Wal-irraa ha barannu!
Hiikaa Margaa
Kanaan dura yeroo biyya keenya bakkeewwan gara garaatti jeequmsi darbee darbee
ka’aa ture, Naannoolee jiran kamiyyuu caalaa nageenyi Naannoon Uummatoota Sabaa
fi sablimmilee Kibbaa Itiyophiyaa nageenya amansiisaa isheetiin beekamti.
Akkuma beeknu Naannoo Uummatoota Kibba Itiyoophiyaa kana Naannolee biro irraa
kan adda ishee taasisu, Naannoo Sabootaa fi Sab-lammoota hedduu of keessatti
hammattee jirtu ta’uu isheeti.
Dhugaa dubbachuuf an yeroon waa’ee dhimma Federaaliizimii wajjin wal-qabatu yaadu,
Naannoo kanatu ijakoo dura deema. Sababnisaa Naannoon kun, Naannoo Sabootaa fi
sab-lammoota gara garaa jaalalaan hammattee jiraachiftuu dhaaf, Naannoo
Obbolummaa dhugaan itti dagaagee jiruudha jechuu ni dandeenya.
Sabaa fi sab-lammoonni Naannoo kibbaa hundi, nagaa fi wal-kabajaan Uummatoota
wajjin jiraatan waan ta’eef, Naannolee kanneen biroofiyyuu biyya fakkeenya gaarii
taatee dha.
Kanumarraa ka’uun, Naannoon kun maqaa “Itiyoophiyaa Xiqqoo” jedhamuun Naannoo
waamamtuuf nageenyaa fi jaalala lammileen Naannoo Sanaa waliif qabaniin kan
beekamtuu dha.
Kana yommuun jedhu, Naannoo kana keessa walitti bu’iinsi tokkollee tasa hin jiru jechuu
koo miti. Walitti bu’iinsi taatee uumamaa ta’ee akkuma jiru, yeroo tokko tokko Naannoo
kana keessa walitti bu’iinsi xixiqqoon dhimma daangaa, dhimma eenyummaa, nyaata
horii fi kkf darbanii darbanii yeroo gara garaatti ni mul’atu turan.
Haa ta’uyyuu malee, sababa walitti bu’iinsa Kanaan badii guddaan osoo hin qaqqabin
jaarsolii Naannootiin karaa nagaa kan hiikamaa turanii dha. Walitti bu’uufi walitti bu’iinsa
karaa nagaatiin rakkoo uumamu hiikuunis Naannoo Uummatoota Kibbaa kanaaf waan
haaraa miti jechuu barbaadeen.
Yeroo ammaa kana garuu, waan faallaa jireenya Uummata kanaa ta’eef, aadaa biyya
kanaa hin taane, darbanii darbanii Naannoo kanatti mul’achaa jiraachuun isaa,
keessumaa wanti nageenya naannoo kanaa booressuu yeroo ammaa kanatti asitti
mul’achuun isaa waan qaanii ti.
Keessumaa Sabni Sidaamaa walaayittaa wajjin osoo walitti hin bu’in waggoottan haga
kanaa nagaan jiraachaa turuun isaanii, isumaayyuu baayinaan Magaalaa Hawaasaa
keessa tokkummaan jiraachaa kan jiranii dha.
UUmmatootni Guraagee fi Qabeennaas jaalalaan Naannoo tokko keessa baroota
dheeraadhaaf kan walii wajjin jiraataa turan waan ta’eef yeroo amma isaan walitti bu’an
arguun keenya waan ta’e tokko akka dudda duuba dubbii Naannoo UUmmatoota kibbaa
kanaa jiraaachuu isaa shakkii nu keessatti uuma.
Muuxannoo Kanaan dura qabnurraa yoo kaanu,naannoo daangaa Mootummaa
Naannoo Oromiyaa fi Sumaalee Itiyoophiyaa gidduutti ta’e jedhanii dubbiifi walitti
bu’iinsa sababa qabatamaa hin qabne kaasuun lammilee Nagaadhaan jireenya isaanii
geggeeffachaa turan miliyoonatti siqan qe’ee isaaniirraa buqqisuun, ajjeesuun
akkasumas jireenya gadadoo akka jiraatan qaamoleen taasisaa turan jiraachuun isaa
muuxannoo ji’oota muraasa duraa ta’uu isaa hundumti keenya ni beekna.
Madda walitti bu’iinsa Naannoolee lamaanii qorachuuf yeroo yaalametti, wanti addaa
uummatootni naannoo lamaanii irratti walitti bu’uu danda’an kan hin jirree fi qaamni
biraan walitti bu’iinsa kana akka dawootti fayyadamuun hojii kontirobaandii geggeessuu,
haaromsa gidduu sana biyya keessatti jalqabee fi jaalalaa fi tokkummaa Naannoo
Oromiyaa keessa turetti inaafuudhaan shira xaxamaa ture ta’uu isaa daa’imnillee
namatti himuu dandeessi.
Haa ta’uyyuu malee akkaataa shira xaxameetiin osoo ta’ee silaa yoona badnee,
waraanni cimaan Uummata Sumaalee fi Oromoo gidduutti uumamee, Uummatni
Oromoo geggeessitoota haaromsaa wajjin akka walitti bu’aniif yaadamee
qophaa’us, inumaayyuu jaalallii fi wal-dhageettiin hawaasaa fi geggeessitoota
haaromsaa gidduutti daran jabaatee cime, uummanti Oromoo irra caalaatti jaalalaan
wal-barbaaduutti ka’e, kanneen qe’ee isaaniirraa buqqa’anii tumsi hatattamaa
taasifamee fii deebisanii dandamachiisuun cimee itti fufe. Kunimmoo haadhumasaayyuu
diina garaa gube. Geggeessitootni Naannoo Oromiyaa isa duraa caalaa cimanii
uummata waliin hiriiruutti ka’an.
Uummatni silaa akka yaadametti wal-diiga, wal-balleessa jedhamee yaadame, irra
caalaatti tokko ta’ee dhufe, gaafa sana egaa garaan kontirobaandistootaa kan gubate.
Utuma jennuu dubbiin Naannoo daangaa Naannolee lamaanii qabbanaa’aa dhiyeenya
kana ga’ee ture.
Ammas diinni silaa waan yaadde galmaan ga’attu malee hin teessuu, uummata Oromoo
fi Geediyoo walitti buusuu dhaafis shira cimaatu xaxame, sanas irra dabarree as
geenyee jirra,
Kun hunduu maaliif ta’e jennee yoo qorannu, dhugaa dubbachuuf sababa quubsaan
lammilee biyya kanaa waliitti buusu akka hin jirre bira ga’ameera. Sanumaan wal-
qabatee eenyutu walitti bu’iinsa kana finiinsaree jedhamee kan yaadamu yoo ta’e. warra
Kanaan dura nagaa biyyaa booressuun ofiisaaniitii faayidaa dhuunfaa isaaniitiif halkaniif
guyyaa fiiganiin kan qindaa’e ta’uu shakkii tokko malee jala murree walitti himuunis
barbaachisaa dha.
Kana hundumaa wal-qabsiisee wanti an kaasuu barbaadeef, inni guddaan tokko qaamni
badii kunneen karaa Oromiyaa fi Sumaalee shirri isaan xaxan fiixa ba’uufii waan dideef,
gara Naannoo Uummatoota kibbaatti as deebi’uun Naannoo nagummaa isheetiin
beekamtu kan booressuuf yaalii tokko tokko taasisaa jiraachuun isaanii muuxannoo
Oromiyaa irraa barannee wajjin wal-qabsiifnee akka ilaalluuf jedheen haga kana
odeesse.
Sababa qaamoleen badii kunneen Oromiyaa dhiisanii gara Uummatoota Kibbaatti
deebi’aniif tokko, carraa garaa garummaa sabootaa fi sab-lammoota Naannoo kanaatti
fayyadamuun hadhaa isaanii facaasuuf waan karoorfamee dha.
Uummatootni Naannoo kanaa uumamaa sabootaa fi sab-lammoota gosa gara garaa
waan ta’aniif ajandaalee gara garaa uumuu dhaan, uummatoota Nannoo kanaa miira
keessa galchuun jeequmsa gara garaaf kakaasuuf waan itti yaadamee qophaa’ee dha.
Ajandaalee kanneen keessaa inni guddaan, Uummatni Sidaamaa of-danda’ee
Mootummaa Naannoo Kibbaa irraa fottoqee Naannoo mataa isaa maaliif hin qabaanne
jechuun, akka waan uummata Sidaamaaf ho’aniitti ija gogaa sobanii boo’anii wal-
boossisuun shira badii xaxamee dha.
Hubadhaa, gaaffiin har’a akka waan haaraatti ka’aa jiru kun sanumaayyuu yeroo itti
sabaa fi sab-lammootni biyya kanaa jaalala Dr.Abiy tiin maraachaa jiranitti, jeequmsa
akkasii ta’e jedhanii qqindeessuun hojii farreen nageenyaa fi faayidaa dhuunfaa isaanii
qofa guutachuuf kanneen tattaafataniiti.
Akka Seeraa fi Heera biyya kanaatti, namni kamuu waan barbaadee gaafatee deebii
argachuuf mirga guutuu qabaachuun isaa kan wal-nama mormisiisu miti, sanumaayyuu
yeroo nuti hogganaa Haaromsaa Dr.Abiy Ahmed gaaffii keenya hundumaa nuuf deebisu
jennee eegaa jirrutti gochaa badii akkasii raawwachuun Uummatoota walitti buusuun
lubbuun namaa akka badu, qabeenyi akka manca’u, baankiin akka saamamu gochuun
hojii saamicha isaanii Kanaan dura dhokatanii gochaa turan ifatti baafachuu isaaniis
asiratti argina.
Egaa gochaan farrummaa akkasii kan uummataaf ho’amee qindaa’e akka hin
taane,muuxannoon nuti Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa arganne kun,
Uummatoota Kibbaatiifis fakkeenya barsiisuu danda’u ta’uun, akkuma Oromiyaa
keessatti argaa turre uummatootni Naannoo kibbaas farreen kana yeellaasisuutu irra
jiraata. Kanas jaalalaa fi tokkummaa Kanaan dura ture daran cimsuun, diina silaa nu
diiguuf ture hojii ala taasisuun ni danda’ama.
Egaan akkuman armaan olitti ibsuuf yaale walitti bu’iinsi xixiqqoo nis ta’e gurguddoon
jiraachuu malu. Haa ta’uyyuu malee yeroo ammaa kanatti gaaffileen kamillee taanaan
karaa seera qabeessa ta’een gaafatamuutu irra jiraata. Sababnisaa waan tokko
argachuuf isa of-harkaa qabnu dhabuun nurra hin jiraatu.
Mootummaanis yeroo ammaa kanatti gaaffilee hawaasa biraa ka’an kamillee haalaan
deebisuudhaaf yeroo itti goodaa hanga gubbaatti tattaaffiin godhamaa jiru waan ta’eef
carraa amma argame kanatti fayyadamnee gaaffii Godinni deebisu godinaaf, kan
Naannoo Naannoof, akkasumas gaaffii akka Federaalaatti deebi’uu qaban dhaawata
dhaawataan gaafachuun deebii isaaniis akkuma Kanaan dura obsinee eeggachaa turre,
ammaas yeroo waliif kennine, garuummoo gaaffii keenya osoo hin irraanfatin itti karaa
nagaa dhaan itti fufuu ni danda’ama.
Walumaa galatti, nageenyii fi tasgabbiin waan baay’ee barbaachisaa fi murteessaa ta’e
beeknee nageenya yeroo ammaa argame kana itti fufsiisuun dirqama hunda keenyaa
ta’uu qaba.
Kana gochuudhaafis, yeroo mara qaamolee nageenya naannoo eegsisan waliin
ta’uudhaan, qaamolee badii akkasii qaqqabsiisuuf yaalan dursinee saaxiluudhaan
nageenya keenya mirkaneeffachuun dhimma filannoof dhiyaatu ta’uu hin qabu.
Abbootiin gadaa,abbootiin amantii, dargaggoonnis nageenya amma argame kanaaf
waardiyyaa yoo dhaabbanne, gaaffiin keenya baroota dheeraadhaaf osoo hin deebi’in
hafellee akka nuuf deebi’uu danda’anis beekuun barbaachisaa dha.
Horaa Bulaa!
Waaqayyo biyya keenya haa eebbisu!