Bara haaraa Miira haaraa dhaan!
Yeroosan Toleeraa
Uummanni Oromoo waggoottan dhibbaaf shantamaa oliif qabsoo diddaa gabrummaa sadarkaa
gara garaa irra turaniif akkaataadhuma sadarkaa isaaniitiin injifannoowwan adda addaa
galmeessisaa as ga’e jenneerra.
Haa ta’uyyuu malee injifannoowwan galmaa’an sadarkaa barbaadame irra ga’uu waan
dhadhabaniif qabsoon jedhamu kun yeroo tokkoof illee gar gar cite hin beeku.
Sababa kanaanis, xiyyeeffannoon Uummata Oromoo qabsoo diddaa gabrummaa jalaa ba’uu
waan tureef, rakkoo keessa jiru keessuma taa’ee hojii dinagdee isaa guddisu irratti
xiyyeeffannoo kennuun waan hin hojjenneef sadarkaan dinagdee saba keenyaa, saboota biyya
kanaa baay’ee wajjin yeroo wal-bira qabamu kankeenya quubsaa dha jechuu hin dandeenyu.
Gama biraatiin ammoo mootummooleen biyya kana geggeessaa turan humnaanis ta’e fedhii
Uummata Oromootiin leecalloo Uumamaan Oromiyaa keessa jiru saamuudhaan ofii isaaniitii
sooromaa kan deemaa turan yommuu ta’u, Uummatni Oromoo ammoo qabeenyuma
isaarraallee carraa fayyadamuu akka hin arganne gochaa kan turanii dha.
Kana ta’uu isaarraa kan ka’e, irreen diinotaa guddachaa kan turee fi kan Oromoo ammoo
guddinni dinagdee isaa fooyya’aa waan hin taaneef deemee deemee siyaasa Oromoo irratti
dhiibbaa fiduun isaa hin ooolle.
Sababnisaa Uummatni dinagdee hin qabne, aangoon siyaasa keessatti inni qabu gadi aanaa
waan ta’eef jechuu dha.
Naanna’ee naanna’ee dinagdeedhaan dadhabaa ta’uun uummata Oromoo kun ammoo karaa
kamiinuu taanaan akka kanatti itti fufuu akka hin qabneef hundumti keenyayyuu xiyyeeffannoo
kenninee itti hojjechuutu nurra jiraata.
Quucaruun dinagdee biyya kanaaf duddaduubatti hafuun naannoo Oromiyaa sababa sochii
dinagdee naannoo keenyaa irraa kan ka’e ta’uu isaa haaluun barbaachisaa natti hin fakkaatu.
Sababnisaa kanneen Kanaan dura biyya kana geggeessaa turan, aangoo isaanii of harka
tursiisuudhaaf malee guddina biyya kanaaf takkaallee hojjetanii hin beekan.
Oromoon ammoo kana irratti dammaqee hojjetaa waan hin turreef guddina sadarkaa biyyattillee
barbaabadamu akka hin galmeessifne nu godhee jira.
Egaa kun hundumtuu haala qabatamaa biyya kanaa yeroo ammaa kanaaatti biyya kan
geggeessaa jiru Oromoo waan ta’eef qabsoon hin barbaachifne kana booda kan itti fufu ta’uu
kan hin qabneef dinagdee keenya fooyyeffachuu irratti hojjechuutu nurra jiraata.
Kana gochuudhaaf ammoo qorqalbiin keenya haala Kanaan dura keessa ture keessaa ba’ee,
haala yeroo wajjin deemuu qaba.
Kanaan dura sochii dinagdee Oromoo dura kan dhaabbachaa ture baay’ee waan tureef hanga
barbaadame guddachuun baay’ee ulfaataa ture. Amma garuu namni fedhii jijjiiramuu qabu kan
jiraatu taanaan jijjiiramuuf karaan banaa dha.
Yaada mo’ataa qabaachuun yeroo ammaa kanatti murteessaa dha. Kanaan dura haalli nuti
keessa turre waan mo’amne nu fakkeessuu danda’a ture.
Haa ta’uyyuu malee haalota ulfaatoo sana hundumaayyuu tokkummaadhaan darbinee as
geenyeerra waan ta’eef wanti nu hafu wantoota sasalphaa qofa dha.
Akka sabaatti Uummanni Oromoo jaallatus jibbus dirqamoota isarraa barbaachisan keessaa
inni guddan dinagdeedhaan fooyya’uudha.
Dinagdeedhaan fooyya’uun akka sabaatti faayidaawwan lama nuuf qabaata jedheen yaada. Inni
tokkoffaan jireenya fooyya’aa laammilee biyya kana hundumaa faayinaansi gochuudhaaf maddi
dinagdee biyya kanaa irra caalmaatti Oromiyaa waan ta’eef, sochii dinagdee naannoo kanaa
kan geggeessuu qabu ammoo irra jireessaan oromoo ta’uu waan qabuuf, achumaan
guddachaa deemna jechuu dha.
Inni lammaffaan ammoo irree siyaasa keenyaa cimsachuuf misooma biyya kanaa karaa
seeraan ala saamamaaa ture bakkatti deebisuun biyya tasgabbaa’aa uumuudhaan, maqa-
balleessii Kanaan dura Oromoon yoo biyya kana geggeesse biyya kana diiga jedhu
fashaleessuudhaaf dhimmi dinagdee keenyaa baay’ee murteessaa dha.
Kana gochuudhaaf ammoo, ilaalchi keenya jijjiiramuu qaba. Akkuman armaan dura jechuuf
yaale, Kanaan dura dhiibbaawwan gara garaa nurra turaniin adeemuu waan dadhabneef ta’uu
mala. Har’a garuu kan biyya kana geggeessaa jiru nuyi Oromoo waan ta’eef qaamni nu
daangessu tokkollee waan hin jiraanneef cimnee hojjennee isa Kanaan dura dhabnellee akka
bakka buufannuuf halkaniif guyyaa hojjechuu qabna.
Inni kan biraan leecalloo qabnu beekuudhaan abdii guddaa horachuudhaan gara fuuladuraa
qofatti xiyyeeffannee ofiis jireenya keenya fooyyeffannee dinagdeen biyya kanaa akka fooyya’u
gochuu ni dandeenya.
Ilaalcha eeggattummaa bira dabarree, ofii keenyaa hojjennee fiduu akka dandeenyu
agarsiisuutu nurra jiraata.
Hojii ta’e kamiinillee kabajuudhaan, hanga waan barbaadnu arganutti waan argame hojjennee
fooyya’uutu nurra jiraata. Haalotni Kanaan dura turan carraa hedduu waan nu jalaa cufanii
turaniif akka barbaa dnetti hojii fooyya’aa argachuu dhabuu waan dandeenyuuf kophee
qulqulleessuurraa kaanee hanga isa guddaatti deemuu danda’uutu nurra jiraata.
Walumaa galatti, miirri keenya Kanaan duraa fi yeroo ammaa akkaataa kamiinuu tokko ta’uun
irra hin jiraatu.
Nuti akka warra injifannoo of-harkaa qabanii fi biyya kana geggeessaa jiruutti yoo of-hin yaadne
taanee akkuma warra kaanii teenyee boonya ta’e, aangoo of harkaa qabaachuun keenya bu’aa
tokkoyyuu nuuf buusuu hin danda’u.
Kanaafuu yaada mo’ataa burqisiisuun, ofii keenyas ta’e biyya kana jijjjiiruudhaaf ilaalcha
mo’atamaa cabsuudhaan gara fuula duraatti qajeeluutu nurraa eegama.
Kana yemmuu goonu dargaggoo keenyatu fayyadamaa ta’a, mootummaanis guddinni dinagdee
yeroo fooyya’u maddi galii isaa akka fooyya’u ni ta’a waan ta’eef gaaffiiwwan misooma bu’uura
hawaasaa haalaan deebisuun itti hin ulfaatu.
Walumaa galatti , kana booda dhimmi jiraachuuf jiraachuu dhiisuu biyya kanaa haala sochii
Oromiyaa keessaa irratti akka hundaa’u arginee waan jirruuf jiraachuun biyya kanaa akka nu
ilaallatu beeknee, ilaalcha Kanaan duraa keessaa baanee, dhimma biyya Itiyoophiyaa kanaaf itti
gaafatamaan isaa oromoo ta’uu beeknee socho’uutu nu jiraata jechuu dha.
Kana booda biyyi kun kan fooyyoftu yoo ta’e kan itti galateeffatamu Oromoo akka ta’eef, yoo
isheen kuftes kan itti abaaramuu Uummata Oromoo ta’uu isaa jala murree beekuutu
barbachisaa dha.
Xumura irratti carraan amma arganne kun darabee darabeedhaan naanna’ee naanna’ee kan nu
ga’e osoo hin taane, dhiigaa fi lafee Uummata Oromootiin kan arganne ta’uu beeknee, waan
arganne kanatti sirnaan fayyadamuu akka qabnu jedheen barreeffama koo xumura.