Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Ajandaa diinaatiif meeshaa ta’uu hin qabnu…

0 430

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Ajandaa diinaatiif meeshaa ta’uu hin qabnu…
Hiikaa Margaa
Jijjiiramni yeroo dhiyoo as biyya keenya kana keessatti mul’achaa jiru akkuma jirutti
ta’ee, jijjiirama argame kana itti fufsiisuufis hoji-manee cimaan nu eeggachaa jiraachuu
isaas wantootni agarsisan darbanii darbanii mul’achaa jiru.
Ji’oota muraasaan as jijjiirama guddaa akka biyyaatti mul’ate qabaannus, qaamoleen
jijjiirama kana jibban jiraachuu isaaniis waliin ilaallee turre. Sababni qaamoleen kunneen
jijjiirama kana jibbaniifis ifaaf ifatti hojiin jal’ina isaanii waan saaxilamuu eegaleef hanga
danda’ametti of baraaruudhaaf dhagaa isaan hin fonqolchine akka hin jirres beekuun
barbaachisaa dha.
Akkuma hundi keenyayyuu beeknu, muudamuu Dr.Abiy asitti siyaasni biyya kanaa
guutummaan guutuutti fooyya’aa jira. Dr.Abiyyis haawasa biyya kanaaf biyya alaallee
dabalatee jaalatamummaa guddaa akka isaan argatanis argaa jirra. Dhageettiin biyyi
kun akka ardii keenyaattis ta’e akka idil addunyaatti argachaa jirtullee haala nama
ajaa’ibuun kan fooyya’aa dhufeenya.
Hojiiwwan akka biyyaatti hojjetamaa jiranii fi akkaataan adeemsa hojiiwwan Mootummaa
bifa Kanaan dura deemaa tureen alatti fooyya’aa waan jiruuf daandiin hannaa fi ittiin
shira xaxanis dhiphachaa deemaa jira jechuu ni dandeenya.
Fakkeenyaaf, hojii malaammaltummaa kamillee Kanaan booda waan fedhe yoo ta’ellee
dhimma dhiifatama hin qabne ta’uun isaa warreen hojii malaammaltummaatiin jiraataniif
du’aa wajjin wal-hin caaluuf jechuu dha. Jarreen kun ammoo yeroo balballi jiruu idilee
isaanii itti cufamu kana callisanii ilaalu jechuun gowwummaa dha.
Kanaaf jarreen kun hanga dana’ametti hojii ciigaasisaa kana itti fufsiisuuf ykn ammoo
jeequmsa kaasanii baraaramuuf biyya kana keessa guyyaa guyyaatti ajandaa haaraan
akka uumamuuf waan danda’an hunda gochaa jiru.
Ajandaawwan badiisaa, jeequmsaa fi seera dhabdummaan biyya kana keessatti
akka babal’atu gochuu dhaan ammas Uummatni biyya kanaa amantaa yeroo ammaa
kana mootummaa irratti qabaachaa dhufe kana akka dhabu gochuun yoo danda’ameef
qaawwa kana fayyadamanii ammas gara aangootti deebi’uudhaaf wixxifachaa jiru.
Hanga har’aatti gochoowwan badiisaa kontirobaandistootni biyya kana keessatti godhan
keessaa kanneen gurguddoon, Sabaa fi sab-lammoota biyya kana keessa nagaan
waggoota dheeraa wajjin jiraachaa turan walitti buusuun akka waan mootummaan biyya
tasgabbeessuu dhabeetti piroppogaandaa sobaa afuufuu, gochaa qaanessaa akkasii
kanas namuu tola waan isaan harkaa hin fudhanneef qaamolee gara garaa qarshii
miliyoonotaan lakkaa’amu itti argisiisuun ofitti hawwachuun ergama badii kana akka
raawwataniif bakkeewwan gara garaatti gochaa jeequmsaa kakaasuu.
Fedhii hawaasa tokkoo kan Kanaan dura ofuma isaaniitiin ukkaamsanii irra taa’aa turan
amma akka haaraatti fiduudhaan dhimmichi akka furmaata argatuuf hawaasa
mootummaa irratti kakaaasuu. Fakkeenyaaf Naannoo Kibbaatti Sabni Sidaamaa
Naannoo Mataasaa qabaachuu qaba, sabni biraanis as keessaa ba’uu qaba jedhanii
jeequmsa kaasuun lubbuu namaa fi qabeenya irra badiin akka qaqqabu taasisuu.
Naannoo oromiyaatti ammoo Paartii Siyaasaa kan akka ABO Kanaan dura ofii isaaniitii
Shororkeessaa dha jedhanii akka diinaatti ofirra qolachaa turanii fi deggertoota isaanii
miliyoonaan lakkaa’aman mana hidhaatti ugguraa kan turanii fi kanneen ammoo lubbuu
isaaniillee galaafachaa akka turan ni beekama. Garuummoo aktivistootni jarreen
kontirobaandistoota kanaa ija baasanii fuula miidiyaa hawaasaa irratti as ba’uun Kanaan
booda Oromoo kan bilisa baasu ABO qofa jechuun bakka fedhii hawaasaa duraanii
qirqiduun akka waan Oromoof ho’aniitti hojii lammilee Oromoo walitti buusuu eegalanii

jiru. Oromoon garuu waan isaaf ta’u dursee waan beekuuf gurra isaaniif kennuu dhiisus,
qaamoleen fedhii dhuunfaa isaanii kan uummata bal’aa kana dursan ykn abbootiin garaa
maallaqa kontirobaandistoota irraa itti darbatamu kana fudhachuun ergama badii jaraa
galmaan ga’uuf ammallee kan wixxifachaa jiran jiru jechuu ni dandeenya.
Dhugaa dubbachuuf waraabeyyii guyyaa jedhamanii warreen waamaman kunneen
fedhii dhuunfaa isaanii malee waa’een biyya tasallee kan isaan yaadessu akka hin
taane kan nuti barre, gaafa isaan Caamsaa 16/2010 MM keenya Dr.Abiy irratti yaalii
ajjeechaa taasisan mirkaneeffadheera.
Mee waaq isinitti haa agarsiisu, osoo gochaan sun milkaa’eeraaf ta’ee biyya kana
keessatti waan uumamu tilmaamuun nama hin rakkisu. Isaan garuu gochaa badii sana
dawoo godhatanii ammas deebisanii humnaan nu bituuf akka qophaa’an beekamaa dha.
Sababnisaa Dr.Abiy n ajjeesuuf yaaluun jijjiirama amma biyya kana keessatti argamaa
jiru kana hambisuun, ammas gara teessoo saamicha isaanii duraatti deebi’anii hojii
saamicha isaanii itti fufuuf turan.
Itti dabalees, ajjeechaan hoji geggeessaa Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa (HHI) Injiinar
Simmanyehu Baqqalaa irratti raawwatame gocha badii waraabeyyii guyyaa akka ta’e
namuu shakkii hin qabu.
Sababnisaa namichi kun waggaa torbaa fi walakkaa oliif pirojektii guddaa kana nama
hogganaa ture waan ta’eef malaammaltummaa maqaa pirojektii kanaatiin hojjetame
hundayyuu isaaf malaammaltoota qofatu beeka ture. Amma garuu qaamni gara
geggeessummaatti dhufe kun gabaasa hojii waggaa torbaa pirojektii kanaa waan
barbaaduuf Injiinarri kun itti gaafatamummaa jalaa ba’uudhaaf iccitii jiru dubbachuun
isaa waan hafu miti. Hubadhaa qarshiin Pirojektii guddaa kanarraa nyaatame
Biiliyoonaan kan lakkaa’amu waan ta’eef warreen qarshicha nyaatan osoo hin
nyaatamin namicha kana galaafachuun dirqama itti ta’ee waan jiruuf gochaa ciigaasisaa
kanas guyyaa saafaa godhaniiru.
Kaayyoon waraabeyyii guyyaa inni guddaan ajandaa guyyaa guyyaatti uumuun biyya
kana nagaa fi tasgabbii dhowwuun umrii dheereffachuu dha.
Sababa isaan guyyaa saafaa kana godhaniifisimmoo jeequmsi biyya kana iddoo
muraasa keessatti ka’uu eegalee jira. Kunis kaayyoo jaraa waan ta’eef isaaniif
gammachuu dha.
Kan nama dhibu keessaa tokko ammoo akkuma isaan yaadan, lammileen biyya kanaa
tokko tokko ajandaa isaan guyyaa guyyaatti biyya kana keessatti uumaniif meeshaa
ta’aa deemuu dha.
Haalli kun akkasiin itti fufaa kan deemu yoo ta’e, biyya kana keessatti nagaa fi
tasgabbiin dhabamee jijjiiramni nuti silaa yeroo ammaa kana mi’eeffachaa jirru kun
karaatti hafee ammas rakkoo biraaf saaxilamna jechuu dha.
Kanaaf wanti nuti jala murree beekuu qabnu rakkoowwan tokko tokko ammallee ka’uu
waan malaniif rakkoowwan ka’an kana duddaduuba eenyu akka jiru beeknee, ofii
keenyaaf hanga danda’ametti mootummaa wajjin ol’aantummaan seeraa biyya kana
keessatti akka mirkanaa’u gochuu dha malee, qaama /meeshaa ajandaa diinota
keenyaa akka hin taaneef of-eeggannoon socho’uutu nurra jiraata.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy