Dudduubatti hin deebinu, fuulduratti malee…
Yooseef Caalchisaa
Yeroo ammaa kana Mootummaan ADWUIs ta’e Dhabbanni Dimokiraatawaa uummata
Oromoo sirna bulchiinsa Dimokiraasii dhugaa ta’e diriirsuuf jecha kana eenyuyyuu
dhugaa ba’aafii jiru hojjechaa jiraachuun isaa ni yaadatama.
Dirree Siyaasaa Bal’isuuf Ejjennoon Fudhatame Sababa Kamiinuu Hindacha’u!
Dhaabbatni Dimokraatawaa Ummata Oromoo fi mootummaan isaan hogganamu
tokkummaa ummata Oromoo cimsuuf akkasumas dirree siyaasaa fi dimookraasii daraan
babal’isuuf tarkaanfiiwwan lakkawamuu danda’an hedduu fudhachaa jira.
Tarkaanfiiwan kanneen keessaa namoota sababa garagaraatiin hidhaman
kumaatamaan akka bilisa bahan taasisuun sirni bulchiinsa ammayyaa’aa akka diriiruuf
halkaniif guyyaa hojjechaa jira.
Jaarmiyaalee siyaasaa dantaa sabaa kabajichiisuuf qabsoo hidhannoo filatanii biyyota
garagaraa jiran gara biyya isaaniitti deebi’aanii qabsoo nagaa fi dimikraatawaa akka
geggeessan waamichi tasifamuu isaan irraan ka’e dhaabbileen gara garaa qabsoo
karaa nagaatti makachuudhaaf yeroo isaan itti biyya keessa seenaa jiranii dha.
Jaarmiyaaleen siyaasaa kanaan dura himannaan shorokeessummaa irratti banamee
turan kanneen Ginbot 7, ABO fi Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen dabalatee himaannaan
shorokeessummaa irraa ka’ee nagaadhaan akka socha’an haalli mijataan uumamee fi
jira. Dirree siyaasaa bal’siuuf sochii taasifamaa jiru daraan cimsuuf seerootni danqaa
ta’anii fi dimokraasii ukkaamsan akka fooyyaa’anii fi haqaman marii bal’aan taasifamee
paarlaamaan biyyattii dhaabbileen kunneen kanaan booda akka Paartilee Morkattootaa
Malee, dhaaba shororkeessaa jedhamanii hin waamamneef murtoo dabarsee jira.
Kanumarraa ka’uun Hanga ammaattis dhaabbileen siyaasaa baay’een affeeraa
Muummichi Minsteeraa Dr.Abiy Ahmed taasisan simachuudhaan gara biyyaatti kabajaan
deebi’anii qabsoo karaa nagaa eegalanii jiru.
Haata’uu malee carraa seenaa ummata oromoo keessatti aadaa siyaasaa yeroo wajjin
hin deemne duraan ture jijjiiruuf uumame kanatti fayyadamuuf jaarmiyaaleen tokko tokko
waamicha kabajaa fi jaalalaa kana t=akka waan hin dhaga’iniitti sochii hin barbaachifne
biyya keessatti gochaa jiraachuun isaanii uummata Oromoo baay’ee mufachiisee jira.
Waan nama dhibu keessa inni tokko hanga Mootummaan Itiyoophiyaa dhaabbilee kana
toora shororkeessaa keessaa isa baasutti callisee biyya keessa riphee kan turee fi
dargaggoota rakkoo dinagdee qaban walitti funaanee meeshaa diina nu balleessuuf
halkanii guyyaa nutti dhaadatu irraa fudhatee Oromoo akkasaatii waraanuuf yeroo inni
gara Lixa Oromiyaa kana keessa tirtiru arguudha.
Qolaa baafnee dubbanna yoo ta’e, jaarmiyaan ABO Shanee jedhamee waamamu irra
deddeebiidhaan Mootummaan waamicha karaa Nagaatiin akka qabsaa’uuf irra
darbuudhaan tokkummaa Uummatni Oromoo akka biyyaatti argatee biyyattii to’annaa
jala galfataa jiru kanatti bishaan naquuf tattaafataa jira.
Yoo dhugumaan ilaalle, silaa Paartii an Oromoofin qabsaa’aa jira, haala amma uumame
kanatti fayyadameen fayyadamummaa Oromoo mirkaneessa jedhee yaaduun osoo irra
jiruu, lukkee diinaa ta’ee Lubbuu Oromoo baasuu, mana gubuu, daandii cufsiisuu fi
saamicharratti bobba’uun seenaa Qabsoo Oromoo keessatti ta’ee waan hin beeknee
dha.
Gochaa akkasii kana kan raawwachaa ture, warra duraan maqaa Dimokiraasiitiin
daldalaa hojii kontirobaandii irratti bobba’anii turan irratti kan argaa turree dha. Ammas
taanaan jaruma kanatu Alaabaa Oromoo qeerroon meeqa isaaf jedhee qaama isaa itti
dhabe, lubbuun isaa wareegame mirmirsuun hawaasa burjaajessuu irratti argama.
Wanti nama abdachiisu garuu, shirri akkasii dafee isaaniratti baramuu isaati. Sababnisaa
Uummatni Oromoo eenyullee taanaan waggaa lamaan kana “Miixuu” cimaa keessa ture,
Abbaa fi ilmatu wareegame, haadha manaatu ba’ee karaatti hafe, ilmatu ajjeefamee
haadhi reffarra teesse, ilmaan Oromoo miliyoonaan lakkaa’amutu qe’eefi qabeenya
isaarraa buqqa’e.
Yeroo kun hundumaa ta’u OPDO tu Uummata Oromoo wajjin ture, wajjin boo’e, wajjin
hidhame, wajjin arrabsame malee qaamni amma lafa bal’aa argatee irra burraaqu kun
hin turre.
Kan hin qaanofne nama qaanessa akkuma jedhamu, yeroo gidiraa keenyaa eessa
turanii, yeroo Oromoon abbaa biyyaa ta’uu irra darbee mirga sabootaa fi sab-lammoota
biyya kanaayyuu haalaan kabachiisaa jirutti ija haxaa’atanii as ba’uun kun hagam
haadha garaa nama fakkeessaa. Ajab!
Dhugaa dubbachuuf qabsoo qeerroon harka duwwaa geggeessa ture keessatti ifattis
ta’e dhokannaadhaan osoo bu’aa (value) tokko dabalaniiru ta’ee, har’a silaa waluma
faana hiriirra turre, garuu adeemsi amma irra jiramu shira wayii of keessaa qabaachuun
ishee ifaan ifatti kan mul’ataa jiruu dha.
Qaamni Oromoofin qabsaa’a jedhu, yaada bilchaataa fi adda ta’e fidatee dhufa malee
Oromoo akkasaatii hin ajjeesu. Kana kan gochuu yaalu qaamolee cancala
kontirobaandii keessa turaniif jijjiirama amma dhufaa jiru kana faayidaa namoota
muraasaatiin jijjiiraa jiranii dha.
Qaamni Oromoof yaadu, yoo Oromoon beela’e kan wajjin beela’u, yoo Oromoon bilisa
ba’e kan wajjin gammadu ta’uu qaba. Kanammoo OPDO irratti arginee jirra.
Miseensonni OPDO haaromsaa nuu wajjin hidhaman, nu wajjin beela’an, nuu wajjin
qe’ee isaaniirraa buqqa’an, nuu wajjin dhiphoota jedhamanii arrabsaman malee bakka
ho’aa taa’anii yeroo haalli mijatu eegee nu duukaa raasuu hin eegalle. Qabsoon silaa
kutannoo gaafatti.
Waanuma fedheefuu, Uummatni Oromoo ji’a sadan kana keessatti waan mi’eeffate
qaba, inni cilaancilii dimokiraasii, mirga abbaa biyyummaa, ofitti amanamummaa,
geggeessummaa dimokiraatawaa fi kkf mi’eeffataa jira. Sichittis kan kana caalu akka
dhufu abdiidhaan eeggachaa jira.
Kana booda qabsoon kamiyyuu OPDO waliin osoo hin taane, hawaasa Oromoo fi
kanneen Oromoo jaalatan wajjin ta’uun beekamee, ilaalcha badaa ofii sirreeffatanii gara
qabsoo sirriitti deebi’uuf ammas yeroon jira.
OPDO fi Uummatni kana booda wanti walitti isaan buusu hin jiru, yeroo ammaa kanatti
OPDon dirqama irraa barbaachisu ba’attee xumura isaammoo hawaasatti kennitee jirti.
Kana booda waan ta’u hundaaf murteessaan hawaasa waan ta’eef, kallattii badiisaa
jijjiirrattanii waan hawaasa kana fayyadu kan hojjetamu yoo ta’e, OPDOn araada biyya
kana geggeessuu hin qabu waan ta’eef filannoodhaan karaa irraa maquu danda’a.
Kanaaf qaamni nagaa barbaadu, qabsoo karaa nagaatiin yaada caalu fidatee filannootti
dhiyaatee biyya kana geggeessuuf karaan, dirree bal’aan uumamee jira.
Xumura irratti ammallee OPDOnis ta’e Mootummaan biyya kana geggeessu
rakkoowwan xixiqqoo amma mul’ataa jiran kana ilaalee ejjennoo Dirree siyaasaa
bal’isuuf fudhataa jiru irra duddaduubatti kan hin deebinee fi fuula dura qofatti deeemuun
fayyadamummaa uummata isaaf daran kan hojjetu ta’uu beeknee, qaamni ammallee
ijaaramee jiru ykn boris ijaarameen hawaasakoo fayyada jedhu hundinuu wanti isa
daangessu akka hin jirre beekuun barbaachisaa dha.
Horaa bulaa