogganamuu Obbo Andaargaachoo Tsiggee dursaa Arbanyooch Ginbot Sabaat jedhamuun beekaman kunneen dhaabbilee biyyi kun Afaan qawween malee bilisa hin baatu jechuun abdii kutatanii biyya ormaa keessa taa’uun qabsaa’aa turan ta’uu isaanii hundumti namaayyuu ni beeka.
Haa ta’uyyuu malee, waamicha jaalalaa isaaniif godhameen qawwee lafa kaa’uudhaan gara biyyaatti deebi’anii qabsoo karaa nagaa geggeessuudhaaf yeroo isaan itti tarkaanfii fudhachaa jiranii dha.
An akka nama tokkootti kana arguu caalaa wanti na gammachiisu hin jiru. Sababnisaa dhiphachuun dirree siyaasa biyya kanaa qaama kamiinuu fayyadaa waan hin turreef, akka lammii tokkootti ammoo jijjiirama akkasii arguun eenyuuf iyyuu gammachuu guddaa dha.
Paartiin Adda Dimokiraatawaa Oromoo Kanaan dura biyya alaatti sochii tokko tokko eegaluu isaa ni yaadanna, ta’us garuu biyya ormaa taa’anii waa’ee biyya ofiif qabsaa’uun hagam akka ulfaatu isaanitti himuun nu hin barbaachisu, paartichis haala mijataa amma biyya kana keessatti uumametti fayyadamuun waamicha mootummaan taasise dursee fudhachuudhaan kan biyya keessa seene isaan waan ta’eef gochaan isaanii kunis isaan galateeffachiisa.
Wanti ajaa’ibsiisaan nama dhibee hin dhiifne tokko waa’ee diyaaspooraati. Diyaaspooraan biyya alaa jiraatan Kanaan dura yoomillee Mootummaa ADWUI kana deggeranii hin beekan, inumaayyuu guyyaa guyyaadhaan mormiidhaaf hiriira ba’u malee, ilaalchi isaan mootummaaf qabanis baay’ee ilaalcha gaarii hin turre jechuun ni danda’ama.
Kanaan wal-qabatees dhiibbaan diyaaspooraan Mootummaa ADWUI irraan ga’aa ture salphaadha jechuu hin dandeenyu, keessumaa qoqobbiiwwan akka deggersa Maallaqaa biyyoota durooman irraa biyya kanaaf akka hin dhufne, qoqqobbii dabarsa sharafa biyya biyya alaa kanneen akka dolaarii fi paawundii fi kkf akka biyya Itiyoophiyaa hin dhufne gochuun mootummaa dadhabsiisuuf yaaliin taasifamaa tureera milkaa’eerallee, itti dabalataan ammoo yeroo dhiyoo as Kongiresiin biyya Amerikaa Labsii HR.128 jedhamuun baakamu akka raggaasisuuf adeemsi hedduun deemameera. Walumaa gala diyaaspooraan ADWUI wajjin walii galu baay’ee muraasa, tarii warra garee saamtota Kanaan duraa ta’u isaaniyyuu.
Haa ta’uyyuu malee jijjiirama yeroo ammaa mul’achaa jiru kana irraa ka’uun wanti amma jalqabamee jiru cimee akka itti fufuuf waan danda’an gochaa jiru. Yeroo ammaa kanammoo deggersa Mootummaatiif bakka jiranitti hiriira ba’aa jiraachuun isaanii jijjiiramni amma dhufaa jiru hagam akka abdii namatti horu hubachuun ni danda’ama.
Gama bilisummaa Miidiyaaleetti yoo deebine, Miidiyaan Meeshaa Shororkeessitootaati jedhamee seeraan barbaadamaa ture kan akka OMN yeroo ammaa kana ifatti Finfinnee keessatti hojii eegaluuf waajjira kireeffatee arguu caalaa maaltu nama gammachiisu hin jiru.
Biloogerootnii fi weebsaayitootni gara garaa Kanaan dura dhorkamanii turan yeroo ammaa kana dhorkaa jalaa ba’uun isaanii miidiyaaleen odeeffannoo mirga dubbachuu isaanii akka gonfataniif akkasumas akkaataa barbaachisaa ta’e odeeffannoo uummata fayyada jedhan uumata biraan akka ga’an taasisuun hojiin boonsaan hojjetamaa jiru.
Egaa jijjiiramootni ji’’oottan sadan kana keessatti dhufan hagam qabatamaa akka ta’an shakkii tokko malee hubachuu danda’uurra darbeeyyuu, lammileen biyya kanaa fedhii mataa isaaniitiin gochaa kanaaf galataaf karaatti yaa’aa jiru, hiriira ba’uun mootummaa galateeffachaa jiru.
Kanneen Kanaan dura mootummaa mormanillee deggersa isaanii qaamolee amma biyya geggeessaa jiraniif kennaa jiraachuun isaanii hojiiwwan yeroo amma hojjetamaa jiran jajjabeeffamuu akka qabu kan ifatti mul’isuu dha.
Xumura irratti jalqabbii gaariin amma karaa mootummaa eegale kun cimee akka itti fufuuf tokkoon tokkoon keenya ga’ee keenya ba’achuutu nurra jiraata.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy