Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Barri tolaa jirti …!

0 697

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Barri tolaa jirti …!

Hiikaa Margaa
Barreeffamnikoo har’aa waa’ee walii galtee Mootummaa Naannoo Itiyoophiyaa tiif ABO

gidduutti taasifameen wal-qabatee gammachuu natti dhaga’ame ibsuuf akkasumas gara fuul-
duraattihoo maal gochuu qabna kan jedhu hamma dandeettii kootii lafa kaa’uuf kan yaadamee

dha.
Jijjiiramni siyaasaa biyya kana keessatti dhufaa jiru kun akkuma hundi keenyayyuu argaa jirru
faayidaa siyaasaa yeroof argamu caalaa qabatamaatti hojiidhaan mul’isaa jiraachuu isaa kan
agarsiisuu dha jechuu ni dandeenya.
Kanaan dura dhaabbileen siyaasaa morkattoota ta’an sababa ilaalacha addaa paartii biyya
bulchu irraa qabaataniif qofa maqaan adda addaa itti kennamee hamilee isaanii
laamshessuudhaaf hojii guddaan hojjetamaa tureera.
Maqaawwan gara garaa itti kennaman keessaa inni tokko “Mormitoota” kan jedhu ture. Mormaa
kan jedhu Afaanuma Oromootiin hikkaa isaa kan ilaallu yoo ta’e, yaadawwan ka’an gaariis haa
ta’an ykn badaa sababuma tokko malee kan mormu jechuu natti fakkaaata. Moggaasni akkasii
kun ammoo xiinsammuu paartilee Morkattootaa fis ta’e hordoftoota isaaniif gaarii hin ta’u.
sababnisaa maqaan akkasii kun ta’e jedhamee qumaara siyaasaaf kan moggaafamee fi qaamni
biyya bulchu qofti akka qulqulluu ta’eef lammilee isaaf waan gaarii yaaduutti kan qindaa’ee dha.
Maqaan inni biraan ammoo, maqaa tasumaa jaarmiyaa siyaasaa karaa kamiinuu qabsaa’een
yaada haaraa lammilee koof fideen biyya kana jijjiiruuf kennamuu hin malle “Shororkeessaa”
kan jedhuu dha. Maqaan akkasii kun ofumasaatiiyyuu waan nama shororkeessu natti fakkaata.
Dhaabbileewwan muraasni nuti yaadannu maqaa kana fedhii isaanii fi gocha maqaa sanaan
wal-fakkaatu osoo hin godhin moggaasa badaa akkasii kana argatanii biyya kanaafis ta’e
addunyaa irratti akka diinaatti akka ilaalamanii booda irratti qabsoon isaanii akka laamsha’uuf
ta’e jedhamee kan moggaafamee dha.
Paartilee maqaan shororkeessaa jedhamu itti kennamanii, akka diinaatti ilaalamaa turan
keessaa tokko ABO dha.
ABO dhaaf maqaa akkasii kennuun kan barbaachiseef, jechi shororkeessaa jedhu kun akka
addunyaatti xiyyeeffannoo waan qabuuf, maqaa Kanaan sakaalanii qabsoo Oromoo laaffisuuf
kan irratti hojjetamaa turee dha.
Haa ta’u malee, Muudamuu Dr.Abiy Ahmed asitti jijjiiramni siyaasaa biyya kana keessatti
dhufaa jiru waan nama ajaa’ibuu fi dhuguma jedhanii hamma fudhachuun nama rakkisutti kan
adeemaa jiruu dha.
Erga isaan gara aangoo Muummee Ministeerummaatti dhufanii, maqaawwan hamilee nama
buusan kanneen akka “Mormitoota fi shororkeessitoota” jedhu sun maqaa tokkummaa fi
yaadawwan filannoo biraa keessummeessuu danda’u “morkattoota” jedhuun kan bakka bu’ee
dha.
Morkataa fi Mormaan tasumaayyuu hiikaan walitti hin dhufan. Morkataan yaada dorgomaa ta’e
fidee kan morkatu yommuu ta’u, Mormaa fi shororkeessaan jedhame sun faallaa dha.
Dhugaa dubbachuuf taanaan, an ergan dhaladhee of baree, waadaawwan hedduu
mootummaan biyya geggeessu lammileedhaaf galu baay’ee isaa dhaga’eera. Waadaawwan
galaman garuu hedduun isaanii faayidaa siyaasaa yeroo dhaaf kan oolan malee qabatamaatti
gara hojiitti yommuu jijjiiraman argees dhaga’ees hin beeku.
Garuu, Mootummaan Dr.Abiy Ahmed n durfamu jalqabuma gara aangotti erga dhufee, dirree
siyaasaa biyya kana keessatti dhiphate bal’isuun dimokiraasii dhugaan biyya keenya keessatti
akka dagaagu ni taasifna jechuun waadaa nuuf galuu isaa ni yaadanna.
Kanumarraa ka’uun hidhamtoota siyaasaa kumaatamaan lakkaa’aman kanneen shororkeessaa
jedhamanii waamaman illee mana hidhaatii hiiksisuun karaa nagaatiin akka isaan qabsaa’an
taasifamee jira, itti fufas.
Mootummaan ADWUI Dr.Abiy n durfamu kun paartilee Morkattoota gara garaa biyya keessaa fi
biyya alaa jiran waliin mari’achuu dhaan carraan biyya kanaa gara fuula duraatti maal ta’uu
akka qabu taffaaffii inni taasisaa jiru hanga yoonaatti milkaa’aa kan jiruu fi waadaa dhugumaan
onnee irraa galame ta’uu isaa mirkaneessaa jira.
Adeemsa hanga yoonaatti deemameen, paartileen morkattootaa hedduun isaanii yaadaa fi
tarsimoo mootummaan biyya kana dimokiraasessuuf hordofaa jiru dhugaa ta’uu isaa amananii
fudhatanii hojiitti kan seenan yoo jiraatan illee, Paartiin ABO shanee jedhamee beekamu
sababawwan gara garaatiin hanga yoonaatti ifaa fi ifatti mootummaa wajjin waan walii hin
galiniif nuun warra ala jiruyyuu baay’ee nu yaaddessee ture.

Sababnisaa Paartiin kun paartii siyaasaa waggoottan dheeraadhaaf Oromoo bakka bu’ee
qabsaa’aa turee fi fayyadamummaa fi abbaa biyyummaa Oromoon mirkaneessuu qaba jedhee
qabsaa’aa turee dhawoo, yeroo ammaa Oromoon biyya geggeessuu fi abbaa biyyummaa isaa
itti mirkaneessuu eegale kanattimmoo maaliif biyyatti hin deebine kan jedhu hunduma keenyaaf
gaabbii fi aarii nutti naquun isaa hin oolle.
Yeroo ammaa kanatti biyya kana kan geggeessaa jiru Oromoo ta’ee Osoo jiruu. Qaamni
ammallee Oromoofin qabsaa’a, qawwee malee falli hin jiru jedhu kan jiru yoo ta’e, uummata
Oromoo biratti akka duraa fudhatama qabaata jedhee hin yaadu. Kanaan dura tarii qaamoleen
biyya geggeessaa turan, karaa nagaadhaan akka qabsoofnuuf carraa nuuf kennuu dhiisuu
malan ta’a. Amma garuu kan nu barbaachisu tarsimoodhaan masakamnee fayyadamummaa
uummata keenyaa akkamiin mirkaneessina kan jedhu malee, qawweedhaan qabsoofna kan
jedhu filannoo keenya waan ta’u natti hin fakkaatu.
Sanas ta’e kanas, carraa yeroo ammaa arganetti fayyadamuudhaan, paartileen maqaa
Oromootiin dhaabbatan hundinuu gar tokkotti dhufuu dhaan, akkamiin jijjiirama biyya Oromiyaa
keessatti fiduu dandeenya kan jedhu irratti mari’achuun dirqama paartilee kanaati.
Tattaaffii Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Federaalaa taasiseenis kaleessaa irraa eegalee,
ABO mootummaa Itiyoophiyaa wajjin karaa nagaa nan qabsaa’a jedhe jechuu gaafa dhageenyu
gammachuu guddaatu nutti dhaga’ame.
Sababnisaa warri kontirobaandistootaa qaawwaa ABO fi Mootummaa gidduutti uumame kana
akka injifannootti lakkaa’achaa, ergama badiisa gara garaa nu gidduutti uumuuf qophee irra
yeroo isaan jiranitti kaayyoon isaanii kun jalaa fashalaa’uu caalaa wanti nama gammachiisu hin
jiru.
Jaalannes jibbines, diinni Oromoo kan inni na’u gaafa Oromoon dirree waraanaatti ba’u osoo
hin taane, gaafa inni tokkummaa qabaatuu dha. Gaafa Oromoon tokkummaa qabaate, diinni
bakka lixaa dhabdi.
Tokkummaan amma ABO fi Mootummaa gidduutti uumame kun kana booda karaa kamiinuu
laafuu kan hin qabneef dheebuu bilisummaa Oromoo kan baroota dheeraas mirkaneessuutu
irra jiraata.
Dhaabbileen Oromooin qabsaa’a jedhanii biyya keessas ta’e biyyaan ala jiraatan hundinuu kana
booda gara tokkotti walitti dhufanii muuxannoo qaban waliif hiruudhaan carraa amma arganne
kana irra caalmaatti fayyadamnee biyyas akka fayyadnu gochuun dhimma filannoof hin
dhiyaannee dha.
Xumura irratti tokkummaan amma uumame kun kan nagaa, kan misoomaa fi jaalalaa nuu haa
ta’u jedheen barreeffama koo kana xumura.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy