AFAAN OROMOO

Dudduubatti hin deebinu, fuulduratti malee…

By Admin

July 07, 2018

Dudduubatti hin deebinu, fuulduratti malee…

Yooseef Caalchisaa Yeroo ammaa kana Mootummaan ADWUIs ta’e Dhabbanni Dimokiraatawaa uummata Oromoo sirna bulchiinsa Dimokiraasii dhugaa ta’e diriirsuuf jecha kana eenyuyyuu dhugaa ba’aafii jiru hojjechaa jiraachuun isaa ni yaadatama. Dirree Siyaasaa Bal’isuuf Ejjennoon Fudhatame Sababa Kamiinuu Hindacha’u! Dhaabbatni Dimokraatawaa Ummata Oromoo fi mootummaan isaan hogganamu tokkummaa ummata Oromoo cimsuuf akkasumas dirree siyaasaa fi dimookraasii daraan babal’isuuf tarkaanfiiwwan lakkawamuu danda’an hedduu fudhachaa jira. Tarkaanfiiwan kanneen keessaa namoota sababa garagaraatiin hidhaman kumaatamaan akka bilisa bahan taasisuun sirni bulchiinsa ammayyaa’aa akka diriiruuf halkaniif guyyaa hojjechaa jira. Jaarmiyaalee siyaasaa dantaa sabaa kabajichiisuuf qabsoo hidhannoo filatanii biyyota garagaraa jiran gara biyya isaaniitti deebi’aanii qabsoo nagaa fi dimikraatawaa akka geggeessan waamichi tasifamuu isaan irraan ka’e dhaabbileen gara garaa qabsoo karaa nagaatti makachuudhaaf yeroo isaan itti biyya keessa seenaa jiranii dha. Jaarmiyaaleen siyaasaa kanaan dura himannaan shorokeessummaa irratti banamee turan kanneen Ginbot 7, ABO fi Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen dabalatee himaannaan shorokeessummaa irraa ka’ee nagaadhaan akka socha’an haalli mijataan uumamee fi jira. Dirree siyaasaa bal’siuuf sochii taasifamaa jiru daraan cimsuuf seerootni danqaa ta’anii fi dimokraasii ukkaamsan akka fooyyaa’anii fi haqaman marii bal’aan taasifamee paarlaamaan biyyattii dhaabbileen kunneen kanaan booda akka Paartilee Morkattootaa Malee, dhaaba shororkeessaa jedhamanii hin waamamneef murtoo dabarsee jira. Kanumarraa ka’uun Hanga ammaattis dhaabbileen siyaasaa baay’een affeeraa Muummichi Minsteeraa Dr.Abiy Ahmed taasisan simachuudhaan gara biyyaatti kabajaan deebi’anii qabsoo karaa nagaa eegalanii jiru. Haata’uu malee carraa seenaa ummata oromoo keessatti aadaa siyaasaa yeroo wajjin hin deemne duraan ture jijjiiruuf uumame kanatti fayyadamuuf jaarmiyaaleen tokko tokko waamicha kabajaa fi jaalalaa kana t=akka waan hin dhaga’iniitti sochii hin barbaachifne biyya keessatti gochaa jiraachuun isaanii uummata Oromoo baay’ee mufachiisee jira. Waan nama dhibu keessa inni tokko hanga Mootummaan Itiyoophiyaa dhaabbilee kana toora shororkeessaa keessaa isa baasutti callisee biyya keessa riphee kan turee fi dargaggoota rakkoo dinagdee qaban walitti funaanee meeshaa diina nu balleessuuf halkanii guyyaa nutti dhaadatu irraa fudhatee Oromoo akkasaatii waraanuuf yeroo inni gara Lixa Oromiyaa kana keessa tirtiru arguudha. Qolaa baafnee dubbanna yoo ta’e, jaarmiyaan ABO Shanee jedhamee waamamu irra deddeebiidhaan Mootummaan waamicha karaa Nagaatiin akka qabsaa’uuf irra darbuudhaan tokkummaa Uummatni Oromoo akka biyyaatti argatee biyyattii to’annaa jala galfataa jiru kanatti bishaan naquuf tattaafataa jira. Yoo dhugumaan ilaalle, silaa Paartii an Oromoofin qabsaa’aa jira, haala amma uumame kanatti fayyadameen fayyadamummaa Oromoo mirkaneessa jedhee yaaduun osoo irra jiruu, lukkee diinaa ta’ee Lubbuu Oromoo baasuu, mana gubuu, daandii cufsiisuu fi saamicharratti bobba’uun seenaa Qabsoo Oromoo keessatti ta’ee waan hin beeknee dha.

Gochaa akkasii kana kan raawwachaa ture, warra duraan maqaa Dimokiraasiitiin daldalaa hojii kontirobaandii irratti bobba’anii turan irratti kan argaa turree dha. Ammas taanaan jaruma kanatu Alaabaa Oromoo qeerroon meeqa isaaf jedhee qaama isaa itti dhabe, lubbuun isaa wareegame mirmirsuun hawaasa burjaajessuu irratti argama. Wanti nama abdachiisu garuu, shirri akkasii dafee isaaniratti baramuu isaati. Sababnisaa Uummatni Oromoo eenyullee taanaan waggaa lamaan kana “Miixuu” cimaa keessa ture, Abbaa fi ilmatu wareegame, haadha manaatu ba’ee karaatti hafe, ilmatu ajjeefamee haadhi reffarra teesse, ilmaan Oromoo miliyoonaan lakkaa’amutu qe’eefi qabeenya isaarraa buqqa’e. Yeroo kun hundumaa ta’u OPDO tu Uummata Oromoo wajjin ture, wajjin boo’e, wajjin hidhame, wajjin arrabsame malee qaamni amma lafa bal’aa argatee irra burraaqu kun hin turre. Kan hin qaanofne nama qaanessa akkuma jedhamu, yeroo gidiraa keenyaa eessa turanii, yeroo Oromoon abbaa biyyaa ta’uu irra darbee mirga sabootaa fi sab-lammoota biyya kanaayyuu haalaan kabachiisaa jirutti ija haxaa’atanii as ba’uun kun hagam haadha garaa nama fakkeessaa. Ajab! Dhugaa dubbachuuf qabsoo qeerroon harka duwwaa geggeessa ture keessatti ifattis ta’e dhokannaadhaan osoo bu’aa (value) tokko dabalaniiru ta’ee, har’a silaa waluma faana hiriirra turre, garuu adeemsi amma irra jiramu shira wayii of keessaa qabaachuun ishee ifaan ifatti kan mul’ataa jiruu dha. Qaamni Oromoofin qabsaa’a jedhu, yaada bilchaataa fi adda ta’e fidatee dhufa malee Oromoo akkasaatii hin ajjeesu. Kana kan gochuu yaalu qaamolee cancala kontirobaandii keessa turaniif jijjiirama amma dhufaa jiru kana faayidaa namoota muraasaatiin jijjiiraa jiranii dha. Qaamni Oromoof yaadu, yoo Oromoon beela’e kan wajjin beela’u, yoo Oromoon bilisa ba’e kan wajjin gammadu ta’uu qaba. Kanammoo OPDO irratti arginee jirra. Miseensonni OPDO haaromsaa nuu wajjin hidhaman, nu wajjin beela’an, nuu wajjin qe’ee isaaniirraa buqqa’an, nuu wajjin dhiphoota jedhamanii arrabsaman malee bakka ho’aa taa’anii yeroo haalli mijatu eegee nu duukaa raasuu hin eegalle. Qabsoon silaa kutannoo gaafatti. Waanuma fedheefuu, Uummatni Oromoo ji’a sadan kana keessatti waan mi’eeffate qaba, inni cilaancilii dimokiraasii, mirga abbaa biyyummaa, ofitti amanamummaa, geggeessummaa dimokiraatawaa fi kkf mi’eeffataa jira. Sichittis kan kana caalu akka dhufu abdiidhaan eeggachaa jira. Kana booda qabsoon kamiyyuu OPDO waliin osoo hin taane, hawaasa Oromoo fi kanneen Oromoo jaalatan wajjin ta’uun beekamee, ilaalcha badaa ofii sirreeffatanii gara qabsoo sirriitti deebi’uuf ammas yeroon jira. OPDO fi Uummatni kana booda wanti walitti isaan buusu hin jiru, yeroo ammaa kanatti OPDon dirqama irraa barbaachisu ba’attee xumura isaammoo hawaasatti kennitee jirti. Kana booda waan ta’u hundaaf murteessaan hawaasa waan ta’eef, kallattii badiisaa jijjiirrattanii waan hawaasa kana fayyadu kan hojjetamu yoo ta’e, OPDOn araada biyya kana geggeessuu hin qabu waan ta’eef filannoodhaan karaa irraa maquu danda’a. Kanaaf qaamni nagaa barbaadu, qabsoo karaa nagaatiin yaada caalu fidatee filannootti dhiyaatee biyya kana geggeessuuf karaan, dirree bal’aan uumamee jira.

Xumura irratti ammallee OPDOnis ta’e Mootummaan biyya kana geggeessu rakkoowwan xixiqqoo amma mul’ataa jiran kana ilaalee ejjennoo Dirree siyaasaa bal’isuuf fudhataa jiru irra duddaduubatti kan hin deebinee fi fuula dura qofatti deeemuun fayyadamummaa uummata isaaf daran kan hojjetu ta’uu beeknee, qaamni ammallee ijaaramee jiru ykn boris ijaarameen hawaasakoo fayyada jedhu hundinuu wanti isa daangessu akka hin jirre beekuun barbaachisaa dha. Horaa bulaa