AFAAN OROMOO

Garbittiin gargaarsa argatte…

By Admin

July 13, 2018

Garbittiin gargaarsa argatte…

Hiikaa Margaa Ani yeroo baay’ee wayitan waa tokko yaadee barreessuuf qalama koo lafaa ol-kaasu, Oromoon waa’ee waanan barreessuuf jedhu kanaa maal mammaake laata? Akkamiinis na hubata jedheen yaada. Waan nama dhibu keessaa dubbiin Oromoon mammaaksa jecha tokkittiitiin jedhu barreeffama fuula hedduu caalaa namaaf gala, garuu isa beekuuf gala jedheen yaada. sababnisaa inni akka dubbiin galuuf hin barbaadne beekaaatuma dubbii jallisee badii hojjeta jedheeniim. Gabaabumatti barreeffama koo har’aa kana Mammaaksa “Garbittiin gargaarsa argatte majii daakuu dhoksiti” isa jedhamuu wajjin wal-qabsiiseen waan gabaabaa jechuu barbaada. Yeroo murtaa’e tokko dura, namoonni baay’een garbittii manaa akka qaban beekamadha. Egaan hojiin manaa hundumtuu dugda garbittii kanaa irratti kan wal-ga’e yommuu ta’u akka carraa yoo ta’e malee namnumti gala galeeyyuu maal rakkatte, hojiitu sitti cimee jedhee gaafatu hin jiru. Hojiiwwan garbittiin hojjetaman keessaa irra caalaatti kan beekamu midhaan nyaataa harkaan dhagaa irratti daakuu dha. Hojiin kun ammoo sa’atii dheeraadhaaf waan hojjetamuuf hojii baay’ee nama dhadhabsiisuu dha. Yeroo baay’ee hojii dhadhabsiisaa akkasii kanagaa kan garbootni hojjetan. Akka carraa ta’ee yoo namni daakuu ulfaataa kana gargaaruuf jedhes, majii daakuu jalaa dhoksiti natti fakkaata. Achumaantu “garbittiin gargaarsa argatte majii daakuu dhoksiti” jedhamee mammaakame. Mammaaksa kanarraa maal hubanna seetan, osoo silaa garbittittiin majii sana dhoksuu baattee kan boqotu ishee mataashee waan ta’eef kan fayyadamus nama biraa hin turre waan ta’eef dhadhabi jedhee waan uumamte ishee fakkeesse. Inni kan biraan ammoo dadhabina garbittii kanaa kanan hubadhu “gamna” ta’uu dadhabuu isheeti. Silaa osoon ishee ta’eemoo carraan argadhetti fayyameen boqodhee isa na gargaare sana galateeffadha malee isa namni boqodhu sin gargaara jedhe dhorkuuf jecha sababa maaliifan majii dhoksa?

“Dubbiin galchaa qabdi” akkuma jedhan haala yeroo nuti amma keessa jirruu wajjin wal- bira qabeen waa’een keenya haala garbittii Sanaa wajjin wal-natti fakkaate. Maaliif yoo

jettan jijjiirama ji’oota sadan darban kana keessatti ta’aa jiru namni kamuu ni morma jedhee waan hin yaadneef namni jijjiirama kana mormu dhugaa waaqa uumaa kanaati anaaf hamma garbittii sanaayyuu naaf hin ga’u. Mee waan wal-nama hin gaafachiifne tokko yoo kaafne, jijjiiramni yeroo gabaabduu kana keessatti dhufe jijiirama hundumti keenya barbaadnu waan ta’eef lammileen biyya kanaa hedduun amananii, itti gammadanii fudhachuu isaanii arguu caalaa wanti nama amansiisu maaltu jira. Kanaan dura hundumti keenya akkuma beeknu, jijjiirama amma dhufe kanatti lammii biyya kanaa ta’ee kan wareegama itti hin kaffalin jira jedhee hin yaadu. Sababnisaa jijjiiramni kun akka dhufuuf kaan lubbuu isaa itti dhabe, qaamasaatu itti hir’ata, hiriyaasaa , ollaasaa, abbaasaa, haadhasaa fi akkasumas dhalasaa itti dhabe waan ta’eef gochaawwan biyya kana keessatti raawwachaa turaniif yoo xiqqaate nanni garaansaa itti hin gaddin waan hin jirreef, namni kamillee jijjiirama amma dhufe kana keessaa kan ga’ee hin qabne hin jiru jechuu dha. Kanaaf jijjiirama har’a dhufe kanammoo irra caalaatti fooyya’ee akka dhufuuf hojjenna malee dhugaadha egaa akka garbittii Sanaa galata dhabeettii taanee, rakkoo silaa irraa

boqochuuf jennutti akka hin deebine jala sararree walitti himuun barbaachisaa dha. Dhugaa dubbachuuf yeroo ammaa akka biyyaatti karaa kamiinuu jijjiirama cululuqaa akka Addunyaattuu galateeffannaa guddaa argachaa jirutu asuma Itiyoophiyaa jira.

Jijjiirama argame kanaaf ammoo hundumtuu beekamtii keneefii egeree abdii guddaa of- keessaa qabu jiraachaa jira.

Kanaan dura lammileen keenya sababa mirga abbaa biyyummaa isaanii gaafataniif qofa mana hidhaatti dararaamaa turuu isaanii yeroo arginu walumaan akka isaan ba’aniif karaa adda addaa dhiibbaa gochaa turuun keenya ni yaadatama. Yeroo lammileen qe’ee isaaniirratti du’an maaliif ta’a jennee waiin gaafachaa turre, yeroo lammileen keenya biyya isaaniirratti maaliif wal-qixa hin fayyadamne jennee uuuuuu… jennee iyyaa turre. Gaaffileen keenya kun hunduu guyyoota dhibbaa gaditti yeroo isaan nuuf deebi’aa jiranii dha. Gara fuuladuraattimmoo gaaffiiwwan hedduu qabna. Sichillee gaafanna. Garuummoo kana booda akkaataan nuti gaaffii keenya itti gaafannu akka Kanaan duraa dhagaa darbachuu, qabeenya barbadeessuu, daandii cufuu, ykn lubbuu namaa balleessuu akka hin taanes beekuutu nurra jiraata. Sababnisaa yeroo ammaa kana Mootummaan biyya geggeessaa jiru kun gurra isaa gara Uummataatti deebisee aangoon kan uummataati jedhee waan jiruuf, gaaffii keenya karaa seera qabeessa gaafachuurraa wanti nu dhorku tokkollee hin jiru. Sanumaayyuu kabaja gudddaa wajjin mirgi nuuf kennamee Miidiyaa irratti baanee gaafachaa, dubbachaa, qeeqaa, jajjabeessaa jirra waan ta’eef dhugaa jiru ukkaamsuuf yaaluun dadhabbii isaatu caala. Sababnisaa eenyuyyuu dhugaa mo’uu hin danda’u waan ta’eef. Jijjiiramoota waara’oo akka biyyaatti jiran kana ammoo mootummaatu jijjiirama guddaa fideen jira, ana malee namni siif hojjetu hin jiru jedhee kan piroppogaandaa afuufe osoo hin taane, hawaasa biyya kanaatu kaka’umsa mataa isaatiin deggeruuf akka guutummaa biyyattiitti socho’aa jira. Kanaaf jijjiirama akka biyyaatti mul’achaa jiran kana gufachiisuuf yaaluun akka nama tabba dhiibuu ta’uu dha jedheen yaada. Sababnisaa jijjiiramicha sana jaaladheera, anatu eeggachuu qaba jedhee kan tikfachaa jiru hawaasa biyya kanaa guutummaa dha. Wanta kanaaf ammoo fakkeenya guddaa kan ta’u, akkuma hundi keenya beeknu torban darbe Naannoo Godinaalee Lixa Wallaggaa fi Baha wallaggaa gidduutti taateewwan nageenya amma argame kana spoonsarootaan gowwoomfamanii booressuuf kanneen yaadanii turan hundumaa akkaataa itti qeerroon nagaa barbaadu harkaa fashaleesse arginee jirra. Godina Lixa wallaggaa Magaalaa Gimbii fi Najjoo keessa qaamoleen jijjiirama kana gufachiisuuf qacaramanii hojjechaa turan eeruu qeerrootiin to’annaa seeraa jala akka oolan gochuun isaa hojii nama boonsuu dha. Inni kan biraan ammoo Magaalaa Naqamtee keessatti shira Sobaan qindaa’e dafanii bira ga’uun rakkoon nageenyaa uumame qaama mootummaa waliin ta’anii furuun qeerroo Magaalaa Naqamtee hagam hawaasi biyya kanaa fooyya’insi amma argame kun amansiisaa akka ta’e ibsa. Walumaa galatti akkuma Kanaan dura kaasaa turre, jijjiiramni amma argame kun qaama hundumaa akka hin gammachiifnes lafa keenyee turre. Sababnisaa qaamni yeroo biyyi kun itti jeeqamtu keessatti fayyadanu Kanaan dura nyaatee bare har’a harkasaa kennee taa’a jechuu hin dandeenyu. Fakkeenyaaf yeroo ammaa kana biyya kana kan geggeessaa jiru irra caalaatti Oromoo dha waan ta’eef, geggeessaan Oromoo tokko yeroo abbaan barbaade leecalloo Oromiyaa akka barbaade itti fayyadamee isa kaan qisaasessu kan taa’ee ilaalu wan hin jirreef balballi faayidaa isaa yeroo itti cufame inni nyaatee bare, akkaataa itti duraan nyaachaa ture yoo dadhabe bifa jijjiirratee dhufuu yaala.

Bifoonni jijjiiramanii dhufaman kanneen keessaa akka fakkeenyaatti yoo ilaalle, lammilee daangaa irra jiran walitti buusuu, Jaarmiyaa Siyaasaa namni jaalatu of-fakkeessanii dhufuun miira keessa dargaggoo galchanii gochaa badii keessatti akka hirmaatan gochuu, namoota harka qalleeyyii ta’an maallaqa guddaan gowwoomsuun akka isaan gochaa badii raawwatan gochisiisuu, jijjiiramni amma dhufe kun akka waan gatii hin qabneetti gadi xiqqeessanii dubbachuu faan kanneen ijoo dha, Shiroonni kunneen hundi kan xaxamaniif ajandaa dhokataa biraa kana of keessaa qaban osoo hin taane, nageenya amansiisaa amma argame kana booressuun neetwoorkii kontirobaandii duraan diriirsanii turan sana kallattii yaada hawaasaa fi mootummaa jijjiiruun deebisanii lubbuu itti horuu dha waan ta’eef namuu of-eeggannoo gochuu qaba. Egaa kana booda namni hundumtuu dhimmi nageenya biyya kanaa kan Mootummaa ykn kan mootummaa qofti eegsisu ta’uu akka hin taane beeknee, nageenya keenya eegsisuuf akkaataa nurraa barbaadamuun ga’ee keenya ba’achuutu nurra ji jiraata. “Abbaatu of-mara” jedhe mitiiree bofti. Xumura irratti dhaamsi ani warreen nageenyaa fi jijjiirama amma argamaa jiru kana gufachiisuuf dhama’aa jiraniif qabu, Mootummaan yeroo ammaa kana gaaffii kamiinillee akka gaafannuuf nirga guutuu nuuf kennee osoo jiruu, mirga sanatti fayyadamuu dhiifnee , kabajaa nuuf kenname irra tarkaanfannee gochaa hin barbaachifne hawaasa keessatti raawwachuun jijjiirama calaqqisaa amma dhufaa jiru kana dura dhaabbachuu caalaayyuu, “garbittiin gargaarsa argatte majii daakuu dhoksiti”isa jedhamu sana akka hin taane 0f-eeggachuun barbaachisaa dha. Hin ta’u taanaanis Mootummaan biyya geggeessaa jiru, seerri biyya kanaa hanga seera ta’ee ittiin bulaa jirutti tokkoonsheellee akka hin cabneef eeguuf dirqama waan qabuuf gaafa sana nama komannu tokkollee akka hin qabne beekuutu barbaachisa. Kanaaf wanti Kanaan dura darbe darbeera, isa sichiitu caala waan ta’eef yeroo gaarii nu fuuldura jiru kanatti namoota biroo wajjin fayyadamoo ta’uuf yoo dandeenye qaamota jijjiiramaa kanaa wajjin fiiguu, yoo dhadhabne faana bu’uu, yoo isumayyuummoo dhadhabne gufuu itti ta’uu akka hin qabne dhaamsa kooti.

Horaa bulaa!