“Namni hin duune waa arga!”
Hiikaa Margaa
Oromoon yeroo waan tokko baay’ee isa dhibu, mammaaksa armaan olitti an akka mata
dureetti eegale kana mammaaka.
Ani garuu akka dhuunfaa kootiitti utuun waan amma biyya Itiyoophiyaa kana keessatti ta’aa
jiru kana ijakoon hin argin du’eera ta’ee, du’ikoo du’a du’aa gadii akka ta’ettsan amana.
Sababnisaa, an dhaladhee ergan of-baree Eritriyaa fi Itiyoophiyaan waliif diina akka
ta’anattan beeka malee, akkasitti jaalalli uumamee hundumti keenya imimmaan jaalalaatiin
biyya balleessina jedhee hin beeku.
Bara 1990 keessa diinni keenya Ertiriyaan biyya keenya weerarteetti, dargaggoon hunduu
gara dirree waraanaatti yeroo jedhamaa ture an yeroo sana umriin kiyya baay’ee xiqqaa
waan ta’eef malee anis silaa yoona Eritiriyaa kana akka diinaattin waraanan ture, dirree
waraanaa sanarratti ajjeesuun ykn du’uunis jiraachuun isaa hin hafu waan ta’eef anillee
osoo umriin koo yeroo sana waggaa 18 ol ta’eera ta’ee carraa ajjeessuu ykn du’uun qaban
ture. Baga waaqayyo na baraare, waraana obbolaa, waraana injifataa hin qabnetti dhaqanii
du’uun hagas mara gootas nama hin taasisu waan ta’eef.
Yeroo sana umriin koo waraanaaf ga’uu dhadhabuu isaatti baay’een gammada,
ammammoo umriidhaan guddadhee jijjiirama waggoottan digdama kana keessatti ta’an
arguu kootti gammachuu koo caalaa waaqayyoon baay’een galateeffadha. Sababnisaa ani
dhaloota waraanatti amanu osoo hin taane, dhaloota jaalalatti amanuudhaaf carraa guddaa
michooma Itiyoophiyaaf Eritiriyaa arguu kootti waanan dubbadhu hin qabu.
Garuummoo waanan gaddu tokkon qaba. Innis yeroo Eritiriyaan of-dandeessee biyya
mataashee hin hundeeffatin dura, abbootiif harmootiin keenya duraan akka maatii tokkootti
jiraachaa turre, erga of danda’uu eritiriyaatii eegalanii biyya sanatti achi deebi’an umriin
isaanii geenyaan ykn waraanuma jedhame sanarattillee wareegamanii darban, yeroo
gabaabaaf nagaa fi jaalala biyyoota kana lamaan gidduu arganii kan hin beekne waan ta’eef
carraa kana dhabanii darbuu isaaniitti gadda guddaatu natti dhaga’ama.
“Egaa namni hin duune waa arga”, akkuma jedhamu biyyootni lameen kunneen waggoottan
digdamaaf akka diinaatti wal-gaarreffachaa turan har’a keenyan jibbaa diigamee, jiilli
biyyoota lameenii darabee darabeedhaan biyyoota walii waliinii daawwachuu eegaluun
isaanii waan ajaa’ibaa ti nama jechisiisuu danda’a.
Caamsaan 1 warroota Ertiraa jiraataniif guyyaa addaati jechuun ni danda’ama. Sabbanisaa,
guyyaa kanatti biyyoota waggoottan digdamaaf wal-gaarrefataa ba’an keessatti
geggeessitootni isaanii yeroo wal-hammatanii walitti jiganii boo’ichaa jaalalaa waliin boo’an
arguu caalaa seenaa maaltu jira.?
Lammileen Ertiraa kuma dhibbaan lakkaa’aman dirree xiyyaaraa Idil-Addunyaa Asmaraatii
hanga Masaraa Mootummaa Ertiraatti toora galuudhaan karaa irra dhaabbatanii dhufaatii
kabajamoo MM keenya Dr.Abiy fi jiila isaanii wajjin eeguudhaaf yeroo isaan fedhii isaaniitti
akkas ba’anii isaan simachuudhaaf ba’an foddaa TV keessaan yeroon ilaalu waanan achi
jiru natti fakkaate, boo’icha gammachuutu ija keessa na guute, edaa jaalalli dhuguma
mo’aadhaan jedhe? Jaalalli siyaasa biyya lafaa kana akka caalus gaafuma sanan
mirkaneeffadhe.
Dhugaa dubbachuuf miirri lammilee Eritiraas ta’e miirri lammilee Itiyoophiyaa warri as
teenyee karaa foddaa TV ilaalaa turree hagam akka gammade ibsuuf yeroonuu waan nu
ga’u natti hin fakkaatu.
Dhaadhannoowwan lammileen hedduun baatan yeroo ilaalaa turretti,” jaalalli injifataa dha”
jedhee Afaan Tigiriffaatiin kan barreefame hunduma keenyatu arge jedheen amana. Kunis
biyyootni lameen meeshaa waraanaa ammayyaatti fayyadamuudhaan waggootttan
muraasaaf wal-lollanis humni waraana Sanaa humna jaalalaa caalee injifannoo inni
galmeessise hin turre, inumaayyuu biyya ollaa keenya yoo waa rakkanne itti gadi baanu nu
dhabsiisee biyya boolla keessa jirtu nu taasise malee.
Alaabaan biyyoota lameenii bakkeewwan hedduutti kan balali’aa turaniif namoonni hedduun
isaanii harka isaaniirratti alaabaa biyyoota lamaanii, huccuu isaaniirratti ammoo suuraa
Dr.Abiy fi Obbo Isaayyaas Afawarq akkasumas fuulli isaaniillee osoo hin hafin alaabaa
biyyoota lamaaniii maddii garanaa fi garasii irratti faayameetu kan argaa turre.
Egaa kana caalaa maaltu nama gammachiisaree, biyyoota sababa jibbaan gargar baatee
turtetu riqicha jaalalaa yeroo kana biyyi keenya Itiyoophiyaan biyyoota hedduu wajjin walitti
dhufuuf ijaaraa jirtu irra bu’uudhaan walitti dhufnehoo!
Waa’ee kanaa hagas erga dubbannee, ammahoo erga walitti dhufnee maal walii goona kan
jedhu gaaffiiwwan hedduun mataa namaa keessa naanna’uu malu,
Bu’aan walitti dhufeenya keenya biyyoota lamaaniif bu’aa lakkaa’amee dhumuu hin
dandeenye kan qabuu dha.
Keessumaa lammileen naannoo daangaa biyyoota lameenii bu’aan isaan argatan kan biyyi
kun argattu caalaa dha jechuu ni dandeenya. Sababnisaa lammileen naannoo sana jiran
waa’ee waan biraa osoo hin taane, dhimma lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu keessa
kan isaan turan.
Kabajamoo MM keenyaa akka jedhanitti “ Waraana du’a maleessa” kana dhaabuu qabna.
Kana jechuun isaanii duuti haa dhibu malee waraannii fi baasiin waraanaaf ba’u hundumtuu
waggoottan digdama kanaaf ba’aa waan turaniif waraana keessaa baaneerra jechuun hin
danda’amu waan ta’eef jedhanii jecha armaan olii kana fayyadaman jedheen yaada.
Kanaafuu yeroo ammaa kana waraana du’a maleessa kanarraa bilisa ba’anii jireenya nagaa
mana ofii keessa jiraachuun waan guddaa dha.
Faayidaan nagaa buusuu biyyoota kana lamaanii inni lammaaffaan ammoo guddina
dinadgee waliinii biyyoota lamaanii ti jechuu ni dandeenya. Sababnisaa biyyootni kun
lamaan biyyoota gaanfa Afriikaa keessa jiran kamiinuu caalaa walitti dhiyeenya daangaa
waan qabaniif sochiin dinagdee gama lachuunuu taasifamu lammileen biyyoota kana
lamaanii akka garaa isaaniittii hojii daldalaas ta’e kanneen biro dinagdee ofii fooyyeessuuf
gargaaraan irratti bobba’uun ni danda’ama.
Biyyi Eritiraa meeshaalee bu’uuraa kanneen akka bunaa, midhaan nyaataa, fuduraa fi
muduraa biyya alaatii galchuudhaaf filannoon ishee Itiyoophiyaa caalaa waan jiru natti hin
fakkaatu.
Itiyoophiyaan ammoo sababa rakkoo odolaatiin biyya Jibuutii qofatti hirkachuudhaan
waggaa digdamaa oliif biyya kanatti isayyuu akka kadhannaatti doolaaraa hedduu
baasuudhaan meeshaalee bu’uuraa biyya alaa galchaa turuun ishee ni yaadatama.
Kanarraan kan ka’es baasii silaa biyya keessatti hojii misooma biraaf oolu gatii geejjiba
galaanaa kaffalaa turuun keenya hiyyummaa har’a keessa jirruuf ga’ee salphaa taphateera
jechuu hin dandeenyu. Egaa biyyoota kana gidduutti nagaan bu’uu isaan wal-qabatee kana
booda Itiyoophiyaan odoola Asab misoomsuuf gatii baay’ee bushaa’aa ta’een itti
fayyadamuu akka dandeessu walii galteewwan sambata darbe mallatteeffaman keessaa,
walii galtee inni ijoon isa kana ture.
Faayidaan isaa inni sadaffaan ammoo walitti dhufeenyi lammilee biyyoota lamaanii Kanaan
booda akka barbaadametti kan cimee itti fufu ta’uu isaati. Uummatni Itiyoophiyaa fi Ertiraa
uummata Aadaa, Afaanii fi duudhaa wal-fakkaatu qabu waan ta’eef akkasaa Kanaan
duraatti wal-keessa akka jiraatuuf walii galtee irra ga’ameera. Walii galtee kanaaf haala
mijeessuuf ammoo daandiin xiyyaara Itiyoophiyaa Kanaan dura yeroo dheeraaf ture balalii
isaa Asmaraatti eegaluu isaa, geejjibni lafoonis yeroo dhihoo asitti kan hojii eegaluu fi
Embaasiin biyyoota lachuu yeroo ariitii keessatti banamanii tajaajila kennuu akka jalqaban
ta’aa jira.
Kanumarraa ka’uun ammammoo Pirezdaantiin Eritiraa obbo Isaayyaas Afawarqid
Waxabajjii 7/2010 gara biyya kanaa do’annaaf akka dhufan yeroo dhageenye hojiin
dippilomaasii biyyootni kun lamaan hojjechaa jiran hagam hundeen isaa gadi fagaataa akka
ta’eef hojii qabatamaan hojjetamaa akka jiru kan ibsuu dha.
Xumura irratti hojiin Muummeen Ministeera keenya kabajamoon erga Muudamanii as
guyyoota 100 keessatti raawwachaa jiran hundi namni hin duune waa arga isa jedhan sana
nama jechisiisa waan ta’eef waaqni umrii nuuf laatee mee waan isaan itti fufanii hojjetan
ilaalaa nutis faana buunee kaayyoon isaanii galma akka ga’uuf waan nurraa barbaachisu
akka gumaachinu jechaan barreeffamakoo goolaba.