AFAAN OROMOO

Diyaaspooraanillee ida’aman…!

By Admin

July 13, 2018

Diyaaspooraanillee ida’aman…!

Yoonaas Toleeraa Barreeffama koo har’aa keessatti waan na dhibee na dhiisuu dide tokkon barreessuu barbaade, Innis erga Muummeen Ministeera keenya Kabajamoon Dr.Abiy gara aangootti dhufanii eegalee hanga har’aatti hojiin hojjetamaa hojjetamaa jiru guyyuma guyyaan waan addaaf ajaa’ibsiisaa ta’uu isaati. Injifannoowwan guyyoottan dhibba kana keessatti galmaa’an kan adda isaan taasisu keessaa inni tokko, injifannoo biyya keessa qofatti daanga’ee hafe osoo hin taane, laga gamallee ce’ee mana biyyoota ollaa fi Addunyaa tokkoon tokkoon isheetti rurukkutaat jiraachuu isaati. Dhugaa dubbachuuf akkan namoota gurguddaa irraa iyyafadhetti erga bara Itiyoophiyaan akka biyyaaatti waamamuutti kaateetii namni akka Dr.Abiy maqaa biyya kanaa tolchee fi dhageettii ishee akkas ol-kaase akka hin jirre akkasumas simboo itti godhe akka hin jirre natti himu. Nuti warri biyya keessa jirru guyyoota dhibboottan Dr.Abiy muudaman kana keessatti waan haaraa haaraa dhaga’uu waan barreef guyyoota nu fuul-duraallee yeroo hunda waan haaraa akka dhageenyu eegna. Hojiin isaanii kun nu qofa kan raajeffachiise osoo hin taane, diyaaspooraa biyyoota alaa jiraatan illee kan hedduu isaan dinqe ta’uu isaa karaa miidiyaalee hawaasa gara garaa dhaga’aa jirra. An akkan beekutti yoo ta’e, Diyaaspooraan kun Mootummaa Itiyoophiyaaf isa Afaan Ingiliffaan “Allergic” jedhan yemmuu ta’u, jarris Mootummaa balaaleffatu malee yeroo isaan Mootummaa Itiyoophiyaa deggeran dhaga’ees argees hin beekun ture. Dhiyeenya kana garuu, faallaa isa duraa argaa jirra. Afaanuma duraan Mootummaa biyya kanaa irraan dhiibbaa guddaa geessisaa turetu, ammammoo mootummaadhuma kana deggeruuf hiriira deggersaa ba’aa jira. Nan yaadadha ji’oottan darban keessa biyya Amerikaatti lammileen fedhii isaaniitiin Dr.Abiy fi waahiloottan isaa deggeruuf Alaabaa biyya kanaa guurrattanii yeroo isaan dhaadannoowwan Dr.Abiy deggeran jechaa turanis mudannoo yeroo dhiyooti. Ammammoo tasumaasaa Dr.Abiy gara biyya Amerikaa deemanii Diyaaspoorota kana waliin akka mar’itaniif qophii ol’aanaan koree dhimma kana qindeessuun raawwatamaa jira. Muummichi Ministeera keenyaas Waamicha lammilee kana kabajanii naannoo xumura ji’a kanaarratti gara Amerikaatti ni imalu jedhamee yaadamaa jira. Jechumaaf jenne malee Dr.Abiy lammileen biyya isaanii akka dhaqaniif afeeruu mitii, osoo hin afeeramin iyyuu biyya ormaa deemanii hidhamtoota meeqa manaa hidhaa fi dararaa ormaa keessaa baasanii xiyyaara isaaniitiin fudhatanii galan waan ta’eef kun hagas mara nu hin dhibu. Anaan garuu wanti na dhibu, ilaalchi Diyaaspooraa hagam akka jijjiiramee fi hojii boonsaa Dr.Abiy hojjetan kanatti hagam dafanii akka isaan quufan arguu kooti. Sababnisaa Diyaaspooraan jedhamu kun Kanaan dura, waggoottan digdamii torbaaf guyyaa tokkollee gaarummaa geggeessitoota Mootummaa kanaa dubbatanii kana hin

beekne har’a waa’ee Dr.Abiy ala waan biraa yoo itti haasofte si hin dhaga’an. Keessumaa waggoottan lamaan darban kana keessa Mootummaan biyya bulchaa turee

fi Diyaaspooraan jedhamu kun wal-balaaleffachuu irra darbanii harkumaan wal- qabachuutu hafe jechuun ni danda’ama. Yoo geggeessitootni ol’aanaan akka tasaa

bakka Diyaaspooraan baay’atutti argame itti iyyama, ni salphisama, ni arrabsamafaayyuu ture. Amma garuu Muummicha keenya waaqayyo nuuf kenne Dr.Abiy kabaja ol’aanaadhaan biyya Amerikaa dhaqee akka isaan waliin mari’atuuf waamicha dhiyeesuun isaanii jijjiirama abdii namatti horuudhaaf lammileen keenya biyya alaa jiran illee yeroon isaan galata guddaa waaqaafis ta’e Dr.Abiy kennaa jiran kana arguunuu seenaa guddaa dha. Dhiibbaa Kanaan dura Diyaaspooraan gochaa ture keessaa yoo wal-yaadachiisuuf ta’e muraasni Murtoon HR-128 biyya kanarratti akka darbu, sharafni biyya alaa kamillee karaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka hin galle gochuun dinagdeen biyya kanaa kka laafu gochuuf hjojii cimaan akka hojjetamaa tures ni yaadanna. Haa ta’uyyuu malee waamicha Dr.Abiy isaaniif taasise kabajuun jijjiirama yeroo ammaa kana biyya kana keessatti mul’achaa jiru hunda deggeruudhaaf doolaarri erg ergamuu eegalameera, meeshaaleewwan gara garaa akkasumas yaadawwan ijaarsaa tokko tokko mootummaaf kennuudhaan jijjiiramni yeroo gabaabaa kana keessatti mul’ate kun akka galma ga’uuf ga’ee guddaan Diyaaspooran taphachaa jiru waan salphaa miti. Adeemsi Dr.Abiy Ahmed biyya diigamuuf Afaan irra geessee turte kana deebisanii dhaabuuf taasisaa jiranis deggeramuu akka qabu karaa Diyaaspoorota keenyaa dhaga’aa jiraachuun seenaa biyya kanaa keessatti isa jalqabaati. Akkuma argaa jirru, sochiiwwan Kanaan dura faallaa mootummaa biyya kanaa oofamaa turan karaa Diyaaspooraatiin guutummaa guutuutti sadarkaa jedhamuu danda’utti yeroo ammaa kana hafee hundumtuu fuula isaa gara biyya kana misoomsuuf nageenyi ishee akkamiin fooyya’a kan jedhutti deebi’ee jira. Diyaaspooraan Kanaan dura farra-nageenyaa, shororkeessaa, maxxantaa, dhiphaa maqaan meeqa itti maxxanfamaa ture yeroo ammaa kanatti lammilee biyya isaaniif yaadan warroota angafaa ta’anii yeroo mul’atan rakkoon Kanaan durayyuu isaan bira akka hin jirree fi balleessaan isaa mootummaa biyya geggeessaa ture bira akka ta’e yeroo gabaaduu kana keessatti hubachuu dandeenya. Sababuma maaliifitu Diyaaspooraan kun akka Dr.Abiy jaalatanii du’uuf jedhu yoo jettan, gochaawwan keessumaa lammileen biyya kanaa akka wal-jaalatan, akka biyya jaalatan gochuu isaaniif, akkasumas mirgi lammilee Itiyoophiyaa hunda dura eessattillee dhimma filannoof dhiyaachuu hin qabne ta’uu isaa wayita MM keenya ejjennoodhaan jara muranii dubbatanii ka’ee dubbiin fooyya’aa dhufe. Hidhamtoota Siyaasaa murtoon du’aa itti murtaa’ellee dhiifamaan akka isaan hiikaman gochuudhaan dirreen siyaasa biyya kanaa akka bal’atu gochuun isaanii ija Addunyaa kana duratti qajeelaa ta’ee waan mul’ateef dha. Inni biraan ammoo nageenya biyya kanaa akka malee boora’ee ture yeroo gabaabaa kana keessatti deebisuun, walii galteen biyyaa akka uumamuuf waliif dhiisuu akka qabnu nu barsiisuun isaanii fi kanneen biroon cimina nama kanaa waan ta’aniif osoo hin jaalatin harki akka kennamu taasisuu danda’uun isaa injifannoo calaqqeen akkasii akka dhufu taasiseera jechuudha. Walumaa galatti yoon dubbii koo gudunfu, injifannoowwan biyya keessaa fi biyya alaatti karaa kabajamoo MM keenyaa galmaa’aa jiran kunneen sichi waan guddaa fi yeroo ifaa ta’ee nuuf fidanii dhufaa jiru waan ta’eef lammileen biyya keenyaa biyya keessaa fi ala

jirru Dr.Abiy faana hiriirree carraa Itiyoophiyaa gara fuula duraa jiru kana waliin akka ilaallu jechuun barbaada.