Jaalalaa fi Ida’amuuf Haaqophofnu
Ibsa Namarraa
Itiyoophiyaa keessa egeereen nagaa akka ta’u, dirreen siyaasaas bal’achaa akka adeemu haalli siyaasaa amma jiru nimul’isa. Ummanni abdii horee jiraa. Gara biraatin garuu; iddoowwan tokko tokko biyyatti keessa walitti-bu’insi haamaa mudachaa jiraa. Tarkaanfiileen seera irratti hinhundoofnee fi ol’antummaa seeraa diganiis haala idle ta’aa jiru.
Naanoo Oromiyaa godina gujii fi ummata kibbaa geediyoo giddu walitti-bu’insi umamee namoonni heedduu lubbuu dhabuu isaani gaddaan yaadannaa. Walitti- bu’insa kanaan namoonni kuma ibba toorba ta’aniis jiruu isaan irraa buqqaahuun isaanii nibeekamaa. Ummattoota jaarraa heedduuf waliin jiraatan, fudhaaf heeruumaan wal firoomam, addaa walqoodattan giddu tasa walitti bu’insi haamaan kun ka’uun isaa baay’e gaddiisisaa dhaa.
Tibbana Oromiyaa lixa, keessattu gooddiinoota wallaggaa keessa walitti-bu’insi mudatee turuun isaas niyaadatamaa. Mootummaan haaroomsaa, biyyatti keessa jijjiirama fiduuf yammuu tattaafachaa jiru, jaarmiyoonni siyaasaa biyya aala soocho’aa turaniif waamichi godhamee hirmaannaa siyaasaa nagaaf gara biiyyatti yammuu debi’aa jiran sababa gaaffii siyaasaatiin walitti-bu’insi kun ka’uun isaa gaaffii nutti ta’e jiraa.
Iddoowwan dangaa Oromiyaa fi Sumaale Itiyoophiyaa irrattiis ammas haaleellaan hindhaabbanne. Haalleellaa kanaan lubbuun namoota darbaa jiraa; qabeenyi barbadaa’a jiraa. Haaleella tibbana magaaloota Cinaaksani fi MI’eessootti raawwatameen namoonni kurnaniin lakkahaman lubbuu isaani dhabani jiru. Qabeenyiis barbadaayee jiraa.
Gaazeexeessitoota Dirre TV daawwannaa pireezidaant Eritiraa Isaayaas Afawarqi gabaasuuf gara Finfinneeti imalaa turan irratti magaala Mi’eessootti haaleellaan raawwatamuun isaas uduu gaddaa tibbana. Haaleellaa kanaan konkolaachisaan lubbuu isaa akka dhabe dhageenye jirraa.
Naannoo Benishaangul Gumiz godina Maa’o Komo keessa walitti-bu’insi mudate lubbuu namoota irratti midhaan gahee jiraa; qabeenyiis barbadaahe jiraa. Naannoo Kibbaa godinoota Sidaamaa, Walaayittaa fi Guraagee keessas walitti bu’insa sababa lubbu dhabiinsa namoota, barbadaahaa qabeenya ta’e mudachuun isaa niyaadatamaa.
Kana malees; torbaan lameen duura naannoo Amaaraa, magaala Dabramaarqoositti hoogganaa angaafa Soochii Demookraatawaa Saba Amaaraa (SDSA) irratti haaleellaa raawwachuuf yaalame ture. Sababa kanaan qabeenyi barbadaaye jiraa. Naannoo’uma kana keessa goddina Haawwii, anaa Zigam, magaala Qallaash keessa sababa misoomni bu’uura nidiriru dhabe jeedhuun hooggantoonni goddiina ummata waliin mari’achuu gara magaalattitti imalan seeraan ala dargagootaan qabamani poliisiif keennamanii turan. Hidhaan hooggantoota goddiinicha kun seeraan aala waan ta’eef poliisiin yammuu bilisa gadhisu, dargaggoonni poliisii waliin walitti-bu’ani namoonni afuur madaahani jiru.
Walitti-bu’insoonni fi gochiileen seera aala armaan olitti tuqaman ilaalcha amma biyyatti keessa ol’aantummaa argachaa dhufe – araara, dhifama, jaalalaafi ida’ama waliin faallaa dhaa. Walitti-bu’insi fi gochi seeraan aala abdiin nageenya, tokkuummaa, dagaagina deemokraasi, badhaadhina akka golgoolahu taassiissaa. Kun ammo soda uumee jiraa.
Amma biyyattiin karaa qaxxaamura abdii fi soodaa irratti argamti. Waligalteen ummata fi mootummaa giddu umamae, dhifamni fi baraarri moorkattootaa fi moormitootaaf godhame, feedhiin ida’amu ummataa, walitti-dhufeenyi biyyoota ollaa waliin ijaaramaa jiru . . . abdii yammuu hooruu; gara biraatiin walitti bu’insi fi dadhabinni ol’antummaa seeraa soodaa uumee jiraa. Karaan qaxxaamuraa itti argamnu kana fakkaataa.
Walitti-bu’insoonni fi adeemsoonni seeraan aala idle ta’aa dhufan, xiyyeeffannaa mootummaa jijjiirama amma angoo irra jiru, akka bittiinnaahu taassiisuu. Haala xiyyeeffannaa bittinnaayeen gaaffiilee ummata deebise abdii ummataa bakkaan gahuu hindandayu. Hojii haatatamaa irratti fulleefachuuf waan dirqamuuf, kaayyooleen gurguddoo raawwatamu qaban lafaratti haafu. Kun ammo debi’e ummata komachisaa. Komiin kun bubbullee gara balaaleeffannaatti, jeequumsatti guddachuun isaas hinolu. Waluma galatti haalli kun jijjiirama amma abdatame nigufachisaa.
Waluma galatti; araarri, dhifamni, jaalalaa fi idaa’amni qaamoota garaagarummaa qaban lamaa fi lamaa ol giddu kan raawwatamu dhaa. Waljibbaan, walitti-bu’insi, gargar-facaahuuniis qaamoota garaagarummaa qaban lamaa fi lamaa ol ta’an giddu kan mudatu dhaa. Kanaafuu; sabaan, afaaniin, amantiin, ilaalchaan gara garaa ta’uun keenya sababa jibbaa, walshakkuu, walitti bu’insa akka hintaane eeggachu qabnaa,
Araarri, dhifamni, jaalalli nageenya busaa. Nageenyi ammoo deemookrasii dagaagsuu fi misoomaaf haala mijataa uumaa. Waljibbuun, walshakkuun, walitti-bu’insi ammo faallaa kanaa. Hooggansii jijjiirama amma angoo irra jiruu araara, dhifama, jaalalaa fi ida’amu kan filate kanaafi. Kanaafuu; saboonni, sablammoonni fi ummattoonni itiyoophiyaa, jaarmiyoonni siyaasaa . . . kan darbe araaraani fi dhifamaan dubatti dhisanii, jaalalaani fi ida’amuun biyya nagaa qabdu, badhaatu fi deemookraatawaa ijaaruuf qophaahaa ta’u qabu.