Dinagdeen keenyahoo ?
Yeroosan Toleeraa Ji’oota muraasaan asitti jijjiiramni siyaasaa biyya kana keessatti dhufaa jiru hunda galeessa ta’uu isaa kanneen mul’isan keessaa tokko, fooyya’iinsa dinagdee keenyaati. Qaala’iinsi jireenyaa ji’oottan afran darbanii fi san dura nu mudachaa turan, biyya kana keessa jiraachuuf yaaddoo guddaa keessa nu galchanii turan. Meeshaalee bu’uuraa hundumaa irratti gatiin dabaluu isaarraa kan ka’e , warreen kiraa sassaabdotaaf malee jireenyi hundumatti ulfaatee akka ture yaadannoo yeroo dhiyooti . Ji’a Fulbaana 2018 irraa kaasee hanga yeroo dhiyootti, gatiin jijjiirraa $1 qarshii 27-37 tti gurguramaa turuun isaa hagam qarshiin biyya kanaa waa bituudhaaf humna hin qabne kan agarsiisuu dha. Kanumarraa ka’uunis qalaa’iinsa gabaa mul’ateen gatiin meeshaalee bu’uuraa akka malee waan dabaleef warreen hannaan jiraatanii alatti hundumtuu siqiqii cimaa keessa ture. Qaamoleen Kontirobaandistootaa Kanaan dura qabeenya biyya kanaa saamaa turan, jijjiirama amma biyya kana keessattu argamaa jiru kana gufachiisuudhaaf doolara hedduu karaa seeraan alaa mana isaanii keessatti waan kuufatanii turaniif rakkoon sharafa biyya alaa akka mudatu gochuudhaan qaala’iinsi jireenyaa taasisuun mootummaa fu hawaasa gidduutti rakkoon akka uumamuuf yaalii gidhanii turan. Haa ta’u malee, tarkaanfii mootummaan gabaa seeraan alaa doolaara biyya keessaa irratti fudhachuu eegalee fi sharafawwan seeraan ala biyya keessa socho’an akka Baankiitti deebi’aniif carraaqqiin mootummaan godhaa jiru haala nama ajaa’ibuun dinagdee keenya irratti fooyya’iinsa fidaa jira. Fakkeenyaaf gatiin sharafa doolaara tokkoo kan Baankii Mootummaa keessa jiruuf kan gabaa guaracha (seeraan alaa) irraa jiru garaagarummaa qarshii 10 kan ture yeroo ammaa gara saantima 10 tti gadi bu’uunsaa faayidaawwan hedduu qaba. Faayidaan isaa inni jalqabaa, qaamoleen hojii akkasii hojjechuun mootummaa irraan kisaaraa, lammilee irratti qaala’iinsa jireenyaa dabalan hojichi akka isaan hin baafne beekanii akka dhaabbatan kan godhu yommuu ta’u, inni kan biraan ammoo kanneen seeraan ala doolaara kana ala baasuun gatii ol-kaasanii gurguran gocha akkasii waan dhiisaniif .kuufamni doolaara baankii keessa taa’uu achuma taa’ee , daldaltoota meeshaa fichisiisaniif akkaataa fedhii isaaniitti kan sharafamuuf waan ta’eef gatiin hanqina sharafaa wajjin wal-qabatee dabalamus ni fooyya’a jechuudha. Kana boodas taanaan, mootummaan tooftaawwan akkasii kana fayyadamuun, hanqina
sharafa biyya alaa kana hambisuun hojiin seeraan alaa biyya kana keessatti akka hin babal’anne gochuun barbaachisaa dha, Fakkeenyaaf akka odeeffannoowwan tokko tokko ibsanitti gabaa gurraacha inni jedhan kun kuufama doolaara mana mootumaa keessa jiru qabaachuun isaa, sharafni biyya alaa akka biyya keessaa hanqatuuf ga’ee guddaa taphachaa ture. Inni kunimmoo deemee deemee qarshiin kun harka warra saamtotaa waan jiruuf isaanumatu dhaqee meeshaalee biyya alaa akka barbaadan fiduushaan gatii itti dabaluun hawaasa dararanii dhiibbaa siyaasaa illee fidaa turan. Gabaan gurraachii fi hidhati waraabessootni guyyaa qaban, yeroo kamiyyuu caalaa biyya kana miidhuuf yaalanis haallichi tarkaanfii mootummaan dafee fudhateen fooyya’uuf danda’eera. Kanarraan kan ka’es gatiin meeshaalee bu’uuraa biyya alaatii galanii fooyya’aa dhufuun isaa daandii mootummaan amma qabatee jiru haala Kanaan kan itti fufu yoo ta’e, irra caalmaatti fooyya’uu akka danda’u gamanumaan tilmaamuun nama hin rakkisu. Fakkeenyaaf Kanaan dura gatii sibiilota garaa garaa biyya keessa seenaa turanii irratti gara garummaa naannoo qarshii 20 dabalamee argamuun isaa hagam hojii ijaarsa biyya kanaa akka miidhe arguun danda’ameera. Rakkoo akkasii kana hambisuuf , Mootummaanis tarkaanfiiwwan inni fudhate keessaa muraasni, hojii dippilomaasii cimaa hojjechuun doolaara biliyoonaan lakkaa’amu baankii biyya keenyaatti galii taasiisuun isaa, tasgabbii amma argame Kanaan balbala kan banee dha. Inni kan biraan ammoo, lammileen Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan , qoqqobbii doolaara baankiitti erguu dhaabanii kan turan, yeroo ammaa kana deggersa jijjiirama amma dhufaa jiru kanaaf jecha karaa baankii erguu eegaluu isaanii irraan ka’e haalli sharafa biyya keessa jiruu fooyyessaa jira. Jijjiiramni biyya kana keessa jirus, akka addunyaatti fudhatama guddaa waan argateef, karaa kamiinuu deggersa akka argatus beekuun nama hin rakkisu. Kanarraa kan ka’es dandeettiin waan bituu maallaqa keenyaas akka dabalaa deemu kan nuuf ibsuu dha jechuu dha. Sababnisaa qoqqobbiiwwan Kanaan dura karaa adda addaa irra kaa’amanii turanis ka’uu malu waan ta’eef. Hojii invastimantii haala nageenya biyya kanaa irratti hundaa’anii waan babal’ataniif, yeroo kanatti ammoo rakkoon sharafa biyya alaas salphachaa dhufa jechuu dha. Walumaa galatti, akkuma siyaasni keenya jijjiiramaa deemu, dinagdeen keenyas fooyya’aa waan deemuuf jijjiiramni amma argame kun akka itti fufuuf mootummaa cina dhaabbachuun irra caalaatti biyya tasgabboofte uumuun barbaachisaa dha.