Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Garbittiin gargaarsa argatte…

0 705

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Garbittiin gargaarsa argatte…

Hiikaa Margaa
Ani yeroo baay’ee wayitan waa tokko yaadee barreessuuf qalama koo lafaa ol-kaasu,
Oromoon waa’ee waanan barreessuuf jedhu kanaa maal mammaake laata? Akkamiinis
na hubata jedheen yaada.
Waan nama dhibu keessaa dubbiin Oromoon mammaaksa jecha tokkittiitiin jedhu
barreeffama fuula hedduu caalaa namaaf gala, garuu isa beekuuf gala jedheen yaada.
sababnisaa inni akka dubbiin galuuf hin barbaadne beekaaatuma dubbii jallisee badii
hojjeta jedheeniim.
Gabaabumatti barreeffama koo har’aa kana Mammaaksa “Garbittiin gargaarsa argatte
majii daakuu dhoksiti” isa jedhamuu wajjin wal-qabsiiseen waan gabaabaa jechuu
barbaada.
Yeroo murtaa’e tokko dura, namoonni baay’een garbittii manaa akka qaban
beekamadha. Egaan hojiin manaa hundumtuu dugda garbittii kanaa irratti kan wal-ga’e
yommuu ta’u akka carraa yoo ta’e malee namnumti gala galeeyyuu maal rakkatte, hojiitu
sitti cimee jedhee gaafatu hin jiru.
Hojiiwwan garbittiin hojjetaman keessaa irra caalaatti kan beekamu midhaan nyaataa
harkaan dhagaa irratti daakuu dha. Hojiin kun ammoo sa’atii dheeraadhaaf waan
hojjetamuuf hojii baay’ee nama dhadhabsiisuu dha. Yeroo baay’ee hojii dhadhabsiisaa
akkasii kanagaa kan garbootni hojjetan.
Akka carraa ta’ee yoo namni daakuu ulfaataa kana gargaaruuf jedhes, majii daakuu
jalaa dhoksiti natti fakkaata. Achumaantu “garbittiin gargaarsa argatte majii daakuu
dhoksiti” jedhamee mammaakame.
Mammaaksa kanarraa maal hubanna seetan, osoo silaa garbittittiin majii sana dhoksuu
baattee kan boqotu ishee mataashee waan ta’eef kan fayyadamus nama biraa hin turre
waan ta’eef dhadhabi jedhee waan uumamte ishee fakkeesse.
Inni kan biraan ammoo dadhabina garbittii kanaa kanan hubadhu “gamna” ta’uu
dadhabuu isheeti. Silaa osoon ishee ta’eemoo carraan argadhetti fayyameen boqodhee
isa na gargaare sana galateeffadha malee isa namni boqodhu sin gargaara jedhe
dhorkuuf jecha sababa maaliifan majii dhoksa?

“Dubbiin galchaa qabdi” akkuma jedhan haala yeroo nuti amma keessa jirruu wajjin wal-
bira qabeen waa’een keenya haala garbittii Sanaa wajjin wal-natti fakkaate. Maaliif yoo

jettan jijjiirama ji’oota sadan darban kana keessatti ta’aa jiru namni kamuu ni morma
jedhee waan hin yaadneef namni jijjiirama kana mormu dhugaa waaqa uumaa kanaati
anaaf hamma garbittii sanaayyuu naaf hin ga’u.
Mee waan wal-nama hin gaafachiifne tokko yoo kaafne, jijjiiramni yeroo gabaabduu kana
keessatti dhufe jijiirama hundumti keenya barbaadnu waan ta’eef lammileen biyya kanaa
hedduun amananii, itti gammadanii fudhachuu isaanii arguu caalaa wanti nama
amansiisu maaltu jira.
Kanaan dura hundumti keenya akkuma beeknu, jijjiirama amma dhufe kanatti lammii
biyya kanaa ta’ee kan wareegama itti hin kaffalin jira jedhee hin yaadu. Sababnisaa
jijjiiramni kun akka dhufuuf kaan lubbuu isaa itti dhabe, qaamasaatu itti hir’ata,
hiriyaasaa , ollaasaa, abbaasaa, haadhasaa fi akkasumas dhalasaa itti dhabe waan
ta’eef gochaawwan biyya kana keessatti raawwachaa turaniif yoo xiqqaate nanni
garaansaa itti hin gaddin waan hin jirreef, namni kamillee jijjiirama amma dhufe kana
keessaa kan ga’ee hin qabne hin jiru jechuu dha.
Kanaaf jijjiirama har’a dhufe kanammoo irra caalaatti fooyya’ee akka dhufuuf hojjenna
malee dhugaadha egaa akka garbittii Sanaa galata dhabeettii taanee, rakkoo silaa irraa

boqochuuf jennutti akka hin deebine jala sararree walitti himuun barbaachisaa dha.
Dhugaa dubbachuuf yeroo ammaa akka biyyaatti karaa kamiinuu jijjiirama cululuqaa
akka Addunyaattuu galateeffannaa guddaa argachaa jirutu asuma Itiyoophiyaa jira.

Jijjiirama argame kanaaf ammoo hundumtuu beekamtii keneefii egeree abdii guddaa of-
keessaa qabu jiraachaa jira.

Kanaan dura lammileen keenya sababa mirga abbaa biyyummaa isaanii gaafataniif qofa
mana hidhaatti dararaamaa turuu isaanii yeroo arginu walumaan akka isaan ba’aniif
karaa adda addaa dhiibbaa gochaa turuun keenya ni yaadatama. Yeroo lammileen
qe’ee isaaniirratti du’an maaliif ta’a jennee waiin gaafachaa turre, yeroo lammileen
keenya biyya isaaniirratti maaliif wal-qixa hin fayyadamne jennee uuuuuu… jennee iyyaa
turre.
Gaaffileen keenya kun hunduu guyyoota dhibbaa gaditti yeroo isaan nuuf deebi’aa jiranii
dha. Gara fuuladuraattimmoo gaaffiiwwan hedduu qabna. Sichillee gaafanna.
Garuummoo kana booda akkaataan nuti gaaffii keenya itti gaafannu akka Kanaan duraa
dhagaa darbachuu, qabeenya barbadeessuu, daandii cufuu, ykn lubbuu namaa
balleessuu akka hin taanes beekuutu nurra jiraata. Sababnisaa yeroo ammaa kana
Mootummaan biyya geggeessaa jiru kun gurra isaa gara Uummataatti deebisee
aangoon kan uummataati jedhee waan jiruuf, gaaffii keenya karaa seera qabeessa
gaafachuurraa wanti nu dhorku tokkollee hin jiru. Sanumaayyuu kabaja gudddaa wajjin
mirgi nuuf kennamee Miidiyaa irratti baanee gaafachaa, dubbachaa, qeeqaa,
jajjabeessaa jirra waan ta’eef dhugaa jiru ukkaamsuuf yaaluun dadhabbii isaatu caala.
Sababnisaa eenyuyyuu dhugaa mo’uu hin danda’u waan ta’eef.
Jijjiiramoota waara’oo akka biyyaatti jiran kana ammoo mootummaatu jijjiirama guddaa
fideen jira, ana malee namni siif hojjetu hin jiru jedhee kan piroppogaandaa afuufe osoo
hin taane, hawaasa biyya kanaatu kaka’umsa mataa isaatiin deggeruuf akka
guutummaa biyyattiitti socho’aa jira.
Kanaaf jijjiirama akka biyyaatti mul’achaa jiran kana gufachiisuuf yaaluun akka nama
tabba dhiibuu ta’uu dha jedheen yaada. Sababnisaa jijjiiramicha sana jaaladheera, anatu
eeggachuu qaba jedhee kan tikfachaa jiru hawaasa biyya kanaa guutummaa dha.
Wanta kanaaf ammoo fakkeenya guddaa kan ta’u, akkuma hundi keenya beeknu torban
darbe Naannoo Godinaalee Lixa Wallaggaa fi Baha wallaggaa gidduutti taateewwan
nageenya amma argame kana spoonsarootaan gowwoomfamanii booressuuf kanneen
yaadanii turan hundumaa akkaataa itti qeerroon nagaa barbaadu harkaa fashaleesse
arginee jirra.
Godina Lixa wallaggaa Magaalaa Gimbii fi Najjoo keessa qaamoleen jijjiirama kana
gufachiisuuf qacaramanii hojjechaa turan eeruu qeerrootiin to’annaa seeraa jala akka
oolan gochuun isaa hojii nama boonsuu dha.
Inni kan biraan ammoo Magaalaa Naqamtee keessatti shira Sobaan qindaa’e dafanii
bira ga’uun rakkoon nageenyaa uumame qaama mootummaa waliin ta’anii furuun
qeerroo Magaalaa Naqamtee hagam hawaasi biyya kanaa fooyya’insi amma argame
kun amansiisaa akka ta’e ibsa.
Walumaa galatti akkuma Kanaan dura kaasaa turre, jijjiiramni amma argame kun qaama
hundumaa akka hin gammachiifnes lafa keenyee turre. Sababnisaa qaamni yeroo biyyi
kun itti jeeqamtu keessatti fayyadanu Kanaan dura nyaatee bare har’a harkasaa kennee
taa’a jechuu hin dandeenyu.
Fakkeenyaaf yeroo ammaa kana biyya kana kan geggeessaa jiru irra caalaatti Oromoo
dha waan ta’eef, geggeessaan Oromoo tokko yeroo abbaan barbaade leecalloo
Oromiyaa akka barbaade itti fayyadamee isa kaan qisaasessu kan taa’ee ilaalu wan hin
jirreef balballi faayidaa isaa yeroo itti cufame inni nyaatee bare, akkaataa itti duraan
nyaachaa ture yoo dadhabe bifa jijjiirratee dhufuu yaala.

Bifoonni jijjiiramanii dhufaman kanneen keessaa akka fakkeenyaatti yoo ilaalle, lammilee
daangaa irra jiran walitti buusuu, Jaarmiyaa Siyaasaa namni jaalatu of-fakkeessanii
dhufuun miira keessa dargaggoo galchanii gochaa badii keessatti akka hirmaatan
gochuu, namoota harka qalleeyyii ta’an maallaqa guddaan gowwoomsuun akka isaan
gochaa badii raawwatan gochisiisuu, jijjiiramni amma dhufe kun akka waan gatii hin
qabneetti gadi xiqqeessanii dubbachuu faan kanneen ijoo dha,
Shiroonni kunneen hundi kan xaxamaniif ajandaa dhokataa biraa kana of keessaa
qaban osoo hin taane, nageenya amansiisaa amma argame kana booressuun
neetwoorkii kontirobaandii duraan diriirsanii turan sana kallattii yaada hawaasaa fi
mootummaa jijjiiruun deebisanii lubbuu itti horuu dha waan ta’eef namuu of-eeggannoo
gochuu qaba.
Egaa kana booda namni hundumtuu dhimmi nageenya biyya kanaa kan Mootummaa
ykn kan mootummaa qofti eegsisu ta’uu akka hin taane beeknee, nageenya keenya
eegsisuuf akkaataa nurraa barbaadamuun ga’ee keenya ba’achuutu nurra ji jiraata.
“Abbaatu of-mara” jedhe mitiiree bofti.
Xumura irratti dhaamsi ani warreen nageenyaa fi jijjiirama amma argamaa jiru kana
gufachiisuuf dhama’aa jiraniif qabu, Mootummaan yeroo ammaa kana gaaffii kamiinillee
akka gaafannuuf nirga guutuu nuuf kennee osoo jiruu, mirga sanatti fayyadamuu
dhiifnee , kabajaa nuuf kenname irra tarkaanfannee gochaa hin barbaachifne hawaasa
keessatti raawwachuun jijjiirama calaqqisaa amma dhufaa jiru kana dura dhaabbachuu
caalaayyuu, “garbittiin gargaarsa argatte majii daakuu dhoksiti”isa jedhamu sana akka
hin taane 0f-eeggachuun barbaachisaa dha.
Hin ta’u taanaanis Mootummaan biyya geggeessaa jiru, seerri biyya kanaa hanga seera
ta’ee ittiin bulaa jirutti tokkoonsheellee akka hin cabneef eeguuf dirqama waan qabuuf
gaafa sana nama komannu tokkollee akka hin qabne beekuutu barbaachisa.
Kanaaf wanti Kanaan dura darbe darbeera, isa sichiitu caala waan ta’eef yeroo gaarii nu
fuuldura jiru kanatti namoota biroo wajjin fayyadamoo ta’uuf yoo dandeenye qaamota
jijjiiramaa kanaa wajjin fiiguu, yoo dhadhabne faana bu’uu, yoo isumayyuummoo
dhadhabne gufuu itti ta’uu akka hin qabne dhaamsa kooti.

Horaa bulaa!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy