AFAAN OROMOO

Ajandaa diinaatiif meeshaa ta’uu hin qabnu…

By Admin

July 30, 2018

Ajandaa diinaatiif meeshaa ta’uu hin qabnu… Hiikaa Margaa Jijjiiramni yeroo dhiyoo as biyya keenya kana keessatti mul’achaa jiru akkuma jirutti ta’ee, jijjiirama argame kana itti fufsiisuufis hoji-manee cimaan nu eeggachaa jiraachuu isaas wantootni agarsisan darbanii darbanii mul’achaa jiru. Ji’oota muraasaan as jijjiirama guddaa akka biyyaatti mul’ate qabaannus, qaamoleen jijjiirama kana jibban jiraachuu isaaniis waliin ilaallee turre. Sababni qaamoleen kunneen jijjiirama kana jibbaniifis ifaaf ifatti hojiin jal’ina isaanii waan saaxilamuu eegaleef hanga danda’ametti of baraaruudhaaf dhagaa isaan hin fonqolchine akka hin jirres beekuun barbaachisaa dha. Akkuma hundi keenyayyuu beeknu, muudamuu Dr.Abiy asitti siyaasni biyya kanaa guutummaan guutuutti fooyya’aa jira. Dr.Abiyyis haawasa biyya kanaaf biyya alaallee dabalatee jaalatamummaa guddaa akka isaan argatanis argaa jirra. Dhageettiin biyyi kun akka ardii keenyaattis ta’e akka idil addunyaatti argachaa jirtullee haala nama ajaa’ibuun kan fooyya’aa dhufeenya. Hojiiwwan akka biyyaatti hojjetamaa jiranii fi akkaataan adeemsa hojiiwwan Mootummaa bifa Kanaan dura deemaa tureen alatti fooyya’aa waan jiruuf daandiin hannaa fi ittiin shira xaxanis dhiphachaa deemaa jira jechuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, hojii malaammaltummaa kamillee Kanaan booda waan fedhe yoo ta’ellee dhimma dhiifatama hin qabne ta’uun isaa warreen hojii malaammaltummaatiin jiraataniif du’aa wajjin wal-hin caaluuf jechuu dha. Jarreen kun ammoo yeroo balballi jiruu idilee isaanii itti cufamu kana callisanii ilaalu jechuun gowwummaa dha. Kanaaf jarreen kun hanga dana’ametti hojii ciigaasisaa kana itti fufsiisuuf ykn ammoo jeequmsa kaasanii baraaramuuf biyya kana keessa guyyaa guyyaatti ajandaa haaraan akka uumamuuf waan danda’an hunda gochaa jiru. Ajandaawwan badiisaa, jeequmsaa fi seera dhabdummaan biyya kana keessatti akka babal’atu gochuu dhaan ammas Uummatni biyya kanaa amantaa yeroo ammaa kana mootummaa irratti qabaachaa dhufe kana akka dhabu gochuun yoo danda’ameef qaawwa kana fayyadamanii ammas gara aangootti deebi’uudhaaf wixxifachaa jiru. Hanga har’aatti gochoowwan badiisaa kontirobaandistootni biyya kana keessatti godhan keessaa kanneen gurguddoon, Sabaa fi sab-lammoota biyya kana keessa nagaan waggoota dheeraa wajjin jiraachaa turan walitti buusuun akka waan mootummaan biyya tasgabbeessuu dhabeetti piroppogaandaa sobaa afuufuu, gochaa qaanessaa akkasii kanas namuu tola waan isaan harkaa hin fudhanneef qaamolee gara garaa qarshii miliyoonotaan lakkaa’amu itti argisiisuun ofitti hawwachuun ergama badii kana akka raawwataniif bakkeewwan gara garaatti gochaa jeequmsaa kakaasuu. Fedhii hawaasa tokkoo kan Kanaan dura ofuma isaaniitiin ukkaamsanii irra taa’aa turan amma akka haaraatti fiduudhaan dhimmichi akka furmaata argatuuf hawaasa mootummaa irratti kakaaasuu. Fakkeenyaaf Naannoo Kibbaatti Sabni Sidaamaa Naannoo Mataasaa qabaachuu qaba, sabni biraanis as keessaa ba’uu qaba jedhanii jeequmsa kaasuun lubbuu namaa fi qabeenya irra badiin akka qaqqabu taasisuu. Naannoo oromiyaatti ammoo Paartii Siyaasaa kan akka ABO Kanaan dura ofii isaaniitii Shororkeessaa dha jedhanii akka diinaatti ofirra qolachaa turanii fi deggertoota isaanii miliyoonaan lakkaa’aman mana hidhaatti ugguraa kan turanii fi kanneen ammoo lubbuu isaaniillee galaafachaa akka turan ni beekama. Garuummoo aktivistootni jarreen kontirobaandistoota kanaa ija baasanii fuula miidiyaa hawaasaa irratti as ba’uun Kanaan booda Oromoo kan bilisa baasu ABO qofa jechuun bakka fedhii hawaasaa duraanii qirqiduun akka waan Oromoof ho’aniitti hojii lammilee Oromoo walitti buusuu eegalanii

jiru. Oromoon garuu waan isaaf ta’u dursee waan beekuuf gurra isaaniif kennuu dhiisus, qaamoleen fedhii dhuunfaa isaanii kan uummata bal’aa kana dursan ykn abbootiin garaa maallaqa kontirobaandistoota irraa itti darbatamu kana fudhachuun ergama badii jaraa galmaan ga’uuf ammallee kan wixxifachaa jiran jiru jechuu ni dandeenya. Dhugaa dubbachuuf waraabeyyii guyyaa jedhamanii warreen waamaman kunneen fedhii dhuunfaa isaanii malee waa’een biyya tasallee kan isaan yaadessu akka hin taane kan nuti barre, gaafa isaan Caamsaa 16/2010 MM keenya Dr.Abiy irratti yaalii ajjeechaa taasisan mirkaneeffadheera. Mee waaq isinitti haa agarsiisu, osoo gochaan sun milkaa’eeraaf ta’ee biyya kana keessatti waan uumamu tilmaamuun nama hin rakkisu. Isaan garuu gochaa badii sana dawoo godhatanii ammas deebisanii humnaan nu bituuf akka qophaa’an beekamaa dha. Sababnisaa Dr.Abiy n ajjeesuuf yaaluun jijjiirama amma biyya kana keessatti argamaa jiru kana hambisuun, ammas gara teessoo saamicha isaanii duraatti deebi’anii hojii saamicha isaanii itti fufuuf turan. Itti dabalees, ajjeechaan hoji geggeessaa Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa (HHI) Injiinar Simmanyehu Baqqalaa irratti raawwatame gocha badii waraabeyyii guyyaa akka ta’e namuu shakkii hin qabu. Sababnisaa namichi kun waggaa torbaa fi walakkaa oliif pirojektii guddaa kana nama hogganaa ture waan ta’eef malaammaltummaa maqaa pirojektii kanaatiin hojjetame hundayyuu isaaf malaammaltoota qofatu beeka ture. Amma garuu qaamni gara geggeessummaatti dhufe kun gabaasa hojii waggaa torbaa pirojektii kanaa waan barbaaduuf Injiinarri kun itti gaafatamummaa jalaa ba’uudhaaf iccitii jiru dubbachuun isaa waan hafu miti. Hubadhaa qarshiin Pirojektii guddaa kanarraa nyaatame Biiliyoonaan kan lakkaa’amu waan ta’eef warreen qarshicha nyaatan osoo hin nyaatamin namicha kana galaafachuun dirqama itti ta’ee waan jiruuf gochaa ciigaasisaa kanas guyyaa saafaa godhaniiru. Kaayyoon waraabeyyii guyyaa inni guddaan ajandaa guyyaa guyyaatti uumuun biyya kana nagaa fi tasgabbii dhowwuun umrii dheereffachuu dha. Sababa isaan guyyaa saafaa kana godhaniifisimmoo jeequmsi biyya kana iddoo muraasa keessatti ka’uu eegalee jira. Kunis kaayyoo jaraa waan ta’eef isaaniif gammachuu dha. Kan nama dhibu keessaa tokko ammoo akkuma isaan yaadan, lammileen biyya kanaa tokko tokko ajandaa isaan guyyaa guyyaatti biyya kana keessatti uumaniif meeshaa ta’aa deemuu dha. Haalli kun akkasiin itti fufaa kan deemu yoo ta’e, biyya kana keessatti nagaa fi tasgabbiin dhabamee jijjiiramni nuti silaa yeroo ammaa kana mi’eeffachaa jirru kun karaatti hafee ammas rakkoo biraaf saaxilamna jechuu dha. Kanaaf wanti nuti jala murree beekuu qabnu rakkoowwan tokko tokko ammallee ka’uu waan malaniif rakkoowwan ka’an kana duddaduuba eenyu akka jiru beeknee, ofii keenyaaf hanga danda’ametti mootummaa wajjin ol’aantummaan seeraa biyya kana keessatti akka mirkanaa’u gochuu dha malee, qaama /meeshaa ajandaa diinota keenyaa akka hin taaneef of-eeggannoon socho’uutu nurra jiraata.