Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Walitti-bu’insarraa of tiksaa

0 502

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Walitti-bu’insarraa of tiksaa

Ibsaa Namarraa

Waggootii lamaan darban keessa walitti-bu’insa iddoowwan gara garaa mudateen lamileen miliyoonaan lakkaawaman jiru isaan irraa buqaahuun isaani niyaadatamaa. Namoonni hanga ammaa hammam akka ta’an hinibsamnees lubbu isaanii dhabanii jiru. Qaamni isaani kan hiratees heedduu dhaa.

Eegaa; Walitti-buinsi wanta nama waliin jiraate dhaa; seenaa keessa wanta haaraa miti. Fuldurattiis namaa waliin jiraataa. Yaata’u malee walitti-buinsoonni Itiyoophiyaa keessa mudatani fi mudachaa jiran amala adda ta’e qabu. Wanti isaan adda taassisu, ummata waliin jiraatu giddu kan maddan osoo hinta’ini, irra caalaan qaamoota ummata aala jiranaiin dhoksaan kan ofamaman ta’u isaaniti. Amala addaa walitti-buinsoota kan hubachuuf muraasaa isaani akka fakkeenyatti fudhanee haailaalu.

Walitti-bu’insoonni waggootii lamaan darban keessa lamiilee miliyoonaan lakkaahaman jiru isaan irraa buqisan dangaa Oromiyaa fi Itiyoophiyaa Sumale giddu mudatan ammas yeroo eggachaa mudachaa jiru. Walitti-bu’insi Oromiyaa godina Gujii fi Naannoo Kibbaa goddina Gedeeyoo giddu mudatees lammiilee miliyoonaan lakkahaman jiru isaan irraa akka bu’qqaahan sababa ta’uun isaa nibeekamaa. Tibbana naannoo Oromiyaa goddina Baalee magaalaa Gobbattiis sidaa yaadannoo qabsaahaa Oromoo angaafa Hajii Adam Saaddoo  dhaabuuf dhiyaate sababeefachuun walitti bu’insi lubbuu namoota galaafate mudate jiraa.

Dhugaa dhaa; iddoowwan dangaa Oromiyaa fi Sumaale Itiyoophiyaa irratti walitti-bu’insi mudachuun isaa wanta haaraa miti. Ummattoonni saboota lamaan dangaa irra jiraatan horee-bultoota. Hawaasoonni horsise-bulaa, loowwaniif marga fi bishaan brbaachaa lafa bl’aa irratti waan soocho’aniif, inni tookko gara dangaa biraatti cehuu dhaan; akksuumas saamicha lafa margaa fi bishaanitin walitti bu’insi mudachuun isaa wanta barame dhaa.

Ummttoota Oromo fi Sumale Itiyoophiyaa, dangaa walqodan irratti walitti-bu’insi wanta idle ta’e turulle, sirna walitti-bu’insa araaraan ittiin hikan qabu. Fakkeenyaaf, Oromoota Boranaa fi Sumaale giddu yammuu walitti-bu’insi mudatu, rakkoo kan kan hiku gumiin araara nagaa bornaa jeedhamu jiraa. Yammuu walitti-bu’insi mudatu, gumiin nagaa bornaa walitti-bu’insi babal’ate gara lamaanu lubbuun namaa fi qabeenya irratti midhaan hamaa osoo hinqaqqabin dura araara busaa.

Ummattoonni saboota lameen, gumii araara ijaaruu dabalatee, gaa’ilaan walitti hidhamanii jiru; adaa fi dudhaa wal qodu. Firoominni ummata lamaan giddu haala kanaan ijaarame kun, walitti-bu’insi akka salphaatti akka hinkaaane gargaaraa ture. Haalli kun wlitti-bu’insi yoo mudatelle furmaata keennuun hagas rakkiisaa akka hintaane godhe ture.

Iddoowwan Oromonni ummata kibbaa waliin dngaa waliin qodaniis; fakkeenyaaf dangaa goddina Gujii fi goddina Gedeeyoo irrattiis walitti bu’insi mudachaa turuun isaa nibeekamaa. Dangaa ummata lameen kana irratti ummanni Oromoo gara Geediyootti, ummanni Gedeeyoos gara Oromotti ceehanii walkeessa jiraatu. Idoowwan walkeessa jiraatani fi dangaa irratti walitti bu’insii mudachaa ture. Walitti-bu’insoonni kun garu akka baranatti haammaatanii hinbeekani. Sodaa jiruu ta’aniis hinbeekani. Ummanni lameen sirna araara gondoro jeedhamuun osoo hinhaammaatiin dura furamaata laachaa jiraatan.

Kana malees; ummanni Oromoo fi Gedeeyoo gaa’ilaan, guddiifachaan, mooggaasaan firummaa ijaaranii jiru. Ummanni Geediyoo sirna bulchinsa Gadaa Oromota waliin walfakkaattu qabaa. Wanti kun ummattoonni lameen hangam adaa akka walqodan mul’isaa. Walumagalatti ummattoota lamaan giddu haariiroo hawaasummaa cimaa walitti-bu’insi akka hinkaane ittisu; tasa yoo ka’elle araaraan furu dandeesisu nijiraa ture.

Haala godina Baale magaala Gobbatti turees kan walitti-bu’isa dandamchu ture., Magaalaan Gobbaa, magaaloota godina Baalee kan biroo irraa haala adda ta’enn, heedduumina sabaa fi sablammoota, akkasuumas amantii qabdi. Gobbaan magaala adaa magaalummaa (metropolitan calture) dagaagsite dhaa. Adaan magaalummaa madaqoo adaa fi amantaa heeddu ta’e kun, garaagarummaaf qawaa hinbanu. Adaa kana keessa carraan walitti-bu’insaa bayee xiqqoo dhaa.   

Qalbeefadhhaa; dhiyoo kan walitti-bu’insoonni kan mudachaa jiran fi balaa hamaa qaqqabsiisaa jiran iddoowwan dangaa Oromiyaa fi Sumale Itiyoophiyaa, Oroomiyaa fi naannoo Kibbaa, akkasumas magaala Gobba walitti bu’insa dndamachuu; tasa yoo mudatanille araaraan furu dandahanitti.

Eegaa; walitti-bu’insoonni jalqabarraayyu iddoo itti ka’u hindandeenyerratti mudachaa jiran jeechu dhaa. Eerga mudatani booda adaa araara dur jiruun furmaata argachuus hindandeenye. Fakkeenyaaf, walitti-bu’insi dangaa Oromoo fi Sumale Itiyoophiyaa irratti mudatan, adaa araara duur jiruun furmaata argachuu hindandeenye. Maddi walitti-bu’insaa dangaa akka ta’e himamulle, bakkeewwan dangaarra fagaatanii argaman irrattiis mudachaa turan.

Walitti-bu’insi Oromiyaa godina Gujii fi Gedeeyoo giddu mudatees sirna araara gondoroon furuuf yaalamulle osoo hindandaahamin hafuun isaa niyaadatamaa. Midhaan walitti-bu’insaa ammaa, walitti-bu’insoota ummattoota lamaan gidduu kanaan dura mudatan marra irraa haal addaa ta’een haamaa dhaa. Walitti-buinsaa amma mudateen lammiileen miliyoona tokko ol ta’an jiruu isaan irraa buqqaahuun isaanii nibekamaa.

Ka’umsi  walitti-buinsa magaala Gobba, gaaffii Sidaa Haajii Adam Saaddoo akka ta’e dhageenye jirraa. Warreen dhimma sidaa Haajii Adam dhaabamu qabaa jeedhu tarkaanfachisan, sidaan kun iddoo sidaan fakkii jeedala fardaa itti argamutti akka dhaabamu gaafatan. Gara biraatiin, warreen kan biroo ammoo sidaa Haajii Adam Saaddoo magaalatti keessa dhaabamuu irratti moormii dhabanille, iddoon sidaan itti dhaabamuu, sidaan fakkii jeedala fardaa digamee ta’u hinqabu jeechaa turan. Garaagarummaan kun amnti waliin kan walqabatu miti. Yaata’u malee walitti-bu’insi magaal Gobba  lubbuu namoota galaafate, bifa amntii niqaba ture. Adaan waldandahuu magaalatti jaarraa tokko lakkoofsise walitti-bu’insa kallee amanti uffate dhufe kana dandamachuu hindandeenye.

Akka armaan olitti ibsu yaaletti, walitti-bu’insoonni biyyatti keessa mudatan, iddoowwan mudachuu hindandeenye irratti, akkasumas tasa yoo mudatanille osoo hinhaammaatin dura araaraan furmaata argachu ittin dandahan irratti ka’an. Haalli kun adda isaan taassiisaa. Jiraattoonni iddoowwan walitti-bu’insoonni mudatan jiraatan akka raga bahanitti, walitti-bu’insoonni ummttoota waliin jiraachaa turan ykn ummattoota dangaa walqoodan giddu kan mudatan miti. Walitti-bu’insoonni kan ka’an, irra caalaan haalleellaa qaamoota alaa miliqanii lixaniniini akka ta’e umaanni raga bahaa jiraa. Dhugaan kun; walitti-bu’insoonni kan ummata waliin jiraachaa ture giddu kan mudatan akka hintaane mul’isaa. Araaraaf kan rakkiisaniis kanaaf ta’u hin’olu.

Kana irratti, gaaffiin iddoowwan adaa walitti-bu’insa dandamachu fi haariiroo haawaasaa cimaa dagaagsan irratti warreen walitti-bu’insa qabsisan  enyu? kan jeedhu ka’un nimalaa. Deebiin gaaffii kanaa fagoo miti.

Yeroo ammaa, Itiyoophiyaan jijjiirama irra argamti. Jijjiiramni kun warreen saamicha qabeenya ummataa fi mootummaa akkasumas daldala seeraan aala durooman, faayidaa seeraan ala argachaa turan akka dhaabbatu godhaa jiraa. Kana malees, haala seeraan ittiin gaafataman mijeessee jiraa. Haalli kun isaan rifachise jiraa.

Warreen kun, yoo dandaahame faayidaa seraan aala argachaa turan fufsisuuf, yoo kun ta’u dide ammoo seeraan gaafatamu jalaa miliquuf tattaafachaa jiru. Milkaahuuf olaantummaan seeraa digamu ykn laafu qabaa. Olaantummaan seeraa, haala nageenya fi caasooleen mootummaa sirritti ittiin hojjachu dandahan barbaadaa. Jeequmsi fi walitti-bu’insi haala olaantummaa seeraa kabajsisuuf barbaachisan kan dhabamsisaa. Saamtoonni nagaa kan booreesaa jiran, asiis achiis walitti-bu’insa kan qabsisaa jiran biyyatti keessa olaantummaa seeraa digufi.

Ummanni biyyatti; keessttuu qeerroon wareen ajandaa walitti-buinsa tamsaasan irraa of tiksu qabu. Yeroo  araara, jaalalaa fi ida’amaa amma itti jirru keessa, wanti qabatamaa ummata walitti-busu hinjiru. Kanaafu, hoolala ummata giddu walshakki uummu, jaalala digu, walitti-bu’insa kakkaasuun borjaajahu irraa of egu qabu.    

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy