AFAAN OROMOO

Ummanni Jibbaan Suummaayee Biyya Hinijaaru

By Admin

June 26, 2018

Ummanni Jibbaan Suummaayee Biyya Hinijaaru

Ibsaa Namarraa

Amma Itiyoophiyaan adeemsa jijjiiramarra argamti. Jijjiiramni kun bu’aa qabsoo ummataa jalqaba bara 2008 irraa egalee biyyatti keessa keessttu Oromiyaa keessa adeemsifame dhaa. Qabsoo ummata kan kan kakkaassee, rakkoo bulchinsa, dinagde fi siyaasaa mootummaa keessa ture akka ta’e nibeekamaa. Caasaa mootummaa keessa, gubbaarra hanga gadjallaatti rakkoon bulchinsa gaarii hanga haammaatu dandahutti hammaatee ture. Waajiiroolee mootummaa keessa tajaajila argachuun wanta idlee ta’uun isaa hafee, namoota muraasaa antee fi maallaqqa qabaniif qoofa kan keennamu ta’eet ture.

Mana murtii dhiyaatanii haqa argachuuniis wanta hinyaadamne ta’eet ture. Manneen murtii, murtii kan dabarsan madaal haqaan osoo hinta’ini madaal maallaqaan ta’eet ture. Abbaan maallaqa qabuu nimurtaahaaf, hiyyeessaaf ammo itti murtaahaa.

Gara biraatiin saamiichi qabeenya ummataa fi mootummaa irratti raawwatamu labsiin kan heeyyamame fakkaataa. Proojaktoonni misoomaa gadii anaa jalliisii bishaanii baadiyyaa irraa jalqabbee, haamma gurguddoo qarshii biliyoonaan lakkaahamu ramadameef raawwataman walakkaallee osoo hingahini baajata isaaniif ramadamee fixanii haarkiifamuun isaanii wanta idle ta’e jiraa. Baajata isaanii fixanii raawwiin isaanii dhaabbate kan hinraafatamaniis baay’ee dhaa. Sababni qabatamaa rakkoon raawwii proojaktoota misoomaa irrtti mul’atu saamiicha.

Qonnaan bultoonni sababa misoomaaf yammuu lafa isaan irraa buqaahan beenyaan jiruu fuulla’aa isaanii ilaalcha keessa galchee hinkeennamuuf. Qonnaan bultoonni lafa isaan irraa buqqaahan, kaarii meetraan beenyaa saantiimaan lakkaahamu, yoo bay’ate Birrii 3 qoofatu isaaniif kafalamaa ture. Beenyaan kun waggaa tokko, yoo bay’ate waggaa lama caalaa jiraachisuu hindandayu. Sababa kanaan qonnaan bultoonni namoota lafa isaan irra mana ijaarataniif waardiyyaa ta’ni hoojjachhuuf dirqamanii jiru. Ijooleeni fi haadhooliin manaas hoojii huumnaa irratti boobbaahuuf dirqamanii jiru. Beela isaanii tasgabbeessuuf magaaloota keessa daandii irra baahanii kan buddeen kadhachuuf dirqamaniis heedduu dhaa. Haala magaaloota godina naannawaa finfinnee keessa jiru ilaaluun dhugaa kanaaf raga bahaa. Gar biraatiin nammoonni muraasaa qabeenya, lafa ummataa fi mootummaa saamanii abbaa qabeenya miliiyoona taa’anii, jiru qananii keessa jiraatu. Haalli kun ummata mufachise ture.

Gara siyaasaatti yammuu deebinu; biyyattii keessa dhaabbiileen siyaasaa ilaalcha gara garaa tarkaanfachiisan jiraatanille, mana maree bakka bu’oota feedraalwaa fi naannoolee keessa taa’itaa kan argachuu dandahan adda dhaabbatoota afuur ta’e ADWUI fi deegartoota isaa naanoolee misoomaan dubatti hafan shan keessa soochoo’an qoofa. Manneen maree bakka bu’ootaa garaagaruummaa ilaalcha biyyatti keesa jiran hincalaqisan. Haalli kuun dhibbiina dirree siyaasaatiin if ibsee jiraa. Haalli kun partiileen siyaasaa moorkattootaa fi deeggartoonni isaanii, karaa “seera ala” ta’een sagalee isaanii akka dhageessiisan dirqee jiraa. Gara biraatiin mootummaan hoogantoota paartiilee siyaasaa fi deeggartoota soochii moormii “seeraan ala” irratti hirmaatan hidhaa ture.  

Rakkooleen kun milkaahina mirga sabootaa fi sablammootaa heera mootummaan kabajsiisu irratti argame, guddiina dingadee fi misooma hawaasaa galmaahee, guddiina invastimantii kallatti alaa fi bu’olee milkiiwwan kanaan argaman duukkanneessuu dandahanii jiru. Eggaa; rakkooleen milikaahina argamni fi bu’oolee isaanii dukkaneessuu dandahan kun sochii moormii ummata kakkaasnii jiru. Ka’uumsii sochii qabsoo qeerroo bara 2008 irratti egale kanaa.

Soochii qabsoo qeerroo rakkoolee armaan olitti ibsamaniin walqabate irraa ka’e ADWUIn of qooratee sirraahuu ala  filannoo akka hinqabne huubate. ADWUIn duula haaroomsa gadifageenya jeedhamu kan jalqabee haal kanaan ture. Haaroomsi gadifageeynaa kun hooggansaan ilaalcha tarkaanfataa qabuu (progressive) ADWUI keessaa akka bahuu gargaare jiraa. Miniisteera muummee Dr Abiy Ahimad dabalate gareen hooggansa amma angoo irra jiruu garee tarkkanfataa ADWUI keessa ukkaamame turee, haaroomsa gadifageenyaan gara addatti kan dhufe dhaa.

Gareen hooggansaa gara angootti dhufe kun, tarkaanfii rakkoo bulchinsa, haqa fi siyaasaa furuuf fudhateen bu’aa qabatamaa argamsise jiraa. Bu’an qabatamaa argame kun ummata keessa abdii fi kaka’umsa horee jiraa. Tarkaanfileen adabamtoota yakka dhifamaan gadlakkisuu fi waamicha moormitoota siyaasa biyya alaa socoo’aa turaniif godhamee dirree siyyaasaa bal’isu fi waligalte biyyooleessaa uumu irratti bu’aa qabatamaa argamsise jiraa. Waamiicha moormiitoota siyaasaa biiyya alaa sochoo’aa turaniif godhameen Addi Demookraatawaa Oromoo (ADO) gara biyyatti deebi’ee jiraa. Dhaabbannii Ginboot 7 Arbanyooch Ginbaar jeedhamuus tibbann qabsoo humnaa adeemsisaa ture yeroodhaaf dhaabuu isaa ibsee jiraa.  

Trkaanfiilee hooggansii haaraa walitti-dhuffeenya biyyoota ollaa fi giddugala bahaa cimsuuf fudhateen, guddiina dingadee huumna isaa fixee dhaabbachuuf qaqqabe sochoosuu fi rakkoo haanqiina sharafa alaa salphisisuuf fudhachaa argamuun, kutannoo saamiicha too’achhuuf qabuun, rakoo nageenya Itiyoophiyaa fi Eritiraa giddu turee furuuf fudhateen  deeggarsa ummata hammana hinjeedhamne argate jiraa.

Hooggansi haaraa ummataan fudhatamaa yaahargatu malee qaamoonni adeemsa isaatiin hingamadnees nijiru. Qaamoonni hingamadne kun, taa’itaa siyaasaa irratti rarrahanii maxxnatoota waliin haariiroo dirirsuun qabeenya ummataa kan saamaa turanii fi deeggartoota isaanii dhaa.

Qamooleen kun tarkaanfilee hooggansi haaraa fudhateeni fi fudhachaa adeemuun faayidaan isaanii tuqame jiraa. Kana malees goocha yakka raawwachaa turaniin seeraan gaafatamuun isaanii akka hinollee huubatanii jiru. Kanaafuu; tarkaanfii hooggansa haaraa gufachisuuf shiira xaxaa jiruu. Shiirri isaanii ummatta gidduu suummii jibbaa haarcaasuun ummata walitti-busu dhaa. Goochi haalleellaa boombii hiiriira Waxabajjii 16, bara 2010 miniisteera muummee Dr Abiy fi garee hooggansa isaaniif beekkamtii keennuu fi galateefachuuf Addababayii Masqala adeemsifamee irratti raawwatamee yaalii tarkaanfii hooggansa haaroomsa gufachisuuf raawwatame dhaa. Galmii haaleellaa boombii kanaa hooggantoota haaraa ummataan fudhatamaa argatan irratti midhaa geessiisuun walitti-bu’insa ummata uumuu dhaa.

Walitti-bu’insi tokkuummaa fi waligaltee biyyooleessaa laaffiisaa. Laafiinsi tokkuummaa fi waligalteen biyyooleessaa, hooggansii haaroomsaa gaaffiilee bulchiinsa gaarii, dinagdee fi siyaasaa ummannii kaasaa jiruuf deebii keennu irratti akka rakkatu godhaa. Kun ammo  amantaa ummanni mootummaa irratti qabu salphahaa akka adeemu godhaa. Haalli kun bubbuulee ummanni amma hooggansa haaraa deegaraa jiruu moormiif akka ka’u haala mijeessaa. Yeroo ammaa qaamoonni samichi irraa dhaabatee fi seeraan gaafatamuuf saaxilaman suummii jibbaa haarcaasuun, shiira walitti-bu’isa uumuu xaxuuf oligad figaa jiru. Ummanni ilaalcha jibbaan suummaayee, akka boombii kiyyeefame dhaa; haala mijataa yammuu argatu walitti-bu’insa kaasuun isaa  waan hinolle. Walitti bu’insi ammo tokkuummaa fi waligaltee biyyooleessaa laaffiisuun hooggansa haaraa gufachisuu dandahaa.

Kanaafuu; ummanni ilaalcha jibbaan suummayee tarkaanfii biyya tokkuummaa, waligalte biyyooleessaa fi nageenya qabdu, mirgoonni namuumaa fi siyaasaan ittiin kabajaman akkasuumas badhaatuu jiruuf mijataa taate ijaaruuf fudhatamaa jiru akka hinguufachiisne ofeguu qabaa. Ummanni jibbaan suummaayee biyya tokkuummaa qabdu ijaaruu akka hindandeenye huubatamu qabaa.