Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Dinagdeen keenyahoo ?

0 837

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Dinagdeen keenyahoo ?

Yeroosan Toleeraa
Ji’oota muraasaan asitti jijjiiramni siyaasaa biyya kana keessatti dhufaa jiru hunda
galeessa ta’uu isaa kanneen mul’isan keessaa tokko, fooyya’iinsa dinagdee keenyaati.
Qaala’iinsi jireenyaa ji’oottan afran darbanii fi san dura nu mudachaa turan, biyya kana
keessa jiraachuuf yaaddoo guddaa keessa nu galchanii turan. Meeshaalee bu’uuraa
hundumaa irratti gatiin dabaluu isaarraa kan ka’e , warreen kiraa sassaabdotaaf malee
jireenyi hundumatti ulfaatee akka ture yaadannoo yeroo dhiyooti .
Ji’a Fulbaana 2018 irraa kaasee hanga yeroo dhiyootti, gatiin jijjiirraa $1 qarshii 27-37 tti
gurguramaa turuun isaa hagam qarshiin biyya kanaa waa bituudhaaf humna hin qabne
kan agarsiisuu dha. Kanumarraa ka’uunis qalaa’iinsa gabaa mul’ateen gatiin
meeshaalee bu’uuraa akka malee waan dabaleef warreen hannaan jiraatanii alatti
hundumtuu siqiqii cimaa keessa ture.
Qaamoleen Kontirobaandistootaa Kanaan dura qabeenya biyya kanaa saamaa turan,
jijjiirama amma biyya kana keessattu argamaa jiru kana gufachiisuudhaaf doolara
hedduu karaa seeraan alaa mana isaanii keessatti waan kuufatanii turaniif rakkoon
sharafa biyya alaa akka mudatu gochuudhaan qaala’iinsi jireenyaa taasisuun
mootummaa fu hawaasa gidduutti rakkoon akka uumamuuf yaalii gidhanii turan.
Haa ta’u malee, tarkaanfii mootummaan gabaa seeraan alaa doolaara biyya keessaa
irratti fudhachuu eegalee fi sharafawwan seeraan ala biyya keessa socho’an akka
Baankiitti deebi’aniif carraaqqiin mootummaan godhaa jiru haala nama ajaa’ibuun
dinagdee keenya irratti fooyya’iinsa fidaa jira.
Fakkeenyaaf gatiin sharafa doolaara tokkoo kan Baankii Mootummaa keessa jiruuf kan
gabaa guaracha (seeraan alaa) irraa jiru garaagarummaa qarshii 10 kan ture yeroo
ammaa gara saantima 10 tti gadi bu’uunsaa faayidaawwan hedduu qaba.
Faayidaan isaa inni jalqabaa, qaamoleen hojii akkasii hojjechuun mootummaa irraan
kisaaraa, lammilee irratti qaala’iinsa jireenyaa dabalan hojichi akka isaan hin baafne
beekanii akka dhaabbatan kan godhu yommuu ta’u, inni kan biraan ammoo kanneen
seeraan ala doolaara kana ala baasuun gatii ol-kaasanii gurguran gocha akkasii waan
dhiisaniif .kuufamni doolaara baankii keessa taa’uu achuma taa’ee , daldaltoota
meeshaa fichisiisaniif akkaataa fedhii isaaniitti kan sharafamuuf waan ta’eef gatiin
hanqina sharafaa wajjin wal-qabatee dabalamus ni fooyya’a jechuudha.
Kana boodas taanaan, mootummaan tooftaawwan akkasii kana fayyadamuun, hanqina

sharafa biyya alaa kana hambisuun hojiin seeraan alaa biyya kana keessatti akka hin
babal’anne gochuun barbaachisaa dha, Fakkeenyaaf akka odeeffannoowwan tokko
tokko ibsanitti gabaa gurraacha inni jedhan kun kuufama doolaara mana mootumaa
keessa jiru qabaachuun isaa, sharafni biyya alaa akka biyya keessaa hanqatuuf ga’ee
guddaa taphachaa ture. Inni kunimmoo deemee deemee qarshiin kun harka warra
saamtotaa waan jiruuf isaanumatu dhaqee meeshaalee biyya alaa akka barbaadan
fiduushaan gatii itti dabaluun hawaasa dararanii dhiibbaa siyaasaa illee fidaa turan.
Gabaan gurraachii fi hidhati waraabessootni guyyaa qaban, yeroo kamiyyuu caalaa
biyya kana miidhuuf yaalanis haallichi tarkaanfii mootummaan dafee fudhateen
fooyya’uuf danda’eera.
Kanarraan kan ka’es gatiin meeshaalee bu’uuraa biyya alaatii galanii fooyya’aa dhufuun
isaa daandii mootummaan amma qabatee jiru haala Kanaan kan itti fufu yoo ta’e, irra
caalmaatti fooyya’uu akka danda’u gamanumaan tilmaamuun nama hin rakkisu.
Fakkeenyaaf Kanaan dura gatii sibiilota garaa garaa biyya keessa seenaa turanii irratti
gara garummaa naannoo qarshii 20 dabalamee argamuun isaa hagam hojii ijaarsa biyya
kanaa akka miidhe arguun danda’ameera.
Rakkoo akkasii kana hambisuuf , Mootummaanis tarkaanfiiwwan inni fudhate keessaa
muraasni, hojii dippilomaasii cimaa hojjechuun doolaara biliyoonaan lakkaa’amu baankii
biyya keenyaatti galii taasiisuun isaa, tasgabbii amma argame Kanaan balbala kan
banee dha.
Inni kan biraan ammoo, lammileen Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan , qoqqobbii doolaara
baankiitti erguu dhaabanii kan turan, yeroo ammaa kana deggersa jijjiirama amma
dhufaa jiru kanaaf jecha karaa baankii erguu eegaluu isaanii irraan ka’e haalli sharafa
biyya keessa jiruu fooyyessaa jira.
Jijjiiramni biyya kana keessa jirus, akka addunyaatti fudhatama guddaa waan argateef,
karaa kamiinuu deggersa akka argatus beekuun nama hin rakkisu. Kanarraa kan ka’es
dandeettiin waan bituu maallaqa keenyaas akka dabalaa deemu kan nuuf ibsuu dha
jechuu dha. Sababnisaa qoqqobbiiwwan Kanaan dura karaa adda addaa irra kaa’amanii
turanis ka’uu malu waan ta’eef.
Hojii invastimantii haala nageenya biyya kanaa irratti hundaa’anii waan babal’ataniif,
yeroo kanatti ammoo rakkoon sharafa biyya alaas salphachaa dhufa jechuu dha.
Walumaa galatti, akkuma siyaasni keenya jijjiiramaa deemu, dinagdeen keenyas
fooyya’aa waan deemuuf jijjiiramni amma argame kun akka itti fufuuf mootummaa cina
dhaabbachuun irra caalaatti biyya tasgabboofte uumuun barbaachisaa dha.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy