Bilisummaan seer-dhabeessummaa miti
Yeroosan Toleeraa
Biyya kana keessatti sababawwan gara garaan mirgi dhala namaa eegamuu dhabuu
isaarraan kan ka’e, dhalli namaa bilisummaa uumamaan isaaf kenname mulqamee
bittaa garbummaa jalatti kufee jiraachaa ture.
Bittaan garbummaa kunis dhugaa dubbachuudhaaf taanaan hanga dheengadda Dr.Abiy
fi jaalleewwan isaa biyya kana akka geggeessaniif filatamanitti kan itti fufee turee dha.
Erga Dr.Abiy gara geggeessummaa MMI tti dhufanii waan hedduutu jijjiiramaa jira.
Lammileen biyya kanaallee ergasii ija banachuutti ka’an jechuun ni danda’ma.
Sababnisaa Kanaan dura dimokiraasii waan jedhamu jechaan beekama malee
hojiidhaan waanti beekamu hin jiru.
Kanaan dura maqaadhaaf dimokiraasii yeroo jedhamu, dhalli namaa sababa ilaalcha
isaatiif dhiibbaan tokkollee irra ga’uu hin qabu kan jedhu heera biyya kanaatti
barreeffamaan jiraachuu isaarra darbeeyyuu miidiyaadhaan halkaniif guyyaa akka
lallabamu ta’aa ture. Haa ta’u malee wanti qabatamaadhaan lafarratti beekamu, namni
ilaalcha siyaasa isaa calaqqisiifate miidhaan maalii akka irra ga’aa ture beekamaa dha.
Sabaa fi sab-lammooni biyya kanaa hundumtuu rakkoo kana hubatee hanga yeroon
ga’utti jedhee mirga isaaf falmachuufillee sodaatee yeroon inni itti jiraachaa ture ni jira.
yeroo gabaabaa asitti jijjiiramni biyya kana keessatti ta’aa jiran dhiibbaawwan Kanaan
dura nurra ga’aa turan yeroo ammaa kana guutummaan guutuutti nurraa kaafamuun
isaa abdii guddaa nuuf kennee jira.
Haa ta’uyyuu malee utuu dubbannuummoo wanti sirrachuu qabus ni jiraata. kan
eenyuyyuu qabsaa’aa tureef jijjiiramni akka dhufuuf malee, seerota Kanaan dura turan
cabsuuf akka hin taanes jala sararamee beekuun gaarii dha.
Dhala namaaa bineensota kanneen biroo irraa kan adda isa taasisu dandeettii yaaduu
qabaachuu isaatii fi akkasumas mirgaa fi dirqama isaa beekuu isaa ti.
Waa’ee mirgaa yeroo dubbannu , egaa akkuma armaan olitti kaasuuf yaalle Kanaan
dura mirga keenyaaf wayita qabsaa’aa turretti dhiibbaa guddaan nurrra ga’aa waan
tureef hagas mara dirqama keenyas ba’achaa turre jechuuf nu hin dandeessisu.
Amma garuu qabsoo lubbuu dargaggootaa galaafateen, qaamni lammilee itti hir’ate
Kanaan gaaffiin nuti silaa waggoottan dheeraadhaaf gaafachaa turre deebii argachaa
yeroo itti jiruu dha jechuu ni dandeenya.
Yeroo ammaa kanatti jaalannus jibbinus kan biyya kana geggeessaa jiru Oromoo dha.
Ijoolleen Oromoo ammoo waa’ee geggeessummaatiin hagas mara hin komataman.
Sababnisaa ilmi Oromoo tokko haa xiqqaatu illee malee geggeessummaan wal-qabatee
sirna gadaa irraa wanti inni akka dhaalaatti aragte ni jira.
Oromoon hammataa dha, jaalalaan biyya geggeessa malee aangoof jecha ykn faayidaaf
jecha mirga dhala namaa hin dhiibu, dabas namarratti hin dalagu.
Waan Oromoon qabsaa’aa ture keessaa inni ijoon mirgasaatiif qabsaa’aa ture malee,
mirga namoota biroo sarbuuf akka hin taanes beekuun barbaachisaa dha.
Erga Oromoon biyya kana geggeessuutti ka’ees haalli sirna bulchiinsa biyya kanaa
fooyya’aa akka jirus ija keenyaan ilaalaa jirra. Kunis kan nuuf mirkaneessu kan nuti
armaan olitti dubbachaa turre sun dhugaa ta’uu isaa qabaatamaatti nuuf mirkaneessa
jechuu dha.
Yeroo ammaa kanatti Oromoo fi Oromiyaa kan dhiphisaa jiru, qabsoo bilisummaa
argachuuf godhamu osoo hin taane, akkamiin injifannoo akka Naannoottis ta’e akka
biyyaatti arganne kana of harka tursinee ofiis ta’e biyya kanas fayyadamaa taasifna kan
jedhuu dha. Sababnisaa biyya keenya keessa keessumaa naannoo Oromiyaa tti seer-
dhabeessummaan akka malee babal’achaa waan jiruuf.
Silaa akka Naannoottis ta’e akka Oromootti nageenyi naannolee biraa akka
tasgabbaa’uuf hojjechuun kan nurra ture yommuu ta’u, irra caalmaatti nageenyi
Naannoo keenya Oromiyaa boora’aa jiraachuun isaa baay’ee nama saalfachiisa. Kun
kan agarsiisu bilisummaa dadhabuu keenya dha.
Biyya kana tasgabbeessanii gara misoomaatti deebisuudhaaf nageenyi Oromiyaa dursa
mirkaanaa’uun dirqama waan ta’eef namuu waan kana beekee irratti hojjechuutu irra
jiraata.
Kanaan dura akka Oromootti kan qabsaa’amaa tureef sababa qabeenya uumamaa hin
qabneef ykn ammoo faayidaa biraa bakka biraadhaa akka nuuf dhufuuf osoo hin taane,
biyya kana keessatti qabeenya ofii irratti, akkasumas tajaajila karaa mootummaatiin
lammilee biyya kanaaf godhamu loogii tokko malee wal-qixa kanneen biro wajjin
argachuuf akkasumas mirga abbaa biyyummaa gonfannee biyya kanaa waliin akka
geggeessinuuf ta’uun isaa beekamaa dha. Kanammoo argannee jirra.
Akka Oromootti yoo akkam ta’e injifannoo amma arganne caalaa argannee waan hin
beekneef dura isa arganne kana mirkaneeffannee gara isa biraatti ce’uutu nurra jiraata.
wanta nuti hubachuu qabnu keessaa inni guddaan akkuma amma argaa jirru kana
injifannoo uummatni Oromoo gonfate kana gareen akka inni fashalaa’u barbaadu
baay’een jiraachuu isaa ti.
Injifannoon amma arganne fashaloofnaan ammoo qaanii bara baraa ti. Sababnisaa
murni yartuun iyyuu waggoottan dheeraadhaaf rakkoo tokko malee biyya kana
geggeessitee, uummatni Oromoo muuxannoo gegeessummaa aadaadhaan qabu yeroo
gabaabduu kana keessatti harkaa fashaloofnaan seenaa bara baraan dhala Oromoo
qaanessaa hafu hojjennee darbina jechuu dha.
Kanaaf seer-dhabeessummaan yeroo ammaa kana naannoowwan Oromiyaa iddoo
tokko tokkotti mul’ataa jiru, quufa bilisummaa yeroo ammaa kana dhiiga ilmaan
Oromootiin dhufe irraan ka’een dhufe waan ta’eef seer-dhabeeessummaa irraa of-
qusannee, seera biyya kanaa lammileen hundinuu itti walii galanii jiraachaa turan
kabajnee jiraachuutu nurraa eegama.
Kanarraa kan hafe, Uummatni Oromoo kamiyyuu nama maqaa gara garaa ofitti
kennuudhaan hojii seeraan alaa hojjetu qabee seeratti kennuutu irra jiraata.
Ammaaf akka Oromootti qabsoo biraa keessaa baanee, gara qabsoo dinagdeetti ce’uutu
nurra jiraata. xiyyeeffannoon keenyas sana ta’uu qaba.
Walumaa galatti carraan amma arganne kun nu harkaa baanaan salphaatti deebifachuu
waan hin dandeenyeef abshaala ta’uutu nurraa eegama.
Seera cabsuu dhiisanii, kanneen seera cabsan irratti qabsaa’uun yeroo itti nurraa
eegamuu dha. Yeroon itti keessoo waliitti deebi’anii wal-diiganis yeroo ammaa miti. Yoo
barbaachisillee erga aangoon kun harka keenya turuu dandeessee ta’uutu irra jiraata.
Kanaaf dhalataan Oromoos ta’e kan biroon waa’ee biyya Itiyoophiyaa jedhamtu kanaaf
qabsaa’utu irra jiraata. Miidhaan Itiyoophiyaa irra ga’u anarras ni ga’a jedhee yaaduutu
irra jiraata. Hamileen Kanaan dura cabaa ture sun amma fayyaa waan jiruuf carraa
kanatti fayyadamee seera kabajuun biyya geggeessuun akkamitti akka ta’e kanneen biro
barsiisuun dirqama dhala Oromooti.