AFAAN OROMOO

Bara haaraa Miira haaraa dhaan!

By Admin

August 20, 2018

Bara haaraa Miira haaraa dhaan!

Yeroosan Toleeraa Uummanni Oromoo waggoottan dhibbaaf shantamaa oliif qabsoo diddaa gabrummaa sadarkaa gara garaa irra turaniif akkaataadhuma sadarkaa isaaniitiin injifannoowwan adda addaa galmeessisaa as ga’e jenneerra. Haa ta’uyyuu malee injifannoowwan galmaa’an sadarkaa barbaadame irra ga’uu waan dhadhabaniif qabsoon jedhamu kun yeroo tokkoof illee gar gar cite hin beeku. Sababa kanaanis, xiyyeeffannoon Uummata Oromoo qabsoo diddaa gabrummaa jalaa ba’uu waan tureef, rakkoo keessa jiru keessuma taa’ee hojii dinagdee isaa guddisu irratti xiyyeeffannoo kennuun waan hin hojjenneef sadarkaan dinagdee saba keenyaa, saboota biyya kanaa baay’ee wajjin yeroo wal-bira qabamu kankeenya quubsaa dha jechuu hin dandeenyu. Gama biraatiin ammoo mootummooleen biyya kana geggeessaa turan humnaanis ta’e fedhii Uummata Oromootiin leecalloo Uumamaan Oromiyaa keessa jiru saamuudhaan ofii isaaniitii sooromaa kan deemaa turan yommuu ta’u, Uummatni Oromoo ammoo qabeenyuma isaarraallee carraa fayyadamuu akka hin arganne gochaa kan turanii dha. Kana ta’uu isaarraa kan ka’e, irreen diinotaa guddachaa kan turee fi kan Oromoo ammoo guddinni dinagdee isaa fooyya’aa waan hin taaneef deemee deemee siyaasa Oromoo irratti dhiibbaa fiduun isaa hin ooolle. Sababnisaa Uummatni dinagdee hin qabne, aangoon siyaasa keessatti inni qabu gadi aanaa waan ta’eef jechuu dha. Naanna’ee naanna’ee dinagdeedhaan dadhabaa ta’uun uummata Oromoo kun ammoo karaa kamiinuu taanaan akka kanatti itti fufuu akka hin qabneef hundumti keenyayyuu xiyyeeffannoo kenninee itti hojjechuutu nurra jiraata. Quucaruun dinagdee biyya kanaaf duddaduubatti hafuun naannoo Oromiyaa sababa sochii dinagdee naannoo keenyaa irraa kan ka’e ta’uu isaa haaluun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Sababnisaa kanneen Kanaan dura biyya kana geggeessaa turan, aangoo isaanii of harka tursiisuudhaaf malee guddina biyya kanaaf takkaallee hojjetanii hin beekan. Oromoon ammoo kana irratti dammaqee hojjetaa waan hin turreef guddina sadarkaa biyyattillee barbaabadamu akka hin galmeessifne nu godhee jira. Egaa kun hundumtuu haala qabatamaa biyya kanaa yeroo ammaa kanaaatti biyya kan geggeessaa jiru Oromoo waan ta’eef qabsoon hin barbaachifne kana booda kan itti fufu ta’uu kan hin qabneef dinagdee keenya fooyyeffachuu irratti hojjechuutu nurra jiraata. Kana gochuudhaaf ammoo qorqalbiin keenya haala Kanaan dura keessa ture keessaa ba’ee, haala yeroo wajjin deemuu qaba. Kanaan dura sochii dinagdee Oromoo dura kan dhaabbachaa ture baay’ee waan tureef hanga barbaadame guddachuun baay’ee ulfaataa ture. Amma garuu namni fedhii jijjiiramuu qabu kan jiraatu taanaan jijjiiramuuf karaan banaa dha. Yaada mo’ataa qabaachuun yeroo ammaa kanatti murteessaa dha. Kanaan dura haalli nuti keessa turre waan mo’amne nu fakkeessuu danda’a ture. Haa ta’uyyuu malee haalota ulfaatoo sana hundumaayyuu tokkummaadhaan darbinee as geenyeerra waan ta’eef wanti nu hafu wantoota sasalphaa qofa dha. Akka sabaatti Uummanni Oromoo jaallatus jibbus dirqamoota isarraa barbaachisan keessaa

inni guddan dinagdeedhaan fooyya’uudha. Dinagdeedhaan fooyya’uun akka sabaatti faayidaawwan lama nuuf qabaata jedheen yaada. Inni tokkoffaan jireenya fooyya’aa laammilee biyya kana hundumaa faayinaansi gochuudhaaf maddi dinagdee biyya kanaa irra caalmaatti Oromiyaa waan ta’eef, sochii dinagdee naannoo kanaa kan geggeessuu qabu ammoo irra jireessaan oromoo ta’uu waan qabuuf, achumaan guddachaa deemna jechuu dha. Inni lammaffaan ammoo irree siyaasa keenyaa cimsachuuf misooma biyya kanaa karaa

seeraan ala saamamaaa ture bakkatti deebisuun biyya tasgabbaa’aa uumuudhaan, maqa- balleessii Kanaan dura Oromoon yoo biyya kana geggeesse biyya kana diiga jedhu

fashaleessuudhaaf dhimmi dinagdee keenyaa baay’ee murteessaa dha. Kana gochuudhaaf ammoo, ilaalchi keenya jijjiiramuu qaba. Akkuman armaan dura jechuuf yaale, Kanaan dura dhiibbaawwan gara garaa nurra turaniin adeemuu waan dadhabneef ta’uu mala. Har’a garuu kan biyya kana geggeessaa jiru nuyi Oromoo waan ta’eef qaamni nu daangessu tokkollee waan hin jiraanneef cimnee hojjennee isa Kanaan dura dhabnellee akka bakka buufannuuf halkaniif guyyaa hojjechuu qabna. Inni kan biraan leecalloo qabnu beekuudhaan abdii guddaa horachuudhaan gara fuuladuraa qofatti xiyyeeffannee ofiis jireenya keenya fooyyeffannee dinagdeen biyya kanaa akka fooyya’u gochuu ni dandeenya. Ilaalcha eeggattummaa bira dabarree, ofii keenyaa hojjennee fiduu akka dandeenyu agarsiisuutu nurra jiraata. Hojii ta’e kamiinillee kabajuudhaan, hanga waan barbaadnu arganutti waan argame hojjennee fooyya’uutu nurra jiraata. Haalotni Kanaan dura turan carraa hedduu waan nu jalaa cufanii turaniif akka barbaa dnetti hojii fooyya’aa argachuu dhabuu waan dandeenyuuf kophee qulqulleessuurraa kaanee hanga isa guddaatti deemuu danda’uutu nurra jiraata. Walumaa galatti, miirri keenya Kanaan duraa fi yeroo ammaa akkaataa kamiinuu tokko ta’uun irra hin jiraatu. Nuti akka warra injifannoo of-harkaa qabanii fi biyya kana geggeessaa jiruutti yoo of-hin yaadne taanee akkuma warra kaanii teenyee boonya ta’e, aangoo of harkaa qabaachuun keenya bu’aa tokkoyyuu nuuf buusuu hin danda’u. Kanaafuu yaada mo’ataa burqisiisuun, ofii keenyas ta’e biyya kana jijjjiiruudhaaf ilaalcha mo’atamaa cabsuudhaan gara fuula duraatti qajeeluutu nurraa eegama. Kana yemmuu goonu dargaggoo keenyatu fayyadamaa ta’a, mootummaanis guddinni dinagdee yeroo fooyya’u maddi galii isaa akka fooyya’u ni ta’a waan ta’eef gaaffiiwwan misooma bu’uura hawaasaa haalaan deebisuun itti hin ulfaatu. Walumaa galatti , kana booda dhimmi jiraachuuf jiraachuu dhiisuu biyya kanaa haala sochii Oromiyaa keessaa irratti akka hundaa’u arginee waan jirruuf jiraachuun biyya kanaa akka nu ilaallatu beeknee, ilaalcha Kanaan duraa keessaa baanee, dhimma biyya Itiyoophiyaa kanaaf itti gaafatamaan isaa oromoo ta’uu beeknee socho’uutu nu jiraata jechuu dha. Kana booda biyyi kun kan fooyyoftu yoo ta’e kan itti galateeffatamu Oromoo akka ta’eef, yoo isheen kuftes kan itti abaaramuu Uummata Oromoo ta’uu isaa jala murree beekuutu barbachisaa dha. Xumura irratti carraan amma arganne kun darabee darabeedhaan naanna’ee naanna’ee kan nu ga’e osoo hin taane, dhiigaa fi lafee Uummata Oromootiin kan arganne ta’uu beeknee, waan arganne kanatti sirnaan fayyadamuu akka qabnu jedheen barreeffama koo xumura.