Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Falaasama qulqullaa’aa!

0 2,296

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Falaasama qulqullaa’aa!

Hiikaa Margaa
Siyaasni falaasama mataa isaa danda’e kan baay’ee wal-xaxaa ta’e qabaachuu isaa ifaa dha.
Waa’ee Siyaasaa eenyullee gadi fageenyaan maal akka ta’e beekuuf kaayyoon siyaasa biyya
tokkoo ykn kaayyoo Paartii biyya geggeessu tokkoo beekuun baay’ee rakkisaa dha.
Dhugaa dubbaachuuf taanaan siyaasni ni xiinxalama malee, dhugaan isaa maal akka ta’e
tilmaama irraa kan hafe beekuunis salphaatti hin danda’amu. Siyaasa jechuun tarii isayyuu yoo
danda’ameef kaayyoo siyaasa geggeessaa jiru Sanaa kan beekuu danda’u qaama waan sana
abbummaan geggeessu ta’a jennee shakkuu malla. Sanuummoo gaaf gaaf namnumti siyaasa
sana abbummaan geggeessuyyuu maal akka hojjechaa jiru yeroo inni itti wallaalu jiraachuu
mala.
Falaasamni siyaasa keessa jiru guyyaa guyyaan akkaataa yerootiin waan jijjiiramuuf jedheen
shakka. Biyyuma keenya kana keessattiyyuu yeroo baay’ee gara siyaasni biyya kanaa itti
deemu ni shakkina malee qabatamaatti wanti nuti beeknu hin turre. Falaasamni nuti siyaasa
keenya keessatti itti fayyadamnu qulqullaa’aa fi seera uumamaaa irraa faallaa waan ta’eef
garumti itti qabnee dubbannuyyuu nu rakkisaa ture.

Sababnisaa, Falaasamni siyaasaa biyyi keenya Itiyoophiyaa yeroo baay’eef hordofaa turte wal-
xaxaa ta’uu isaarra darbeeyyuu fedhii lammilee biyya kanaa giddu galeessa kan godhatee

hojjetu osoo hin ta’in fedhii saamtota jireenya mataa ofii isaanii qofa jijjiiruuf tattaafanii qofa
guutuuf kan ijaaramee hojii irra oolaa ture waan ta’eef rakkoowwan garaa garaaf nu saaxilaa
ture jechuu afaan guutee dubbachuu nan danda’a.
Egaa kanneen an hanga yoonaatti armaan olitti ibsuuf yaale, akka itti seensaaf jecha yoo ta’u,
dhimmi ijoon an irratti xiyyeeffachuu barbaadu, Falaasama Siyaasaa erga gareen kabajamoo
Dr.Lammaa Magarsaafaa biyya kana geggeessuu jalqabanii hordofaa jirru gabaabinaan
barreessuu barbaadeen dha.
Maaliif Garee Dr.Lammaa (Team Lammaa) jette yoo naan jettan ammoo, gidduu kana akkuma
haasaa kabajamoo MM keenya Dr. Abiy irraa hubachuu dandeenyetti, “team Lammaa” inni
jedhamu kun geggeessitoota yeroo ammaa kana biyya keenya keessatti hojii guddaa hojjechaa
jiraniif fakkeenya gaarii kan ta’uu danda’uuf mootora jijjiirama yeroo ammaa kana biyya keenya
keessatti argamaa jiruu waan ta’eef jedheen dha malee qabsoo jaalleewwan keenya kanneen
biro irraanfachuuf miti.
Egaa gara dubbii ijoo kootiitti yeroon deebi’u, falaasamni siyaasa geggeessitoota “team
Lammaa” kanaa hunduma keenyaafuu ifa natti fakkaata.
Innis akkuman an armaan olitti ibsuuf yaale, falaasama siyaasaa hin beekamnee fi faayidaa
siyaasaa qofa argachuuf jecha biyya burjaajessuu osoo hin taane, Falaasama qulqulluu,
waa’ee tokkummaa, jaalalaa, nageenyaa fi fayyadamummaa uummataa irratti xiyyeffatee
dha.
Falaasamni siyaasaa yeroo dhiyoo as biyya keenya keessatti adeemsifamaajiru , samii
Itiyoophiyaa jalatti tokkummaa fi jaalala mirkaneessuu irra darbee, haala nama ajaa’ibuun samii
diyaaspooraa jalallee faaruun jaalalaa fi tokkummaa akka faarfamu gochaa jira
Falaasamni armaan olii kunneen kan yeroo ammaa biyya kana keessatti raawwachaa jiran, bifa
kamiinuu adeemsa siyaasaa dhala namaa biratti fudhatama qaban waan ta’eef jechan
falaasama qulqulluu jedhee moggaase.
Waa’ee nageenyaa, tokkummaa, waa’ee ida’amuu yeroo dubbannu faayidaa siyaasaa qofaaf
oolfachuuf ykn turtii geggeessummaa ofii dheereffachuuf waan goonu osoo hin taane, gocha
dhalli namaa biyya lafaa kanarratti godhu keessaa kanneen akka bu’uuratti ilaalamanii dha.
Lallabni jaalalaa ji’oottan sadeen darban keessa biyya kana keessatti lallabamaa ture, lallaba
Siyaasa wal-xaxaa ta’ee kan waggoottan dheeraaf biyya kana keessatti lallabamaa turee wajjin

yeroo madaallu garaagarummaa isaa ji’oottan muraasa kana keessatti argineerra. Jaalalli
mo’aa akka ta’es asumaan nu barsiise. Biyya keenya keessattis tokkummaa fi jaalala buuse.
Kanumaan wal-qabsiisee wanti an kaasuu barbaadu keessaa tokko, dhimma daawwannaa jiila
MMI Dr.Abiy n durfamu biyya Amerikaa, Naannoowwan (States) gara garaatti taasisanii fi
bu’uuwwan argamaa jiran irratti gabaabinaan waan natti dhaga’ame jechuun barbaada.
Akkuma beekamu biyya USA kana lammileen Itiyoophiyaa miliyoonaan lakkaa’aman sababa
gara garaatiin kan deemanii fi jiraatanii dha. Garuu lammileen achi USA jiraatan kunneen
maqaadhaan lammii Itiyoophiyaa jedhamu malee Kanaan dura Mootummaa Itiyoophiyaa wajjin
siyaasaan walii galanii wajjin dhaabbachuun hin turre. Sanumaayyuu yeroo mara mootummaa
mormu malee isaanii deggeruu arginee hin beeknu.
Garuummoo inni baranaa waan raajii ti haala jechuun danda’amuun, diyaaspooraan biyya
Amerikaa Isteetiiwwan gara garaa bakkeewwan marii biyya sana keessatti filatamanitti yaa’uun
jiila geggeessitoota MMI Dr.Abiy n durfamu galateeffachaa, rakkoowwan furamuu qaban
hundaas dhoksaa tokko malee irratti mari’achaa kan jiranii dha.
Isteetiiwwan kanneen akka Washington DC, Los Angeles fi Miniissotaan bakkeewwan jiilli
geggeessitoota biyya keenyaa daawwatan yommuu ta’u, seeenaan takkaa dalagamee hin
beekne hedduun kan irratti ta’e jechuu ni dandeenya. Bakkeewwan biyya ormaa kana keessatti
lammilee biyya kanaa Kanaan dura sababa ilaalcha siyaasa isaaniitiin hagas mara walitti
dhufeenya hin qabnee fi haala bittinnaa’een qabsoo isaanii geggeessaa turantu walitti ida’amee
haala amma biyya keenya keessa jiru kana galateeffachuuf wal-waamee dhufe. Tokkummaatu
cime.
Kanarraan kan ka’e Isteetiiwwan sadan an armaan olitti caqase keessatti, wanti Kanaan dura
ta’ee hin beekne akka ta’u ta’e innis Magaalaa Guddoo America kan taate Washington DC
keessatti Adoolessi 28 Guyyaa Itiyoophiyaa akka ta’u kantiibaan Washington fi akkasumas kan
Los Angeles labsuun isaanii waan ajaa’ibaati jechuu ni dandeenya.
Inni kan birran ammoo aktivistootni bebbeekamoon Kanaan dura akka diinaatti ilaalaman
kanneen akka Jawwaar Mohaammad fi Taammaany Bayyanaa ifaa fi ifatti Mootummaa kana
cina dhaabbannee jijjiirama amma dhufaa jiru kana itti fufsiifna jechuun isaanii waan raajiitii fi
hammam kaayyoon amma qabatamee jiru kun kaayyoo dhugaa fi qulqulluu akka ta’e nu
barsiisee jira.
Kanarraa kan hubachuu dandeenyu, Uummatni biyyasaa keessattii fi dhimma isaa irratti
tokkommaa qabu biyya biraa keessattillee kabajaa guddaa qabaachuu akka danda’uu fi
dhageettiin isaallee akka dabalu ija keenyaan argineerra.
Egaa kun hunduu ta’uu kan danda’eef callisee ykn lallaba faayidaa siyaasa biyya lafaa kanaaf
oolu qofaa lallabuu irraan kan ka’e osoo hin taane, ilaalcha siyaasaa jijjiirama qabatamaa fiduu
danda’u qabatanii socho’uu irraan kan ka’e waan dhufee dha.
Walumaa galatti bakka jaalallii fi tokkummaan jiru waan hundumtuu akka jiru salpahaatti
barachaa waan jirru natti fakkaata. Falaasamni qulqulluun Mootummaan yeroo ammaa qabatee
jiru “keenyan jibbiinsaa diiguun riqicha jaalalaa haa ijaarru” inni jedhu kun waan fageenya
dheeraa waliin nu adeemsisu fakkaata.
Xumura irratti haalli nuti amma itti adeemaa jirru Kanaan Kanaan duraa wajjjin yeroo madaallu
garaa garummaa guddaa waan qabuuf, nutis bakkuma jirrutti tokkummaa fi jaalala labsuu kan
dandeenyu yoo ta’e, fedhiin keenya hundinuu salphaatti nuuf guutamuu akka danda’u shakkii
tokko hin qabu.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy