AFAAN OROMOO

Maraammartoo Siyaasaa..

By Admin

July 07, 2018

Maraammartoo Siyaasaa…

Hiikaa Margaa Waa’ee Siyaasa Itiyoophiyaa yeroo dubbannu, siyaasni Oromoo baay’ee wal-xaxaa ta’uusaan amana. Sababnisaa, uummatni Oromoo jaarraa tokkoo oliif itti yaadamee akka walii hin galleef hojiin hojjetame hundee isaa waan gadi fageeffateef, siyaasni Oromoon bara ammayyaa’aa kana keessatti geggeessu ammallee badaa hagas milkaa’ee hin beeku. Kunimmoo maalirraa dhufe jennee yoo ilaalle, tokkummaan jiraachuu dhabuu isaarraan kan ka’e ilaalchi obboleessa keenya isa biraa akka waan kan keenya ta’eetti fudhachuurra ilaalcha mataa keenyaa qofaa duukaa bu’uutu diigumsaaf nu saaxilee waggoottan dheeraaf bakka yaada keenyaa osoo hin ga’in hafne. Akka Oromootti, Kaayyoon Oromoo kamiyyuu taanaan mirga namoomaa isaa gonfatee, faayidaa biyyattii kanarraa argatuu qabuu waliin argachuudha malee wanti biraan jira jedhee hin yaadu. Fedhiin keenya hundumtuu akka Oromootti kan erga ta’ee yaadaanis ta’e gochaan keenya tokko ta’uutu irra jiraata malee akka tapha ijoollee ijaaraa diigaa ooluun kun ammallee gara fuula duraatti nu hin deemsisu. Dhaabbileen Siyaasaa kamillee haa ta’an Uummata waggoottan dheeraadhaaf dheebuu bilisummaa, abbaa biyyummaa, biyya kana keessatti fayyadamoo qixaa ta’uu kanaaf kan qabsaa’aa jiru kamiyyuu ilaalcha kana tarkaanfachiisuutu irra jiraata malee, ilaalcha biraa tarkaanfachiisuun wal-nama taajjabsiisa. Namni biyya geggeessu, ilaalcha dhuunfaasaatiin geggeeffamuu hin qabu. Fedhiin uummataa siyaasa keessatti iddoo guddaa qaba. Jaarmiyaan hawaasa bakka bu’u kamiyyuu ilaalcha hawaasaa fi yeroo waliin kan deemu ta’ee fedhii hawaasaa guutuu kan danda’u yoo ta’e sababa maqaa isaatiif ykn achii as dhufa isaatiif jibbamuu hin qabu ykn jaallatamuu hin qabu. Jaarmiyaan siyaasaa hawaasa biratti fudhatama qabaachuu malu, yoomillee taanaan waan yeroon irraa barbaadu gohuu yoo danda’e qofaa dha. Kanaa achi maqaa sila fudhatee ba’een waan tokko hawaasaaf hin buufne taanaan jaarmiyaa siyaasaa sana ofumaa faarsuun bu’aa hin qabu. Fakkeenyaaf bareeffama koo har’aa keessatti ABO dhaa fi OPDO wal-bira qabee yaada dhuunfaakoo ibsachuun barbaada. ABOn dhaadhata Siyaasaa Oromoof nan qabsaa’a Oromoos bilisa baasuun qaba jedhee biyya keessa socho’aa turee dha jedhama. Haa ta’uyyuu malee haalli yeroo ce’umsaa keessa ture mijataa waan hin turreef, karaa nagaadhaan biyya keessatti qabsaa’uu akka hin dandeenye ibsuudhaan chaartera dhiitee ba’uu isaas dhageenyee jirra. Egaa alas ta’e keessa taa’anii haa qabsaa’amu malee kaayyoon dhaabbilee kana lamaanii akkuman sila jedhe Oromoon biyya kanarraa fayyadamaa akka ta’uudha. Cimee hojjechuu OPDO keessaa ABOn ga’ee hin qabu yoo jennee mataa hidhannee kan falminu yoo ta’e kun gowwummaa guddaa dha. Sababnisaa maqaadhumti ABO jedhu jiraachuun isaayyuu OPDO fi ta’e dhaaba biraadhaaf kaayyoo galumsa boriiti waan ta’eef. ABOn jiraatee dogongoroota OPDOn waggoottan digdamii torba hojjechaa turte itti himaa as ga’uunsaa qabsaa’ota dhugaa hedduu sabaaf wareegaman hedduu fi kanneen kayyoo Oromoo fiixaan baasuuf hojjechaa jiran kanneen akka kabajamoo Obbo Lammaa faa, Dr.Abiy faa fi wahiloottan isaanii halkanii guyyaa dhama’an akka oomishaman taasisee jira. Inni biraan ammoo OPDOnis sadarkaa Oromoon har’a irra ga’e kanaafimmoo ga’ee hin taphanne jennee qaama biraaf kan beekkamtii isaa kenninee OPDO kana galata dhowwachuun siyaasa wallaaluu jechuu dha. OPDOn waggoottan digdamii torbaaf gaariis badaas hojjechaa dhufteetti. Osoo OPDOn kun hin jirree silaa Oromiyaan yoona maal taati, moo paartii biraatu bakka ishee bu’ee uummata kanaaf hojjeta jennee yaaduutu nurra jiraata. Yeroo Mootummaa ce’umsaa sanatti filannoon Uummata Oromoo bineensa daggalaayyuu ha ta’u dhaabuma maqaa Oromootiin socho’u qofa ta’a jedheen abdadha. Sababnisaa utuu TPLF guutummaa biyya kanaa Tigiriffa barsiiseen bulcha jetteetti ta’ee silaa yoona Oromiyaa amma Afaan isaa hanga sadarkaa PHD tti barsiifatee, sabboonaa ta’ee mirga isaaf qabsaa’u hin agarru turre. Uummatni Oromoo waggoottan haga kana hamaas ta’e gaarii OPDO dhumaa wajjin dabarse. Uummatni Oromoo kan ajjeefame yoo ta’e yeroo sanaaf OPDO waliin du’e. kan fayyadame yoo ta’es akkasuma.

Dogongoroonni jiran akkuma jirutti ta’ee jechuu kooti. Waggoottan digdamii torban kanaaf OPDOn kan isheen hawaasa kana tajaajilte Naannoon Oromoo dinagdeen boodatti haa hafuyyuu malee, wantoota bu’uura ta’an kanneen akka aadaa ofii, Afaan Ofii beekuu fi Sabboonummaa Oromummaa irraan dhiibbaa ga’aa hin turre. Kunneen armaan olii kun ammoo osoo hin badin hafuun isaa, qabsoo bilisummaa waggoottan lamaan darban kun akka dhowuuf sababa ta’eera jechuu nan danda’a. Egaa qabsoon kun eegale, qeerroo fi qarreedhaan ala qofaa kan eegale osoo hin taane, OPDO keessattillee qabsoo hammaataatu taasifamaa ture. Qabsoon taasifame kunis garee lamatti miseensotuma OPDO kana baasuudhaan kan itti fufee dha. Gareen tokko kaayyoo Qeerroon alaa itti du’aa jiru galmaan ga’uuf kutannoon hojjechuun akka isaanirra jiraatu of-amansiisanii kan ka’an yommuu ta’u, garee biroon ammoo akkuma baratameen hafuura ergamtummaa isaanii kan itti fufsiisuu barbaadanis turaaniiru. Xumura irratti garuu, wal calalee, gareen dhugaa qabuuf dhugaa uummataa bare mo’atee akka ba’u ta’uu isaarraan kan ka’e tarkaanfii gaggaariin akka Oromiyaatti fudhatamuu jalqabe. Tarkaanfiiwwan akka Oromiyaatti uummata gammachiise keessa, warreen hafuura ergamtummaatiin socho’anii faayidaa uummataa duubatti dhiisanii ofii isaanii qofaaf jiraachuu barbaadan karaa irraa qabanii , qeerroowwan miseensa OPDO Orummaaf faayidaa Uummataaf dursa kennan gara aangootti fiduun irra caalmaa qabsoo alaa qeerroon taasiftu cimee akka itti fufu ta’e. Qeerroon Miseensa OPDO keessa jiru qabsoo sirriin Oromoo fayyaduu akkamiin adeemsifamuu akka qabu karaa agarsiise, QEERROON inni alaa ammoo soda tokko malee OPDOtti amanuudhaan diinaaf karaa banuu dide, burqaa kontirobaandii cufe, albuuda Oromiyaatti fayyadamuu eegale, Saamiinsa lafaa hambise, dinagdee warra nu cunqursanii laaffise. Diinni Oromoo yeroo kana argitu baay’ee rifatte, rifannaa ishee irraan kan ka’e tarkaanfiiwwan gara garaa fudhachuu eegalte. Tarkaanfiiwwan kanneen ammoo ittumaa OPDOs ta’e qeerroo jabeessee sadarkaa kanarra akka geenyu taanee jirra. Sadarkaan amma irra jirru silaa sadarkaa baay’ee abdii namaaf kennuu dha. Sadarkaa nuti walitti mufannuu fi walitti dutnu osoo hin taane, hamaaf gaarii waliif dandeenyee qabsoo keeny ammallee itti fufnuudha.Sadarkaan nuti amma irra geenyee jirru kun kan daandii of duraa qulqulleessinuu dha malee, kan teessoorra ol-baanee teenyus miti. Daandii sana qulqulleessuuf ammoo Dr.Abiyn akka dura bu’aatti, geggeessitootni Naannoolee,Godinaalee ,Aanaalee fi akkasumas qeerroowwan ammoo Dr.Abiy maal akka qulqulleessuu qabu eeruu keenyaa kenninee erga daandiin qulqullaa’ee ammoo gara qabsoo warraaqsa dinagdeetti ce’uuf hojjechuutu nurra jira. Haa ta’uyyuu malee, hojiin daandii qulqulleessuu kun harka namoota dhuunfaa muraasaa keessa waan jiruuf akka barbaadametti deemaa hin jiru. Adeemsa kana keessatti qaamoleen faayidaan isaanii jalaa miidhamaa jiru kamillee bakka kamittuu hanga danda’emetti faccisa hamaa geggeessaa jiru. Faccisa kana keessattis Oromoo kan biraan akka qacceetti/qanceetti fayyadaa jira. Kana ija hubannaa qabuun ilaaluun barbaachisaa dha. Qaamni kaleessa yeroo qabsoo hadhaawaan lubbuu qeerroo fi lammilee fudhachaa ture biyya kam jiraan isaa hin beekamne, maaloo kottaa nu gargaaraa jennee iyyaa turre sana hin mul’atin har’a as ba’ee alaabaa mirmirsuu eegaluun isaa kun waan yeroon isaa hin barbaannee dha jedheen yaada. Adeemsi har’a uummataa fi OPDOn waliin deemaa jiran akka kaleessaa qabsoo qawwee osoo hin taane, sadarkaa isaa fooyyessuu dhaan akkamiinimmoo biyya kanarraa fayyadamaa itti taana kan jedhu qofaa dha. Qabsoon kunis xumura kan argate waan hin taaneef qaamni kana deggeru kamiyyuu akka biyya keessa seenee qabsaa’uufis karaa OPDO waamichi irra deddeebi’amee waamamaa jira. Namni waamicha kana akka waan hin dhaga’iniitti kilaashii guuree mandara keessa yaa’uu araada dhiiga dhangalaasuu kan qabu ykn ergama diinota keenyaa galmaan ga’aa jira jechuuf waan nama shakkisiisu hin qabu.Walumaa galatti, haalli amma Oromiyaan keessa jirtu akka nama tokkootti yoon xiinxalu yoo itti fayyadamneef bara ol-kaafamuu keenyaa yoo itti hin fayyadamnu taanee hoomaa oofee sirbaa oollee waa balleessaa oollee kan gallu ta’e ammoo qileelee keessa waliin baduun keenya waan hin hafnee dha.Kanaafuu akka Oromiyaatti wanti nurraa eegamu, qaama jijjiiramaa wajjin hiriirree jijjiirama amma argamaa jiru kana deggeruun waan kana caalaatti nuuf malu argachuudhaaf karaatti achi ba’anii du’uu, karaa cufuu, qaama nageenyaa wajjin walitti bu’uurra tooftaadhaan osoo namni tokko hin dhaga’in biyya kana irraa fayyamaa ta’uutu nurra jiraata. Nagaan Oromiyaaf haa ta’u!